cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

GALAA JIREENYAA Kuusaa Faarfannaa durii fi haaraa Baruumsa Macaafa Qulqulluu

“Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera.”— Yoh. 3:18 “Abbaanii fi ani tokko” isaaniin jedhe.Yoh. 10:30 Maqaan fayyinaa.....[HoE. 4:12]

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
279
Obunachilar
+324 soatlar
-17 kunlar
+330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

DAA'IMAA FI MICROCHIP! ••• Ciniinsuu sa'a 18 booda haati mucaa fayyaalessa deesse. Maatiin mucaa lubbuu haaraa gara addunyaatti makamuuf deemu kana arguuf hawwiin eegaa turan. Narsiin Hospitaalichaa mucaa dhalate fudhattee gara kutaa turtii daa'imman reefuu dhalataniitti qajeelte, abbaan mucaas gagammadaa ishee hordofe. Garuu gammachuun isaa utuu hin turin gaddaa fi dhiphinatti jalaa jijjiirame. Sababni isaa Narsittiin harka mirgaa muchichaa keessa "MicroChip" utuu awwaaltuu waan argeef. Abbaan mucichaas maalif akka kun ta'e gaafatus deebiin Hospitaalicha irraa kennameef nuti waan ajajamne raawwachuudha kan jedhu ture. Maddi: rcg.org/realtruth/articles .. Kutaa biyyoota Ameerikaa harka caalaa fi biyyoota Awurooppaa baayyee keessatti daa'imman reefuu dhalataniif dhoksaadhaan "MicroChip" awwaaluun kan jalqabame bara 2014 irraa eegaleeti. Gamtaan Awurooppaa Caamsaa, 2014 keessa daa'imni kutaa biyyattii mara keessatti dhalatu "MicroChip" awwallachuu akka qaban hospitaalotaa fi kilinikoota hojii kana hojjetan mara yaadachiisee ture. Ta'us gochi kun iddoo baay'eetti dhoksaadhaan waan raawwatamuuf maatiin daa'immanii baayyeen kana quba hin qaban. Biyyi Iskootilaand bara 2016 keessa sagantaa haaraa baafteen daa'immaan haaraan biyyattii keessatti dhalatan akka garaa haadhaa irraa gargar baa'aniin "MicroChip" awwaallachuu qabu kan jedhu ture. Karooruma ishees qabattee hojii ishee itti fuftee jirti. Maddi: www.snopes.com, www.scotish.com .. Kaayyoon Ilmaan Luciiferootaa "MicroChip" ilaalchisee daa'imman akka garaa haadhaa keessaa ba'aniin ergama jabaa mootummaa biyya lafaa waliin qabaniin ajajni manneen yaalaaf harka lafa jalaan kennamee daa'imman gubaa kana akka fudhataniidha. Kanneen ga'eessa ta'aanii kana jala darban ammoo tooftaa addaa addaatti fayyadamuun akka fudhatan taasisuudha. Fudhachuu yoo didan uggura jireenyaa irratti gatuun ajjeesuudha. Hubadhaa sababa hanqina huubannaa keenyaa fi itti morma isa hamaatti laafuu keenyaan daa'imni keenya homaa hin beekne illee dhiiga bineensichaa fudhatee guddachaa jira. Gumaan daa'ima wallaalaa kanaa illee harka keenya keessa barbaadama. Maddeen dubbii fo'an tokko tokko akka jedhanitti Ilmaan Luciifer biyyoota hojii kanaaf itti milkaa'anitti akka garaatti hojjechaa kan jiran yoo ta'u, biyyoota itti milkaa'uu dhabanitti harka lafa jalaan ogeessoota fayyaa keessumaa kutaa deessisuu irra hojjetan maallaqa guddaan bitanii "MicroChip" itti kennuudhaan daa'imman keessa awwaalchisaa jiru jedhama. Keessumaa biyyoota Afrikaa dinaagdeen gadi buute kana keessatti maallaqaan nama bituun salphaa waan ta'eef akka garaa itti fayyadamuu danda'u. Akkasuma