cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Paster yoseph official Macaafa Qulqulluu💒

❍ Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu: » Barnoota Amantii Cimsannaa » Dhugaa Wangeelaa » Ergaa Ganamaa » Leenjiilee Hafuuraa » Ergaa Dargaggootaa » Qo'annaa Macaafa Qulqulluu » Faaruu Ganamaa » Kitaabilee hafuuraa PDF fi kan kana fakkaatanidha ► Join

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
2 566
Obunachilar
-324 soatlar
+87 kunlar
+5330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Far. 133 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas! ² Inni akka dibata gati-jabeessa isa mataa irraa areedatti gad yaa'uu ti; akka isa areeda Aaron irra morma wayyaa isaa irra gad dhangala'uu ti; ³ inni akka sanyii fixeensa tulluu Hermoon, isa tulluu Xiyoon irra bu'uu ti; eebbi jireenya hin darbinee achi irratti akka argamu Waaqayyo abboomeera.
Hammasini ko'rsatish...
1
Gal. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁶ Ani garuu, "Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!" nan jedha. ¹⁷ Fedhi foonii hafuuraan in morma; hafuurris fooniin in morma; isin waanuma jaallattan akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin in mormu. ¹⁸ Hafuurichaan yoo geggeeffamtan garuu, isin seericha jala hin jirtan. ¹⁹ Hojiin foonii mul'ataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa'ummaa, jireenya gad-dhiisii, ²⁰ waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba'uu, barsiisaan gargar cabuu, ²¹ weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus. Akkuma ani kanaan dura isinitti himee ture, warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima. ²² Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, ²³ garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru. ²⁴ Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru. ²⁵ Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya. ²⁶ Egaa kottaa of-dhiibduu, walitti naqxuu, walitti hinaaftuu ta'uu in dhiifnaa!
Hammasini ko'rsatish...
======== Deebii gaaffii 1ffaa irraa gad fageenyaan armaan gaditti dhi'aateera! 1249 YESUS GUYYAA MEEQATTI DU’AA KA’E? ========================== Du’ee du’aa ka’uun Yesus Kristos amantoota biratti mormii tokko malee itti amanamaa dha; garuu, Yesus guyyaa meeqa awwaala keessa akka turee fi yoom akka du’aa ka’e ilaalchisee, ibsa aadaadhaan kennamuu fi luqqisoota Macaafa Qulqulluu gidduutti wal dhabdeen waan jiru fakkaata. Hundumti keenya akka beeknu, akka dhageenye, akka hubannee fi akka barsiisaa jirrutti Yesus Kristos “Guyyaa Jimaataa fannifamee, barii gaafa Dilbataa immoo du’aa ka’e” jennee ti. Dhimma kana ilaalchisee bartoonni Gooftaa ibsa bal’aa hin laanne; sababiin isaas, xiyyeeffannoon isaanii Yesus cubbuu namootaatiif du’ee, du’aa akka ka’e dhugaa ba’uu ture malee guyyaa meeqaa fi sa’atii meeqatti akka inni ka’e irratti hin turre. Barreessitoota wangeelota arfanii keessaa Yesus du’ee du’aa ka’uuf akka jiru irra deddeebi’anii kan gabaasan Maatewos, Maarqosii fi Luqaas turan. Isaan kun ergaan isaanii bakka baay’eetti waan wal deggeruuf, “Wangeelota waliin ilaalaman (Synoptic Gospels)” jedhamanii