cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Desale Amsalu official channel group

Of beekun formula hin qabu.

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
201
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+17 kunlar
+230 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

"Gurbaan Galataa Tsaggaa Naggasaa jedhan sun, hiriyaa keeti mitii? Yoo si dhagahe, afaan tokko itti himi. Ta'uu baannaan, qorichasaa nutu qotaaf. Eeyyeen, arrabasaa irraa kunnee isuma afaan keenyee biraa deemna" naan jedhe, hiriira taaksiirraa duubaan tutuuqee na waamee. Ciniinnateema dubbata! Kanaaf, akka sodaachuu tokkon ta'e. "Maal badiinsaa?" Jechuukoo qofaan yaadadhas. "Badiinsaa isuma ati agartu kana. Nuyiifi saba walitti naqaa jira. Amantaan uummanni nurraa qabu daaraa ta'uuf jira. Maaliif kokkee beekamtiifi galii keenyaarra akka taa'utu naaf hin galu!...itti himi, yoo si dhagahe" jedhe ammas, qubasaa tokko akka hallaadduu bishaan keessaa asiifi achi raasee. Aartisticha yookaan barreessicha ta'uusaati! Anas waan na tuqe hin beekuutii, "Inni waan balleesse hin qabu. Bukooma jiru gad baase. Anis yaadicha nan deeggara" jedheenii, akka orii'uu tokko ta'een. Miira keessa galuunkoos waan hafe miti. Yeroo kana nafanafa harka sassabbate; na keessa buusee deemuufkaa gooftaan! Nan badeen jala dhaaphaaree. "Yaa kottee na baasi" jedheen keessaa kute. Durayyuu ofumaan taaksii eegaa ture malee, taaksiidhaa gad miti fiiggiin miila kiyyaa. Nan fiigeenuu hin ibsu malee,...keessaan kute!😅 Balaa #Galataan natti fide jalaa miillikoo na baase. Amma galeera, hin yaadda'iinaa!😅 Abdiisaa Ejetatiin❤️❤️❤️ @hawwiidhaan @hawwiidhaan @hawwiidhaan
Hammasini ko'rsatish...
4👍 1🥰 1😁 1
#Dhaqaa_gala_madaali! Harmee tokkotu ilmashee xiqqaa gara suuqii deemee muuzii akka bituuf ergiti. Mucaan bitee akkuma dhufeen, harkaa fuutee madaalte. Yeroo madaaltu, kan isheen ergiteen gadidha. Kiiloogiraama 2 ta'uu kan qabu, kiiloogiraama 1.5 qofa ta'e. Akkuma jirutti fuutee gara suuqii sanaa deemtee maaliif akka hir'ate gaafatte. "Ani haalumaanin madaalee itti kenne. Mucaakee yeroo ergituufi yeroo deebi'u si'a lama madaaluun sirra ture. " jedhee gaggeesse abbaan suuqii.😅 Edaa rakkoon manuma keessa jirti!🤔😅 "Rakkoo mana keessaafi mudaa ofii arguun isa dursudha. Arganii sirreessuun immoo sanarra kan caaludha!" Ergaan dubbii olii akkana ta'innaa laata....! #Dhaqaa_gala_madaali! Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa! Abdiisaa Ejjetaati @Orobook
Hammasini ko'rsatish...
👍 3🔥 1
💥 Imala jireenyaa gaafa yaabbattu galma keetti gahuuf wanti ati hin taane hin jiru. nama si hin geenye hundaan tuffatamtee gufuun ati hin yaadin hundi karaatti siif baate si kuffisuuf yaaltullee ati nama rakkoo si qunnamtu maraaf furmaata qabu tahi. Gaafa furmaata itti kannitee bira taruu kee beekte gaafas imala jireenya gubbaa baate jechu. Abshiraaaa......... @hawwiidhaan @hawwiidhaan @hawwiidhaan
Hammasini ko'rsatish...
👍 2 2👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
👍 3👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
👏 4
