cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Kiyyaa Media

Miidiyaa Sabaa guddaa

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
11 727
Obunachilar
-624 soatlar
-337 kunlar
-10530 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

#KUTAA_12FFAA Sagantaa guyyaa qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 fudhatan:- ➭ Qoramtoonni saayinsii hawaasaa Roobii (03/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Herregaa Kamisa:- (04/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Ji'oograafii Jimaata:- (05/11/2016)       Ganama :- History       Guyyaa  :- Economics  ➭ Qoramtoonni saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016 fudhatu. Kibxata:- (09/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Maths Roobii (10/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Physics Kamisa:- (11/11/2016)       Ganama :- Chemistry       Guyyaa  :- Biology ➭Qoramaanni Bara 2016 magaalota filatamoo ta'an keessatti barattoonni filataman toora interneetii kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni kan hafan Yunivarsitiiwwan keessatti waraqaan ni fudhatu jedhameera. ➭ Magaalota filatamoo 25 qormaanni kutaa 12ffaa toora interneetiin itti kennamu fuulduratti ifa ni ta'a.   Share Gochuu Hin Dagatinaa!!  
Hammasini ko'rsatish...
👍 32 6👎 4👏 4😁 2🤯 1
#DV2025 Injifattoonni Viizaa Diversity 2025 har'a ni ifooma. Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2025 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u. NB. Lakkoofsi mirkaneessaa yeroo iyyanni guutamu kan kennameedha. Lakkoofsi kun kan jala bade Forgot Confirmation number jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa Mirkaneessaa haaraa karaa email argachuu ni danda'a. Bu'aan Dv galgala sa'aatii 1:00tti kan ifoomu ta'a. Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jira / Imeelii kana / barreeffama kana kan ergaa jirru" jechuun qaamotni #sobaa waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhan dhaamaniiru. Hubadhaa, iyyataan tokko DV 2025 argachuu fi dhiisuu isaa karaa marsariitii armaan olitti ibsame qofaan beekuu danda’a. Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.
Hammasini ko'rsatish...
👍 30👏 4 2
Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera. Guyyaan qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 barattoota saayinsii Hawaasaaf Adoolessa 3 hanga Adoolessa 5tti, barattoota saayinsii uumamaaf Adoolessa 9 hanga Adoolessa 11/2016 yoo ta'u, qormaatichi toora interneetii fi waraqaan yuunivarsitiiwwan keessatti ni kennama. Qorattoonni saayinsii hawaasummaa waraqaan fudhatan Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 Adoolessa 7, 2016tti gara yuniversitii ni seenu jedhameera.
Hammasini ko'rsatish...
👍 19 7🔥 1
"Qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa magaalota filataman keessatti toora interneetidhaan ni kennama" - Prof. Birhaanu Nagga Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 magaalota filatamoo keessatti toora interneetii irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa, "Qormaanni kun guutummaan guutuutti toora interneetii irratti kennamuu kan hin dandeenye ta'us magaalota naannolee filataman keessatti akka kennamuuf hojjetamaa jira" jedhan. Barattoonni naannolee hunda keessatti filataman qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan beeksifameera. Kanneen hafan qormaata isaanii haala idileetiin akka Fudhatan ibsaniiru. Daarektarri Madaallii Barnootaa fi Qormaata Doktar Ishetuu Kabbadaa akka jedhanitti; Qormaata kana toora interneetii irratti gaggeessuuf hojiin qophaa'inaa hojjetamaa aka jirus himaniiru. Barattoonni qormaata yaaliitiin akka shaakalan ni taasifamuu jedhaniiru. #MoE
Hammasini ko'rsatish...
22👍 10
Photo unavailableShow in Telegram
Qormaanni barattoota sagantaa sirreeffamaa bara 2016 jalqaba ji'a Waxabajjii keessa kennama. - Ministeera Barnootaa Qormaanni barattoota sirreeffamaa jalqaba ji'a Waxabajjii keessa guyyoota 15f Yuunivarsiitii mootummaa qofa keessatti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Rakkoo bara darbe mudate irra aanuuf qormaanni sirreeffamaa yunivarsiitiiwwan mootummaa qofa keessatti kennamuuf akka jiru himameera. Akkasumas qormaata kana keessaatti dhibbeentaan 70 jalqaba baatii Waxabajjii keessa guyyoota 15 f karaa toora interneetii fi waraqaatiin  too'annaa cimaa waliin akka qophaa’u ibsameera. Bara kana barattoonni kuma 78 ol ta'an yuunivarsiitii mootummaa keessatti barnoota sirreeffamaa fudhachaa akka jiran ibsameera. Barumsi sirreeffamaa Muddee irraa eegalee hanga dhuma baatii Waxabajjii 2016tti kennamaa kan jiru yoo ta’u, bu’aan isaanii %30 adeemsa barnoota yunivarsiitiiwwanii irratti hundaa’ee fi %70 ammoo qormaata giddugalichi qopheesse irratti hundaa’uun akka ta’e ibsaniiru.
