cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

○🥀Asoosama....!

Ko'proq ko'rsatish
FinlandiyaTil belgilanmaganKitoblar
Reklama postlari
1 122
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Isin inuma jirtuumii🙏
Hammasini ko'rsatish...
Channel kun 1K gaafa seenetti Asoosama ka biraa tokko isiniif qopheessuuf niin yaala yoo Rabbi naan fadhe. Garuu waadaa miti ! @furaa1
Hammasini ko'rsatish...
Asoosamicha irraa maal barattan? Hanqinni isaa kaniin Asoosama gama fuul duraatti yoo Rabbi naan fadhe qopheessu irratti isiniif fooyyeessuu Qabu maalfaadha? Gaafii lamaan kana irratti hirmaadhaa 🙏
Hammasini ko'rsatish...
💔Dirmammuu Fayye ❤️ 🎋🎋Kutaa 15ffaa🎋🎋 Kennaan siif kannuuf deemu saniif guyyaan isaa arra gahee jira akkuma naan ja'etti kufe, ol qabnee gad qabneeti dadhabne makiinaa kaafnee fuunee mana yaalaa geessine. Kutaa emergency(yaala hatattamaa) keessa galchinee alatti nu dhaaban. Kana dhageessee bakka jirtuu kaatee dhufte Dr Maraaf. Akka dhufteen abbaa kiyya hammattee fayyaa qabdanii jattee akka waan waggaa 60 fi 70 wal hin arginii takkatti itti maramtee irratti booche, achi booda gama kiyya dhuftee anatti maramtee ana irrattiis akkasuma Boochee garaa na balleessite. Caaltuu isii ala baatu arraan arge, iddoo takka qabannee atoo Nadhii eeguuf qalbiin Rakkataa gad tatteenye. Dr cufti Caaltuu dubbisee ngy gaafatu malee bira hin dabru. Niin ajaaibsiifadhe. Namoonni itti baayyatee dubbiin isii cinqinaan carqii xiqqoo takkaan fuula hidhattee teesse, akka namni achiin dabru isii hin beeyneef. Daqiiqaa muraasa booda Nadhiin ni beeyfate. Yeroo takka takka akka gaggabdoo dhukkuba isa godhu akka Qabu caaltuun naaf himtee turte. Fuunee gara manaa yaane. 🥰Manatti gallee yeroo gad tatteenyu Dr Maraaf anaaf abbaa kiyya jidduu gad teesse, Mataa isiitiin qoma koo irra gad ciiste, Rifeensa isii qaqqabataan Jaalala teenya ta joollummaa yaaduu eegale. Fayyaa isii kana arguu kootti gammachuu tilmaamuun ulfaatu tokkon gammadaa jira, jiddumaan caaltuun ol kaatee sagantichi itti haa fufnuu jatte, Nadhiin tole atumti nuuf itti fufi ja'een. Ani Caaltuu Nadhiin ja'ama Nadhiin abbaaf haadhaas tahee isa ana guddiseedha, haa galatoomuu! haati koo anaa if hin barin ana irraa duute yeroo isiin jattu, maal ja'een lallabee ol ka'ee dhaabbadhe , tasgabbaahi Marsimooy! naan jatte, akkamittiin amana ati ta isaa tahuu jaeen lallabe, Dr Maraaf dhugaa isiiti tanuma isaatii jattee seeyxe. Caaltuun dubbii isii itti fufte. Abbaan koo akkaan an Afaan bareen mana barnootaa na galche, umriin koo waggaa kudha 12 yeroo tahu kutaa 11n baradha, kutaa baayyee Tarmii Tarmiin baradheen irra dabre, arra kunoo sadarkaa kana gaheen jira, barnoota hedduun Roga internet kana irraan kannaa jira. Amma gara boqonnaa itti aanuttiin cahuuf deema, boqonnaan saniis bultii Mataa kootii dhaabuudha, Dargaggeesa hedduun ulaagaa hedduun qoraa ture akka naaf tahu laaluuf, namni qormaata koo mara darbe Marsimooy qofa isa filadhee isaa waliin bultii koo ijaaruuf murtii koo isa dhumaa irra gaheen jira yeroo isiin jattu Dr Maraaf ol kaatee harka dhooytee kolfa gammachuu kofalte, abbaan koo ija baasee harkaan Afaan qabatee ija irraan imimmaan dhangalaasee, ani immoo arrabni koo sosso'uu dadhabe miilli koo socha'uu dadhabe. Caaltuun immoo kana mara laaltee koflaa jirti. Guyyaa itti aanu Nikaan ni godhame, yeroo nikaan godhamu kaatee na hammatte qaamni kiyya qaama isiitti yoo maraamu imimmmaan eessaa akka dhufe hin beeyne kun ana irraan bu'e. Torbee kana gama dhumaatti cidha magaalaa saniif adda tahe tokko bifa addaatiin godhanne biyya ajab jachisiifne ! Dirammuun koos akkasiin fayye. 🥀Xumuramee Jira 🙏 👋👋 @Furaa1 👋👋
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
💥Dirmammuu fayye !💥 Arra galgala Sa'aa 3 irratti na eegaa, kutaa itti aanu🙏
Hammasini ko'rsatish...