beekamu. Yesus guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ture. Gabaasa barreesitoota ergaa wangeelaa arfan keessaa, Maatewos al tokko qofa “Guyyaa sadii fi halkan sadii” jedhee gabaase; yeroo afur immoo “Guyyaa sadaffaatti” jedhe. Ibsi Maatewosii fi ibsi Luqaas guutummaatti kan wal fakkaatuu dha; innis: “Guyyaa sadaffaatti du’aa in ka’a” kan jedhuu dha. Ibsi Maarqos garuu wanti adda godhu, yeroo lama qofa dubbate; yeroo lachuu iyyuu “Guyyaa sadii booda” jedhee gabaase. Wanti beekamuu qabu, irra deddeebi’amuu isaa fi al tokko qofa dubbatamuu isaa utuu hin taane, xiyyeeffannoo barreessitootaa ti; xiyyeeffannoon isaanii Yesus waa’ee du’a Isaa fi du’aa ka’uu Isaatii dursee dubbatee, akkuma jedhe immoo du’a booddee ka’ee jiraataa ta’uu isaa ibsuuf malee, lakkoofsa guyyaa hin turre. Haa ta’u iyyuu malee, dubbiin afaan Gooftaa keessaa ba’e salphifamee kan ilaalamu akka hin taane, hayyoonni ni xiinxalu. Dhimma kana irratti, Ibsi Macaafa Qulqulluu (Bible commentary) ibsa bal’aa itti hin laanne. Haa ta’u iyyuu malee, barreessitoonni akka Chuck Missiler fi Mr. Fred R. Coulter jedhaman afaan Giriikii, barreeffama Kakuu Haaraa, aadaa fi ayyaanota Yihudootaa irratti qorannoo bal’aa geggeessanii, bu’aa irra ga’an nuuf ibsaniiru. R.Coulter kitaaba isaa “Appointed time of Jesus the Massiah” jedhu keessatti, keesumaa mata duree “The appointed time of the Massiah’s entombment and resurrection—yeroo turtii awwaalaa keessaa fi du’aa ka’uu Masihichaatiif beellamame” jedhu jalatti ibsa bal’aa laataniiru: “Waldootiin kristiyaanaa hundumtuu jechuun ni danda’ama, ibsa Kitaaba Qulqulluu lafatti gataniiru. Kristiyaanonni bara har’aa garri caalaan isaanii, Yesus Jimaata fannifamee Dilbata ganama akka ka’etti amanu; akka ibsa isaanii kanatti akka Yesus dubbatetti guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa hin bulle; garuu, halkan guutuu lamaa fi guyyaa guutuu tokko qofa; kun immoo dhugaa utuu ta’ee fayyisaa ta’uu isaa gatii dhabsiisa. Haa ta’u iyyuu malee, ergaawwan Wangeelaa fannoo guyyaa Jimaataa [Good Friday] fi du’aa ka’uu guyyaa Dilbataa [Easter Sunday] hin deeggeran. Wangeela irratti kan barraa’e yeroon du’aa fi du’aa ka’uu Yesus Kristos isa jedhame kanarraa addaa dha. Kristiyaanonni Ortodoksii, “Guyyaa sadii fi halkan sadiin garaa lafaa keessa tura” jechuun isaa guyyaa guutuu jechuu utuu hin taane, kutaa guyyichaa fi kutaa halkanichaa keessaa yeroo muraasa ibsuu ni danda’a’ jedhu. Garuu Macaafa Qulqulluu keessatti jechi ‘guyyaa’ jedhu akkasitti ibsamee hin beeku. Uumama 1 irratti “Ganamis ta’e, galgallis ta’e kun guyyaa tokkoffaa dha” jedha. Guyyaa tokko jechuun ganamaa fi galgala of keessaa qaba jechuu dha; guyyaan ganama yeroo aduun baatu irraa eegalee hanga galgala yeroo aduun lixxuutti; halkanni immoo, galgala yeroo aduun lixxu irraa eegalee hanga ganamaatti kan turu jechuu dha; yeroowwan walitti fufan kanatu guyyaa guutuu tokko jedhama.
Hammasini ko'rsatish...
Guyyoonni kun guyyaa afuris hin guunne, guyyaa afur guutuuf Roobiin ykn Dilbati lakkaa’amuu qabu turan; amma garuu guyyaa sadii fi halkan sadii xumuree guyyaa sadii booda ka’e.
