cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Humna Hojii

Ilaalcha Kee sirreeffadhu.Amantii qabaadhu.Waan gaarii godhii gaarummaa agarsiisi.Kee ati murteeffadhu.of ta'i.waan gaarii nama hundumaaf yaadi.gaarin siif ta'a. Sammuu Kee jaalalaan guuti. Yad-qalbii Kee bani . Karoorsii hojjedhu. Kaayyoo Ketti cichi .

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
199
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
-330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Qabxiilee 10n Dargaggoota gaa’elaafi imala gaa’elaa keessa jiraniif Elaa isheen isin jaallattanii wajjin jiraattan ; akkuma isheerraa jaalalaafi kununsa argachuun isin gammachiisu isheenis isinirraa utuu argatteetii itti tola. Hiiknumtii gaa’elaa ana bira jiru Nama tokkoo wajjin har’aa boree irra deddeebiidhaan jaalalatti kufuu jechuudha. Mee qabxiilee 10n kana torban tokkoof ofiimakeef shaakali. Torbee lammataa ammoo ishee jaallattee fuuteen jechuu eegali! Torbee sadaffaatti jijjiirama jiru atuu ilaali! 1. S I N J A A L L A D H A. Jechi kun jecha iddoo hundumaatti dhagaa’aamu, garuu afaan nama hundumaa keessaatii hin dhagaa’amneedha . Sababni isaa jecha humna qabu waan ta’eef namni gaaf tokko sin jaalladhaa sirraa dhageesse jechichaan m’amtee waan jiraattuuf gaafa sitti mufattullee sin jaalladha jettee akkas na gootaa siin jettee miidhamashee gaafa siif kaastullee humni jechicha keessaa deebisee si dheekkama. 2. SI QABAACHUUKOOTTI NAN BOONA. ISa dhugumaati jechoonni kun guutummaa guutuutti jecha shamarranni jaallataniifi isa sirriidha. Yeroo ati akkas jettu ga’umsa, dandeettii, miidhaginaafi jaallatamummaa si biraa qabdu herregdeetu yeroo hunda si gammachiisuuf of hin qusattu. Kun ammoo gaa’ela keessan fayya buleessa taasisa. 3. ATI MIIDHAGDUUDHA. Shamarranni gaafa heeruman hamileen isaanii eegumsa barbaachisa abbaan manaa ammoo ittuu yoo ishee ceepha’e hiriyootas firoota ishees ni baqatti qofummaatti hafnaan ammoo isheenis waan lolamtuuf manni keessi nagaa hin ta’u! Jecha tokkichaan garuu manakee ijaaruu dandeessa dhiiro. 4. ATI FILANNOOKOO TOKKITTIIDHA. Si malee filannoo hin qabu jechuun ani kan keeti jechuudha kun ammoo gaa’ela keessatti amanamummaa guddaafi jabaa ta’e ijaara . Gaa’elli hundeen isaa amanamaaa ta’e ammoo ganama yeroo hojiif bobbaatus ta’e galgala gaafa boqonnaaf gara mana keetti qajeeltu boqonnaa siif kenna. 5. SIN AMANA Rakkina, dhukkuba, miidhamaafi haalota adda addaatti sodaa malee imaluuf amantaan nama gidduu jiru baayyee murteessaadha. Nama amanattu qabaannaan namaaf amanamuun ammam akka nama ijaaru siif hin insu! 6. YEROO OFIIMA ISHEETII ISHEEF KENNI Fknf mucaa qabdu yoo taatan mucaa qabattee bakka wayii yoo deemte yaada dhuunfaa ishee akka yaadduuf yeroo isheetti mayii akka baatuuf eyyamteef jechuudha. 7. HOJII MANA KEESSAA GARGAARI Gaafa bakka sagantaa wayii deemuuf jettan sa’atiin akka dur siin hojiitti geggeessuuf jettuutti yeroon dhibuu mala waan ta’eef yeroo isheen ciree fiddu atimmoo bishaan qopheessuu, yeroo iseen of tottolchitu atimmoo mucaa kee dhiqxee, kununsuufi huccuu itti uwwisuun bira gaafa taatu abeet miira gammachuu haadha manaa keetii! 8 . WAAYEE ISHEETIIF GALATEEFFADHU KADHADHUUFIS Akka ati kadhattuufi waayee isheetiif Waaqayyoon galateeffattu gaafa bartu amantaan isheen sirratti gattu yaraa hin see’in. Utuu dubbannuu waantotni isheef godhi jedhamu kun al kallattiidhaan bu’aansaa gammachuu manakeeti guutuu tasisuuf malee gammachuu isheetiif qofa miti. 9. ATI HAADHA QAXALEEDHA ! Akkas jechuun dubartiin oogettiin qabaa manasheetii beektu akka gonfoo injifannoo mataa keefi maqaa keetiif beekamtii, fudhatamummaafi jaalltamummaa gonfachiisuuti. Abbaa manaa jabaa duuba haadha manaa jabduutu jira! 10. SODAA WAAQAYYOO QOFA AKKA QABAATTU ISHEE BARSIISI. Nama yaadu mitiitii bineensa caakkaa isa binensummaa gonfateyyuu kan jiraachisu Waaqayyoodha. Mana kee keessatti ol aantummaa barumsaa caalaa, ol aantummaa dinagdee caalaa, ol aantummaa humnaa caalaa , ol aantummaa sabummaa caalaa Ol antummaa waaqayyoo barsiifadhu. 11. HAMILEEFINKAKA’UMSA HOJII ISHEE KEESSATTI HIN AJJEESIN Haati manaakee akkumakee ga’umsa nama tokkoo qabattee gara dacheetti dhufte waan ta’eef addunyaa ishee guutummaatti haquu hin yaalin . 12. MIIRA ISHEE AKKA IBSATTUUF DHAGGEEFFADHU! Namni kamiyyuu gaafa nama isa dhaggeeffatu qabaatee miira isaa itti ibsatu , namuma isa dhaggeeffatu qabaachuudhaaniyyuu miirri isaa 50% ni boqota. Persentii hafe ammoo ilaafi ilaameetu fura @HumnaHojii
Hammasini ko'rsatish...
