ar
Feedback

لا تقع ضحية للمخادعين! تيليمتريو يكتشف ويُميّز هذه القنوات 👉 إذا كنت تريد رؤية العلامة، اشترك

Siinqii Aakhiraa.

Siinqii Aakhiraa.

الذهاب إلى القناة على Telegram

"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدالفئة غير محددة
777
المشتركون
+524 ساعات
+557 أيام
+13230 أيام
أرشيف المشاركات
📚 Kitaaba Siiraa 2ffaa

📮 Barnoota Siiraa 📚 Kutaa Lammaffaa 🎙 Dr. Mahmuud Huseen 🔗 https://youtu.be/loGX6uSiiaQ?si=AH1Pj3dQ77CTvC5p

❤️ Barattoota keenya kabajamoo! Barattootaa Gaaffilee shaakala Barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) Kutaa 1ffaa irratti hirmaannaa taasiftan hundaaf galata guddaa qabna! 🌷👏 Hirmaannaan, carraaqqiin fi fedhiin barachuu keessan kun jabaatee itti haa fufu. 💪📖 Jabaadhaa, baradhaa, shaakalaa; beekumsa keessan daran cimsaa! 🌱✨ Barattoonni deebii dogoggoraa kennitan deebii sirrii argachuuf liinkii asii gadii kana  tuquun sirreeffadhaa. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/+sLGR_3DL70xjZTU0

Akka dhaloota sanyii (nasaba) Nabiyyiitti (SAW), Maqaan akaakayyuu isaanii isa 4ffaa eenyu?
Anonymous voting