Hammasini ko'rsatish...
Yesus bartoota isaa yommuu erge sadarkaa tajaajilatti bobbaasuu dhaawwata lama qabu fayyadame. Dhaawwatni 1ffaan yeroo isaan tajaajilatti homaa utuu hin fudhatin bobba'anii dha. Dhaawwatni lammaffaan immoo waan karaaf isaan barbaachisu fudhatanii ba'anii dha. Dhaawwatni duraa yeroo bartoonni sadarkaa bilchinaa gad aanaa irra jiran akkasumas hawaasni isaan tajaajiluuf duulanis dubbii haaraa dhaga'uuf yommuu fedha guddaa qaban ture. kanaaf bartoonni yommuu jalqaba ba'an lafa dhaqanii tajaajilanitti dinqii gurguddaatu ta'a; dhukkubsatootatu fayyaa; warri ajaa'ibni ta'eef sun immoo nyaata, uffata, kophee gammadanii kennuuf ture. Adeemsa xobbummaa keessatti waan ajaa'ibaan argatan irratti hundaa'anii jiraatu jechuu dha. Garuu turtii baay'ee booda erga bartootni gara bilchinaatti dhufanii, akkasumas simannaan hawaasaa akkuma gad bu'aa dhufeen Yesus akkaataa itti isaan erge isa duraa irraa jijjiire. Duraan yeroo homaa utuu hin fudhatin ergaman akka isaanitti hir'annee fi ammammoo sistemi sun jijjiiramee waan karaaf isaan barbaachisu fudhatanii akka deeman itti hime. Kanaafuu Luq 9:3 ergamuu jalqabaa sadarkaa xobbee fi tajaajila miraakilii irratti hundaa'een jiraachuu kan agarsiisu yoo ta'u, Mar 6:8 immoo ergamuu isa lammaffaa isa gara sadarkaa bilchinaatti dhufuu, akkasumas miraakiliin jiraachuu irraa gara sammuu banamaatti fayyadamuutti dhufuu agarsiisuu dha. Egaa kun nama qoraa ree? kun Macaafa wal dha'aadha jechisiisaa ree? 5.👉Seera Uumamaa 6:3 irratti, Waaqayyo umurii namaatti daangaa godheera; innis waggaa 120 hin darbin jedheera; garuu namni hedduun isaa ol jiraachaa jira. 👉Kanaaf Macaafa Qulqulluu akkamitti dhugaadha jenna? Kunoo waan ijaan argaa gurraan dhaga'aa jirrudha'o. Uma 6:3 waggaan 120 umurii namoota hundumaaf kenname utuu hin taane, yeroo murtiin dhaloota sana irratti darbuuf jedhu waggaa 120 akka hafe itti himee, waggaa 120 sana booda Nohii fi maatii isaa irraa kan hafe dhaloota bara sana jiran hundumaa bishaan badiisaan duguugee fixe. Kanaaf waggaa 120 yeroo dhaloonni bara sanaa akka dhumaniif murame ture; waggoota 120 sana keessatti hojiin markaba hojjechuu xumurame. Erga bishaan badiisaa darbeen booda Nohi iyyuu waggaa 300 ol jiraateera. Dhugaan jiru kana dha. Egaa kun nama qoraa ree? kun Macaafa wal dha'aadha jechisiisaa ree? 6.👉Mat. 27:46 Irratti Yesus sagalee guddaadhaan, "Elii, Elii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate. 