cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Ortodoksii walooma👉yaa maariyaamii si jaallanna💯%

Gamtaa barattoota yuuniversitii O2 🌿Barnoota dhugaa,dhugaan barsiifna .... Fuula barnoota walooma 👉 Nuti kiristanoota. 👉 Kiristaanumman maalii?maaliin ibsama? ✍️Deebiin: channel kana keessatti argaattu...

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
629
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+487 kunlar
+21630 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

✞✞Gulanta olanaa. Gulanta olanaa haandaraa laphee koo Galataan dhaalchiste weraarte keessa koo Ulfaadhu Mooti koo ,,,ceessiisa,,,, Haal dure hin qabu si'iin filamuun koo Ga'a ta'es miti sitiin waamamun koo Golgaa cubbuu kute at garaa koo dhufte Hidaa du'a cirte ebbaan na golgite. ,,,,, ceessiisa,,, Kayyoo koo gurugure imaana hin nyaadhu Ergaama koo dhisee dinaaf haarka hin laadhu Maqaa keen onnaadhe si faanati zora Galmaa koo diigeen siti maxaneera ,,,,, ceessiisa,,,, Okoraa dina koo narra qolateeta tasgabii naf taate na boqochiifteeta Wixinee jal'ootan anoo hin jeeqamu Galaan hameenya tasa hin dhidhimuu. ,,,,, ceessiisa,,,, Gudinaa afuura koo fooniin hin tilmaamu Soora guyyuuf jedhe sirraati hin gingumu Dhaala bara baran si biraati qaba Eddoo haara galfii lubbuu kootif ebba 💔💔faaruu aja'iiba.💔 👉 Qo'annaa faarfaanna felloow ,share tassiisa
Hammasini ko'rsatish...
🤯 1
# Dhukkubbii Fannoo 13n Gooftaan Keenya fudhate. https://t.me/Hi21Mar share join Dhukkubbii gooftaan keenya keessummeesse kudha sadi qofatti kan dhaabbatuu miti. Garuu Abboonni mana Kiristiyaanaa akkaata walitti dhiyeenya isaaniin lakkaa’uun gosa isaan 13 fiduun dhukkubbii fannoo 13 jechuun barsiisu. 1. ተአስሮ ድኅሪት (Gara duubattii hidhuu 2. ተስሕቦ በሐብል ( Haadaan ykn wadaroon harkisuu 3. ወዲቅ ውስተ ምድር ( Lafa irratti kufuu 4. ተከይዶ በእግረ አይሁድ ( Lukti Ayihudootaa irra dhaabbachuu 5. ተገፍዖ ማዕከለ ዓምድ ( Muka dalgee waliin hidhuu 6. ተጽፍዖ መልታሕት ( Kaballaan Rukutuu 7. ተቀሰፎ ዘባን ( Dugda Qacceen Rukutuu 8. ተኰርዖተ ርእስ ( Mataa isaa uleen dhahuu 9. አክሊለ ሦክ ( Gonfoo qoree Itti Kaawu 10. ፀዊረ መስቀል ( Fannoo Baachisuu 11. ተቀንዎ በቅንዎት Mismaarootan qabsiisuu ykn rukutuu 12. ተሰቅሎ በዕፅ( Fannoo irratti fanniffamuu 13. ሰሪበ ሐሞት ( Hadhooftuu obaasuu # Hub. Namoonni tokko tokko hancufa kan irratti tufanii fi Leenginoos eeboon kan waraanees itti lakkaa’uun 15 taasisu. Garuu isaan lamaan kun hin lakkaa’aman. Sababni isaas:- Hancufni itti tufamuun ni xureessa malee dhukkubbii hin qabu. Leenginoos Reefa isaa yeroo waraanetti immoo reeffi gooftaa fooniin kan du'e waan ta'eef du'aatti dhukkubbiin waan hin dhagahmneef hin lakkaa'amu. Mismaaroonni Shanan gooftaan keenya ittiin rukutame bakka tokkotti lakkaawama. Maddi barruu kanaa. * Kitaaba Torbee Dhukkubbii https://t.me/Hi21Mar share join.
