uz
Feedback

Firibgarlarga uchmang! Telemetrio bunday kanallarni topadi va belgilaydi 👉 Belgini ko‘rmoqchi bo‘lsangiz, obuna bo‘ling

Abdi Asefa Law channel

Abdi Asefa Law channel

Kanalga Telegram’da o‘tish

ILQSO

Ko'proq ko'rsatish
2 063
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-27 kun
-930 kun
Postlar arxiv
Criminal procedure and evidence law New published 2019 https://t.me/binimoslawyer

Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.267/2019

Repost from Jemal Kumbi
Gareen 3ffaan gaaffii akkasii qabu yoo jiraate fi mana Murtii Aanaatti dhimmichi ilaalchifachuu fedhii kan qabu yoo ta’e garuu tumaa Labsii Lkk 1237/2013 kwt 40 kana akka muxannoo gaariitti (akka dirqamaatti miti) fudhachuun abbootiin Murtii Mana Murtii Aanaa yoo hojii irra oolchan seerri daangessu ykn dhoorku kan jiru hinfakkaatu. Haaluma walfakkaatuun gareen 3ffaan otuu inni hinfalmatin ykn hinbeekin falmiin jaarsummaa abbaa seeraa irratti gaggeeffamuun murtiin mirga isaa tuqu itti kenname guyyaa murtichi kennamuu beeke irraa eegalee guyyoota 60 keessatti iyyannoo isaa mana Murtii idilee silaa dhimmichi jaarsummaa abbaa seeraatti dhiyaachuu baatee dhimmicha ilaaluuf aangoo qabutti dhiyeeffachuu akka qabu Labsii Lkk 1237/2013 kwt 48(1) jalatti kan tumame yoo ta’u tumaalee Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa mormii Murtii fi raawwii murtii mormuu ilaallatan (SDFHH kwt 358, 418-419) hanga labsichaan walhinfaallessinetti raawwatiinsa akka qabanis labsicha kwt 48(5) jalatti ibsamee jira. Gama kanaanis Labsii Lkk 240/2013 tumaan walfakkaataan ykn mirgoota akkasiif eegumsa kennuu dandeessisu kan hinjirre ta’us mormii raawwii murtii qabeenya murtiin abbaa Idaa qabuun raawwatamu qofa ilaalchisee namni qabeenyicha irraa mirga qabu Mana Murtii Aadaa raawwii ajajetti iyyachuun dhimmichi ragaan qulqullaa’ee manuma Murtii Aadaatti fala argachuu akka danda’u garuu dambii lkk 10/2014 dambii mana Murtii Aadaa Lkk 240/2013 raawwachuuf bahe kwt 40(5-7) jalatti diriirfamuun tumamee jira. Kunis isa SDFHH kwt 418-419 jiru kan fudhatame ta’uu agarsiisa. Walumaagalatti adeemsa falmii dhimma jaarsummaa abbaa seeraa biratti dhiyaate keessatti gareen 3ffaan mirga qaba jedhu sadarkaa sadarkaan mirga isaa ittiin kabajchiifachuu danda’u labsiin Lkk 1237/2013 Haala ifaa fi gahaa ta’een kan diriirse yemmuu ta’u labsiin Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa Lkk 240/2013 garuu mormii raawwii murtii irratti dhiyaatu irraan kan hafe dhimma mana Murtii Aadaatti dhiyaate ilaalchisee sirna gareen 3ffaan mirgi koo tuqame jedhu falmii keessa ittiin Seenuu danda’us ta’ee murtii otuu inni hinbeekin is duuba mirga isaa irratti kenname ittiin mormatuu danda’us hintumne ykn hinhammanne waan ta’eef qabatamatti qaawwa Seerichaa rakkoo affeeru ta’ee argama.  https://t.me/speaklawinabsentia