👉Mar 15:34 Irratti Yesus "Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?" jedhee waammate 👉Kamtu sirriidha Elo'ii moo Elii? Maatewos Yihudoota kanneen afaan Yihudootaa hubataniif barreesse. Maarqos immoo kanneen afaan warra Roomaa dubbataniif barreesse. Akkaataan dubbii Yihudootaa fi kan warra Roomaa adda adda ta'uun nama qoraa ree? Akkaataan dubbii Afaan Oromoo fi afaan Walaayittaa walitti siqa garuu tokko miti. Fakkeenyaaf afaan Oromoon 'Galata' kan jedhuu fi afaan Walaayittaan immoo 'Galatoo' jedhama. Egaa kun nama qoraa ree? kun Macaafa wal dha'aadha jechisiisaa ree? 7. 👉Yesus yommuu du'aa ka'e madaa harkaa fi cinaacha Isaatii bartoota Isaatti agarsiise. Gaafa si'a lammaffaa deebi'ee dhufu mallattoon sun irra ni jiraataa? 👉 Eyyee! Sababni Isaa deebi'een dhufuun Yesus abdii fayyina Yihudootaa fi namoota sonaan baay'ee of keessatti qabatee waan jiruuf, akkasumas Macaafni, "Gara Isa waraananii ni ilaalu" waan jedhuuf isa jarreen akka waan Inni sichi fannifamutti eegaa waan jiraniif ragaa fannifamuu Isaatii isaanitti argisiisuuf jira. Akkuma dhiigni Yesus akka waan amma dhangala'aa jiruutti ho'aa ta'e, madaan Isaas guyyuma guyyaatti balbala fayyinaa namoonni ittiin ol galan ta'uudhaaf madaa ho'aa dha. 8.👉Yesus amma waaqa irra namummaa moo Waaqummaadhaan jira? 👉 Dhugaan yoom iyyuu haalamuu hin dandeenye Inni amma waaqa irra namummaa guutuu fi waaqummaa guutuudhaan jira. 9.👉Yesus yoomii jalqabee Ilma Waaqayyoo jedhame? 👉 Yesus uumamuu biyya lafaa dura, erga lafaa fi biyyi lafaa uumamees, erga foon uffatees, amma waaqa irra yeroo jirus, yeroo deebi'ee dhufuu fi bara baraa isa haaraa keessattis Inni Ilma Waaqayyoo ti.
Hammasini ko'rsatish...
1070 MACAAFNI QULQULLUUN WAL HIN DHA'U! ======================= 1. 👉Yesus du'ee guyyaa sadii booda du'aa ka'e jenna. Garuu Jimaata guyyaa fannifamuu Isaa irraa kaanee yoo lakkoofne guyyaa guutuu tokkoo [sa'a 24:00) fi walakkaa qofa ta'a. 👉Kanaafuu akkamitti guyyaa sadii booda jettu? Gama seenaa dhiphinaa fi fannoon wal qabatee dhugaan jiru kan Yesus qabamee dhiphifamuutti seene Facaasaa [Kibxata] galgala dha. Roobii guyyaa sa'a 6:00tti fannifame. Yihudoonni Faasiikaa jala sanbata lama qabaatu. Sanbatni tokko Kamisa irra kan kabajamu yoo ta'u, sanbatni inni biraan immoo isa guyyaa 7ffaa yookiin Sanbata-duraa ti. Kanaafuu Yesus Roobii irra kan fannifame yoo ta'u, sanbatni inni isaan Kamisa irra kabajan itti seenuuf waan jedhuuf utuu sa'atiin guyyaa itti aanuu hin seenin dura Roobii galgala Yesus awwaalame jechuu dha. Akka lakkoofsa Macaafaatti guyyaan tokko sa'a 24:00 kan qabu yoo ta'u, innis galgala irraa jalqabee gara ganama itti aanuu wajjin lakkaa'ama. Haala kanaan roobii galgalaa kaafnee hanga Dilbata obborootti guyyaa guutuu sadii yookiin sa'a 72 arganna. Kan irraa hafe immoo sa'a 12:00 dha. Sa'atiin irraa hafaan argame immoo 'Guyyaa sadii booda' isa jedhu ibsuuf fayyadame. Kanaafuu Wangeelota keessatti, 'Guyyaa sadaffaatti' 'Guyyaa sadaffaa booda' kan jedhu barreeffamee jira. [Dhimma kana irratti kutaa 1249 irratti gad fageenyaan barreesseera waan ta'eef dubbisaa!) 