Hammasini ko'rsatish...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Akka mana Kiristiyaanatti aangoon lubummaa kamiyyuu hin kennamu. Maqaa abbaa kan ilmaa kan hafuura qulqulluu jechuun mallattoo fannoo hojjechuun dhaqna ofii irrattis waan tokko tokko irrattiis mallatteessuun hin danda’amu. Guyyoota gaddaa fi dhiphuu waan ta’eef bultoon taaboota waadaa uffataa gurraacha uwwiffama. Abboonni kaabbaa keessa garagalchuun uffatu. Walumaagalatti wantoonni gammachuu fi bohaartii mul’isaan hedduun akka mana Kiristiyaanaattis ta’ee akka amantoota Ortoodoksii Tewaahidootti hin raawwatamu. Galanni Waaqayyoof yaa ta'u. Ameen https://t.me/Hi21Mar share join gochuun miseensa baayisaa.
Hammasini ko'rsatish...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Tajaajila Mana Kiristiyaanaa Torbee Dhukkubbii ©B/saa Guutamaa M. (W/Michael M.) https://t.me/Hi21Mar share join Torbeen dhukkubbii akka barnoota aman kiristiyaanaa Ortoodoksii Tewaahidootti akka torbee bara kakuu moofaa bara gaddaa, booyichaa fi dhiphuutti ilaallama guyyoota kana keessa tajaajilli mana Kiiristiyaanaa haala kanaan dura raawwachaa ture irraa bifa addaatiin kan raawwatamuudha. Akkumma beekkamuu torbeen kun torbee gooftaa gooftootaa mootii mootootaa waaqa waaqootaa kan ta’e Iyyasuus Kiristoos Ilmaan namaa fayyisuuf jecha dhukkubbii hedduu kan itti fudhateedha. Dhukkubbiin gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kun immoo warroota isa amananiif gaddaa guddaa waan ta’eef torbee dhukkubbiin dhukkubbii gooftaa gadda fi kadhannaa akkasumas sagadaan yaadatama malee gammachuu fi bohaartii garagaraatiin hin yaadatamu. Kana Raajichi hangafaa Isaayaas << Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne. Inni garuu balleessaa keenyaaf ni waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni ni adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame; nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e. Isa ni cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne; akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkuma hoolaan yommuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne. Cunqursaadhaan itti faradamee in ajjeefame; hidda dhaloota isaatii eenyutu hima ree? Biyya warra jiraataa keessaa in balleeffame, balleessaa saba kootiitiin hamma du'aatti in adabame; inni jal'ina tokko illee hin hojjenne, gowwoomsaanis afaan isaa keessaa hin baane; awwaalli isaa warra jal'oota gidduutti yaadamee ture, inni garuu warra sooressoota gidduutti in awwaalame” jechuun (Isa. 53;3-9 ) kan raaje kana yaadachaa torbee dabarsinuudha. ( Torbee dhukkubbii kana tajaajila mana Kiristiyaanaa keessatti raawwatamanii fi hin raawwatamne akka barnoota abbootaatti kanneeen armaan gadiiti. Sirni cuuphaa daa’imaaniis ta’e isa qeedarii ykn warroota amantaa biro irraa deebi’aniif hin raawwatamu. Namni yeroo du’e seerii hiikuu ykn fitaatii hin raawwatamuuf. Sirni gaa’elaa Takliilii ta’ee inni qurbaanaa mana Kiristiyaanaa keessattii hin raawwatamu. Sirni Nigsii Taaboota Waadaa ykn moo’insa Taaboota Waadaa yeroo guyyoota torbee dhukkubbii keessa seene fuldurattii darba malee torbee dhukkubbii keessa hin kabajamuu. Sirni qiddaasee ykn Sirni Galatoo fi Kidaanii ykn Waadaa guyyaa Kamisaa malee guyyoota kaawwan kanneen akka, Wiixata, Kibxata, Roobii, Jimaata fi Sanbataa duraa hin gaggeeffamu. Guyyaa torbee dhukkubbii keessa guyyaa Kamisaa garuu sirni qiddaasee ni gaggeeffama. Abboonni fannoo isaaniin namootas ta’ee wantoota eebbiffamuu qabu hin eebbisan. Garuu torbee dhukkubbii keessa fannoo morma ofii irraa baasuun hin danda’amu. Nageenya Walitti maramanii ykn harka wal fuudhuun wal hin gaafatan. Sababni duuka bu’ootaa keessa Yihuudaan Asqorootuu gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nageenya dhungatee gaaffachuun dabrsee waan kenneef torbee kanaaf nagenya laganna. Garuu sagalee qofaan wal gaaffachuun ni danda’ama. Akka barnoota mana Kiristiyaana keenyaatti torbee dhukkubbiitti haalli Nagaa ittiin Walgaaffatan afaan Gi’iizii fi Afaan Oromootiin yeroo gaaffatamu. እንበለ ደዌ ወሕማም እንበለ ፃአማ ወድካም አመ ከመ ዮም ያብጽሐኒ ያብጽሕክሙ እግዚአብሔር በፍሥሓ ወሰላም አሜን፡፡ Dhibee fi Dhukkubbii Malee, Laafinaan fi Dadhabbii Malees Akkuma Har’aa Waggaa Har‟aatiin Gammachuu fi Nageenyaan Waaqayyoon Nu Haa Gahu; Isiniinis Haa Gahu, Ameen.) Gidiraa fi dhiphuu gooftaa irra gahu yaadachuuf jecha amantoonni hedduun miila qullaa deemu.
