cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Jawaar walaloo✍️

WALALOO babbareeddu fi gorsa addaa addaa bifa WALALOOTIIN Akkasuma nashidaalee addaa addaatin tan qoppooyte

Ko'proq ko'rsatish
Finlandiya3 551Til belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
228
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-27 kunlar
+430 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

tiktok.com/@jawarnure Linki Khana tuquun page TikTok khiyyaa follow Naf godhaa isinin jaalladha gys
Hammasini ko'rsatish...
👍 3
Repost from ABDII SABAA
Photo unavailableShow in Telegram
Namni kallattii mirgaatiin jiru - Lammii Faransaay barsiisaa mana barnoota sadarkaa 1ffaa biyyattii keessatti argamu tokkooti Dubartiin gama bitaatiin jirtu - Maryam kan jedhamtu yoo taatu lammii Faransaayi. Maryam Yunivarsitii Faransaayitti perezdaantii waldaa barattootaati. Waa'ee namoota kana lamaanii ejjannoon mootummaan Faransaay qabu akkana👇👇👇 Waa'ee namicha gama mirgaatiin jiruu - ''Kun agarsiiftuu bilisummaati, ibsituu mirga namummaati, daa'immanis suuta baru'' Waa'ee dubartii gama bitaatiin jirtuu - ''Uffannaan isii duudhaa walqixxummaafi haqqummaa faalleessa, ummata Faransaay keessattis rifannaa uuma'' ~~~~ Jibbiinsi akkanaan madaala haqqummaa jal'isa, adda-babayiitti daba ifoomsa, eenyummaa ilmaan namaa mancaasuuf nama utaalchisiisa, haqqummaas micciira. #amartemam https://t.me/amartemam1133
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
Harmeeko...! Beelakee beela'een Ati nyaattu quufaa Eelakee eelladheen Cabakeetiif kufaa. Gammachuun kee naafis Hiika guddaa qabdii Jiraachuu kan keetu Nattis hora abdii. Si keessan jiraadha Atis ana keessa Luugama jiruutu Nu lamaan geggeessa. Siifin dhukkuffadha Gaddakeefin boo'a Gammachuu qe'ee keen Qe'ee koottis hoo'a. Waraansa cinaachaan Utuuti quuqamtuu An' callisee hin taa'u Gaafati tuqamtuu. Gidiraan jireenyaa Dabareen sin reebuu imimmaan koo cobu Si haa baasu dheebuu. Utuun jiruu dhallikee Foon maddii akkam si qooraa? Hin beeloftu tasumaa Nyaata ta'een si sooraa. Dagalee mana keetii An siif nan ta'a ribuu Utuun ijaan ilaaluu Gadadoon sirra hin sirbuu. Harqooti saggookeerra Sin taa'u qolee gubbaa Keenyan manakee qaawwee An erbee ta'een suphaa. Siin ta'a an dhalli kee Dhukkuba keef qoricha Sin ceesisa laga rakkoo An siif ta'ee riqicha. Harmeeko...! Osoo Ati iyyituu An xaxadhee hin ciisuu Dhibee ati qabdu Na dhukkubuu hin dhiisuu. Miira keen dhandhama Rakkookee nan argaa Gaafati wawwaattee Natti raastu harkaa. Jiruun kee coolligee Akkanni lalisuu "Siifin jiran," jedha Si jalaa hin callisuu. Anis ciniinsuu keen Si faana miixadhaa Obsa sii galaaseen Abdii sitti hiixadhaa. Set by ✍️@jawaar_walaloo
Hammasini ko'rsatish...
👍 2 2
Repost from Ergaa Barreeffamaa
Falaasfonni waa'ee Lukkuu daandii qaxxaamuru maal jedhan ...? #Maarkis:- dirqama seena qabeessa waan taheef #Maakiyaaveelee:- Lukkuuwwan biroo irratti sodaa uumuuf #Niichee:- ol aantummaa isaa mirkaneessufi #Saatra:- Lukkiichi daandii akka qaxxaamuruuf ajajameeti #Boowvee :- maalumas tahu Lukkuu tahee hin dhalannee Lukkuummaa dhaale malee #Saamu'eelkaant:-dhaabbachuu waan dadhabeefi #Daarwiin:-Lukkuun tirannaa irra jiru sadarkaa daandii qaxxamuruu danda'u irra waan gaheefi #Eepikuras:-bashananuu barbaadeti #Kaant:-Seera safuun jiru eeguuf jedheeti #Zeenoo:- Daandii qaxxamuru danda'u dhabuu isaa argisiisufi #Kirkigaard:- Miira Lukkuu tahuu isaatif itti dhaga’amun abdii kuteeti #Sheekispiir:-Gaafichi kana #Istiwaartmiil:-Gammachuu dabaluufi #Galiiliyyoo:- kanas ta’e sanas ta’e daandii qaxxaamuree #Deekaart:-Qaxxamuru ni danda'a Kanaafuu