Nabiyyiin ﷺ Haliimaa As-Sa'adiyyaa biraa waggaa meeqa turan?
Anonymous voting

📚Cuunfaa gabaabaa fi qindaawaa barnoota Siiraa (Seenaa Jireenya Nabiyyii Muhammad ﷺ) Kutaa 1ffaa 1. Barbaachisummaa fi Sadarkaa Siiraa: • Madaallii Dalagaa: Hojiin nama tokkoo fudhatama kan argatu yoo karaa fi amala Nabiyyiitti ﷺ qajeele qofa; kan faallaa ta'e ni deebifama. • Fakkeenya Gaarii (Uswah Hasanah): Nabiyyiin ﷺ fakkeenya ol-aanaa dhalli namaa jireenya isaa keessatti hordofuu qabuudha. • Jaalala Isaanii Dabaluuf: Seenaa isaanii barachuun jaalala Nabiyyiif ﷺ qabnu guddisa; jaalalli kunis ulaagaa guutuu ta'uu iimaanaati. • Manhaja (Daandii) Jireenyaa: Jireenya gaarii duniyaa fi aakhiraa argachuuf daandii qajeelaadha. • Seenaa Sahaabotaa Hubachuu: Akkaataa sahaabonni itti qabsaa'an, diin kanaaf lubbuu fi qabeenya isaanii wareegan barachuun akka fakkeenya godhannu nu gargaara. • Diinii Guutuu Hubachuu: Aqiidaa, ibaadaa fi fiqhiin jireenya Nabiyyii ﷺ keessatti qabatamaan waan hojiirra oolaniif diinicha guutummaatti akka hubannu godha. 2. Akeekkachiisa Maddoota Seenaa • Kitaabileen akka Kitaab al-Aghaani (kan Abu al-Faraj al-Isfahani) fi Al-Iqd al-Farid (kan Ibn Abd Rabbih) kitaabban adabaa fi walaloo waan ta'aniif, seenaa kijibaa, kan itti dabalaman ykn fokkifaman qabu. • Kanneen kana madda seenaa Nabiyyii ﷺ fi Sahaabotaa godhachuun hin hayyamamu 3. Sanyii, Dhaloota fi Maatii Isaanii ﷺ • Nasaba (Sanyii): Muhammad ilma Abdallaah ilma Abdulmuxxalib ilma Haashim... hanga Adnaan dhaloota Nabiyyullaah Ismaa'iil (AS) tti qulqulluu fi filatamaadha. • Maatii: ◦ Abbaa: Abdallaah ilma Abdulmuxxalib (osoo Nabiyyiin ﷺ garaa haadhaa jiran du'e). ◦ Haadha: Aaminaa bint Wahb (dursaa gosa Banii Zuhraa irraa). ◦ Akaakayyuu: Abdulmuxxalib (hoogganaa Qureeyshaa fi nama eela Zamzam qote). • Dhaloota: Guyyaa Wiixataa, baatii Rabii'al Awwal keessa, Bara Arbaa (Aam Al-Fiil) keessa dhalatan. • Mowliida: Dhaloota isaanii kabajuun sunnaa sahaabotaa fi dhaloota gaarii darban keessa kan hin jirre, boodarra Fatimid Caliphate (Faaximiyyootaan) kan uumamedha. 4. Hoosistoota Isaanii ﷺ 1. Suweeybaa: Gabrittii Abuu Lahab kan bilisoomte; Nabiyyii ﷺ dura Hamza ibn Abd al-Muxxalib hoosiste. 2. Halimah al-Sa'diyyah: Dubartii gosa Banii Sa'ad; Nabiyyiin ﷺ ishee bira waggaa afurii ol turan. Hamzaanis ishee biratti waan hooseef, Hamzaan karaa lamaan obboleessa hoosisaa Nabiyyiiti ﷺ. 5. Taatee Qoma Baqaqsuu (Shaqq al-Sadr) • Jireenya isaanii keessatti yeroo lama raawwatame: A. Osoo daa'ima ta'anii baadiyaa Banii Sa'ad keessa jiran (waggaa 4ffaa irratti). B. Halkan Israa'aa fi Mi'raajaa. • Jibril (AS) dhufee qoma isaanii baqaqsee, onnee keessaa qooda sheeyxaanaa (dhiiga ititaa) baasee, bishaan Zamzamaatiin erga dhiqee booda bakkatti deebise. 6. Guddina fi Du'a Kunuunsitoota Isaanii: • Yatiimummaa: Abbaan isaanii osoo hin dhalatin du'e. • Haadha: Haati isaanii yeroo isaaniin gara Madiinaatti eessumman isaanii (Banii Najjaar) bira geessitee deebitu, bakka Al-Abwa jedhamutti duute (umrii isaanii waggaa 4 ykn 6tti). • Akaakayyuu: Abdulmuxxalib akkaan isaan jaallatee kunuunsaa ture; garuu umrii isaanii waggaa 8tti du'e. • Adeera (Abu xalib): Du'a Abdulmuxxalib booda, adeera isaanii Abuu Xaalib biratti guddatan; innis akkaan isaan eegaa fi garaa laafaa ture. 7. Moloksee Buheeyraa wajjin Wal Arguu • Yeroo Nabiyyiin ﷺ umrii waggaa 12 ta'an, Abuu Xaalib waliin daldalaaf gara Shaam (bakka Busraa jedhamu) deeman. • Moloksee Bahira jedhamu mallattoolee Nabiyyummaa irratti arguun harka isaanii qabee: "Inni kun caalaa addunyaati, ergamaa Rabbii Aalamaati, Rabbiin Rahmata addunyaatiif erguuf jira," jechuudhaan beeksise.
Kutaan 2ffaan fedha Rabbiitin itti fufa......Chaanaala keenya hordofaa: https://t.me/SiinqiiAakhiraa 🌿 Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.

Liinkii kana tuquun gaafilee shaakala Barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) kutaa 1ffaa Shaakalaa👇👇👇👇👇👇 https://quizzory.in/id/6ad2f8b026422974a329395e

