267
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
-230 kunlar
- Kanalning o'sishi
- Post qamrovi
- ER - jalb qilish nisbati
Ma'lumot yuklanmoqda...
Obunachilar o'sish tezligi
Ma'lumot yuklanmoqda...
Dhaddachi ijbbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jiildii 24ffaa galmee lakk 169522 ta’e irratti hiikkoo kenneen
‘’Qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti falmiin irratti gaggeeffamaa jiru qulqulleessee akka dhiheessu mana murtiitiin yeroo ajajame Sanadoota harka isaa jiru qofa irraa qulqulleessee akka dhiheessu qofa ajajamuu qaba. Kana bira darbee qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti dhiyaate tokko irratti ragaa dhagahee yookin qaboo yaa’ii qabatee akka qulqulleessu ajajni kennamu fudhatama hin qabu. Dhimmichi ragaadhaan (kan dabalataatiin) kan qulqullaa’u yoo ta’es Ragoota dhiheessuudhaan bu’uura seera jiruutiin ragoota gaafatee fi qoratee qulqulleessuu kan qabu mana murtiiti malee qaama biraatii miti’’ jechuudhaan hiikkoo kennee jira. Haa ta’u malee manneen murtii keenya Qaamolee bulchiinsaa ajajuudhaan ogeessonni qaamolee bulchiinsaa immoo akkuma mana murtiitti ragaa bitaa fi mirgaa dhagahuudhaan qaboo yaa’ii qabatanii, qaboo yaa’ii irratti xiinxala godhanii cuunfaa isaa gabaasa mana murtiitiif dhiheessu. Manneen murtii keenyas ragaa kaksiisanii ofii dhagahan caalaa ragaa haala kanaan dhiyaateef madaallii guddaa kennuudhaan murteessaa jiru. Kanarraa kan ka’e ragaa Sobaa manneen murtiitiin alatti osoo hin kakatin fuudhamuun haqni nama hedduu jal’achaa jira. Hojmaata sirrachuu qabuudha.
Source Dereje Girma. https://t.me/esile12
Darbiinsa Yeroo Himannaa Qajeeltoofi Bu’aa Isaa
1. Seeraan haala biroon kan tumame yoo ta’e malee, barri darbiinsa yeroo armaan
gaditti ibsame erga darbee booda yakka kamiyyuu ilaalchisee iyyannoo dhuunfaa
yookiin himannaa yakkaa fuudhuufi dhimmicha abbaa seerummaan ilaaluun hin
danda’amu.
Barri darbiinsa yeroo darbuun, hirmaataa yakkaa kamiifiyyuu adabbii ni hambisa.
Yeroon darbiinsa yeroof murtaa’e yoo darbe, murtiin balleessummaa yookiin
adabbiin yookiin tarkaanfiin eeggannoo murtaa’uuhin danda’u.
2. Himannichi darbiinsa yeroon dhorkamuusaafi himannicha fuudhuun kan hin malle
ta’uusaa himatamtichi kan hin iyyanne yoo ta’ellee, abbaan alangaa yookiin manni
murtii yeroo kamiyyuu kaasuu qaba. Darbiinsa Yeroo Himannaa Dhiheessuu Idilee
1. Gocha yakkaatiin darbiinsi yeroo himannaa dhiheessuu kan ragga’ubu’uura
armaan gaditti ibsameen ta’a:
(a) yakka murtii du’aa yookiin hidhaa cimaa umurii guutuu adabsiisuuf waggaa
digdamii shan,
(b) hidhaa cimaa waggaa kudhanii ol, hanga waggaa digdamii shan gahuu
danda’u adabsiisuuf waggaa digdama,
(c) hidhaa cimaa waggaa shanii ol, hanga waggaa kudhanii gahuu danda’u
adabsiisuuf waggaa kudha shan,
(d) yakka hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen adabsiisuuf waggaa
kudhan,
(e) yakka hidhaa salphaa waggaa tokkoo ol adabsiisuuf waggaa shan,
(f) yakka hidhaa salphaa hanga waggaa tokkootti adabsiisu yookiin adabbii
maallaqaa qofaan adabsiisuuf waggaa sadi.
