cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Barannuu malee hin bilisomnu jedhee Tadeen✍💪✍

■Channel kanarraa:- ✓Reference book ✓Text book ✓Teacher guide ✓Module course ✓Entrance Exam ✓Odeeffannoo waa'ee barnootaa ni argattu fi waa'ee haalaa ni argaattu! Shares & join support us♡

Ko'proq ko'rsatish
Finlandiya3 248Til belgilanmaganTaʼlim
Reklama postlari
216
Obunachilar
-324 soatlar
+17 kunlar
+330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Kanaaf sanadi Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan sana wal-hubannoo malee walii galtee yoo cabe seeran ittiin wal-gaafatan miti jechuudha. Hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa maal-ta'inna? Itoophiyaafi Somaalilaand walii galtee wal-hubannoo waliif mallatteessaniin Itoophiyaan ulaa galaanaa kan daldalaafi buufata humna galaanarraa argachuufi Somaalilaand Itoophiyaarraa beekamtii biyya walabaa ta'uu argachuun dhagahamuu hordofee Somaaliyaan baay'ee dheekkamte. Kaabineen mootummaa Somaaliyaa yaa'ii hatattamaa waamen "Itoophiyaan dhimma birmadummaa Somaaliyaa keessa seente" jechuun balaaleffate. Biyyattiin ambasaaddarashee Finfinneerraa gara biyyatti waamte. Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Amajjii 2 yaa'ii hattatamaa kaabineensaanii taa'e booda haasaa taasisaniin, ''waliigaltee seera idila addunyaan waldhiitu... waliigaltee raawwiinsaa seera idila addunyaa fi hojimaata baratameen waldhiitu, akkasumas hin deeggaramneedha'' jedhan. Itoophiyaan gamasheen ibsa baasten sanadi Somaalilaand wajjin mallatteessite biyyoota ollaa kamiyyuu miidhuf akka hin taane beeksifte. Tajaajilli Kominikeeshinii Itoophiyaa ibsa baasen kanaan duras Itoophiyaan Somaalilaand wajjin buufata doonii dhibbeentaa 19 misoomsuuf walii mallatteessanii akka turan kaasun kun yeroo jalqabaaf akka hin taane ibsa. Haa ta'u garuu Itoophiyaan alatti hanga ammaa Somaalilaandif beekamtii idil-addunyaa kenne hin jiru. Kuni ammoo Somaaliyaa kan Somaalilaand akka qaamasheetti ilaaltu baay'ee dheekkamsiise. Somaaliyaan ambsaaddarashee Finfinneedhaa waamun hariiroo dippilomaasif ergaa cimaa qaba. Itoophiyaanis bulchiinsa Somaaliyaan akka qaamasheetti ilaaltufi beekamtii idil-addunyaa hin qabneef beekamtii kennuunshee tarsiimoo hariiroo alaa qabdurratti jijjiirama waan goote kan fakkaatudha. Hariiron biyyoota lamaanii garamitti deemuu danda'a? Somaaliyaan tarkaanfii seeraa akkamii fudhachuu dandeessi? Itoophiyaa wajjin lola keessuu seenuu danda'uu? Akka Kaadhimamaa PhD kan ta'an Nagaaraa Guddataa jedhanitti waliigalteen wal-hubannoo Itoophiyaafi Somaalilaand kan dhugoomu yoo ta'e, yeroon booda mootummaan Somaaliyaafi al-Shabaab iyyuu tokko ta'anii Itoophiyaa loluu malu sodaa jedhu qabu. Akka isaan jedhanitti Itoophiyaan walitti dhufeenya Somaaliyaa waliin qabdurratti of-eeggannoo yoo hin goone rakkoon hariiroo dippilomaasii cimaan akka uumamu akeeku. Ministiirri Informeeshinii Somaaliyaa Daawud Awees Jaamaa BBC NewsHour waliin turtii taasisaniin sanadi wal-hubannoo Itoophiyaafi Somaaliyaan mallatteessan birmadummaa biyyattii kan sarbuufi faallaa seera idil-addunyaa ta'uu eerun Somaaliyaan bifa kamiinuu birmadummaashee akka kabachiiftu ibsan. "Bulchiinsi naannoo tokko waliigaltee idil-addunyaa silaa mootummaan Somaaliyaa mallatteessuu qabu mallatteessun