Hammasini ko'rsatish...
Repost from Leadership
Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti #Toomaas Ediisan abbaan argannoo ‘Ampuulii’ ijoollummaa isaatti barnoota dadhabuudhaan mana barumsaa irraa akka ar'atamu taasifame. Guyyaa tokko barsiiftuun isa barsiiftu xalayaa akkas jedhu barreessitee itti laattee akka inni galee maatii isaatti kennuuf itti himte. Xalayichi akkas jedha. “Toomiin kee barumsa waan hin dandeenyeef,akka lammata mana barumsaatti hin ergine!’’ jettee xalayaa barreessitee isumatti laatte. Ediisan dubbisuu waan hin dandeenyeef, xalayicha osoo banee hin ilaaliin akkuma jirutti galchee harmee isaatti laate. Harmeen isaa xalayicha dubbistee, hirqistee boosse. Innis harmee isaatiin.....“Maal taate?” jedhee gaafate. Isheenis....“Toomiin kee cimaadha!” jettee barsiiftuun kee xalayaa naaf barreessite......“Kana booda mana barumsaa hin deemtu. Manumattin si barsiifadha!” jetteen Toomiidhaan. Akka seenaan isaa jedhutti ji'oota lama qofa barate Toomaas Ediisan. Garuu, abbaa argannoo addunyaa kanaa ifa nuuf laataa jirtuuti. Ampuulii kalaquuf yeroo 9999 yaalee, si'a 10000 irratti milkaa'e. Isayyuu xumura irratti ampuulii kalaqee hojjettoota isaa keessaa nama tokkotti akkanni bakka wayii ka'uuf itti laate. Innis harkaa fuudhee battaluma sanatti ampuulichi lafa harkaa rukutee caccabe. Eediisan dadhabbii amma kanaa itti dadhabee.....yeroo amma kanaa itti fixee yommuu jalaa caccabu, baay'ee nama hin aarsu. Nama aarsa dhugaa dubbachuuf! Ammas abdii muree hin dhiisne. Irra deebi'ee hojjechuu isaati. Hojjetee ammas hojjetaadhuma gaafa jalqabaa sanatti deebisee laate. Hojii Eedisan kana irraa irra deddeebi'anii yaaluun milkaa'ina akka namaaf argamsiiftu barachuun baay'ee salphata. Abdii muruu dhiisuu dabalatee jechuudha. Henerii Foordii abbaan argannoo konkolaataa, guyyaa tokko akkas jedheen Eedisaniin...“Wanti kun tasumaa hin danda'amu;koottuutii na waliin kaampaanii koo keessa hojjennaa!” jedheen. Kanas hin dhageenye inni. Xumura irratti ampuulii hojjetee...“Inni ati hin danda'amu jette sun;ni danda'ama!” jechuun ampuulicha itti agarsiisuu danda'eera. Ajaa'iba! Pirezedaantii Ameerikaa 16ffaa kan ture Abrahaam Liinkan waggaa isaa 52ffaatti Ameerikaa bulchuuf carraa argate. Sanaan dura garuu kufaatii danuu jireenya isaa keessatti nama keessummeessedha. Garuu, mormiiwwanii fi kufaatii amma kanaatiif abdii muree dhiisuu hin dandeenye. Irra deddeebi'ee yaaluudhaan milkaa'eera! Bulchaan guddaan Afrikaa Kibbaa duraanii, Nelsan Maandellaan bilisummaa uummata gurraachaa fiduuf waggoota 27'f mana siirreessaa keessa ture. Achiitii ba'ee Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa ta'uu danda'eera. Wal-qixxummaa Adiif Gurraachaas mirkaneessuu danda'eera. Badhaasa beekamaa Addunyaa ‘Nobel Peace Prize’ fudhachuus danda'eera. Ajaa'iba. Wanti hundi kutannoo gaafatti! Walumaagalatti, waan hundi kutannoo, irra deddeebi'anii yaaluu, abdii muruu dhiisuu irraan dhufa! Galatoomaa! Egaa jedhaa! Walitti deebina yeroo biraa! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattiidha! • Oro Inspire CenterMotivationalTipsGaggeessummaa
Hammasini ko'rsatish...