Repost from Jemal Kumbi
Dhimma Falmii Mana Murtii Aadaatti Dhiyaate Irraa Gareen 3ffaan Dantaa Qabu Mirga Isaa Akkamitti Kabajchiifachuu Danda’a?  =================================================== Labsii Abbaa Seeraa Jaarsummaa fi Araaraa Lkk 1237/2013 kwt 6, kwt  40, kwt 48(1) fi 48(5): Labsii Mana Murtii Aadaa Oromiyaa Lkk 240/2013 kwt 25, kwt 33(1,2,-11);   Dambii Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa Lkk, 10/2014 kwt 40(5-7) waliin kan ilaalame ================================== Namoonni Waldiddaa isaan giddutti uumamu karaa ittiin fixatan ykn karaa itti haqa argatan adda addaa keessaa inni tokko fedhii fi waliigaltee isaanii irratti hundaa’ee kan hojjetu jaarsummaa abbaa seeraa (arbitrator) Labsii lkk 1237/2013 jalatti diriirfamee sirna argamuu fi akkasumas Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lkk 240/2013n hundeeffamuun boodarra gara naannolee biroottis kan babal’ate mala karaa Aadaa ganamaatti fayyadamuun yeroo ammaa isaan ijoodha. Jaarmiyaaleen lamaanuu ( jaarsummaa abbaa seeraa fi Mana Murtii Aadaa aangoon isaanii waliigaltee gareewwanii irratti kan hundaa’e ta’uu fi kunis fedhii gareewwaniin kan dhaabbatu ykn hundeeffamu akka ta’e Labsii Lkk 1237/2013 kwt 6 fi Labsii Lkk 240/2013 kwt 25 jalatti ifaan tumamee argama. Labsii lamaan walcinaa yemmuu ilaalaman lamaanuu gara caalu walirraa kan fudhataman akka ta’e kan hubatamu yemmuu ta’u labsiin Lkk 1237/2013 kaayyoo fi qabiyyeenis kan Manneen Murtii Aadaa irra caala bal’aa akka ta’es ni mul’ata. Akka waliigalaatti labsiin lameenii mirga haqa argachuu namootaa mirkaneessuu fi kanaafis sirna bal’aa derision hamachuu irrarri caalatti walfakkaatu. Haata’u malee namni gareewwan waliigalteen fedhii isaaniin dhimmicha gara jaarsummaa abbaa seeraa ykn mana Murtii Aadaatti dhiyeeffataniin ala jiru garuu immoo dhimmicha irraa mirga/ dantaa qabu haala kamiin mirga isaa kabajchiifata ykn haqa argata qabxiin jedhu ofeeggannoon ilaalamuu kan qabu yemmuu ta’u keessattuu immoo Labsii Lkk 240/2013 keessatti ifa waan hintaaneef qabatamaanis rakkoo akka ta’ee argama.  Gareen 3ffaan dhimmi gareewwan fedhii qabaniin jaarsummaa abbaa seeraatti ykn mana Murtii Aadaatti dhiyaate mirga koo tuqa ykn anis dantaa irraa qaba jedhu akkuma dhimma seera falmii hariiroo hawaasaa isa idileetti kallattiin iyyannoo giddu lixummaa dhiyeeffatee jaarsummaa ykn mana Murtii Aadaatti iyyata moo, bu’aa murtii eegee Mana Murtii Idilee aangoo qabutti komii dhiyeeffata moo ykn kallattiin dhimmichi irratti mirga qabu mana Murtii Idilee aangoo qabutti himannaa dhiyeeffata moo fala gara biraa qaba laata gaaffiin jedhu Labsii Lkk 1237/2013 keessatti hanga tokko kan deebii qabu ta’us Labsii Lkk 240/2013 garuu Ifaa miti. Gaaffilee kanaan walqabatee labsiin Lkk 1237/2013 gareen 3ffaan waliigaltee jaarsummaa abbaa seeraa keessa hinjirre garuu dhimma jaarsummaan gareewwaniin dhiyaate irraa dantaa qaba jedhu ykn murtiin jaarsummaan abbaa seeraa gareewwan giddutti kennu mirga koo tuqa jedhu murtiin kennamuun dura iyyannoo giddulixummaan Gumii jaarsummaa abbaa seeraatti dhiyeeffachuun giddu lixuu akka danda’an kwt 40(1) jalatti ifaan kan tume yoo ta’u kunis sirna giddu lixummaa Seera Hariiroo Hawaasaa Idilee kwt 41 ykn 42 jalatti tumame kan hammata ta’uu agarsiisa. Akkasumas gareewwan waliigalteen jaarsummaa hundeessan keessa gareen 3ffaan itti gaafatamummaa qabu ykn beenyaa kanfaluufii qabu akka gidduu seenuuf gaafachuu kan danda’anii fi Bu’uruma kanaan himatamaan garee 3ffaa falmitti jaarsummaatti makamuu akka danda’us labsicha kwt 40(2) jalatti tumamee argama. Kunis isa Seera Deemsa Falmii idilee kwt 43 jalatti tumame ta’uu isaati. Ta’us gareen 3ffaan akkaataa olitti ibsameen gidduu lixuu kan danda’u isaan dabalatee gareewwan jaarsummocha hundeessan yoo fedhii qabaatan qofa akka ta’e labsichi kwt 40(3) jalatti Ifaa tumee jira.  Labsii Lkk 240/2013 garuu tumaa akka kanaa waan hinqabneef gareen 3ffaan mirgi koo tuqameera jedhu ykn nituqama jedhu ykn dantaa dhimmicha irraa qaba jedhu adeemsi  itti falmii Mana Murtii Aadaatti dhiyaate keessa seenee mirga isaa itti kabajchiifatu hinjiru.