biyyi keenya yeroo ammaa hojii Shira Xaxxootaa kana utuun hin calalin akkuma jiruun ofitti fudhachaa jiraachuun ishee yaaddoo guddaa uuma. Sanaafis ragaan Biil Geetis fi Jaak Maa waliin hojjechaa jiraachuu isheeti. Dhaabanni "Observer" akka jedhutti Shira Xaxxoonni dhoksaan ilmaan keessan butaa(kidnapp) gochaa waan jiraniif of eeggadhaa jedha. Kanas "MicroChip" keessa awwaaluun isin harkaa fudhataa jira jedha. Maddi: observer.com Maatiin sababa da'umsaan gara mana yaalaa kamiin iyyuu deemtan daa'ima keessan reefuu dhalatu irraa ija keessan hin buqqifatinaa. Dogoggorri isin ulaa kanatti raawwattan badiisa foonii fi lubbuu qaqqabsiisa waan ta'eef. Utuu isin cina jirtanii daa'imni keessan gubaa kana fudhannaan lubbuu balleessuun itti gaafatamni isaa kan keessan ta'uu hin dagatinaa! Kun kan ta'u yoo ta'e nutis daa'ima wallaalaa dhalatu sana waliin akka wal hin caalle beekuu qabna. Wallalaa akka dubbii Waaqayyootti karaa irra buufnee guddisuu akka qabnu ajajamneerra! “Ilma kee adabii karaa irra isa buusi! Inni immoo aara si galfachiisa, garaas si in ciibsa.” — Fak. 29:17
Hammasini ko'rsatish...
1
Repost from Faarfannaa haaraa
Photo unavailableShow in Telegram
🎵EEYYAMAMEERA DHIGA ISAAN SINGER  🎶MOTUMA ABDISA         NEW MUSIC TRACK https://www.youtube.com/@faarfannaa-haaraaofficial ✨ Gadhiifamera ✨ 📲sнαяє📲like comment ▷ @jcpchurch1     @araratv1◁       🔺🔺🔺Join us 🔺🔺 📞Yadaaf 👉 @Faarfannaahaaraa_bot
Hammasini ko'rsatish...
https://www.youtube.com/@faarfannaa-haaraaofficial ✨ Gadhiifamera ✨ 📲sнαяє📲like comment ▷ @jcpchurch1 @araratv1◁       🔺🔺🔺Join us 🔺🔺 📞Yadaaf 👉 @Faarfannaahaaraa_bot
Hammasini ko'rsatish...
Gaaffiiwwan macaafaa Dhugaa ykn Soba 1) Enosh ilma Sheet dha. Deebii Dhugaa(luq;3:38) 2) Yesuus lafaa onaa keessa soomaan guyya 30 ture. Deebii: Soba(luq:4:1) Deebii sirrii filadhu!! 3) Yesuus hojii isaa eessatti jalqabe? A)yerusaalemitti B) Naazireetitti C) Galiilaatti D) Deebii hin qabu Deebii: C(luq:4:14) 4) Maqaan bishaani Pheesroosii fi ilmaan zabdewos waamaman maal jedhama? A)Yordaanos B)Genesaarex C)Gihoon D) Efraaxis 5) Leewwiin waamamuu isaan dura hojii isaa maal ture? A)Kiyyeessituu B) Fariisii ture C) Eegduu ture D) Qaraxxuu ture Deebii gabaabaa kenni!! 6) Indiriyaas obboleessa eenyuuti? Deebii: obboleessa phexrosi dha 7) Bartuun gooftaa inni Yaaqoob jedhamu ilma eenyuuti? Deebii: ilma alfewos dha 8) Namoonni lamaan kurnoo isaanii sirnaan kafaluu didnaan kan gooftaan adabe eenyu fa’I dha? Deebii: Anaaniyaas fi Saphiiraa (H/E:5:1) 9) Luqisiin kun eessatti argama? “Oobdii isaa keessatti midhaan kan ittiin qulleessu hafarsaa of harkaa qaba; midhaan isa qulleeffames gombisaa isaatti in sassaaba; habaqii isaa garuu ibidda hin dhaamneen in guba" jedhe barsiise.” Deebii — Luq. 3:17 10) Luqisiin kun eessatti argama? “Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in amantiidhaan qajeelota gochuuf akka jiru duraan dursee caaffata qulqullaa'aa keessatti dubbachiiseera; inni Abrahaamiin "Sabni hundinuu siin in eebbifamu" jedhee duraan dursee misraachoo itti himeera.” Deebii — Gal. 3:8
Hammasini ko'rsatish...