Hammasini ko'rsatish...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Inni yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine; yommuu dhiphates Waaqayyo isa firdii qajeelaa faradutti kennate malee warra isa dhiphisan hin doorsifne. Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan >> jechuun dubbii dhukkubbii fannoo barsiiseera. 1phex.2:20-24. Yeroo fayyina fannoo kaasnu dhukkubbii gooftaa keenyaa Iyyaasuus Kiristoos kaasuun waan beekamaadha. Maaliif yoo jenne Kiristoos guyyaa jimaataa fannoo irraattii fanniffamee addunyaa fayyisee yoo jedhamee dhukkubbii fi dhiphuu jooraa fi rakkoo tokko malee garuma fannoo ol bahee kan fanniffamee miti. Innoo jaalala ilmaan namaaf qabuuf jechaa fi beenyaa Addaam fi Hewaan deebisuuf jecha kana hunda fedha isaan nuuf ta’eera. Addaam fi Hewaan seera waaqayyoo eeguu dadhabuu irraa kan ka’e gorsa seexanaan kufanii gannatii keessaa ari’amanii bahuun Diyaabiloosiif gabricha ta’anii turan. Diyaabiloosiis booji’amtoota isaa Addaam fi Hewaan akkasumaas ilmaan isaanii waggoota 5500f gara jabeenyan, gidirsaa, dhiphisaa, dhukkubsaa, cunqursaa, dadhabsaa itti qoosa bitaa waan tureera. Kiristoos ilmi dubree Maariyaam ilmi Waaqayyoo Addaam lammaffaan gochaa Addaam fi Hewaan irra gahe kana haquuf jecha bakka isaanii fi ilmaan namaa bu’ee gara jabeenyaa Ayihudootaan, gidirfamee, dhiphatee, dhukkubsatee, cunqurfame dadhabee hanga lubbuu isaa dabrsuu gahe. Hayyoonni mana amantaa keenyaa yeroo ergaa duuka bu’aa Pheexiroos 1ffaa 2;20 hiikan << Hewaan badii karaalee shaniin fidde. Kunis, ijaan balasii irraa ittiffamte ilaalte, gurraan gorsa bofaa ( diyaabiloos ) dhageesse, miilaan gara balasii adeemtee, harkaan nii kutte, afaan isheen ni nyaatte. { Se. Uum. 3:6 } Uuman Addaam fi Hewaan ( Iyyaasuus Kiristoos ) kana hundaanuu beenyaa nuuf ta’eera. Gurraan qoosaa Ayihudoota dhagaheera, ijaan sodaachisoo Ayihudoota ilaaleera, miilli fi harki isaa mismaaran rukutameera, afaaniin hadhaa’aa dhuguun kana hundaan nu kiiseera>> jechuun barreessan. 3.1. Seenaa Torbee Dhukkubbii Torbeen dhukkubbii hanga jaarraa 4ffaa sooma faasikaa irraa adda adda bahee kabajama ture. Booda yaada galaanaan ykn lakkoofsa kalaandariin sooma faasikaa - torbee dhukkubbii_ Du’aa ka’uun tartiibaan akka kabajaman taassifameera. Warroonni dhihaa torbee sooma 40 isa dhumaa { Niqoodimoos hanga Hoosaa’inaa } torbee dhukkubbii jechuun kabaju. Garuu torbeen dhukkubbii Hoosa’inaa irraa eegalee hanga du’aa ka’uutti kan jiru guyyoota 8 kan haammateedha. Galanni Waaqayyoof Yaa ta'u Ameen. https://t.me/Hi21Mar share join gochuun miseensa channel ta'aa 20/8/16፡
Hammasini ko'rsatish...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Torbee Dhukkubbii:- ሰሞነ ሕማማት ©B/saa Guutamaa M. (Wolde Michael M) https://t.me/Hi21Mar share join Torbee dhukkubbii jechuun torbeewwan sooma guddaa ykn abiyyii keessaa isa dhumaa guyyoota saddeet haammateedha. Hiikni isaa dhukkubsachuu, dhiphachuu, dhukkubbiin itti dhagahamuu, gidiraa keessummeessuu, jechuudha. Abboonnii Mana amantaa keenyaa torbee dhukkubbii maqaa adda addaan waamu. Isaan keessaa muraasni Torbee Xummuraa:- Torbeewwan sooma faasikaa keessa fiixee dhumaa ykn xummuraa irraattii waan argamuun