❖ ❖ ❖ Du'a Guddate ❖ ❖ ❖
✍️ Waaqayyo yommuu Qulqulluu Phaawuloosiin daandii Damaasiqoo irratti gaaffiif isa dhaabee deebise ijisaa guddina carallaa isa mudateen arguu baatus, gurri isaa garuu banaa ture. Amma kan Phaawuloosiin barbaachisu arguu utuu hin ta'in, dhaga'uu dha. Sababnisaa, rakkoon Phaawuloos arguurra utuu hinta'in, dhaga'uurra ture waan ta'eef. Iccitii isa barsiisuu fi isaaf jedhees namoota ari'atu dhaga'uu waan hin barbaanneef, warra iccitii isa inni barsiisuu hubatan kiristaanota ari'achuu jalqabe. Kiristoosiin in ari'ata, seera Musee ni barsiisa; garuu, kan Kiristoos, "Museenumtuu waa’ee koo barreesseera" jedhe garuu dhaga'uu hinbarbaadu ture. Yoh 5⁴⁶
✍️ Gurri ija bana' Hewaan , gurri ishee gorsa dalgaa bofichaan waan banameef , iji ishee banamee mukichi beekumsaaf gaarii akka ta'e tti yaadashee jijjiirtee tti. Kanaafi dha kan Gooftaan , "Waan dhageessan irratti akeekkadhaa" Maar 4²⁴ kan inni jedheef. Iji baallee qaba, arrabni ilkaan qaba , gurri garuu homaayyuu hin qabu banaa dha.
✍️ Kanaaf, Phaawuloos guddina carallaa isa mudateen arguu waan dhabeef, gurra isaan dhaga'ee Gooftaa wajjin haasa'u jalqabe. Kanaanis, sagalee Gooftaa isaatii akka nama dadhabee ari'atamuusaa amaneetti, "Saa'ool Saa'ool maaliif na ari'atta?" Jechuu isaatti dinqamus, humna ifaa hammaan olii isarra ga'eetiin garuu, Waaqummaa Gooftaa isaatii hubateetu kasoominni keessa isaa bule. Sagalee Gooftaa isaatii dhaga'uu irraas , amma samii sadaffaatti ol-ba'ee amma sagalee namni dhaga'uu hinqabneetti dhaga'e. Kan Phaawuloosiin gargaare Gooftaa arguusaa utuu hin ta'in , Gooftaa dhaga'uusaa ture. Utuu fedha fooniirraa adda hinba'in warra , "Gooftaa argine", "Gooftaan sitti agarsiisa", "Gooftaatu natti mul'ate" jedhaniif kun barumsa gaarii of keessaa qaba.
✍️ Qulqulluun Phaawuloos, erga deebi'ee booda , amantii dur hin dhaga'u jedhe erga sagalee Gooftaa isaatii dhaga'ee booda warra kaaniin dhageessisuutiif hidhatee ka'eera. Amantii durittiin nama ari'ataa tureef amma ari'atamuuf qophaa'eera. Ari'atamuurras darbee, du'uuf qophaa'eera. Du'uurras darbee , nama du'a isaas guddises ta'eera.
✍️ Qophii du'a isaa kanaanis , hawwii tokko qaba ture. Hawwiin isaas , akka Gooftaan isaa du'etti du'uu ture.
"Isaa fi humna du'aa ka'uumsa isaa akkan beekuuf, gidiraa isaarraas akkan qooddadhuuf , gara du'aa ka'uumsa du'ootii ga'uuf du'a kootiin isa fakkaachuun utuu naaf ta'ee nan hawwa." Jechuun. Filiiph 3¹⁰-¹¹
✍️ Qulqulluun Phaawuloos du'a isaatiin isa hawwe kana argateeraa? du'ee awaalameeraa ree? Yoo jenne, Kitaabni Qulqulluun eeyyee! nuun jedha. Kan Qulqulluun Phaawuloos akka Gooftaa isaatiitti du'e harka loltoota Roomaatti mormi isaa muramee utuu hin ta'in , harka Lubicha Haanaaniyaa harkatti , du'a Gooftaan du'e karaa cuuphaadhaa argatee ti. “Ammas maaliif lafa irra harkifta ree? Ka'ii, maqaa gooftaa waammadhuu cuuphami! Cubbuu kees of irraa dhiqsiisi!' anaan jedhe." Hoj duuk but 22¹⁶ Cuuphaan , du'uuf du'aa ka'uu Gooftaa wajjin tokko ta'uusaaf Qulqulluumti Phaawuloos akkas isaa jedhuu argina: - “Yookiis nuyi warri Kiristoos Iyyasuusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du'a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne in wallaaltanii ree?” Rom. 6³ Kanaaf, Qulqulluun Phaawuloos hawwiisaa kana dursee argateera.
✍️ Namni biraa akkas jedhee bira darbuuf ka'uu danda'a, "Maal Phaawuloos qofaadhaa ree kunoo hunduma keenyaa!" Jechuun. Eeyyee kun kan hunduma keenya ilaallatu dha. Garaagarummaan nuuf Phaawuloos gidduu jiru garuu , du'a Kiristoosiin fakkaachuusaa kana guddisuusaa ture. Qulqulluun Phaawuloos , karaa cuuphaadhaa du'akoon fannifamuuf du'uu Kiristoosiin fakkaadheera , "naga'a", "naaf xumurameera", "foon cunqursuun na hin barbaachisu" jedhee hinteenye. Cuuphaatiin du'a argate kanaan fedha foonsaa fannisee ajjeesuun guddiseera.
“Warri kan Kiristoos Iyyasuus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru.”Gal. 5²⁴ “Egaa si'achi Kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti" Gal 2²⁰ Gara du'a kanaatti Qulqulluun Phaawuloos guddateera.