2. 👉Mat 27:44 Irratti saamtonni Yesus faana fannifaman lamaan isaanii Yesusiin arrabsaa turanii jedha. 👉Luq 23:39-41 Irratti garuu lamaan isaanii utuu hin taane isa harka bitaa qofaatu arrabse jedha! 👉Kana keessaa kamtu sirriidha? Xiyyeeffannoon Maatewos ittiin barreesse fageenya irratti waan gaafa Yesus fannifame namoonni jechaanii turan hordofaa waan ture barreesse. Xiyyeeffannoon Maatewos ebalu akkas jedhe, sun immoo akkas jedhee utuu hin taane, jimulaadhumatti karaa hundumaa fi namoota hundumaa irraa arrabsoon itti roobsamaa jiraachuu eere. Maatewos saamtonni dubbii daddarbachaa jiraachuu fi miira isaanii isa fannoo irratti mudatu eere malee, maal maal akka isaan jedhan hin barreessine. Akki Maatewos itti barreesse kun dubbistoota Yihudootaa hin qoru; Luqaas immoo haala gaafa sana ta'e ofii isaatii achi jiraatus yookiin akkuma jedhamu yeroo kitaaba kana barreesse Phexros irraa odeeffannoo bal'aa fudhatus akkaataan dhi'eessii isaa gad fageenya (detail) qaba. Itti siqeenya irra dhaabatee dhimmichi waan hordofeef waan saamtonni lamaan Gestasii fi Dismas jedhan sirriitti hubatee barreesse. Namoota garee Yesus ta'aniif haalli guyyaa sana qorumsa waan ta'eef bakki isaan dhaabatanii dhimmicha hordofaa turan adda adda ta'uu isaa hubanna. Egaa kun nama qoraa ree? kun Macaafa wal dha'aadha jechisiisaa ree? 3.👉Mat 11:14 Irratti Yesus "Yohannis cuuphaan Eliyaas isa deebi'ee akka dhufuuf abdachiifamee dha" jedhe. 👉Yoh 1:21 Irratti Yohannis cuuphaan garuu, "Anii Eliyaas isa abdachiifame miti" jedhee of beeksiseera. 👉Jechoota akkasitti wal mormaniin wangeela akkamiin jenna? Yohannis cuuphaan Eliyaas isa lammaffaa jedhama. kana jechuun immoo Eliyaas inni bara Kakuu Moofaa jiraachaa ture fi inni bara Kakuu Haaraatti dhufe namuma tokko jechuu miti. Hojii isaaniitu wal fakkaata jechuudha malee. Warri Yohannis cuuphaa gaafate xiyyeeffannoon isaanii Eliyaas duraan akka fooniin ol butame waan beekaniif isumatu deebi'ee dhufee se'anii, "Ati Eliyaasii?" jedhanii gaafannaan inni iimmoo, "Ani Eliyaas miti" jedheen. wanti hubachuu qabnu Eliyaas 1ffaan isa bara Kakuu Moofaa sana turee dha. Eliyaas lammaffaan immoo tajaajila kan Eliyaas isa 1ffaan wal fakkaatu waan kennuuf Eliyaas lammaffaa jedhame. Fakkeenyaaf biyya keenya kanatti Minilik 1ffaa fi Minilik 2ffaa kan jedhu dhageesseetta. Isaan lamaan nama adda addaa lama duraa duubaan ka'an ta'uu hubachuun nama hin dhibu. Egaa kun nama qoraa ree? kun Macaafa wal dha'aadha jechisiisaa ree? 4.👉Mar 6:8 irratti Yesus bartoota yommuu erge, "Ulee qabadhaa!" jedhe 👉Luq 9:3 Irratti immoo, "Ulee hin qabatinaa!" jedhe 👉Dubbi akkasitti walitti bu'an Macaafa Qulqulluudha akkamitti jenna?