torbee xummuraa ykn torbee dhumaa jechuun waamu. Torbee Qulqulluu:- Torbee kanattii dhukkubbii gooftaan cubbuun Addaam fi ilmaan isaa itti qulqullaa’e, dhiigni raada fi hoolotaa, dhiigaa qulqulluu gooftaan bakka bu’e, lafti dhiiga qulqulluu gooftaan qulqulloofte, gooftaan lubbuu isaa qulqulluu dabarsee itti kennee, torbee booyichii, hidhaan, gabrummaan, itti dabree ilmaan namaa fi lafti itti qulqulloofte waan ta’eef torbee qulqulluu jechuun waamu. Torbee dhukkubbii;- Torbaan gooftaan keenyaa Iyyaasuus kiristoos sanyii Addaam hundaaf jecha dhukkubbii fannoo 13n itti keessummeesse waan ta’eef torbee dhukkubbii jechuun waamu. Dhukkubbii gooftaa yoo jennu “garaa cinniinnaa, bowoo mataa, osoo hin taanee gooftaan keenyaa Iyyaasuus Kiristoos ilmaan Addaam fayyisuuf samii irraa bu’ee dubree Maariyaam irrraa beteliheemitti dhalatee, suuta suutaan guddaatte ganna 30 galaana Yordaanoosittii harka Qulqulluu Yohaannistti erga cuuphamee, hojii fayyinaa eegaluun dura gadaamii Qoronxoos seenuun guyyaa 40 fi halkan 40 soome. soomis erga fixatee biyya lafa irraa naanna’uun wangeela barsiisaa, dhukkubsattoota fayyisaa, raajii hedduu dalagaa waggaa 3 fi ji’a 3 erga turee booda amalummaan waaqayyoon qulqulluu ta’ee osoo jiruu fayyinaa ilmaan namaaf beenyaa ta’uuf dhukkubbii, gidiraa, dhiphuu fi joora heddu keessummeessuun guyyaa jimaata tabba qaraniyoo irraattii addunyaa fannoo irraatti fannifamee aarsaa ta’edha. Raajichi Isaayaas hangafni raajoota dhukkubbii gooftaa keenyaa dursee waggoota 500 dura akkas jechuun raajii raajee ture. << Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne. Inni garuu balleessaa keenyaaf ni waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni ni adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame; nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e. Isa ni cunqursan, in dhiphisanis, inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne; akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame, akkuma hoolaan yommuu rifeensa irraa muran cal jettuus, inni calluma jedhe malee, afaan isaa hin saaqqanne. Cunqursaadhaan itti faradamee in ajjeefame; hidda dhaloota isaatii eenyutu hima ree? Biyya warra jiraataa keessaa in balleeffame, balleessaa saba kootiitiin hamma du'aatti in adabame; inni jal'ina tokko illee hin hojjenne, gowwoomsaanis afaan isaa keessaa hin baane; awwaalli isaa warra jal'oota gidduutti yaadamee ture, inni garuu warra sooressoota gidduutti in awwaalame” jechuun dhugumaan raaje. Isa. 53;3-9 Qulqulluun Phaawuloos ,Barri waadaa ilmaan Addaamiif galame xummuramee waaqayyoon ilma isaa ergee Kiristoos dubartii irraa dhalatee ( Gal. 4:4 ) yeroo inni fayyina raawwachuuf dhukkubii fi dhiphuu keessummeessu kan iajaan argee hayyuun duuka bu’oota qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa irraatti << Balleessaa keessaniif isa rukutamtan yommuu obsitan, galata maalii qabdu? Garuu gaarii gochuu keessaniif isa dhiphattan yommuu obsitan, Waaqayyo biraa ayyaana in argattu. Isin kana gochuudhaaf waamamtaniittu; Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera. Caaffata qulqullaa'aa keessa, "Inni cubbuu hin hojjenne dubbii isaa keessatti haxxummaan hin argamne" kan jedhu jira.