birmadummaa Somaaliyaa sarbuudha. Kanaafidha daangaa Somaaliyaarraa taakkun tokko biyya ykn qaama kamiifuu hin kennamu kan jennuuf," jedhan qondaalli mootummaa Somaaliyaa kun. Itoophiyaan akkuma jette qabatamaan Somaalilaand akka biyya walabaatti kan fudhattu yoo ta'e, Somaaliyaan maal gochuu dandeessi? gaaffi jedhuuf: "Itoophiyaan sochii seeran alaa taasisaa jirtu kana itti fuftee birmadummaa Somaaliyaa akka hin sarbineef waltajjii idil-addunyaatti tarkaanfii seeraa hunda fudhachuuf qophiidha," jechuun deebii kan kennan Daawud Awees Itoophiyaa wajjin garuu waraanatti akka hin seenne himan. Somaalilaand gamasheen Somaaliyaan rakkoo manashee osoo hin furatin dhimma koo keessa ishee hin galchu jetti. Ministiira Dhimma Alaa Somaalilaand kan ta'an Isaa Kaayid BBC wajjin turtii taasisaniin Itoophiyaan Somaalilaandif beekamtii biyyummaa akka laattu ibsuun biyyoonni biroos duuka akka bu'an eeran. "UK dabalatee biyyoonni nuti itti dubbannu hunduu beekamtii isinii kennuuf kan jalqabaa ta'uu hin barbaannu, lammaffaa ykn sadaffaa ta'uu feena nuun jedhu. Itoophiyaan biyya jalqabaati. Itoophiyaan nuuf biyya murteessituudha," jedhan.
Hammasini ko'rsatish...
Repost from ABDII SABAA
Photo unavailableShow in Telegram
Xinxalaan Siyaasaa Gameessi Oromoo dhimma siyaasaa keessatti sagaleen isaanii eega dhabamee kan bubbule, Obbo Jawaar Mohaammad Arts Tv waliin gaafiif deebii godhaniiru. Gaafiif deebii isaanii kana keessattis Obbo Jawaar sagaleen keessan dhabameera dhimma siyaasaa keessaa ni baatan moo jedhamanii gaafatamaniiru. Obbo Jawaar Mohaammad gaaffii kanaafis deebii ga'aa deebiseera. Dubbii Obbo Jawaar Gaafii fi deebii kana irratti godhan guutuu isaa argachuuf. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://abdiisabaa.org/index.php/2024/01/01/haasawa-obbo-jawaar-mohaammad/ https://abdiisabaa.org/index.php/2024/01/01/haasawa-obbo-jawaar-mohaammad/ SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/+YmiidH_1UV9kNGU0 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Hammasini ko'rsatish...
Namoonni heddu Kanaadaa lafa jireenyaaf mijattuu jedhanii maaliif filatu? Lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiilen biyyoota Afrikaa heddu biyyoota lixaa keessaa lafa jireenyaf mijattuu jedhanii filatan keessaa Kanaadan ishii tokko. Waggoota dhiyoo as ammoo biyya mijattuu jedhamuun namoonni heddu garas imalaa jiru. Lammiilee biyyoota Afrikaafi ardii biraatif hojii bal'aa kan bante Kanaadan hayyama jireenyaallee argachuuf salphaa akka ta'etu himama. Kanaadan poolisii baqattummaa banaa ta'e waan fayyadamtuuf lammiilen biyyoota garaa garaa daldalaaf dabalatee garisitti imalu. Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa kaan qofaaf osoo hin taane, ulaagadhuma biyyoota lixaa kaaninuu Kanaadan biyya jireenyaf filatamoo ta'an keessatti ramadamti. Qaama gaazexaa Ikonomistii kan ta'eefi qorannoo kan gaggeessuun sadarkaa kan kaa'u Inteligensi Yuunit akka ibsetti magaalota 10 addunyaarratti jireenyaf mijatoo ta'an keessaa sadi magaalota Kanaadati. Isaanis :-          ~ Vaankovar          ~ Kaalgariifi          ~Toroontodha. (Capital City) Dhaabbatichi akka ulaagatti kan fayyadame tasgabbii, sirna fayyaa, aadaafi naannoo, barnootafi bu'uraalee misoomaa hubannoo kessa galchuun. @t.me/orostudents2016
Hammasini ko'rsatish...