#Hin_inaafin Namoonni tokko tokko umrii waggaa 22tti Digiriidhaan eebbifamanii, hojii gaarii argachuuf waggaa 5-10 eegu. Namoonni tokko tokko umrii waggaa 25tti Gaggeessaa Ol'aanaa ta'anii umrii waggaa 50tti addunyaa tana nagaa itti dhaamatu. Tokko tokko immoo, umrii waggaa 50tti Gaggeessaa Ol'aanaa ta'anii umrii ganna 100 jiraatu. Namoonni tokko tokko mana barumsaa hin beekan, Manni barumsaas isaan hin beeku, garuu jireenya baay'ee bareeda jiraatu. Tokko tokko immoo, Sadarkaa barumsaa hunda fixanii jiru, garuu jireenya gammachuu qabu hin jiraatan. Namoonni tokko tokko ammayyuu jireenya leexaa (single) jiraatu, kan inni/isheen dur waliin baratan immoo Akkayoo fi Akaakayyuu ta'anii jiru ta'a. #Obaamaan waggaa 55tti Soorama bahe, #Joe_Biden immoo umrii ganna 78tti Pirezedaantii Ameerikaa ta'e, ammas umriin isaa ganna 81tti Pirezedaantummaa itti fufuuf morkachaa jira. Namni hunduu hiree mataa isaa jiraata. Namoonni naannoo kee jiran tokko tokko kan si duursan, kun immoo dubduuba kee kan jiran sitti fakkaachuu danda'a. Haa ta'u malee, hunduu dorgommii isaanii, yeroo isaaniif kennametti fiigaa jiru. Tasuma itti hin inaafin!! Atis jireenya kee, isaanis jireenya isaanii jiraachaa jiru. Kanaaf, gammadi, wanta gochuu qabdu godhi. Ati hin barfanne. Ati hin ariifanne. Atis, Innis, Isheenis yeroo isiniif kennameen deemaa jirtu. Galatoomaa!!!         ✍Dr. hawwiidhaa @hawwiidhaan @hawwiidhaan @hawwiidhaan
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
📚👉Ilaalcha toomaas Edisen Tattaafiif qabu! Ediseen jechoota isaa baayyee beekkaman keessaa caalatti jechi isaa beekamaan "kan yaadaan qaroome jechuun  yeroo dhibba kaka'uumsa yaadaa fi yeroo sagaltamii sagal immoo tattaaffii dha"  jecha jedhuudha. 👉jechi kun yeroo salphatee hiikamu nama sammuu qaroomina guddaa qabu jechuun mul'ata/abdii qofa nama qabu otuu hin taane galma tokkoof kan baayyee dhimmuu(tattaafatu) fi hojjetu jechuudha. 👉he also say that "many of life's failures are people who did not realize how close they were to succees when they gave up" Share*share & join 👇👇👇 @hawwiidhaan @hawwiidhaan
Hammasini ko'rsatish...
👍 3 2🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Booda kana namni qoosaa wallaalaatuma dhuma jirabboo!! Tokko kaleessa qoosaadhaaf jedhee bismaaraan waraannaan natti aare!🤔 @hawwiidhaan @hawwiidhaan @hawwiidhaa
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
Intalaatu daa'ima isii qabatee buufata konkolaataa dhufe. Yeroo konkolaataa argattee seenaa jirtu, konkolaachisaa( shufeerri) daa'ima laaleetuma " nama akkanatti fokkisuu argee hin beeku" jedhee Amma haati dhageessee aartee gurbaa konkolaataa keessa jiru tokko bira gadi teessee,"konkolaachisaan kun na arrabsee bar" jetteen. Yeroo kana gurbaan maal jedheen seetan¿ "ka'ii ofirraa arrabsii koottu jaldeessa kee kana siifiin qabaa" hin jedhuun seetani!😂😂😂😂😂😂😊😂😂😂😂😂😂😂😂 Daa'imaa San baanuu isaatii bar.😂😂😂😂😂😂
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
🐰 illeettiitu "suuqii" dhaqee: "kaarotii 🥕 qabduu" jedhee gaafate. Isaanis "lakkii hin qabnuu" jedhaniin. Guyyaa itti aanus illeettiin 🐇 kun dhufteetuma ammas "kaarotii qabduu" jetteen. Jarris aaree " kaarotii hin qabnu siin jenneerra,yoo itti deebitee nu gaafatte mataa keetti madooshaa dhaan 🔨 mismaara rukunna" jedhaniin. Guyyaa 3ffas illeettiin ammas dhuftee:" madooshaa 🔨 qabduu" jetteen. Jarri suuqiis "LAKKII" jedhaniin. 🐇 Tole "mismaara hoo qabduu" jetteen. Jarris "LAKKII" jedhaniin. Yeroo kana illeettiin 🐇 fataa jettee , "Kaarootii qabduu?" 🤣😂 jetteen. Isa Mala sitti Baasuuf yaalu Of irraa atis mala itti baasi. @hawwiidhaan @hawwiidhaan 📢JOIN & 🔗SHARE👇👇👇
Hammasini ko'rsatish...