Hammasini ko'rsatish...
Itti dabaluudhaanis, “Xiyyeeffanoon warra sadeenii Yesus bartoota isaa wajjin Irbaata Faasikaa akka nyaate ibsuu yoo ta’u, xiyyeeffannoon Yohaannis immoo, Yesus Ofii Isaatii Hoolicha Faasikaa Isa sirrii akka ta’e ibsuu dha” jedhu. 2.Guyyaa qophee: Guyyaa sanattis sanbatni itti lixuuf waan tureef, namoonni in qophaa’u turan. (Luq 24:54). Sanbatni erga darbee, Maariyam isheen Magdaalaa, Maariyam haati Yaaqob, Solomeenis dhaqanii dhagna Yesus dibuudhaaf urgooftuu bitan. (Mar 16:1) Guyyaan qophaa’ummaa darbee, borumtaa isaa luboonni warri angafoonnii fi faarisoonni Philaaxos duratti walitti qabamanii, ‘Gooftaa, inni wallaatchifataan sun utuu jiruu, ‘Guyyaa sadii booda nan ka’a’ jechuu isaa yaadanneerra. Kanaaf, awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu abboomi!” jedhan. (Mat27:63) Luqqisoota armaan olii kana al-tokko irra deebitanii akka qalbeeffattan nan barbaada! “Sanbatni erga darbee dhaqanii urgooftuu bitan” kan jedhu, Dilbata akka hin taane, beekamuu qaba. Dilbata bariinaan garuma awwaalaa akka isaan dhaqan yaadadhaa! Kanaaf, sanbatni tokko (sanbatni waggaa) darbee, sanbatni biraan (sanbatni torbanii) utuu itti hin seenin ta’uu akka qabu Kaalchar ibsaniiru. Kun immoo, guyyaa qophee, sanbatoota lamaan (kamisaa fi sanbata-duraa) gidduu jiru, jimaata ta’uu qaba. Kanaaf, guyyaan qophee inni (Luq24:54) irratti ibsame, Guyyaa Roobii, qophee sanbata waggaa yoo ta’u, guyyaa isaan dhaqanii urgooftuu bitanii qophaa’an immoo jimaata ta’uu qaba. Sababiin isaas akka aadaa warra Yihudotaatti guyyaa sanbata jedhame kamitti iyyuu, hoji daldalaa dabalatee sochiin kam iyyuu dhorkamaa waan ta’eef, urgoofticha lafa bitan hin qaban; isaanis akka seerichaatti boqochuuf dirqama qabu. Karaa biraatiin immoo, guyyaa itti maanguddoonnii fi angafni lubootaa itti Philaaxos duratti dhiyaatanii, awwaalichi akka eegamuuf loltoota gaafatan, guyyaa Kamisaa (sanbata waggaa) fakkaata. Qalbeeffadhaa! Guyyaan qophaa’ummaa tokko darbeera; garuu, awwaalichi sichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamuuf abboomiin ba’a. Kana jechuun Yesus eda awwaalamee bulee, isaan ganama gara Philaaxos dhaqan jechuu dha. Innis, Roobii galgala awwaalamee, Kamisa ganama eegumsi ramadame jechuu dha. Guyyaa sadii utuu hin guutin akka Inni ka’u shakkii waan qabaniif ture. Sababiin isaan Sanbataan (sanbata waggaa—kamisa) dhaqanii eegdota ajachiifataniifis, dhimmichi baay’ee waan isaan yaaddesseef, “Yesustu du’aa ka’e” jedhamee bor qaana’uu isaanii irra, sanbata cabsuun waan wayyu waan itti fakkaateefii dha. Karaa biraatiin immoo, deemsi guyyaa Sanbataa murtaawaa waan ta’eef (Yoh 11:18), hanga mana mootummaa Philaaxositti deemuu fi dubbachuun akka cubbuu cimaatti hin ilaalle. 