❤️ 14
😘
🥰 3
🙏 1
Arrallee Kutaa itti aanu waa hin dandeenye !
Hammasini ko'rsatish...
Arra kutaa itti aanu isiniif maxxansuu waaniin dandahu hin sahu, yoon dandahe niin yaala ykn guyyaa biraan qabadhee dhufaan Insha'Allaah. Qalbii guutuun nan Eeginaa ! 🙏🙏
Hammasini ko'rsatish...
💔',,,,,,,,Kutaa 14ffaa',,,,,,,,🎉 Yeroo gara mana kiyyaa ol deemu abbaan koon mana kiyya hulaa irra ka dhaabbatuun arge, manaama keessa akkan jiru na fakkaate, yeroon gara mana Caaltuu(daleeyduu) achi laalu hulaa isii irra dhaabbattee seeqaa jirti. Abbaa koo itti ol fiigeen hammadhee ifitti qabe. Ol seenaa ja'een gara manaa ol seennee gad teenye. Abbaa koo Nadhiitu akka garana dhufu godhe. Sa'aan qabamee ture san ni gahe, Nadhiin sagantaan keenya akka eegaluuf deemu nuuf hime, caaltuun garuu hin jirtu caaltuun hoo ja'een gaafadhe Nadhii. Isiin barnoota online irraan barsiistu tokko qabdi sa'aan isiin itti barsiiftu amma daqiiqaa 30 booda ni dhufti naan ja'e. Maal akka jachu jiru naaf hin galle "Caaltuu daleeyduu mooraa tana keessa jirtu saniin baanaa bar" jannaniin Ee naaf galee jira naan ja'e Nadhiin. Isiin barnoota maaliiti sa'aa kana barsiifti, isiin hoo barattee jirtii ja'een gaafadhe. Isiin professora course hedduu toora internet irraan dhaabbata hedduu waliin kanniti naan ja'e. Obboo Nadhii maaloo qoosaa jirtu moo ja'een ol ka'e. Dhugaa kiyya deemtee laaluu ni dandeessa naan ja'e, jarjarfadheen mana isii seene. Mana isii arra malee akkatti seenee hin beeku. Iddoo isiin teessee barsiiftu niin laale computer isiin irraa barsiisaa jirtu niin laale, computer isiin irraa barsiiftu Apple. Yeroon an ol seenu barattoota isiitti Ngy dhaammattee sagantaa ittii aanuun hanga wal arginuu gaafii san dalagaatii walitti deebinaa jattee ingliffaa akka faranjiitti akka wali dhahaa haasooyti. Mana mooraa san keessa jiruun wal bira yoo qabde manni isii mana hunda caalaa bifa addaatiin jaaramee Jira. Computer isii walitti gad cuftee Marsimooy maal jatte naan jatte, waan isiin jatte kana dhagahuu kiyya malee yeroon nadhii biratti deebi'e if hin garre. Na duuba deemaa dhufte seeqaa, akkaan an rifadhe beeytee akka isiin seeqaa jirtu naaf gale. Nadhiin isin cufti dhuftanii jirtu sagantaa koo jalqabuun duratti abbaan Marsimooy du'aa'ii nuuf haa godhuu naan ja'e, abbaankoo du'aa'ii nuuf godhe. Achiin booda Nadhiin dubbii jalqabe. Guyyaan arraa kun guyyaa addaatii guyyaa kana keessatti waa hedduu kaafnee waliin laalla. Duraan duursee Abbaa Marsimooy isa ilma akkanaa dhalee nuuf gumaache hedduu galatoomi jachuuniin barbaada. Kana dura namoota hedduun hojjachiisaa ture, nama akka Marsimooy hojjachiisee hin beeku, mucaa hiriyyaa keetii saniis anaatu si jalatti godhe, bifa hedduu tokkooniin si fattanaa ture, fatanaa akkanaa mana kanatti nama baayyeetuu kufee ture ati garuu nama jalaqaba fatanaa kana darbe taatee jirta. Lafa takka kanaan duratti biteen mana irratti jaaree ture, manni san jaarmaya bifa addaatiin xumuramee jira, waraqaan arra dura si dhooysee ture san mana san akka kennaatti maqaa keeti siif jijjiiruuf process irraan ture arra immoo siif xumuramee jira. Kennaa san siif kannuuf guyyaan arra gahee jira akkuma naan ja'etti kufe....... 💔.......itti fufa.......😁😢 @furaa1
Hammasini ko'rsatish...
Arra nan eeginaa kutaa itti aanu arra hin maxxansu🙏😔
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🙏🙏🙏 Hin hifatinaa Xiinxalaa, ani akka isin xiinxalaa jirtanitti xumuruu dhabuun mala garuu😁😁 🙏....... @furaa1 ........🙏
Hammasini ko'rsatish...