cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qilingยป, bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Galma Jireenyaa

Galma Jireenya keetii beeki! Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://t.me/Galma_Jireenyaa

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
399
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+27 kunlar
+1430 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Repost fromย Lammii Motivation
โœLammii Motivation ๐Ÿ’ชNama si hubatu dhabdee? ๐Ÿ‘‰Kabajamoo miidhama kee gufuu fi bu'aa bahii ati keessa dabartee fi dabraa jirtu keessa kee nama siif hubatu dhabde mitii ๐Ÿ’ชAbshiir rabbiin kee siif hubatee ati ofiif hubannaan gahaadha ๐Ÿ’ชKabajamoo irra hedduun ilma namaa sihii qormaatarra jiru ilaaluu hin fedhan ๐Ÿ’ชKanaafi bar ๐Ÿ‘‰yeroo namni tokko du'e yeroo inni jiru osoo hin ilaalin gaafa inni du'e ciisa isa kan dhoorkaniif ๐Ÿ’ชAmma madaa hedduu keessa jiraattee ๐Ÿ‘‰wal'aansoo jabduu keessa keetii wajji godhutti yoo jiraatte na amani nama koo ๐Ÿ‘‰furmaanni gaaffii keetii dhiyaachaa jira ๐Ÿ’ชOfii namoonni maaliif osoo nuti rakkachaa jirruu nu hubachuu hin barbaanne??? 1๐Ÿ‘‰Namoota ati rakkina kee itti himattu keessaa persentaa sagaltama(90%) ol rakkina keetiif dhimma hin qaban ๐Ÿ’ช๐Ÿ’ชkanaafi rakkina kee rabbii kee qofatti himattee furmaata isarraa eeguu kan qabduuf 2๐Ÿ‘‰Namni hundi rakkina isa rakkisu qaba ๐Ÿ’ชkabajamoo namni hundi wanta isa cinqu qaba ๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ชkan qabu qabeenya isaatiin dhabaanis akkasumatti wanta irraa hir'atetu jira saniif hubachuu hin dandeenye 3๐Ÿ‘‰Osoo nama fedhe taโ€™ee akka ati ofii yaaddutti namni siif yaadu waan hin jirreef ๐Ÿ’ช๐Ÿ’ชkabajamoo namoonni ati garaa kiyya jettuun wanta garaa kee keessa jiru yeroo itti siif hin hubanneetu jira kanaaf si hubachuu hin dandeenye ๐Ÿ’ชAmma waan tokkon siif mirkaneessa wanti amma si rakkisaa jiru kun hundi isaa yeroo isaa eeggatee akka furamuu fi badhaasni addaa fuuldura kee akka jiru nin amana ๐Ÿ’ชkanaaf abshiir habiibii rabbiin wanta keessa kee yaachisu kana si caalaa beeka ๐Ÿ™๐Ÿ™Ati of hubadhu ๐Ÿ™๐Ÿ™Of-hin dhiphisin ๐Ÿ™๐Ÿ™Humnaa ol hin yaadin ๐Ÿ™๐Ÿ™Gama samii ol iyyadhu ๐Ÿ™๐Ÿ™Du'aaiitti jabaadhu ๐Ÿ™๐Ÿ™Hundaa ol immoo ๐Ÿ™๐Ÿ™Wanta hunda isaaf dhiisii ๐Ÿ™๐Ÿ™Gammadii jiraadhu ๐Ÿ™๐Ÿ™Lammii Motivation ๐Ÿ™๐Ÿ™Hordofii sirriitti ๐Ÿ™๐Ÿ™irraa baradhu @Lemimotivation @Lemimotivation Gorsa bareedaa kana nama beektan hundaaf share godhaa chaanaalii keenyaaf miseensa ta'aa "Dhaloota mul'ata qabatee Mulโ€™atu ni uumna" Lammii Motivation Lammii Motivation "Gorsaa jireenyaa(Life Coach) fi Leenjisaa Milkaaโ€™inaa(success Coach ) Addunyaalessaa
Hammasini ko'rsatish...
Garaagaruummaa (Difference) """""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" โœ” Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu. โœ” Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu. โœ” Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha. โœ” Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada. โœ” Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha. โœ” Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha. โœ” Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena. โœ” Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu. โœ” Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu. โœ” Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an. โœ” Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu. Namni cimaan yeroo hunda cimina namaa dhugaa ba'a, fakkeenya godhata; namni dadhabaan garuu yeroo hunda dogoggora xiqqoo namarra barbaaduufi dadhabina namaa haasaโ€™uun yeroo isaa guba. Ati isa kam keessa jirta? #Yaa namanaa! Waa'ee namaa haasaโ€™uun jireenyakee keessaa daqiiqaa tokko gubuu irra waa'eekee sekoondii tokko yaaduutu bu'aa siif qaba.''  K.M Nama cimaa ta'i  Iddoon ati har'a jirtu,bakka ati booru itti argamtu miti. Guyyaan hundumtuu carraa guddaafi Sadarkaa guddina koo kan dabalanidha jedhii yaadi. Kisaaraa yaadaa keessa hin seenin. Salphina akka ulfinaatti hin fudhatiin. Hin yaadda'iin;dukkanni kee har'aa itti hin fufuuti.  Namoonni abdii si kutachiisan baay'ee tahuu danda'u. Ati garuu yoomillee ofii keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu. Harka hin kennin. Ija hin laafiin hunda hin sodaatiin. Gadda boodatti si deebisu keessa hin seeniin. Nama boorii akka taate hin dagatiin. Guyyaan borii ulfina baatee si eegaa jira. Ati nama abdii kutatee lafa har'a jirutti hafuu hin dandeenye akka taate hubadhu. Baga addunyaan nama akka keetii qabaatte. Si malee addunyaan guutuu miti. Hir'inni kee addunyaa kana baay'ee boodatti hambisa. Iddoon ati har'a jirtu, bakka ati bor itti argamtu miti. Waliif #Share gochuu hin dagatinaa Share share #Share #Join https://t.me/Galma_Jireenyaa
Hammasini ko'rsatish...
Galma Jireenyaa