Hammasini ko'rsatish...
👍 26 8👎 5
Photo unavailableShow in Telegram
#ExitExam Qormaanni ba’umsaa yoom kennama? Xalayaa Ministeerri Barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoof Ebla 9/2016 barreesseen, Qormaanni ba’uumsaa waxabajjii 14 hanga 21/2016tti akka kennamu ibsameera. @tikvahethafaanoromoo
Hammasini ko'rsatish...
👍 22 4
Photo unavailableShow in Telegram
Baga gammaddan! Yuunivarsiitii Jimmaa Yuunivarsiitiin Jimmaa sagantaa barnoota garagaraatin leenjisaa kan ture barattoota 778 guyyaa boruu Eebla 5/2016 giddugala Siivikii Haacaaluu Hundeessaatti ni eebbisiisa. Kanneen keessaa 26 diigrii sadaffaa,350 diigrii lammaffaa fi 402 leenjitoota diigrii jalqabaa guyyichatti ni eebbisiisa. Eebbifamtoota keessaa qormaata xumuraa biyyaalessaa fudhatanii qabxii olaanaa kan fidan Yuunivarsiitichatti barattootni Inistitiyuutii fayyaa 379 keessatti argamu.
Hammasini ko'rsatish...
👍 13 7
Lammiileen Itoophiyaa seeraan alaa daddabarfaman #Malaawiitti doolaara 1000n ‘gurguramu’ Lammiileen Itoophiyaa karaa Maalaawii qaxxamuranii gara Afrikaa Kibbaatti godaanan Maalaawii keessatti tokkoon tokkoon isaanii dolaara 1000n gurguramaa jiraachuu aanga’oonni Maalaawii saaxilan. Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa Maalaawii Kaampii Godaantota ‘Dzaleka’ jedhamu keessa bakka godaantota seeraan alaa Itoophiyaarraa dhufan itti ugguraman argachuu beeksiseera. Godaantoonni kunneen hanga firoottan isaanii Itoophiyaa irraa qarshii gaafatame kaffalaniitti mana kana keessa ugguramanii taa’u. Ministirri Nageenya Biyya Keessaa Maalaawii Ken Zikhaalee Ngomaa ibsa laataniin, lammiileen Itoophiyaa lama, Ahmad Muhaammad Kondoo fi haadha warraa isaa Damoraah jedhamtu, haala ulfaataa ta’een godaantota Itoophiyaa 31 kutaa tokko keessa ugguranii kaa’an to’annoo jala ooluu ibsaniiru. Akka ministeerichi ibsetti, godaantonni Itoophiyaa seeraan ala daddabarfaman kunneen jalqaba Maalaawii seenuuf doolaara 200 akka kaffalan dirqisiifamu. Erga Maalaawii seenan booda ammoo kutaa itti ugguraman keessaa bahuuf dolaara 1000 akka kaffalan dirqamaa jiraachuu ibsameera. #AS
Hammasini ko'rsatish...
👍 12 2👎 1
Yunivarsitii Finfinnee fi Yuunivarsiitii Haramayaatti barnoonni fayyaa hawaasaa sadarkaa doktoreetiitti akka kennamuufi jedhame. Sadarkaa biyyaatti barnoonni fayyaa hawaasaa jalqabaa kan ta'e, sadarkaa doktoreetiin (Doktor of Public Health ) Yunivarsiitii Finfinnee fi Yuunivarsiitii Haramayaatti akka eegalamu Ministeerri Fayyaa beeksiseera. Sagantaan barnoota fayyaa hawaasaa kun sadarkaa doktoreetiin bara dhufu dhaabbilee barnootaa lamaanitti ni jalqaba kan jedhame yoo ta'u, kana ilaalchisuun sagantaan jalqabsiisa magaala Finfinneetti, bakka hayyoonni adda addaa itti hirmaanitti gaggeefameera. Hayyoonni Yunivarsitii Finfinnee fi Haramaayaa sagantaan barnoota kun banamuu waliin wal qabatee, barruu sirna barnootaa fi dhimmoota kanaan walqabtan irratti xiyyeefate dhiyeessuun irratti mari'atame yoo ta'u, gaggeessummaa fayyaa hawaasaa, hooggansa, komunikeeshinii fi dandeettii yaaduu kalaqaa dameewwan barnoota keessatti barsiifamuu qaban keessaa akka ta'e himama jedhameera. Barnoonni kun fayyaa hawaasaa hubachuu fi rakkoo fayyaa walxaxaa adda baasuu fi furuuf, ogeessota hawaasa weerara fi balaa fayyaa adda addaa irraa baraaruu danda’an oomishuuf gumaacha guddaa akka qabus ibsameera.
Hammasini ko'rsatish...
👍 18 7🕊 2🔥 1👏 1
Caffeen Oromiyaa Mirga Himatamuu Dhabuu Miseensa Caffee Obbo Taayyee Danda’aa kaase. Bu’uura Heera Fooyya'aa Naannoo Oromiyaa 1994 Fooyya’ee Bahee Keewwata 48 Keewwata xiqqaa 6 jalatti ibsameen, Miseensi Caffichaa kamuu yeroo ummanni isa filate amantaa irraa dhabetti, akka seeraatti, miseensummaa Caffeerraa gaggeeffamuu akka danda’u tumamee jira. Bu'uuruma kanaan, Caffeen Oromiyaa Yaa'ii idilee 6ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa taa'aa jiruun mirga himatamuu dhabuu Kab. Obbo Taayyee Danda'aa Araddoo dhiyaateef irratti mari'atee sagalee calmaan raggaaseera. Obbo Taayyee danda'a Muuddee 2/2016 Too'annoo jala ooluun isaa kan yaadatamuudha.
Hammasini ko'rsatish...
👍 31😱 5 1