Hammasini ko'rsatish...
Harmee Ortodooksii Tewaahidoo 21

Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha. Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.

Gochoota Tibba Dhukkubbii 1. Jilbiiffannaa/sagada፡ tibba kana keessa si’a 41 kiraalaayisoon (maaloo yaa Gooftaa nuuf dhiisi), si’a 12 “yaa abbaa keenyaa hoo……” yeedaleeffamaa baay’isee ni jilbeeffatama. Akkasumas maqaawwan Gooftaa keenyaatiin/Iyyasuus Kiristoos, Amaanu’eel, Ibnoodii, Masiyaas, Tisbuuxaa/ jechaa waamudhaan jilbeeffachaa ni yaadatama. 2. Kadhannaa: tibba kana keessa sa’aatii 24 keessaa sa’aatiin dubbisaa fi kadhannaa 10tu jira. Isaan kunis guyyaa keessaa sa’aatii 1, 3, 6, 9 fi 11 yammuu ta’u halkan keessaa sa’aatii 1, 3, 6,9 fi 11 dha. Sa’aatiiwwan kanneen keesssatti gidiraawwan gooftaa yaadachuuf faarsaa Daawitii fi raawwiin dhukkubbii (ግብረ ሕማማት) baay’inaan kadhatama. 3. Sooma: tibba kana keessa nyaatawwan hedduu irraa of qusanna. Warra danda’amuufis galgala keessaa hanga sa’aatii tokko akka sooman, nyaata akka qorsoo, daabboo, bishaanii fi ashaboodhaan akka nyaatamu kitaaba raawwii dhukkubbii Gooftaa irratti barraaheera. 4. Wal hin dhungatamu: Gooftaa keenya fannisuuf Yihuudotni “yaa fannisnu, yaa ajjeesnu” waan jedhanii fi Yihuudaan Gooftaa dhungatee dabarsee waan laateef wal dhungachuun harka wal fuudhuu fi walitti maramanii nagaa wal gaafachuun dhorkaadha. Fannoos bara Kakuu Durii(Moofaa) keessa mi’a adabbii yakkamtootaa fi mallattoo abaarsaa waan tureef Gooftaaan keenya kabajamaa dhiiga isaaatiin qulqulleessee mallattoo injifannoo hanga nuuf godhuutti tibba kana keessa hin dhungannu. (Gal.3:13, Mat. 10:38, 26:29) 5. Hirmaachuu(አክፍሎት)፡ Dubroo Maariyaamii, Yaa’iqoobii fi Yohaannis du’aa ka’uu Gooftaa osoo hin argiin midhaanii fi bishaan afaaniin hin qabnu jedhanii hanga du’aa ka’uu Gooftaa turuu isaani yaadachuuf kan soomamudha. 6. Mulluu Shuummoo(ጉልባን): Baaqela, Qamadii fi Boqqolloo irra qophaa’uun guyyaa Kamisaa kan nyaatamu yoo ta’u kanis gadda tibbasanii ibsuuf yaadannoo raawwatamudha. 7. Baala Ejersaan rurrukutamuu: kun tibba kana keessa Kiristaanonni cubbuu raawwatan lubootatti himachuun baala Ejersaatiin rurrukutamanii jilbeeffannaa kan ittiin fudhatanidha. Kunis fakkeenya rukutamuu/reebamuu Gooftaati. Baalli ejersaas fakkeenya nageenyaati. 8. Caffee/allaaddu: Gooftaan keenya du’aa ka’uu isaa akka nuuf ibse kan ittiin ibsinu yoo ta’u, fakkeenya gonfoo qoree Gooftaan kaawwatee jechuun mataa keenyatti hidhanna. Walumaagalatti torbee kana akka kakuu moofaatti ilaalama/yaadatama waan ta’eef siritti gadduudhaan waa’ee gidiraa gooftaa yaadachaa keessa keenyatti fayyina Gooftaadhaan argachuu keenya hubachaa kan ittiin xiinxalluudha.
Hammasini ko'rsatish...
👍 1