Galma Jireenya keetii beeki! Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://t.me/Galma_Jireenyaa

Repost fromย Dhaloota Haaraya
Filannoo Walaloo Dhaloota Haaraya. Dorgomtoota Walaloo Marsaa 2ffaa. Hub:- Carraan kee 1 qofa. Itti yaadii filadhu! Galatoomaa! Carraa Gaarii! DHALOOTA HAARAYA AWARD. DEC 20, 2023.Anonymous voting
  • 1. Kunuuzaa Xahaa W06DH
  • 2. Abdataa Ahmad W02DH
  • 3. Qananii Khaliif W03DH
  • 4. Hamdi Abduljabbaar W08DH
  • 5. Lammii Khaliif W13DH
  • 6. Foowzaan Mohammed W07DH
0 votes
Kunuz kana filannee haa injifachiifnuu
Hammasini ko'rsatish...
Filannoo Walaloo Dhaloota Haaraya. Dorgomtoota Walaloo Marsaa 2ffaa. Hub:- Carraan kee 1 qofa. Itti yaadii filadhu! Galatoomaa! Carraa Gaarii! DHALOOTA HAARAYA AWARD. DEC 20, 2023.Anonymous voting
  • 1. Kunuuzaa Xahaa W06DH
  • 2. Abdataa Ahmad W02DH
  • 3. Qananii Khaliif W03DH
  • 4. Hamdi Abduljabbaar W08DH
  • 5. Lammii Khaliif W13DH
  • 6. Foowzaan Mohammed W07DH
0 votes
Naamusa (Amalaa) fi Milkaa'ina! Milkaa'ina argachuuf galma gati jabeessa qabaachuu qabda. Galmootakee warra baay'ee barbaaddu adda baastee qabatta. Wantoota milkaa'ina keetiif gargaaru jettee yaaddu argachuuf barachuu qabda. Barsiisonni baay'ee qaxaleen wanta ati dhugdu siif hin kennan garuu, akka ati dheebottu gochuun atumti dheebuukeef deebii akka barbaaddu karaa irra si qajeelchu. Kana keessatti kufaatii injifachuuf of qopheessi. Kana gochuuf immoo furtuulee gara milkaa'inaatti sigeessan kanneen akka fedhii, dhimmamuu, itti gaafatamummaa, hojii cimaa, amala, amantaa gaarii, fudhachuu caalaa kennuu, kutannoo, hojii ofiitiin boonuu, miira barattummaafi gorsaa qabaachuu qabda. Ammoo milkaa'ina caala rakkisaan akkaataa ittiin milkaa'inicha qabannudha. Namoonni baay'een akkamitti akka milkaa'an beeku garuu erga milkaa'anii akkamitti akka milkaa'ina isaanii qabatan hin beekan. Kanaafis dandeettiifi amalli baay'ee barbaachisaadha. Sababnisaa dandeettiin milkaa'ina si gonfachiisee ammalli immoo milkaa'ina keessatti si eega. Kanaafuu amalaafi dandeettii ofii dagaagfachuun daa'imummaa irraa eegalee hanga du'aatti itti fufuu qaba. Guyyaa shaggaa qabaadhaa! Lafa nagaa oolaa! ๐Ÿ’” โœjoin๐Ÿ‘‰Galma Jireenya keetii beeki! Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://t.me/Galma_Jireenyaa
Hammasini ko'rsatish...
Galma Jireenyaa