❤️ ODUU GAMMACHIISAA BARATTOOTA KEENYA! 🎉 Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh. Alhamdulillaah! 🌿 Barattoota Dippiloomaa Shari'aa Marsaa Jalqabaa, akkuma isin beeksisaa turre, barnoonni Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) semisteera tokkoffaa eegalamee jira. Gaaffileen Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) semisteera tokkoffaa irratti hundaa’an isiniif qophaa’aniiru. Kanaafuu, barnoota hordofaa, gaaffilee shaakalaa irratti hirmaadhaa! 📚 Kaayyoon gaaffilee kanaa: • Barnoota keessan irra deebitanii akka yaadattan gargaaruu. • Waan barattan sirriitti hubachuu keessan akka mirkaneeffattan taasisuu. • Beekumsa keessan of-qoruudhaan cimsachuu. • Barnoota keessatti wal jajjabeessuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu. 🎯 Kaayyoon keenya barnoota keessan deeggaruu, beekumsa keessan cimsuu fi karaa barnootaa keessatti akka wal jajjabeessinuuf carraa uumuu dha. 📌 Qophaa’aa! Barnoota keessan irra deebi’aa, gaaffilee shaakalaa irratti hirmaadhaa, beekumsa keessan cimsadhaa; imala barnootaa keessan keessatti tarkaanfii gaarii fudhadhaa! 🤲 Rabbiin hojii kana nuuf haa milkeessu, barnoota keenya keessatti barakaa nuuf haa godhu, beekumsa keenyaas waan ittiin fayyadamnu nu haa taasisu. Aamiin yaa Rabbal-aalamiin! ✍️ Siinqii Aakhiraa 🔗 📲 Chaanaala keenya hordofaa: https://t.me/SiinqiiAakhiraa 🌿 Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.

[@download_it_bot mp3] Barnoota Siiraa Kutaa 1ffaa.mp310.41 MB

📚 Kitaaba Siiraa 1ffaa

📮 Barnoota Siiraa 📚 Kutaa Tokkoffaa 🎙 Dr. Mahmuud Huseen 🔗 https://youtu.be/O6ayav-BqGw?si=nbUY5cdYjSrpkV2m

🌟 ODUU GAMMACHIISAA!! 🎓 Barattoota keenya kabajamoo fi jaallatamoo, 📖 Fedhii Rabbiitin boru Guyyaa Sanbataa, 17/10/2026 yk
🌟 ODUU GAMMACHIISAA!! 🎓 Barattoota keenya kabajamoo fi jaallatamoo, 📖 Fedhii Rabbiitin boru Guyyaa Sanbataa, 17/10/2026 ykn 07/02/2019 irraa eegalee barnoonni Siiraa kan jalqabu ta'a. 📚 Koorsiin kun Kutaa 16 of keessaa yoo qabaatu, Barnoonni Torban sadiif (3f) Yeroo hunda guyyaa Dilbataa irraa hanga Jimaataatti kan kennamu ta'a. 🔖 Koorsii kana keessatti qormaatni torbee (halkan guyyaa jimaataa banamee guyyaa Dilbataa cufamu) lama (2) ni kennama. Qormaatni xumuraa Torban 4ffaa keessatti kennama. 📌 Barattoonni hundi yeroo isaa eeggatanii barnoota akka hordoftanii fi qormaata kennamu yeroo kennamutti xiyyeeffannoo akka hordoftanii qoramtan isin yaadachiifna!! 💡Rabbiin barnoota keessan isiniif haa laaffisu, beekumsa keessan haa dabalu, milkaa’ina fi bu’aa gaarii isiniif haa kennu. Milkaa’ina isiniif hawwina! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa

Sunnaalee fi Hojiiwwan Guyyaa Jimaataa Hojjachuun Jaallatamu 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dib
Sunnaalee fi Hojiiwwan Guyyaa Jimaataa Hojjachuun Jaallatamu 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu. 🕌 Yeroodhaan gara masjiidaatti deemuu. 🚶 Yoo danda'ame miilaan deemuu. 📖 Suura Al-Kahfi dubbisuu. 🤲 Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata baay'isuu. 📿 Kadhannaa fi zikrii baay'isuu. 👂 Khuxbaa callisanii xiyyeeffannoon hanga xumuraatti dhaggeeffachuu. 🕌 Tahiyyatul Masjid Salaatuu (khuxbaan dura yoo seename). ⏰ Yeroo du'aa'iin itti qeebalamu barbaaduu fi san keessatti Rabbi kadhachuu. 📖 Qur'aana baay'inaan qara'uu. 💰 Sadaqaa kennuu. #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