06:59
Video unavailableShow in Telegram
FEDHIKEE | DAME FIKADU , EYASU BAYISA , SAMUEL TESFAYE & ELIAS TAYE | Share💥share💥Share    @jesuschristiscomingforus (https://t.me/+RisH5_igcsaXNKDT)          📌JOIN📌 Comment✍️ @Jesusisonroadbot
Hammasini ko'rsatish...
https://t.me/Galaa_Jireenyaa1
ERGAA WALDAA TIYAATIRAAT5I ERGAME
Mul. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁸ "Gara ergamaa waldaa Tiyaatiraatti, '#Ergaan_kun, kan ilma Waaqayyoo isa ija akka barbadaa ibiddaa qabuu, isa miilli isaa akka sibiila diimaa isa boolla ibiddaa keessatti baqfamee ifu ta'ee ti' jedhii caafi!" ¹⁹ Ergichi, "Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, warra kaan gargaaruudhaaf of kennuu kee, obsaan danda'uu kee, hojiin kee inni booddee kanaa immoo isa duraa irra caaluu isaas beeka. ²⁰ Garuu dubartittii Izaabel jedhamtu, ishee 'Ani raajii dha' ofiin jettee barsiiftu, ishee hojjetoonni koos gaalamootummaatti akka jiraatan, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate akka nyaataniif wallaalchisaa jirtu, calluma jettee dhiisuu kee kana si irratti argadheera. ²¹ Ani yaada garaa ishee akka geddarattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu gaabbitee gaalamootummaa isheettii deebi'uu hin barbaanne. ²² Kunoo, ani akka isheen dhukkubsattee siree irra ciiftu nan godha, warra ishee wajjin ejjan immoo gaabbanii hojii ishee irraa yoo deebi'uu dhaabaatan, rakkina guddaa keessa isaan nan buusa. ²³ Ijoollee ishees dha'ichaan nan ajjeesa; kanaanis waldoonni kristiyaanaa hundinuu, inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta'uu isaa beekuuf jiru. Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira. ²⁴ "Tiyaatiraa keessaa, warri haftan immoo, barsiisa kanatti warri hin qabamin, isa warri kaan, 'Dhoksaa Seexanaa isa gad fagoo dha' jedhanis warri hin barin, ba'aa kan biraa isin irra hin kaa'u, isiniin nan jedha. … ²⁶ Nama mo'uuf, isa hojii koo hamma dhumaatti eeggatee hojjetuufis, saba hin amanne baay'ee irratti aboo nan kennaaf. ²⁷ Inni siiqqee sibiilaatiin saba sana in tiksa, akka qodaa suphees isaan in hurreessa. ²⁸ Akkuma ani abbaa koo biraa aboo fudhadhes bakkalcha barii nama sanaaf nan kenna. ²⁹ Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!" kan jedhuu dha.
Hammasini ko'rsatish...
🙏 2
Nagaa Gobbuu | Qajeelaa Waaqgaarii JOIN 👉 @galaanafaarfannaa
Hammasini ko'rsatish...