Galma Jireenya keetii beeki! Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://t.me/Galma_Jireenyaa

Jireenya jiraattu keessatti wanti hubachuu qabdu jira. 1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba. 2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kenniin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi! 3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutiin! Kufuun dhuma jireenyaa miti. 4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin booniin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti. 5ffaa: Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'iin (bira hin gahiin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatiin! Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan. Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha! โ— Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabaalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima. โ— Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee. โ— Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko rakkina keessa darbuun waanuma jiru. Maadda; Garee Baallee Kitaaba Join formore: Galma Jireenya keetii beeki! Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://t.me/Galma_Jireenyaa
Hammasini ko'rsatish...
Galma Jireenyaa

Galma Jireenya keetii beeki! Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://t.me/Galma_Jireenyaa

Galma Jireenya keetii beeki! Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://t.me/Galma_Jireenyaa
Hammasini ko'rsatish...
Galma Jireenyaa

Galma Jireenya keetii beeki! Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://t.me/Galma_Jireenyaa

Hammasini ko'rsatish...
"YAADA KEE JIJJIIRI, JIREENYA KEE JIJJIIRRAA: 1. Yaadni kee dhugaa kee uuma. Akkaataan ati waaโ€™ee ofii keetii, jireenya keetii fi addunyaa naannoo kee jiruuf yaaddu milkaaโ€™ina kee fi gammachuu kee murteessa. Waan tokko galmaan gahuu akka dandeessu yoo amante carraaqqii gochuu fi tarkaanfii barbaachisaa taโ€™e fudhachuun galmaan gaโ€™uuf carraan kee guddaadha. 2. Yaada kee jijjiiruuf humna qabda. Wanta si mudatu hunda toสผachuu dadhabuu dandeessa, garuu akkaataa itti yaaddu toสผachuu dandeessa. Waan gadhee irratti xiyyeeffachuu mannaa, wantoota gaarii jireenya keetii fi wantoota galmaan gahuu barbaaddu irratti xiyyeeffachuu filadhu. 3. Amantiin kee sooftiweerii sammuu kee fiiguudha. Amantiin kee tilmaama buโ€™uuraa waaโ€™ee ofii keetii fi addunyaa kanaa qabdudha. Amantiin kee kan daangeffame yoo taโ€™e, dandeettii kee guutuu akka hin arganne si dhorka. Amantii kee isa daangeffame adda baafadhuu mormi, kan humna namaaf taโ€™een bakka buusi. 4. Milkaa'inaaf sammuu kee irra deebitee saganteessuu dandeessa. Akkuma kompiitara sammuun kee irra deebiin saganteessuun ni dandaสผama. Tooftaalee akka mulโ€™achuu, mirkaneessuu fi xiinxaluu fayyadamuun caalaatti gaarii fi buโ€™a qabeessa taโ€™ee yaaduu barachuu dandeessa. 5. Galma ifa taโ€™e ofii keetiif kaaโ€™i. Jireenya keessatti maal galmaan gahuu barbaadda? Waan barbaaddu erga beektee booda, argachuuf karoora baasuu jalqabuu dandeessa. Xiyyeeffannoo fi kakaโ€™umsa akka qabaattu si gargaaruuf galmoota addaa, safaramuu dandaโ€™an, galma gaโ€™uu dandaโ€™an, barbaachisoo fi yeroon murtaaโ€™an (SMART) kaaโ€™i. 6. Cimina kee irratti xiyyeeffadhu. Namni kamuu ciminaa fi hanqina qaba. Cimina kee irratti xiyyeeffadhuu kaayyoo kee galmaan gaโ€™uuf itti fayyadami. Dadhabina kee mo'achuuf yeroo kee hin gubin. 7. Tarkaanfii guddaa fudhachuu. Waan gochuu barbaaddu qofa taa'ee hin yaadin. Tarkaanfii fudhadhaa. Tarkaanfii baay'ee yoo fudhatte kaayyoo kee daftee galmaan ga'a." Maadda: Kanan dubbise Miidiyaa haawwasaa irra! https://t.me/Galma_Jireenyaa
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.