2. Yakkoonni dachaa raawwatamanii yommuu argaman:
(a) adabbii olaanaan yakkoota sanaa wal fakkaataa yommuu ta’an, barri
darbiinsa yeroo yakka isa tokkoo yakkoota hundumaa irratti raawwatamaa
ni ta’a.(b) adabbiilee olaanaan yakkoota sanaa addadda yommuu ta’utti, barri
darbiinsa yeroo yakka hunda keessaa cimaa ta’ee yakkoota biroo irrattis
raawwatamaa ni ta’a. Darbiinsa Yeroo Addaa Iyyannoo Dhuunfaa
Tumaan keewwata 213 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, barri darbiinsa
yeroo yakka iyyannoo dhuunfaa qofaan adabsiisu waggaa lamadha. Lakkoofsa Darbiinsa Yeroo
1. Barri darbiinsa yeroo kan herreegamu haalawwan adabbii cimsan yookiin salphisan
tilmaama keessa osoo hin galiin adabbii olaanaa kutaa addaa seera kanaa
keessatti tumame bu’uura godhachuun ta’a. Yakki raawwatame filannoon yookiin
dachaan adabbiilee raawwatiinsa qabaniin kan adabsiisan yoo ta’e, barri darbiinsa
yeroo kan herreegamu hunda keessaa yakka cimaa ta’eef adabbii kutaa addaa
seera kanaa keessatti tumame bu’uura godhachuun ta’a.
2. Barri darbiinsa yeroo lakkaa’amuu kan eegalu balleessichi guyyaa gocha
yakkichaa raawwate irraa eegaleeti.
Gochi yakkichaa irra deddeebi’amee kan raawwatame yoo ta’e, barri darbiinsa
yeroo lakkaa’amuu kan eegalu gochi yakkichaa inni dhumaa guyyaa raawwatame
irraa eegaleeti. Akkasumas, gochi yakkichaa yeroo dheeraaf raawwatamaa kan
ture yoo ta’e, barri darbiinsa yeroo lakkaa’amuu kan eegalu, gochi yakkichaa
guyyaa dhaabbate irraa eegaleeti.
Yakkichi raawwatameera jechuun kan danda’amu, amaloota isaa keessaa tokko
bu’aa yakkichaa kan ta’e yoo ta’e, barri darbiinsa yeroo lakkaa’amuu kan eegalu
bu’aan yakkichaa guyyaa argame irraa eegaleeti. . Bara Darbiinsa Yeroo Adabbii Idilee
1. Barri darbiinsa yeroo adabbiifi tarkaanfilee eeggannoo kan ragga’u haala armaan
gadiitiin ta’a;
(a) murtii du’aaf, yookiin hidhaa cimaa umurii guutuuf waggaa soddoma,
(b) adabbii bilisummaa dhabsiisuu waggaa kudhanii ol ta’eef waggaa digdama,
(c) adabbii bilisummaa dhabsiisuu waggaa tokkoo ol ta’eef waggaa kudhan,
(d) murtii adabbii yookiin tarkaanfii eeggannoo biroo kamiifiyyuu waggaa shan.
2. Adabbiileen dachaa kan murtaa’an yoo ta’e, adabbiileen salphaa ta’an darbiinsa
yerootiin hafaa kan ta’an hunduma keessaa adabbiin cimaa ta’e yommuu darbiinsa
yerootiin hafaa ta’udha.
