cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Abdii Saadiqee

Yaadota sammuu namaatif dhiyana tahu irra argattuu qoosaa fi walaloo bohartii wal duraa duuban irra argachuu ni dandeessu. Nu hordofaa!https://t.me/+_oOVzpjchVsyZjNk

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
199
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-17 kunlar
-330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailable
Maashaa Allaah Rabbiin Rizqii Gurguddoo Sitti Haakennu. Obboleeysi Keenya #Abdusalaam_Aniyyaa Ykn #Adusalaam_Mohammad Gargaarsa Obboleeysa Keenyaa #Kiyyaa_Caalaa Kan Biyya Liibiyaatti Shiftootaan Qabamee Dararamaa Jiruuf Qarshii Kuma 150 (150,000) Arjoomee Jira. Milkaawi Obboleeysa Keenya Rabbiin Nuuf Haa Baasu. Jabaadhaa Irra Aannee. Galatoomi Galatoomi 🙏🏼🙏🏼🙏🏼 Adeera kiyyaa Umrii dheeradhu
Hammasini ko'rsatish...
Addunyaan kun faallaadha! Addunyaan kun faallaadha Hin hojjattu waan sirrii Haqarraa fagaattee Guutamte waan sharriin Kan uffanni maluuf Nama qullaa taasifti Kaartooniidhaaf Robootii Uffata itti uffisti Jallinaan haguugamtee Addunyaan kun barana Furmaanni maali jettu Mee natti himaa jarana! Kan silaa uffatee Uffannaan irraa tolu Filatee diratee Bareeduun irraa malu Rakkatee qullaa deema Ija namaa ilaaalaa Addunyaan kun faallaadha Mee hubadhaa laalaa!
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailable
Hiriyaa kiyyaa kaniin akka lubbuu kiyyaa jaaladhu rabbiin harka zaalimtootaati sibaase nagayan sihaa galchuu biyyaa abbaa keenyaatti..!
Hammasini ko'rsatish...
😢 3
Ifaa Addunyaa tana ♡ Nabii Muhammad♡ Sallallaahu Aleeyhi Wassallam💔}
Hammasini ko'rsatish...
Onnattuu lubbuu koo! Hamileen sin bu'in Ilaaltee waan baraa Humna naaf godhadhu Jajjabaadhu adaraa Gufuu si sakaalu Laaltee huraaf huubaa Onnattuu lubbuu koo Hin laalin of duubaa Qormaataan eela'ee Madaa'us keessi kee Takkaa of duubatti Hin deebin deemsi kee Yeroof wanta yaadde Argachuus yoo haftee Miira keef bitamtee Hin kufin moo'amtee Yaadaan hin faca'in Woli sassaabbadhuu Obsi hunda moo'i Jabaadhuu dhaabbadhuu Yaaddoon hin yeela'in Balbala kee cuftee Fuulduratti deemi Nan qaanessin kuftee... Lubbuu koo bareedduu Ba'i gaara guddaa Cimii irra aani Dagadhu waan hundaa Doonii jaalalaarraa Hin dhidhimin lamuu Tasa sin baraaru Jabaaf beekaan kamuu Kaayyoo kankee qofaaf Booji'amii fiigii Addunyaa dhuunfadhuu Karra cubbuu diigii.. Jajjabaaduu lubbuu koo Gadi galoo nyaarii Ifa keen dhaqqabii Addunyaa ijaarii.... Onnattuu lubbuu koo Galma sobaa raasii Akka worra darbee Seenaa kee ol kaasii! Yaadota sammuu namaatif dhiyana tahu irra argattuu qoosaa fi walaloo bohartii wal duraa duuban irra argachuu ni dandeessu. Nu hordofaa!https://t.me/+_oOVzpjchVsyZjNk
Hammasini ko'rsatish...
Abdii Saadiqee

Yaadota sammuu namaatif dhiyana tahu irra argattuu qoosaa fi walaloo bohartii wal duraa duuban irra argachuu ni dandeessu. Nu hordofaa!

https://t.me/+_oOVzpjchVsyZjNk

🥰 3💔 1
𝗜𝗺𝗶𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗝𝗮𝗮𝗹𝗮𝗹𝗮𝗮!💓 Ofitti gaabben booya Lolaasa imimmaanii Siyaadeetan gooya Gubadhee jaalalaanii, Qaroon ijaan arguu Siseeti wanta millattuu Of~cinaan silaalaa Siyaamu hin awwaattuu, Ofiin dagadhee wallaala Ofin beeku malummaanii Yoon yaadadhu jaalalaa Niin lolaasa imimmaanii, Raareef tabbaan bahaa Walitti qindeesse guure Yoon si argu nan~naha Yaadan qalbiin jooree, Kophaan taa'e haasa'a Gungumee anummaanii Yaada keetin joonja'aa Jaalalakeef imimmaanii,
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailable
Iccitii Lakkoofsa 7 beeytuu? *Baayyyinni Samii 7 *Torbanitti guyyaa 7 tu jira *Balbalti jahannam 7 *Naannawa kaabaa yeroo7 naannawama *Safwaa walmarwaa jidduu 7 fiigama *Ijoolleen akka salaatatatti ajajamtu amata 7 tti jedhan # Rasuulli(SAW) *Suuratul fathii Aayata 7 qaba *Hajjiitti jamratul aqabaaatti dhakaa 7darbatama *Hogguu iidaa takbiiraa 7tu godhama *Addunyaa kanarra ardii 7 tu jira *Guyyaa qiyaamaa nama gosa 7 tu gaaddisa jalatti dheessa # Shareosoo gootanii Rabbiin milkii ufii isiniif haa fedhu
Hammasini ko'rsatish...
Naamusaan masakamee Isa sabaa jiraatu WBO'n nuuf dhiiga Kan dhugaa sabaa baatu Duris hin qabu WBO'n Garaa hammina yaadu Dhugaan saba isaatii Tasa baduu hin barbaadu Safuu saba eegaa Tarsiimoon ijaarame Deebisuuf ifaaja Haqa haqaaqame WBO'n Naamusadha Naamusa namummaa Calaqqee keenyadha Faajjii Oromummaa Aayyoof Aabboo ajjeesee Irratti hin geeraru Mirga namaa sarbee Humnaan hin dararu WBO'n naamusadha Kan dhugaaf dhaabbatu WBO'n nuuf dhiigadha Nuyiif haa jiraatu❤️❤️❤️
Hammasini ko'rsatish...
🥰 1
Photo unavailable
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.