❤️ KABAJAMTOOTA BARATTOOTA KEENYA JAALATAMOO! ❤️ 🎉 ODUU GAMMACHIISAA ISINIIF QABNA! 🎉 🎓 Barattoota Dippiloomaa Shari'aa Marsaa Jalqabaa, Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Akkuma beekamu, Siinqiin Aakhiraa barattoota Akkaadaamii Afrikaa Afaan Oromoo deeggaruu, barnoota isaanii keessatti isaan jajjabeessuu fi barnoota guyyaa guyyaan baratan irratti hundaa’uun gaaffilee shaakalaa qopheessuuf carraaqqii gochaa ture. Alhamdulillaah! 🌿 Ammas, fedhii fi gargaarsa Rabbii keenyaatiin, barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) semisteera tokkoffaa irratti hundaa’uun gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessuuf guyyaa boruu, Sanbata, 17/10/2026 A.L.A. (07/02/2019 A.L.I.) irraa eegaluuf qophii barbaachisaa hunda xumurree jirra. 📚 Kaayyoon gaaffilee kanaa: • Barnoota keessan irra deebitanii akka yaadattan gargaaruu. • Waan barattan sirriitti hubachuu keessan akka mirkaneeffattan taasisuu. • Beekumsa keessan of-qoruudhaan cimsachuu. • Barnoota keessatti wal jajjabeessuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu. ❤️ Barattoota duraan nu waliin turtan, akkasumas barattoota haaraa gara keenya dhuftanii imala barnootaa kana nu waliin jalqabuuf hawwitan, baga nagaan dhuftan! 🎯 Kaayyoon keenya barnoota keessan deeggaruu, beekumsa keessan cimsuu fi karaa barnootaa keessatti akka wal jajjabeessinuuf carraa uumuu dha. 📌 Egaa, qophaa’aa! Barnoota keessan irra deebi’aa, gaaffilee shaakalaa irratti hirmaadhaa, beekumsa keessan cimsadhaa; imala barnootaa keessan keessatti tarkaanfii gaarii fudhadhaa! 🤲 Rabbiin hojii kana nuuf haa milkeessu, barnoota keenya keessatti barakaa nuuf haa godhu, beekumsa keenyaas waan ittiin fayyadamnu nu haa taasisu. Aamiin yaa Rabbal-aalamiin! ✍️Siinqii Aakhiraa 🔗 📲 Chaanaala keenya hordofaa: https://t.me/SiinqiiAakhiraa 🌿 Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.

📣 ODUU GAMMACHIISAA!! 🎓 Barattoota Dippiloomaa Shari'aa Marsaa Jalqabaa, 📚 Fedhii Rabbiitin barnoonni keeyna korsiin Siira
📣 ODUU GAMMACHIISAA!! 🎓 Barattoota Dippiloomaa Shari'aa Marsaa Jalqabaa, 📚 Fedhii Rabbiitin barnoonni keeyna korsiin Siiraa (Seenaa Nabiyyii) simisteera tokkoffaa Sanbata dhufu guyyaa 17/10/26 A.L.A ykn 07/02/2019 A.L.E irraa eegalee kan jalqabu ta'a. 📝 Ammaas Imala beekumsa keessanii nu waliin taasisuun jireenya Adduunyaa Aakhiraa keessan bareechifadhaa!! ☑️ Beekumsa Shari'aa barachuun of haa dagaagsinu!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa #Barnoota_Siiraa