KUNIS NI JIRA Keewwata 566. Nafsaala Dubartii Hodhuun Yakkaa ta'u isaa:
1. Namni kamiyyuu nafsaala dubartii tokkoo kan hodhe yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2. Gocha keewwata xiqqaa tokko jalatti ibsameen miidhaan qaamaa yookiin fayyaa
kan gahe yoo ta’e; tumaan seera yakkaatiin adabbii olaanaa murteessisu akkuma
eegametti ta’ee, adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii
gahu ni ta’a.
akka haala dubbichaatti adabbicha olkaasuun adabbii maallaqaa hanga qarshii
kuma dhibba tokkoo gahu itti murteessuu ni danda’a.
Yoomiyyuu yoo ta’e adabbiin maallaqichaa sababa gocha yakkichaan bu’aa
argame dhaaluu dabalatee kan murtaa’u ni ta’a.
2. Gocha yakkichaa raawwachuuf kan isa kakaase sababa jaalala maallaqaa ta’ee,
jaalalli maallaqaa kun yakka ka’umsa ta’e kan hin hundeessine yoo ta’es, adabbii
badii akkanaaf malu tumaalee kutaa addaa seerichaa keessatti adabbiin
maallaqaa ibsamee kan hin tumamne yoo ta’ellee manni murtichaa adabbii hidhaa
yookiin tarkaanfii eeggannoo murteessu waliin adabbii maallaqichaa murteessuu
ni danda’a.
Kana beektuu laata? Seerri Yakkaa Biyyaa Keenya akka jedhuutti Keewwatni 92 akkas jedha. Jaalalli Maallaqaa Adabbii Cimsuuf Sababa Ta’uu Isaa
1. Tumaaleen addaa dambilee adabbii olaanaa addatti murteessan akkuma
eegamanitti ta’anii, yakkamtichi yakka kan raawwate miirri jaalala maallaqaa isa
kakaasee yookiin yakkamtummaa akka hojii ogummaa isaatti lakkaa’uun hojii isaa
kanaan haalli mijataan faayidaa itti argachuu danda’u yommuu isa mudatu, gocha
isaa akkanaatiin fayyadamuufi kanuma akka argannaa faayidaatti kan lakkaa’e
ta’ee haalli jireenya isaafi faayidaan yakkichaan argate gochuma isaa kana ifatti
kan agarsiisu sababa gahaa ta’uunsaa kan tilmaamame yoo ta’e manni murtichaa
Repost from N/a
Labsii lafa baadiyaa naannoo Oromiyaa lakk. 248
Labsii Lak 248 bara 2015.pdf57.72 MB
LHD M-16--Leenjii Lafa baadiyyaa fi magaalaa.pptx8.49 MB
Leenjii Labsii Lafa baadiyyaa MMWO.pptx1.05 MB
seera dhaalaa fi darbiinsa yeroo.pdf4.34 KB
Kaffaltii abbaa seerummaa By Bikila Birhanu Geremu.pdf4.20 KB
Repost from Karam Tamaam ከረም ተማም
⚖️LSU, For Advanced Acedamic Purpose
ForAccessibity of Laws👇Come👇here and Join Us
https://t.me/LawStudentsUnion
Intellectual-Property.docx2.50 KB
Repost from Karam Tamaam ከረም ተማም
Intellectual_Property_The_Law_of_Trademarks,_Copyrights,_Patents.pdf18.39 MB
Repost from Karam Tamaam ከረም ተማም
𝗤𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗳𝗮𝗺𝗮 𝗡𝗮𝗮𝗺𝘂𝘀𝗮 𝗕𝗮𝗿𝗮𝘁𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗮𝗯𝗶𝗹𝗲𝗲 𝗕𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮 𝗢𝗹'𝗮𝗮𝗻𝗼𝗼
የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ተማሪዎች ዲስፕሊን መመሪያ
የከፍተኛ_ትምህርት_ተቋማት_ተማሪዎች_ዲስፕሊን_መመሪያ1_1.pdf21.14 MB
Repost from Karam Tamaam ከረም ተማም
Intellectual property law handout.pdf1.54 MB
Boshqa reja tanlang
Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.