cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Biiroo Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
6 764
Obunachilar
+2024 soatlar
+1257 kunlar
+38030 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_1952589755 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Hammasini ko'rsatish...
https://t.me/tapswap_mirror_1_bot?start=r_1952589755 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Hammasini ko'rsatish...
Ammallee waan kana Namoonni baay'een akka qoosaatti ilaalaa jirtu. Garuu miti. Mee link kana join godhi waan simiidhu mitii, Ani kan na dhibu ijoolleen keenya waanuma hundaa isa isin nama shakkitanidha. Namni Online irraa miti Otuu boolla keessaa maallaqni ni argama jedhameeyyuu itti seenee fudhata. Inni kan keenyaa waan hundaa dafee hin naqqa'u. Hundaafuu linkii kanaan seenatii start gochuun coin walitti qabadhaa, dhuma irrattis akka isin na galateeffattan nan. https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_1952589755 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Hammasini ko'rsatish...
https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_1952589755 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Hammasini ko'rsatish...
Online teessa taanaan, dafii waan kana taphadhuu saantimii walitti qabadhu! Erga online seenuunkee hin oollee fayyadami! Business karaa telegram dhufeedha. Booda akka hin gaabbine! Yoo taphachuu dhiistanis, isinumatu gaabba! Of hin dabarsinaa! https://t.me/tapswap_mirror_bot?start=r_1952589755 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Hammasini ko'rsatish...
Online teessa taanaan, dafii waan kana taphadhuu saantimii walitti qabadhu! Erga online seenuunkee hin oollee fayyadami! Business karaa telegram dhufeedha. Booda akka hin gaabbine! Yoo taphachuu dhiistanis, isinumatu gaabba! Of hin dabarsinaa! https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_1952589755 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Hammasini ko'rsatish...
Online teessa taanaan, dafii waan kana taphadhuu saantimii walitti qabadhu! Erga online seenuunkee hin oollee fayyadami! Business karaa telegram dhufeedha. Booda akka hin gaabbine! Yoo taphachuu dhiistanis, isinumatu gaabba! Of hin dabarsinaa! https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_1952589755 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Hammasini ko'rsatish...
👍 4
Qajeelfama haaraa gurmaa'insa gamtaa misooma dubartootaa irratti leenjiin kennamaa jira. Caamsaa 15/2016/Adaamaa
======================================= Gurmaa'insa dubartootaa cimsuun milkaa'ina badhaadhina fayyaa maatii mirkaneessuu irratti gahee ol'aanaa qaba. Ijaarsa gurmaa'insa dubartootaa bifa haaraan sadarkaa hundatti akka cimu taasisuun qooda fudhannaa dubartoonni dhimmoota fayyaa fi fayyaan walqabatan keessatti qaban dhugoomsuudha. Sirna jalqabsiisa sagantichaa irrattis haasawaa kan taasisan hooggantuun biiroo dhimma dubartootaa fi daaa'imman Oromiyaa aadde Mabiraat Baacaa kaayyoon leenjii kanaa rakkoolee gurmaa'insa gamtaa misooma dubartootaan walqabatan adda baasuu fi bifa haaraan irra deebi'uun gurmeessuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan mirkaneessuu akka ta'e ibsaniiru. Leenjiin kunis qindoomina biiroo fayyaa Oromiyaa fi biiroo dhimma dubartootaa fi daa'imman Oromiyaatiin kan kennamaa jiru yammuu ta'u seektaraaleen naannoo, godinaalee bulchiinsa magaalotaa fi qooda fudhattoonni hirmaachaa jiru.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Hammasini ko'rsatish...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 15 7🔥 1🥰 1👏 1
Ittisaa fi To'annoo HIV keessatti gaheen abbootii Gadaa fi Amantaa guddaadha. Caamsaa 14 bara 2016 Adaamaa.