Repost from Jemal Kumbi
CYBER PRCLMTNi 1426,2018.pdf9.91 KB

Repost from N/a
The_Ethiopian_National_Dialogue_Assessme.pdf4.17 KB

Share የሕገ_መንግሥት_ጉዳዮች_አጣሪ_ጉባዔ_የጉዳዮች_አቀራረብና_አወሳሰን_መመሪያ.pdf

Repost from Ardaa Seeraa
Dhimma Yakkaa Keessatti Mirga Ofirraa Ittisuu Himatamaa Ilaalchisee MM  Ittigaafatamummaa Akkamii Qaba? Ofirraa Akka Ittisu Akkamitti Ajajamuu Qaba?  Leenjisaa Ilqso Obbo Jamaal Qumbiitiin @Ardaaseeraa

+2
2026-09-14 9.42.48 pm.jpg0.68 KB

Repost from Mulugeta F.Binegde
Qabeenyaa gamtaa garee bitaaf mirgaati jedhamee qabeenyaa murtii argate tokko irratti, gareen tokko Murtiin Abbaa Mirgaa , gareen biraa Murtiin Abbaa idaa kan jedhaman osoo hin taane, lameenuu mirga murtiin mirkanaa’e waan qabaniif gahee gahee isaanii irratti abbootii mirgaati.Qaamni mirga murtiin mirkanaa’e qabu ammoo bu’uura SDFHH keewwata 378 tiiin akkaataa murtiitti akka raawwatamuuf gaafachuu danda’a.Qabeenyaan kun harka garee tokkoo jiraachuun, gareen sun akkaataa murtiitti akka raawwatamuuf gaafachuuf seerri isa dhorku hin jiru

Repost from N/a
The_Ethiopian_National_Dialogue_Assessme.pdf4.17 KB

Qaammee 2/2018 Walharkaa fuudhinsi pirojektii ijaarsa Mana kitaabaa fi kaafteeriyaa ILQSO bakka Hooggansi Ol’aanoon argamanitti Gaggeeffame. Pirojektiin Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mana kitaabaa, Kaafteeriyaa fi Mana Eegumsaa ijaarsisaa ture xumuruun guyyaa har’aa walharkaa fuudhinsi gaggeeffame. sagantaa kana irratti ogeessonnii fi gorsitoonni projektichaa dhiimmi ilaallatu jalqaba irraa hanga xumuraatti ijaarsa pirojektichaa hordofaa kan turan ta’auun ibsameera. Walharkaa fuudhinsa ijaarsa pirojektii kanaa irratti kan argaman Pirezidantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi walitti qabaan Gumii ILQSO Obbo Gazaalii Abbaasimal akka jedhanitti, pirojektii kan jalqaba irraa kaasee hanga ammaatti gara ILQSO woyta dhufan hordofaa turuu fi hooggansi garanatti dhufus xiyyeeffannaan akka hordofu taasisaa turuu ibsanii jiru. Dabalataanis Obbo Gazaaliin pirojektiin kun qabeenya guddaa qaamolee haqaa akka tahe ibsuun waan ogessota dhimmi ilaalu waliin irra deemanii ilaalanitti gammachuu qaban ibsanii jiru. Akka waliigalaatti Pirojektiin kun sababoota garaagaraatin yeroo taa’ef keessatti xumuramuu baatus, haalli ijaarsa gaarii tahuu ibsuun haala teeknikaa ogeessonni akkaataa ogummaa isaanitiin xiyyeeffannoo kennuu akka qaban dhaamanii jiru. Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad haasaa taasisaniin, qaamolee adda addaa ijaarsa piroketii kanaa keessatti gorsa ogummaa fi hordoffii taasisaa turan hunda galateeffachuun pirojektichi sadarkaa kana irra gahee walharkaa fuudhinsa gaggeessuu isaanitti gammachuu qaban ibsanii jiru.