AKKAM JIRTUU   ODEEFFANNO  AMMA NUDHAQQABEE    GAAFII  KEESSAN   gosa  barnoota  qorumsa  seemiistara  1ffaa    kutaa  6;8fi  12ffaa  hammatuu  kanneen  armaan  gaditii  kanuma irratti  qophaa a porshiinii  seemiistaraaf   qodamee  xumuruun  dirqama   HORAA BULAA Hubannaaf... ============= Gosa barnoota madaalliin simisteera 1ffaa sadarkaa Naannootti qophaayu... 1)Kutaa 12ffaa:gosa barnootaa qormaata biyyooleessaa irratti dhufan (Eng,Maths,Geo,Hist,Eco,Pysics,chemi..,Bio...) 2)Kutaa 8ffaa: Ingiliffaa,Herrega,S/Waliigalaa,S/Hawaasaa,Afaan 1ffaa,Lammuummafi Gadaa 3)Kutaa 6ffaa: Ingiliffaa,Herrega,S/Naannoo,Afaan 1ffaa,Safuufi Gadaa @t.me/orostudents2016
Hammasini ko'rsatish...

Badhaasni Odaa marsaa 7ffaan gaggeeffameera! Sagantaan badhaasa "Odaa Award" marsaa 7ffaa ogeeyyii hojiiwwan aartii adda addaa walbira qabuun Mudde 11, 2016 Hoteela 'Skylight' keessatti gaggeeffameera. Sagantaan badhaasa kun Ministeera Aadaa fi Ispoortii waliin ta’uun kan gaggeeffame yoo ta’u, yeroo jalqabaatiif biyyoota Baha Afrikaas hirmaachisuun isaa ibsameera. Gama Sirboota muuziqaatiin: - Sirba qeenxee cimaa baranaa kan ta'e mata dureen "Jaamare" kan Kee'ool Nagaasaati - Weellisaa Haaraa Cimaa baranaa Artist Miftaa Nuuru, - Weellistuu cimtuu Dubaraan kan baranaa Artistii Faaks Aaniyaa, - Wellistoota Cimoo kan qindaa'innatiin Artistii Kadiir Ahmad fi Margituu Worqinee injifataniiru. - Sirba Ammayyawaa baranaa kan ta'e Natsannat Sulxaan -Artistii bara kanaa baay'ee dhaggeeffatame - Taaddala Gammachuu ta'uun moo'ataniiru. Akkasumas badhaasa umurii guutuu kan argate Artist Shantam Dansar, Artist Muhammad Ahmed, Artist Muhammad Sirgaagga badhaasa isaanii fudhataniiru. Gama Kitaabaatiin:- - Kitaaba Walaloo Cimaa  - Kan Ebbawaaq Gizaachaw, - Kitaaba asoosama bara kanaa Cimaan - Kan Hiika Lamma ta'eera. Badhaaftoota Afrikaa Bahaa irraa: - Zahaaraa - Somaaliland irraa - Abdulkaadir Kaamil Mohaammad-Jibuutii irraa -Garee Mashrum- Keeniyaa irraa - Keenii Sool - Ruwaandaa irraa - Keeneet Mugaabee - Ugaandaa irraa - Maaki Hajji - Somaaliyaa irraa Badhaasa isaanik fudhataniiru. Biyyoonni Baha Afrikaa qaama badhaasa kanaa ta’uuf filataman Eertiraa, Somaaliyaa, Keeniyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaaleelaandii fi Yugaandaa dha. Badhaasni Odaa kun gara biyyoota Baha Afrikaatti babal'achuun isaa hayyoota naannichaa walitti dhiheessuuf jedhameera. Abbootiin murtii badhaasa marsaa torbaffaa barsiisota muuxannoo olaanaa qaban kanneen qorannoo aartii irratti gaggeessaniin akka gaggeefame ibsameera. @t.me/orostudents2016
Hammasini ko'rsatish...