@Galaa_jjreenyaa1
ᎬᏒᎶᎪᎪ ᎳᎪᏞᎠᎪᎪ ҬᎥᎽᎪᎪҬᎥᏒᎪᎪҬҬᎥ ᎬᏒᎶᎪmᎬ
Mul. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁸ "Gara ergamaa waldaa Tiyaatiraatti, 'Ergaan kun, kan ilma Waaqayyoo isa ija akka barbadaa ibiddaa qabuu, isa miilli isaa akka sibiila diimaa isa boolla ibiddaa keessatti baqfamee ifu ta'ee ti' jedhii caafi!" ¹⁹ #Ergichi, "Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, warra kaan gargaaruudhaaf of kennuu kee, obsaan danda'uu kee, hojiin kee inni booddee kanaa immoo isa duraa irra caaluu isaas beeka. ²⁰ #Garuu dubartittii Izaabel jedhamtu, ishee 'Ani raajii dha' ofiin jettee barsiiftu, ishee hojjetoonni koos gaalamootummaatti akka jiraatan, qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate akka nyaataniif wallaalchisaa jirtu, calluma jettee dhiisuu kee kana si irratti argadheera. ²¹ Ani yaada garaa ishee akka geddarattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu gaabbitee gaalamootummaa isheettii deebi'uu hin barbaanne. ²² #Kunoo, ani akka isheen dhukkubsattee siree irra ciiftu nan godha, warra ishee wajjin ejjan immoo gaabbanii hojii ishee irraa yoo deebi'uu dhaabaatan, rakkina guddaa keessa isaan nan buusa. ²³ Ijoollee ishees dha'ichaan nan ajjeesa; kanaanis waldoonni kristiyaanaa hundinuu, inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana ta'uu isaa beekuuf jiru. Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira. ²⁴ "Tiyaatiraa keessaa, #warri_haftan immoo, barsiisa kanatti warri hin qabamin, isa warri kaan, 'Dhoksaa Seexanaa isa gad fagoo dha' jedhanis warri hin barin, ba'aa kan biraa isin irra hin kaa'u, isiniin nan jedha. ²⁵ #Isa _qabdan garuu hamma ani dhufutti jabeessaatii qabadhaa! ²⁶ Nama mo'uuf, isa hojii koo hamma dhumaatti eeggatee hojjetuufis, saba hin amanne baay'ee irratti aboo nan kennaaf. ²⁷ Inni siiqqee sibiilaatiin saba sana in tiksa, akka qodaa suphees isaan in hurreessa. ²⁸ Akkuma ani abbaa koo biraa aboo fudhadhes bakkalcha barii nama sanaaf nan kenna. ²⁹ Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!" kan jedhuu dha.Ameen ✰ ✰ ✰ ✰ ✰ †@Galaa_jjreenyaa1➥ †@Galaa_jjreenyaa1➥ 👍 ➩➪ ➭➮ ✍✉ ˡⁱᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗˢ
Hammasini ko'rsatish...
🇸 🇪 🇪 🇳 🇦 🇦 🇲 🇴 🇴 🇹 🇴 🇹 🇦 🇾 🇮 🇭 🇺 🇩 🇦 🇦
M/Seenaa baraa isa Lammaffaa boqonnaa 10 - 36.
ᵈᵘᵇᵇⁱᶠᵃᵈʰᵃᵃ †@Galaa_jjreenyaa1 1️⃣ Rehoobiyaam. [10 - 12] 2️⃣ Abiiyyaa. [13] 3⃣Aasaaf. [14 - 16] 4⃣Yooshaafaax. [17 - 21: 3] 5⃣ Yehooraam. [21:4 - 22:9] 6⃣ Yoo'aash. [22:10 - 24:27] 7⃣Amaasiyaa [25] 8⃣Uuziyaa. [26] 9⃣Yootaam. [27] guutuusa 🔟Ahaaz. [28] 1️⃣1️⃣ Hisqiyaas. [29 - 32] 1️⃣2️⃣Minaasee. [33:1 - 20] 1️⃣3️⃣Aamoon. [33:21] 1️⃣4️⃣Yoosiyaas. [34 - 35] 1️⃣5️⃣Yehoo'az. [36:1- 14 ] 🔥K̸u̸f̸a̸a̸t̸i̸i̸ Y̸e̸r̸u̸u̸s̸a̸a̸l̸e̸m̸. [36:15-23] †@Galaa_jjreenyaa1➥ †@Galaa_jjreenyaa1➥ 👍 ➩➪ ➭➮ ✍✉ ˡⁱᵏᵉ ˢʰᵃʳᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗˢ
Hammasini ko'rsatish...