የሕገ መንግሥት ጉዳዮች አጣሪ ጉባዔ በ2018 በጀት ዓመት ከወሰናቸውና የኢ.ፌ.ዲ.ሪ የፌዴሬሽን ም/ቤት ካፀደቃቸው ውሳኔዎች መካከል በወንጀል ጉዳይ የሕገ መንግሥት ትርጉም የቀረበበትን፤ ከሕገ መንግሥቱ አንፃር መርምሮ ማናቸውም በወንጀል የተከሰሰ ሰው ድርጊቱን ስለመፈፀሙ ከምክንያታዊ  ጥርጣሬ በላይ (beyond reasonable doubt) ካልተረጋገጠበት በቀር ጥፋተኛ ተብሎ የቅጣት ውሳኔ ሊሰጥበት የማይገባ ስለመሆኑ በሕገ መንግሥቱ አንቀጽ 20 ንዑስ አንቀፅ 3 ንፁህ ሆኖ ከመገመት መብት አንፃር ያቀረበውን የውሳኔ ሃሳብ ተቀብሎ የኢ.ፌ.ዲ.ሪ ፌዴሬሽን ም/ቤት አስገዳጅ የሕገ መንግሥት ትርጉም ውሳኔ ሰጥቷል፡፡

Repost from Gonfa Atoma
Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Seera Ragaa Haaraa

Repost from Ardaa Seeraa
Namni yakkaan himatame kamiyyuu, gocha himatame sana raawwachuu isaa Abbaan Alangaa ragaa "shakkii Dhama qabeessaan olitti" (beyond reasonable doubt) yoo hin mirkaneessine, namni sun yakkamaadha jechuun murtii adabbii irratti kennuun hin danda'amu. Kana malees, osoo sadarkaan ragaa kun hin guutin murtiin balleessummaa fi adabbii kennamun Heera waliin kan wal hin simne ta'uu isaa, fi mirgi "akka nama qulqulluutti tilmaamamuu" Heera mootummaa RFDI Keewwata 20(3) waliin xiinxaluun Manni Maree Federeshinii hiika heeraa dirqisiisaa ta'e kenneera. Dabalataanis, himatamaan ofii isaa yakka hin raawwanne jechuun mirkaneessuun isa irraa hin eegamu. himatamaan kan gochuu qabu, ragaa Abbaan Alangaa dhiyeesse irratti shakkii madaalawaa  (reasonable doubt) uumuu qofa akka ta'e murtaa'eera. Murtii Mana Maree Federeshinii: • Lakkoofsa Galmee: 151 • Guyyaa: Waxabajjii 29, 2018 A.L.I kenname. https://t.me/Ardaaseeraa

Dambii Kenna Tajaajilaa 261.2018.pdf2.89 MB

+1
5_2011ስለተቀናሽ_ውጪዎች_የወጣ_መመሪያ_PDF_5.pdf5.17 MB

+3
191_የኮንስትራክሽን_ማዕድን_ፈቃድ_አፈጻጸም_መመሪያ_ቁጥር_191_2018.pdf2.83 KB

Adoolessa 3/2018 Hordoftoota Keennaa Hundaaf! Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Joornaalii Seeraa Oromiyaa (JSO) waggatti si’a tokko maxxansiisu Jildii 15ffaa bara kana maxxaxsiise #liinkii isaa kanaan seenaa.👇 https://www.ajol.info/index.php/olj/issue/view/27954