Important terms in Biology for EUEE ➖ DNA: Deoxyribonucleic acid, a molecule that carries genetic information. ➖ #RNA: Ribonucleic acid, a molecule that plays a key role in protein synthesis. ➖ Protein: A macromolecule made up of amino acids that carries out a variety of functions in the cell. ➖ Enzyme: A type of protein that catalyzes chemical reactions in the cell. ➖ Cell membrane: The thin, flexible layer that surrounds all cells and regulates the movement of molecules in and out of the cell. ➖ Mitosis: The process by which a single cell divides into two identical daughter cells. ➖ #Meiosis: The process by which cells divide to produce gametes (sperm and eggs), each with half the number of chromosomes as the parent cell. ➖ #Gene: A segment of DNA that codes for a specific protein or trait. ➖ #Allele: One of two or more alternative forms of a gene. ➖ #Mutation: A change in the DNA sequence that can result in altered gene function or the creation of new alleles. ➖ #Natural selection: The process by which individuals with advantageous traits are more likely to survive and reproduce, leading to the evolution of populations over time. ➖ #Adaptation: A trait or characteristic that increases an organism's fitness in its environment. ➖ #Photosynthesis: The process by which green plants convert sunlight into energy in the form of organic compounds. ➖ #Cellular respiration: The process by which cells convert organic compounds into energy in the form of ATP. ➖ #Ecosystem: A community of living and non-living things that interact with each other and their environment. ➖ #Homeostasis: The ability of organisms to maintain a stable internal environment in the face of changing external conditions. ➖ #Evolution: The process by which species change over time as a result of genetic variation and natural selection. ➖ #Ecology: The study of the interactions between living organisms and their environment. ➖ #Biotechnology: The use of living organisms or their products to develop new products or processes. ➖ #Epidemiology: The study of the distribution and determinants of health and disease in populations. ➖ #Chromosome: A structure made of DNA and protein that carries genetic information. ➖ #Cytoplasm: The gel-like substance inside a cell that contains organelles and other cell components. ➖ #Organelle: A specialized structure within a cell that performs a specific function. ➖ #Nucleus: The control center of a cell that contains the cell's DNA. ➖ #Ribosome: The site of protein synthesis in a cell. ➖ #Mitochondria: The organelles responsible for producing ATP through cellular respiration. ➖ #Chloroplast: The organelles in plant cells responsible for photosynthesis. ➖ #Cytoskeleton: The network of protein filaments that give a cell its shape and allow for movement. ➖ #Endoplasmic reticulum: A network of membranes in the cytoplasm that is involved in protein and lipid synthesis. ➖ #Golgi apparatus: An organelle that modifies, sorts, and packages proteins for secretion or transport. ➖ #Lysosome: An organelle that contains enzymes for breaking down and recycling cellular waste. ➖ #Vacuole: A membrane-bound organelle that stores materials such as water, nutrients, and waste products. ➖ #ATP: Adenosine triphosphate, the molecule that carries energy within cells. ➖ #Aerobic respiration: The process of producing ATP in the presence of oxygen. ➖ #Anaerobic respiration: The process of producing ATP in the absence of oxygen.
Hammasini ko'rsatish...
Sagantaa Gaaffiif Deebii Badhaasa Qabu Jalqabuuf Deemna. Qophiidhaa? 👍: Eeyyeen Qophiidha 👎: Lakki Qophii Miti
Hammasini ko'rsatish...
Repost from Redox Tube
Kanneen walaaloo feetaan kunoo link kana irra seenuun ilaaluu dandeessuu akkasuma subscribe gochuun jajjabbeessu hin dagatina https://youtu.be/TouJAoWvjk8
Hammasini ko'rsatish...
Akkas Jedha Dhugaan By Kebor G.

AKKAS JEDHAA DHUGAAN Walaaloowwaan haala yeroo irraatti hundaa'aan argachuuf channel koo kana subscribe gochuun nu jajjabbeessu hin dagatina.

DUBARTOOTAA_FI_WAAN_AFUR !4 "Dubbisaa Isaan Dubbisiisaa" Dubbadhaa isaan Dubbachiisaa" ★ Wanti afur dubartii qofarraa bareeda! ☞ Dhiiratti heerumuu ☞ Ulfaa'uu ☞ Da'uu ☞ Hoosisuu! ★ Wanti afur dubartii gowwoomsa! ☞ Sobni dhugaa fakkaatu ☞ Dhugaan soba fakkaatu ☞ Dhiirri kolfee taphatu ☞ Qarshiin boru dhumtu ★ Wanti afur Dubartiirraa hin bareedu! ☞ Abba halle bira ooluun ☞ Rifeensa murachuun ☞ Qaama ofii gurgurachuun ☞ Dhirsa ofi tuffachuun ★ Dubartii Waan afur dagachuu hin qabdu! ☞ Uumaa ofii kadhachuu ☞ Jaarsa ofii gorfachuu ☞ Mana ofii barreechachuu ☞ Qaama ofii dhiqachuu ★ Dubartiin Waan afur dhiira caalaa dandeessi! ☞ Jaalala mi'eessu ☞ Jireenya bareechuu ☞ Aarii qabbaneessuu ☞ Soba dhugaa fakkeessuu ★ Dubartiin, Waan afuriin dhiira caalti! ☞ Amalaan ☞ Malaan ☞ Garraamummaan ☞ Sodaan ★ Dubartiin Waan afuriin jiraatti! ☞ Amantiin ☞ Obsaan ☞ Abdiin ☞ Jaalalaan ★ Dubartiin, Waan afur hawwiti! ☞ Gaa'ila godhachuu ☞ Qabeenya horachuu ☞ Ijoollee horachuu ☞ Gammachuun jiraachuu ★ Dubartiin, Waan afur namaa taati! ☞ Haadha ☞ Obboleettii ☞ Haadha manaa ☞ Gargaartuu ★ Dubartiin Waan afur himachuu saalfatti! ☞ Jaalalli yoo qabe ☞ Laguun yoo itti dhufu ☞ Gafii jaalalaaf tole jedhuu ☞ Fedhii saalqunnamtii! ★ Dubartiin dhiira akkami jaalatti? ☞ Kan isheef amanamu ☞ Kan Amala gaarii qabu ☞ Kan jaalala isheef qabu ☞ Kan Kaayyoo qabu ★ Dubartiin dhiira akkamii jibbitti? ☞ Kan sobu ☞ Kan machaa'u ☞ Kan irratti jaalatu ☞ Dhiira yartuu! ★ Dubartiin Waan afur ifa baastee dubbatti! ☞ Dhugaan yoo jal'ate ☞ Waa'ee nama rakkatee ☞ Waan hawwite yoo argatte ☞ Dhibeen yoo qabate ★ Dubartiin, Waan afuriif jiraatti! ☞ Abba manaa isheef ☞ Ijoollee isheef ☞ Kaayyoo isheef ☞ Uuumaa isheef! ✍️Asgoraa👇👇👇👇👇👇 @t.me/orostudents2016
Hammasini ko'rsatish...

GARTUU DHIIGAA FII AMALOOTA NAMAA.! @GORSA_FAYYAAF 📈#Qorannoon baayyee cimaa fi gad-fagoo tahe jiraachuu baatus gartuun dhiigaa fi amalli namaa hariiroo akka qabu ni dubbatama! Haa ta'uu Malee Qorannoo dhigaa tasisuun gartuu dhigaa kenyaa bekuun fayyidaa Heduu qabaa. 🔰#Gosotaa dhigaa ✍1.Namni dhigni isaa A+ tahe √kan kannuf- A+, AB+ √Kan irra fudhatu- A+, A-, O+, O- ✍2.Namni dhiigni isaa O+ tahe √kan kannuf- O+, A+, B+, AB+ √Kan irra fudhatu-  O+, O- ✍3.Namni dhiigni isaa B+ tahe √kan kannuf- B+, AB+ √Kan irra fudhatu- B+, B-, O+, O- ✍4.Namni dhiigni isaa AB+ tahe √kan kannuf- AB+ qofaa √Kan irra fudhatu- Gosa dhiigaa hunda irraa fudhatu nii danda’aa. ✍5.Namni dhiigni isaa A- tahe √kan kannuf- A+, A-, AB+, AB- √Kan irra fudhatu- A-, O- ✍6.Namni dhiigni isaa O- tahe. √kan kannuf- gosa dhiigaa hundaaf ni kenna √Kan irra fudhatu O- qofaa ✍7.Namni dhiigni isaa B- tahe √kan kannuf- B+, B-, AB+, AB- √Kan irra fudhatu- B-, O- ✍8.Namni dhiigni isaa AB- tahe √kan kannuf- AB+, AB- √Kan irra fudhat-  AB-, A-, B-, O- irraa fudhatuu ni danda’a ♻️#Amaloota gosotaa dhiigaa ✔️#Gartuu dhiiga A Namoonni kun 👉cimoodha 👉gadi fageenyaan yaaduu 👉kalaqaan beekamu 👉hojjii kan jaallatanii fi 👉nagaa barbaadu 👉amanamoodha 👉hojjii kamuu tartiiban akkasumaas qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojjii tokko duwwaa hojjachuu filatu 👉 waan sirrii qofa hojjachuuf dhama'u.  🔱Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta'u barbaadu! ✔️#Gartuu dhiiga B Namoonni kun 👉hojjii kalaqaan beekamu 👉waan karoorsanii amma galmaan gahanitti hin dhisan. 👉 yeroo tokkotti waan hunda dhiisanii wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu! 👉hawaasummaa cimsuu Jalatuu 👉Amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu! 🔱Rakkoon isaani immoo of jaallachuu, jijjiiramuu, maal naa dhibee fi balleessaa namaaf irraa kan hin darbinedhaa.! ✔️#Gartuu dhiigaa AB Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis 👉 namaf yaaduu 👉Nagaa buusuu 👉 namaan walii galu 👉amanamummaa fii namaa kununsuu jalatuu 👉Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu 👉kaayyoo ofiif namoota cichaniidha. 🔱Rakkoon Jaraa kanaa imoo Hanqinaa waa irranfaachu fii waa murteesuu dadhabuu qabu.! ✔️#Gartuu dhiiga O 👉Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabaniidha 👉ofitti amanoodha 👉waan xiqqqoon warra hin qabamneedha! 👉arjummaa qabu 👉namaaf gaarii yaaduu nii jaallatu! 👉amanamuumma qabu 👉abdiidhaan kan guutamanidha 👉waan haaraa dafanii baru, 👉ejjennoo cimaas qabu! 🔱Rakkoon Jarra kana imo hinaaffaa, of jajuu, of jaallachuu fi kiyya malee jechus qabu! 🗣#Hubachiisa Gartuu dhigaa kenyaa addan basnee bekuun Fayya kenyaaf fayyidaa waan qabuf Gartuu dhigaa kessani bekaa.!! Fayyaa Qabaadhaa                            👇👇          @t.me/,orostudents2016          @t.me/orostudents2016
Hammasini ko'rsatish...

👏 1