3. Guyyaa guddicha: “Guyyaan sun guyyaa itti qophaa’an; guyyaan sanbata itti aanuus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii guyyaa sanbataatti fannoo irra akka hin oolle gochuudhaaf…” (Yoh 19:31). Yaada kana Kaalchar/Coulter yeroo ibsan, sanbata duraa/sanbata torbaniitiin “guyyaa guddaa’ hin jedhan” jedhu. Akka ibsa isaaniitti, guyyaa guddicha kan jedhame guyyaa sanbata waggaa itti seenaa jiru yoo ta’u, kan biraan immoo guyyaan ayyaana maxinoo itti seenaa kan jiru ta’uu isaa ti. Kanaaf, Yesus guyyaa ayyaana Faasikaatti akka fannifame hin irraafatinaa! Faasikaan ji’a jalqabaa, guyyaa 14ffaa yoo ta’u ayyaanni maxinoo, borumtaa ayyaana Faasikaa—gaafa 15ffaa irraa eegalee guyyoota torbaaf ayyaaneffatama. (Lew 23:5-7). Waa’ee du’aa ka’uu dubbachaa akka jirru yaadadhaa! Gaaffiin keenya Yesus Guyyaa meeqatti du’aa ka’e? kan jedhuu dha. Guyyaa meeqatti du’aa akka inni ka’e hubachuuf, yoom akka inni awwaalamee fi yoom akka du’aa ka’e hubachuun barbaachisaa dha; ibsa Kaalchar/Coulter giddu-galeessa godhannee yoo ilaalle, Yesus Roobii du’ee awwaalame; Dilbatatti bari’u immoo du’aa ka’e; kanaaf Kamisa, Jimaata fi Sanbata-duraa garaa lafaa keessa oolee bule; kun immoo guyyaa sadii qofa utuu hin taane, “Guyyaa sadii booda” kan jedhu dhugoomsa.
Hammasini ko'rsatish...
Lew 23:32 irrattis guyyaa tokko jechuun galgalaa hanga galgalaatti jechuu akka ta’e ibsameera.” jedhaniiru. Torban xumuraa /Torban Dhiphinaa Jimaata Bitaaniyaatti Urgooftuu dibame Yoh 12: 1 Sanbata-duraa Ulfinaan Yerusalemitti ol gale Mat 21:5, 12, fi 7 Dilbata utuu karaa darbuu muka harbuu sana abaare Mat 21:18, Mar 11:12 Wixata Maree Yesus irratti taa’ame Mat 26:2, Mar 11:20 , 14:1, luq 22:1 Kibxata Qophee Irbaata Faasikaa Mat 26:17, Mar 14:7, 12; Luq 22:7 Roobii Mukarratti fannifame Yoh 19:14, 31,42 Mar 15:42, Luq23:17,54 Kamisa Guyyaa ayyaana maxinoo Lew 23:4-8 Jimaata Dubartoonni Urgooftuu qopheessan Sanbata-duraa Akka seerichaatti boqotan Luq 23:56, Mat 28:1 Dilbata Yesus du’a ka’e Mat 28:11, Mar 16:1 Luq 24:1, Yon 20:1 Akka ibsa olii irraa hubannutti Yesus guyyaa Roobii fannifame; Roobiidhuma galgala awwaalamee, Sanbata-duraa halkan/barii gaafa dilbataa du’aa ka’e jechuu dha. Akka ibsa Kaalchar (Coulturie) dubbiin “… guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa in bula” jedhu, salphaatti kan irra darbamu utuu hin taane, raajii fakkeenyummaa dhugaa qabuu fi bifuma kanaan kan raawwatamee dha. Fakkeenyi ergichaa Yoonaas 1:17 irraa kan fudhatamee dha. Mallattoon dhaloota milikkita gaafataniif laatamus mallattoodhuma Yoonaas raajichaa kanaa akka ta’e Yesus dubbateera. Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii bule, akkasuma ilmi namaa garaa lafaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii in bula. (Mat 12:40) Raajiin kun akkasumaan kan dubbatame utuu hin taane, Yesus akkuma jedhe guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa tureera” jedha barreessichi. Ibsi afaan Ibirootaa, ‘Guyyaa sadii fi halkan sadii’ kan jedhu guyyaa guutuu sa’a 24 qabu irraa kan hafe kan biraatti bakka itti hiike hin qabu jedhu. Akka ibsa kanaatti fakkeenyummaan Yoonaas garaa qurxummii keessa turee fi Yesus garaa lafaa keessa ture tokkoo dha. Yesus akkuma jedhe guyyaa sadii fi halkan sadii awwaala keessa turee, guyyaa guutuu sadii booddee akka inni ka’e gabaasi Maarqos sirriidha jedhu. “… guyyaa sadii booddee garuu du’a keessaa in ka’a” jedhe. (Mar 8:31, 10:34) Barreessichi qorannoo isaa irraa ka’uun dhimma kana karaa sadiin ibsa; isaanis: Kalandarii/dha’aa lakkoofsa guyyaa ayyaana Yihudootaa, guyyaa qophee fi guyyaa guddichaa (Yo 19:31) 1.Kalandarii/dhahaa lakkoofsa ayyaana warra Yihudootaa: akka lakkoofsa ayyaaneffannaa warra Yihudotaatti, ayyaanni Faasikaa bara sanaa, (Bara 30.A.D) Ebla 5 yookiin Nissan 15 irra oole; kun immoo guyyaa Kamisaati malee Sanbata duraa miti jedhu. Kanaaf, guyyaa Yesus itti fannifame, guyyaa qophaa’ummaati kan jedhame, qophaa’ummaa ayyaana Faasikaa, gaafa Roobiiti malee, qophee sanbata torbanii ykn Jimaata jechuu miti jedhu. Akka ibsichaatti sanbatoota lamaaf Yesus awwaala keessa tureera; tokko ayyaaneffannaa naannoftuu waggaa itti sanbata ayyaaneffatan (sanbata waggaa—kamisa), inni kan biraan immoo, sanbata torbee—Sanbata duraa dha. Kalandarii kanaan yoo deemne, Yesus, Roobii galgala, utuu sanbati waggaa hin seenin, galgala sa’a 12:00 tti awwaalamee, Sanbata-duraa halkan, Nissaan gaafa 17, dilbatatti bari’u ka’e; kun immoo halkan sadii fi guyyaa sadii—guyyaa sadii booda kan jedhu ni dhugoomsa. Barreessaa kan biraan Walter Kasper jedhamus, Kitaaba isaa “JESUS THE CHRIST” jedhamu keessatti, Yesus guyyaa qophee ayyaana Faasikaatti akka du’e ibseera. Herrega shallaggii guyyootaa irratti Kasper ibsa bal’aa kennuu baatus, shallaggiin isaa kan Mr Coulter wajjin garaa garummaa qaba; kaalchar garuu gadi qotaadhaan ragaa guutuu waan dhiyeesseeef ani kan isaatiin deemuu filadheera. Dhimma guyyaa qophee Irbaata Faasikaa fi guyyaa ayyaana Faasikaa jedhu irratti xiyyeeffannoo Yohaannis fi kan warra sadeenii yeroo ibsan: Akka ibsa Yohaannisitti, “Yesus guyyaa qophee Faasikaa, yeroo itti Hoolaan Faasikaa mana qulqullummaa keessatti qalamutti du’e; kanaaf, irbaati inni bartoota Isaa wajjin nyaate, geggeessaadha malee Faasikaa dhugaa miti” jedhu.
Hammasini ko'rsatish...