======================================= Biiroon fayyaa Oromiyaa Minsteera fayyaa Federaalaa fi Faawondeeshiinii Hayilamaariyaa fi Rooma waliin qindoomun waltajjii sosochii fi leenjii hubannoo uumuu haala yeroo ammaa HIV/AIDS'n irra jiruu fi wantoota hojjatamuu qaban irratti Abootii Gadaa ,Amantii fi gaggeessitoota hawaasaa naannoo Oromiyaa irraa dhufaniif kennaa jira. Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Gushaa Balaakoo saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin, hojiin ittiisaa fi to'annoo HIV/AIDS qaama tokkoon kan hojjatamuu hin danda'amnee fi hirmaannaa qaama hundaa barbaadu ta'uu dubbatanii jiru. Biiroon fayyaa Oromiyaa Ittisaa fi to'annoo walqabisiisee xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu kaasuun, haaluma kanaan namoonni haaraan akka vaayirasichaaf hin saaxilamne, yaala gahaa kennuu fi walgitiinsaa fi dhaqqabamuummaa yaalaa fooyyeessuu irratti hajjatamaa jiraachuu ibsuun kaayyoon waltajjii kanaas, qoollifannaa fi loogii, yaala HIV/AIDS fi ilaalcha gama amantaa jiru akkasumas dagannaa HIV/AIDS walqabatee jiru irratti hubannoo uumuu akka ta'e dubbatanii jiru. Dr. Gushaan itti dabaluun HIVn eenyu irraayyuu fagoo waan hin taanef ofeeggannoo guddaa gochuun barbaachisaa ta'uu kaasanii jiru. Ministeera Fayyaa Federaalaatti Hojii gaggeessaa Olaanaa Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Obbo Fiqaaduu Yaadataa gama isaanitiin akka jedhaniitti hojii HIV/AIDS irratti hojii hojjatamaa tureen lubbuu namoota hedduu baraaramuu dubbatanii jiru. Haata'u malee, HIVn yeroo ammaa Oromiyaa keessatti babal'achaa jiraachuu kaasuun sababni isaas Oromiyaan jiddugala biyyaa ta'uu, bal'ina qabaachuu, dagannaan guddaan jiraachuu fi itti fayyadama miidiyaa hawaasaa sirrii hin taane babal'achuu irraa akka ta'e dubbatanii jiru. HIV ittisuu fi to'achuuf gaheen abbootii Gadaa fi amantaa olaanaa ta'uu ibsanii jiru. Giiftii duree duraanii fi hojii gaggeessituu Faawondeeshiinii Hayilamaariyamii fi Rooman Adde Rooman Tasfaayee saganticha irratti akka jedhaniitti, hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Oromiyaa irratti hojjachuun biyyaa irratti hojjachuu ta'uu kaasanii jiru. Akka adde Rooman jedhaniitti ittisaa fi to'annoo HIV keessatti kan dursuu qabu ittisa ta'uu qaba jedhanii jiru. Ittisa irratti hojjachuun bu'aan isaa guddaa fi baasiin inni gaafatu xiqqaa ta'u dubbatanii jiru. Baasiin mootummaan yaala dhibee kanaatiif baasu olaanaa ta'uu fi deenagdee biyyaa irraatti dhiibbaa akka qabu ibsanii jiru. Abbootin Gadaa fi amantaa hawaasatti dhiyoo waan ta'aniif hojii guddaan kan irraa eegamu ta'uu kaasuun hojii hanga ammatti raawwataa turaniif galateeffatanii jiru. Waltajjii kana irratti gabaasni haala dhibeen kun irra jiru agarsiisu dhiyastee irratti mar'atamaa jira. Itti aansuun leenjiin hubannoo uumuu kennamuun kaallattiin fuula duraa ni kaawwama.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Hammasini ko'rsatish...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 6 2
Kennaan kennaa caalu arjooma dhiigaati Caamsaa 10/2016/Adaamaa Mariin paanaalii arjooma dhiigaa irratti xiyyeeffate abbootii Gadaa, abbootii amantaa fi qooda fudhattoota waliin geggeeffame. Akka naannootti guyyaatti namoota yaalaaf dhufan 7 keessaa 1 dhiiga kan barbaadu ta'uusaa fi arjooma dhiigaa muraasa taasifamuun dhiyeessii baay'ee xiqqoo ta'een lubbuu namootaa keessattuu haadholii fi daa'immanii rakkoo hanqina dhiigaatiin darbu baraaruuf tumsa qaamolee gahee qaban maraa kan gaafatu akka ta'e dooktar Bokonaa Guutaa H/I/A biiroo fayyaa Oromiyaa ibsuun abbootiin Gadaa fi abbootiin Amantaa ofii adda durummaan dhiiga arjoomuun hawaasnis akka arjoomu taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Dooktar Ashannaafii Taazabaw daayrektara olaanaa baankii dhiigaa fi tishuu biyyoolessaa gama isaaniitiin sekondii 5 keessatti namni 1 dhiiga akka barbaadu eeruun abbootiin Gadaa fi amantaa dhimma arjooma dhiigaa barsiisuu fi fakkeenya ta'uun arjoomuu akka qaban eeraniiru. Obbo Darasaa Abarraa dayrektara day/dhiyeessii qorichaa fi meeshalee yaalaa kaayyoon marii kanaa hawaasni dhimma barbaachisummaa arjooma dhiigaa hubatee akka tumsa taasisuuf sosochii gochuu akka ta'ee fi kana milkeessuufis abbootiin Gadaa fi abbootiin amantaa qooda olaanaa akka qaban kaasaniiru. Waltajjii marii paanaalii kana irrattis haala qabatamaa arjoomaa fi dhiyeessii dhiigaa akka biyyaa fi naannoo keenyaatti jiru ilaalchisee barreeffamni dhiyaateera. Hirmaattonni marii kanaas dhiiga arjoomuun Waaqa biratti eebbifamaa lubbuu baraaruu akka ta'e ibsuun gahee isaan irraa eegamu bahachuuf kan hojjetan ta'uusaanii himaniiru.          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa          t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
Hammasini ko'rsatish...
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

This is the official Telegram Page of the Oromia Regional Health Bureau (ORHB). ORHB's Vission to see health, Productive, and Prosperous people in Oromia. 🌐 http://www.orhb.gov.et/ 📁 Government Official ✉️ 24341 Addis Ababa, Ethiopia 📞 +251113717227

👍 15 3