ani jira #Heegeel:- Dirqama Lukkummaa bahuufi #Spiinoozaa:- Lukkichi bilisummaan qaxxaamuree jira;Garuu Maalif akka qaxxaamuree irraanfate #Ruusoo:-Sababnisaas Lukkuun uummamaan gaariidha #Paaskaal :-Sabanisaas lukkuun ulullee yaadudha #Hiwuum:-Anaaf lukkuun Yaada nuura (imagination) Keessatti uumamuudha #Koonfishiyees:-Wanta akka siif godhamu barbaaddu lukkuuf godhi #Leebiniz:-Kabaja isaa argisiisuudhaaf #Voolteerii:-Waldandayuu dhabuu hirdhisuufi #Aristootil:-Sababnisaas Lukkuun beeylada siyaasaati #Pilaatoo:-Gaarummaan maal akka ta’e hubachuufi Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Hammasini ko'rsatish...
Waan ati na goote?! Dhugaa koo jalliftee Dhara dhugaa gootee Sobni dhadhaa dhugee Bifaan cululuqee Dhugaa daaraa aguugdee Bifti dhoqqee laaqee Abbaan dhugaa booyee Bakka hin malle taa'ee Abbaan sobaa moo'ee. Faallaa dubbii waaqaa..... Nam- tolcheen waraqaa Fuggisootu tolchitee. Kijibduu moossiftee, Dhara dhugaa gootee, Dhamaa raaftee, raaftee Dhadhaa baasuu feetee?! Yaa qarshii nam-tolche waan ati nugootee??!! Set by ✍️@jawaar_walaloo
Hammasini ko'rsatish...
👍 3
#way_qarshii Dhugaa koo jalliftee Dhara dhugaa gootee Sobni dhadhaa dhugee Bifaan cululuqee Dhugaa daaraa aguugdee Bifti dhoqqee laaqee Abbaan dhugaa booyee Bakka hin malle taa'ee Abbaan sobaa moo'ee. Faallaa dubbii waaqaa..... Nam- tolcheen waraqaa Fuggisootu tolchitee. Kijibduu moossiftee, Dhara dhugaa gootee, Dhamaa raaftee, raaftee Dhadhaa baasuu feetee?! Yaa qarshii nam-tolche waan ati nugootee??!!
Hammasini ko'rsatish...
Addaan nu baasuu dhaaf Diinni karoorfatee Halkan guyyaan jedhu Ka'e marxifatee Eerga addaan nu baasuu Hin qabu hirriibaa Yoma gacciiseyyuu Eessaa isa qabaa Addaan nu baasuu dhaaf Ganda keessa fiigaa Har'a gara bitaa Boru gara mirgaa Hafuuran baafattu Yeroma takkittii Ganamaa jal-qabee Hamma galgalaattii Fira nu fakkaatee Nu keessa deddeemaa Numa addaan baasuuf Yoomiyyuu gungumaa Yaa kan gubbaan firaa Kan keessi alagaa Anaaf ati beeki Yoomuu laga lagaa Nutti hinaafanii Jedhanis waan hamaa Shira yoo xaxanis Galgalaaf ganamaa Fedhii rabbii malee Hin ta'u kan namaa Kan isaanii gadii Kan Keenya olumaa Umrii hàa dheeratan Diinonni kan keenyaa Osoo nu hinaafan Iddoo guddaa geenyaa Hin milkaa'u yoomuu Hojiin shira xaxaa Osoo shira xaxuu Umrii isaa fixaa Yoomuu siin milkaa'u Hinaaftuu jaalalaa Osoo na hinaaftun Fuudhee sittiin galaa Set by ✍️@jawaar_walaloo
Hammasini ko'rsatish...
👍 4👏 1
#hin_ tuffatin Haala uffanna fi Jiruu isaa laaltee Eenyulle hin tuffatin Qabeenyan madaaltee Hiyyimmaa qofaaf Namootarraa footee Osuma tilmaamin Ofii gadi gootee Isarra qabaattus Mallaaqaa fi horii Arra irra caaltus Hin beeytu tan borii Uffanni isaa daaree Hangam bututtullee Bakka rafu dhabee Dandirra bulullee Gowwattin lakkaawin If gootee qaruutee Ati Waan boru taatu Hin beeytu hojii tee Gaafa tokko rabbiin Irraa banee kharra Boru qaala'uu mala Gatii dhabus arra Ani sin caalaa jattee Itti if hin dhaadiin Yoo sirra gahe yoo Wanti ati hin yaadin Jattee hin arrabsiin Rakkataa dhukkaa'e Maal beeyta rabbiin Yoo bakka San si kaa'e Qabeenyaf beekkumsaan Si caalee Argamee Kharatti yoo gartu Boru maal na gootan me Fuula dura deemtu Halaal dhaabbattaa Isa arguu hin feetu Heddudha qaanfattaa Arra qofa laallee Akka hin daganne Waliin haa jiraannu Mataa gadi qabnee Bifaafi qabeenyis Gaafa tokko ni dhumaa ILMA NAMAA taanaan Khabji hundumaa Set by ✍️@jawaar_walaloo
Hammasini ko'rsatish...
👍 3 1👏 1
#haadha Way haadha tana Aayyoo na deesse Anaaf jacha jattee Rakinni si baase
Hammasini ko'rsatish...
1
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.