🌿 DHAAMSA OF EEGGANNOO Oduun guyyaa guyyaa, taateewwan addunyaa, waan miidiyaa hawaasaa irratti dubbatamu, dubbii namootaa fi wacni addunyaa kun dhuma hin qabu. Yeroo dheeraaf isaan hordoftee yoo turte, oduu haaraa hedduu argachuu dandeessa. Garuu yeroon si jalaa darbe hin deebi’u; umriin kee dabarsitees hin deebi’u. ⏳ Yeroon kee qabeenya guddaa ati qabdu keessaa isa tokko. Waan si hin fayyadne hordofuun yeroo kee balleessuun, qabeenya gatii guddaa qabu bakka hin malletti gatuu dha.
Rasuulli ﷺ akkana jedhan: «لَا تَزُولُ قَدَمَا عَبْدٍ يَوْمَ الْقِيَامَةِ حَتَّى يُسْأَلَ عَنْ عُمُرِهِ فِيمَا أَفْنَاهُ» “Gabrichi tokko Guyyaa Qiyaamaa umrii isaa maal irratti akka dabarse hanga gaafatamutti bakka isaa hin socho’u.” 📚 Jāmi‘ At-Tirmizhii, 2417. Kanaafuu Barattoota keenya kabajamoo oduu namootaa fi wacni miidiyaa hawaasaa hojii gaarii irraa isin dagin!.
❖ Zikrii guyyaa guyyaa kee hin dagatin. ❖ Qur’aana dubbisuu kee hin dhiisin. ❖ Salaata Duhaa salaatuuf carraaqqadhu. ❖ Salaata Witrii kee hin dagatin. ❖ Salaata dirqamaa yeroo isaatti salaatuuf jabaadhu. ❖ Yeroo kee barumsa faayidaa qabuun, ibaadaa fi hojii gaariin guuti. 🌱 Waan addunyaa irratti ta’u hunda beekuun si hin barbaachisu. Garuu waan si fayyadu beekuu fi waan gaarii irratti hojjachuun barbaachisaadha. Yeroo kee hin gubin; umrii kee hin qisaasin. Oduu namootaa hordofuu caalaa, waan Aakhiraa kee siif tolchu irratti xiyyeeffadhu. Guyyaan har’aa yoo darbe, deebi’ee hin dhufu. 🤲 Rabbiin yeroo keenya nuuf haa barakeessu; umrii keenya hojii gaarii keessatti akka dabarsinu nu haa gargaaru.
✍️ Siinqii Aakhiraa "Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."

🔔 YAADACHIISA CIMAA!! 🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo, 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa cufamee jira. Amma irraa eegalee
🔔 YAADACHIISA CIMAA!! 🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo, 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa cufamee jira. Amma irraa eegalee gara qormaataa seenun bakka "Review" jedhu tuqun deebii sirrii ilaalu ni dandeessu!! 🤲 Rabbiin tattaaffi keessan isinirrraa haa qeebalu, beekumsaas itti isinii haa dabalu!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo, 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa cufamuuf sa'aatii 5 qofatu hafe. 📝 Kanaafu, Qormaanni c
🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo, 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa cufamuuf sa'aatii 5 qofatu hafe. 📝 Kanaafu, Qormaanni cufamuudhaan duratti liinki qormaataa fayyadamuun ammuma qoramaa!! 👌 Carraan kun akka isin hin dabarre!! 👉 Liinki qormaataa 🔗🔗🔗🔗 ============================== https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=91 ============================== 🌟 Niyyaa keessan bareechaa, kaka'umsa keessan haaromsaa!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa

Hanga ammaatti barattoonni 8,000 ol Qormaata Xumuraa Koorsii Aqiidaa fudhatanii jiru. Isinhoo qormaata fudhattanii jirtuu? ⏳
Hanga ammaatti barattoonni 8,000 ol Qormaata Xumuraa Koorsii Aqiidaa fudhatanii jiru. Isinhoo qormaata fudhattanii jirtuu? ⏳ Osoo qormaanni hin cufamin carraa keessanitti fayyadamaa, ammuma qoramaa! 🌟 Carraan jalqabaa yeroo hunda caalaa dha! 🔗 Qormaata fudhachuuf liinkii armaan gadii fayyadamaa: ============================== https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=147 ============================== ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🗣 Odeeffannoo fi yaadachiisa gara garaa argachuuf! 👇👇 📎 https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa 📎https://t.me/SiinqiiAakhiraa #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh