π ππππππ βοΈ
βοΈAsgoraaππ seena keenya akkasumaas Walaloo fi jechoota jaalalaa,Β gorsa hayyootaa fi jechoota xiinsammuu adda addaa argachuuf karaa liinkii asii gadii cuqaasuun #join godhaa nu hordofaa.
Ko'proq ko'rsatish189
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-47 kunlar
-330 kunlar
- Kanalning o'sishi
- Post qamrovi
- ER - jalb qilish nisbati
Ma'lumot yuklanmoqda...
Obunachilar o'sish tezligi
Ma'lumot yuklanmoqda...
Waanuma Keetu Hafa Malee Maali dhiitichoon Ja'ee Wadalttichi Harree Harrittii isaa Gaafannaan Lakkii Wadaltticha Koo Harreen Lama Wal Dhiitu Ilkaan Wal Irraa Hin Cabssitu Ja'eetiin Afaan Keessa Sidhiite Yaa Abbaa Manaa Koo Abshiir jatteen Harrittiin. Harricha Ofii Sossobde Harreen Wal Argitu Walitti Shookkifattee Afaan Walitti Riigdu Malee Wal Bira Hin Darbbitu Ja'ee Harrichi Harriittii isaa Kissinggii Dhunggate Ja'ama Afaan Ingiliffaa tiin
Pantiin carqiidha malee kan jala jiru warqiidha jette intaalti
Akkam nagumaa fayyuma Hiriyaa hin qabuu Kophuma dhufte naa laaltus Gaaruuma@
Taltaalle bishaan haroo qilleensatu kaachisaa
Sif jedheen mana baheen
bineensa of nyaachisaa
Seenaa magaalaa Dirre dhawaa!
MAGAALAA Dirre Dhawaa
ONA Afran Qallo ti
Afraan Qallon ilmaan afur dhale. Isaaniis
Oborraa ,Dagaa, Baabbile fi Ala kan jedhamanii dha . tartiiba isaanis waliin haa ilaallu.
β’ OBORRAA ~ Akkichuu, Biili,Dooranii fi Daga dhale
β’ DAGA ~ Jarsoo, Huumeefi Noolee dhale. Ilmaan dagaa magaalaa dirree dhawaa keessaa baayyinaan jiraatu
β’ BAABBILE ~ Hawwiyyaa,Areelee ,Heebanii fi Giiri
β’ ALA ~ Ala kudha lama dhalee Abbaadho ,Abbayii ,Gutaayyuu ,Ere, Arrojjii, Buubbu, Nuunnu,Diiramu, Meettaa,Galaan, Gooloo fi Kaako dhale.
Magaalaan Dirree dhawaa Seenaaniis ,Seeraanis lafa Oromooti.
Moggaasni Maqaa Magaalaa Dirree Dhawaa
Jaarsa maqaan isaa Dhawaa Muudee Elemoo jedhamu ilmaan Afran Qalloo keessaa gosa Alaatirraa
taβe kan mudhii oliin qullaa deemu irraa akka moggaafamte Seenaan ragaa bahaa .
Jaarsi kuniis Abbaa Dirree Dhawaa jedhamuun beekkama.
Jaarsi kun nama Sheekhummaas taβee
damiinummaas hin qabne kan magaalaas hin beeynedha.jedhu. Garuu manguddoo raagaa akka taβee Maggoondaan gannaa 102 Abbaan Seenaa Dirree Dhawaa Aliyyee Roobaa Humbannaa ni dubbattu.
Tilmaamaan Magaalaan Dirre dhawaa
Finfinnee irraa Km 515
Harar irraa km 55 fagatti
Jabuuti irraa km 311 fagaatti
Magaalaa durii Jaldeessa irraa km 45 fagaatti
Adaamaa irraa km 415 fagaatti
Ciroo irraa km 189 fagaatti
Calanqo irraa km 69 fagaatti Haramaayaa irraa km 35 fagaattee arkamti .
Hanga dhuma jaarraa 19ttii lafti magaalaa Dirre dhawaa lafa horsiisee bultoonni irraa bobboofatan jedhama . ummanni Gaarreen Hararge irraa loon isaanii qabatanii Gara magaala Dirre dhawaa tti deddeebiuuudhaan Dheechifachaa akka Turan Ni dubbatama .
finfinneefi Dirre dhawaadhaaf Daandii baaburaa yaanni kan dhiyaates 1877 tauutu himama yeroo sana lafti magaalaan Dirre dhawaa irratti ijaaramtee bosona keessi isaa bineensota hedduun guutame taβuu abuuraan biyya farance tokko Barreesse Ture muddee 1902 daandiin baabura dire dhawaa yoo dhaqqabu lafti duraan Qullaa Turte foolii magaalummaa Qabaachuu jalqabde .
sababa ijaarsa baaburaafi daandii baabura Dirre dhawaa tiinis suuqiwwaan manneen jireenyaa ijaaramuu Eegalan Dirre dhawaan magaalaa taβuudhaan waggaa tokko qofa akka itti fudhate barreeffamni waaβee magaalattii Tokko ni ibsa osoo oolee hin bulinis daldatoonni indiafi arabaa Dirre dhawaa tti waa bituu fi Gurguruu eegalan lafti bakka magaalaa jedhamtu kunis saffisaan Guddatte maalif jennaan injinaroonni jajjaboon kanneen akka faarji urop italifi Greek naannawaa sana waan qabataniif ..
Kaziiraan ammoo Silumaa warra urope keessa jiraachuu qofaaf eeyyamte .kaziiraan kutaa magaalaa Dirre dhawaa keessaa tokko Yoo taatu lammileen yurop garuu lafa baldhoo Dhuunfachuun irraa jiraataan turan boodarra lafa gariillee Kireefachuu eegalan
Magaalaan dirre dhawaa hanbaawwan adda addaa ni qabdi Dhufaatii baabura lafaatiin walqabatee bara 1902tti Magaalaan Dirree Dhawaa dhaabbatte.
Bara 1908tti manni barnoota ammayyaa kan Faransaay dhaabbate.
Bara 1908tti manni maxxansaa jalqabaa dhaabbate. Gaazeexaa matadureen
isaa AMIROY jedhamu oomishe.
Bara 1911tti Hospitaalli Faransaay tajaajila fayyaa hawaasaaf kannuuf dhaabbate.
Bara 1919tti manni barnootaa hawaasa Giriik dhaabbate.
Mana jireenyaa Sheek Ibraahim Billisaa kan bara 1919tti ijaarame
Bara 1928tti daandiin Dirree Dhawaafi Harar walqunnamsiisu hojjatame .haatahuu malee Konkolaatan Magaalalee kana lamaan jiddu kan deeme waggaa tokko booda jechuun bara 1929tti.akka taβe Ni Himama.
~ Dildilaa Dachaatuu bara 1966tti hojjatame.
~ Jiddu Gala gabaa Kafraa bara 1940tti dhaabbate.
~ Siidaa Yaadannoo Looltoota Ingilizii sadiifi biyyoota Afriikaa kan biroo 73 babaliinsa Xaaliyaanii mormuun ajjeefaman fi k.k.f kaasuun ni dandaβama.
Dirreen Dhawaa lafa daldalaaf mijjooytu waan taateef Faransaay buβuraalee Misoomaa bifa garagaraatiin diriirsuufi baballisuu eegalan haaluma kanaan bara 1929tti warshaan Daakhuu fi Makkoroonii dhaabbate abbaa qabeenyaa lammii Faransaay Henry Man fire jedhamuun.
Bara 1935tti manni barnootaa hawaasa Indiyaanootaa ykn Baaliyaanootaa dhaabbate.
Bara 1935tti akka biyya kanatti yeroo jalqabaaf β Cobble Stone β ykn dhagaa Koobiliidhan Karaan(Dandiin ) kan hojjatamee magaalaa Dirree Dhawaa Keessattidha .
Yaaddannoo Kana ibsuufis Siidaan Koobilii magaalatti keessatti dhaabbatee jira.
moggaasni maqaa kutaawwan magaalattis gariin afaan faranjiiti gariin ammoo afaan Oromoo ti
Warri Gita bittaa nafxanyaa akkumaa lafaa fi nama Oromoos maqaa jijjiraa turan Magaalaa Dirree Dhawaas qubee βDHβ
jedhu waan hin dandeenyeef β Dβ bakkabuufachuun DIRREE DAWAA jechuun itti moggaafatani
yaaman jedhama!
Dirreen Dhawaa Oromiyaa bahaa Ona Afran Qalloo lafa olaantuu gama
jalaatti Dirree Gammoojjummaa qabduufii gama gubbaatiin Qilleensa
Qabbanaawaafii oowwaa qabdi.
Magaalattiin kaabaan dagalee 927 fii kibbaan 949 jiddutti akkasuma
Bahaan gadee 4138 fii dhihaan 4219 jiddutti arkamti. Qubsumaan lafa
akka Dhangaggoo, Qarsaa, Laangeey, Calanqoo, Qullubbii , haramaayaa,Khombolcha, Huurso, Erer ,Halchoofii Sarkamaa wajjiin daangaa qoodatti .
Dirreen Dhawaa haala qilleensaa sadeenuu jachuun
Gammoojjii
Gammoojjii hooβaa
Baddaa
Haatahuu malee qilleensi magaalattii hooβaa fii goggogaadha.
Guddaan 34Β°c yoo tahu xiqqaan 18.2Β°c taha.
____
Dimshaashumatti lafti Dirree Dhawaa sirrii irra galaanaa meetira 960
irraa hanga meetira 2500 dheeratti oloo.
Roobni waggaan milii meetira 617 yoo tahu gammoojjii hooaa waan
taateef yeroo Gannaatiifii Birraa beekhuuf rakkisaadha.
Maqaa Baadiyyaalee Dirree Dhawaa kan Duraanii
Garba aannannoo
Jaldeessa
Qaallicha
Balawa
Kurtuu
Awwaallee
Biyyoo awwaallee
Bishaan bahee
Bakkee Halloo
Adaada
Laga Birraa
Laga Dool
Laga harree
Laga odaa mirgaa
Laga odaa gunnuunfataa
Ija aannanii
Harallaa
Malkaa jabduu
Halloo busaa
Dhujuma
Waahil
Hasallisoo
Hululu mojoo
Fii kanneen birootiis ni jiru
Gaarreen Dirree Dhawaa Marsan 11kanneen armaan gadiiti.
Daalu ,Gaara Qafiiraa
Gaara Khiyyoo
Gaara Dibooyle
Gaara Kooraa
Gaara Toomaa
Gaara Raabaal
Gaara Falama
Gaara Diimaa
Gaara Buttujjii
Gaara Kottee ,Kan manni barumsaa hayiskuul gubbaa jiru .
Gaara Baabbo ,galaana dachaatuutiifii hayaaskuul idduu kan jiru.
Dirreen dahoo guyyaa rakkooti Caayaa hayyoota fi qabsaaβootaa ,biyya Seenaan, Aartiin ,qabsoon ittii bilqilee dha.
Hawwisoofi sirbi Afaan Oromoo kan Achi keessaa itti jalqabeedha.
β’ β Hawwisoo Afran Qalloo β
β’ βHawwisoo Biiftuu Biyya Teenyaaβ
β’ β Hawwisoo Aduu Birraa β
β’ β Hawwisoo Maskoob ββ¦fi.k.k.f Dirree keessatti gad dhaabbatanii biqilanii ,dararaanii firii godhatanii buβaan firichaa ammoo Oromiyaa wal gahe.
Dirreen biyya Jaalalaa biqilchituu Gotootaafi Hayyootaati.Walissaan isiin hin boojiβin ni xiqqaata
Dirre dhawaa deemanii Baaqilaa fi mushabbakii osoo hin nyaatin kan deebiβe ykn jarjare ykn ammoo nama daawwachiisutu itti Laafe jedhama.
"Loon" moo "Loon" jennee katabna?
Namoonni hedduun waanuma xixiqqaan dogongora keeysa galan. Fakkeenyaaf namoonni hedduun "Loon" jedhanii yeroo barreessan ni dogongoran. Qubee 'o' bakka wal jijjiiranii barreessan. Qubee 'o' isa 'o' kaan dura barreeffamuu qabu boodarra aansaniiti 'o' boodarraan dhufuu qabu ammoo dura aansanii barreeysan. Kun ammoo dogongora guddaadha. Ammumarraa dogongora akkanaa kana sirreeysuuf "Loon" jechuu yeroo barreessitan "Loon" je'aa barreessaa malee "Loon" jettanii hin barreessinaa. Loon hin tahinaa ππΆββοΈ
(Reposted)π€
Photo unavailableShow in Telegram
Harargee keessatti wanti akkaan salphaa Nama hidhuudha. Nama Hidhuun ammoo isaan biratti akka Ulaagaa Hojii keessaa hanga taβetti lakkaaβu!
Martuu si malee jechuun Manguddoo Gameessa Ogeessa, Hayyuu biyyaa. Nama Seenaati Abbaan kadir martuu! Kabajaa waa hundaa oliitu malaaf!
Baroota dheeraaf mootummoota dabare keessatti hidhamaa ture! harβas akkuma dur Harargee bahaa magaalaa Kaarra milleetti yeroo hidhamee dhageenyu salphina guddaadha! Tarii Isa hidhuu sababa godhattanii magaalaa san promote godhuuf moo maal Nama guddaa Umrii isaa guutuu Waaβee Oromoo irratti fixe kana hidhanii argatu?
Maqaa keessaniifillee gochi kun waan hin tolle!
Hiikaa kabaja isaaf malu kennaaf! Yeroon itti akka barbaaddan Aangoo teessanittu fayyadamuun nama hiitan tun ni dabarti. Seenaatu jiraata!
Silas seenaa hin beeytani!