Kitaabota hedduu gaarii ; gaggaarii ta'an waan ta'eef dubbisaa !
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
#loltuu_dhugaa Kutaa lama #3_lolaa_loltuu_taasisu loltuun dhugaa nama isa mudatuuf wanta ofii isaa argate kennuu irratti xiyyeeffata. Lolaa caalaa jabaate uumuu fedha. Jabina maallaqaa, jabina qamaa, miidhagina bifaa, kennaa gaarii jedhaman kamuu caalaa kennaa eenyumaasaa irratti dhiibbaa caalu qabu sana kennuu irratti xiyyeeffata. Kennaan kun ammoo akka lolaa kiristaana tokkootti kiristoosiin qofa akka qabaatan isa qofa isaaniif fedhuudha. “bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao" ittiin jedhe.” — Yoh. 4:14 #4_qooda_qabaachuu #participation Lolaa erga taatee lola irraa hin hafiin. Lola hin baqatiin lola hin sodaatiin. Akka lolaa tokkootti akka nama waaqaan hojjetamee kiristoosiin beeku tokkootti. Rakkoowwab naannookeetti muudannoowwan haalota keessaan si mudatan keessatti furmaata fiduuf bifa kiristoos si irraa mul'achuu qabu sana mul'isuuf duubat hin deebi'iin. Rakkoo kamuu naannookee jiruuf furmaata si bira jiru caalaa furmaati hin jiru. At kiristoosiin waan qabduuf. Mat. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁵ Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hih kaa'u, baattuu ibsaa irra kaa'a malee; ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa. ¹⁶ Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" jedheen. #5_bakka #commitment Wanta si ilaallatu qofatu si ilaallata. Wanta hunda keessatti qooda qabaachuu qabda jechuu miti wanta at keessatti mul'achuu hin qabne illee jiru. Loltuun bakka hunda hin dhaabbatu bakka isaatii ammoo hin dhibamu. #6_akka bakka isaa malee bakka hunda hin dhaabbatu erga jennee bakka isaa ammoo akka itti turu qaba. Amala agarsiisuu qabu. Deebii inni haalotaaf kennu. Hubannaan isaa seera mataa isaa qaba. #7_dhipina Lolaan dhipachuu dhisuu hin danda'u. Ari'atamuu, lolamuu, hidhamuu dhiisuu hin danda'u. Lolaan waan fedhu tahuu dhiisee guutummaa guutuutti wanta tahuu qabu tahuuf kan dabarfamee kennameedha. #8_Obsa Lolaan obsuu hin dandeenye lola keessa turuu hin danda'u. Lola keessa kan turtu ammoo moo'achuufi. Lola keessa turuuf murteessuu dhiisuun moo'amuuf murteessuudha. #9_amanaa Isa isa erge in amana hin shakku. Lolaan shakku loluu hin danda'u lolaafis qophii miti jechuudha. Kanaaf lolaan dhugaa isa isa muude waan amanuuf lola kamuu sodaa malee in adeema. #10_amanamaa amanuu qofaa miti amanamaadhas. Isa isa muudeef amanamuu gaafa baate loltummaa isaa hin dhaba. Isa amanuun loltuu erga taane amanamuun lolaa haa turru. @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
▣ Dhimmoota hedduu, milkaa'uu fi milkii dhabuu, fuulduratti tarkaanfachuu fi bakka yaadan hanqachuu kan murteessan keessaa inni tokko, fagoo hin deeminaa, amala yookiin bartee keenya. Milkaa'ina argachuun amalaa fi aadaa daandii milkii irra nama dhaabu qabaachuu irraa kan eegalu ta’uu isaati hayyoonni kan gorsan. ✧ Namni wal’aansoo jireenyaa moo’achuu, qabsoo dadhabsiisaa booda abbaa mirgaa ta’ee dirree irratti mul’achuu hin hawwine hin jiru. Hawwii yeroo hedduu hundi keenya hawwina. Hedduun keenya garuu hawwiidhuma qofaan daangeffamnee jiraanna; buddeenuma abjuu nyaanna. ✧ Namoonni milkaa'anis hedduutu jira. Milkaa'ina isaaniitiif sababni maal ta’inna laata? Sababa hedduu tarreessuun ni danda’ama. Kunniin sababoota ijoo amalaa fi aadaa jireenya namoota milkaa'aniin walitti hidhata qabaniidha. Milkaa'ina isaaniitiifis daandii kan saaqan amalootuma kanniin. NAMOONNI JIREENYATTI MILKAA'AN: ➊. Yeroo hundaa waan haarawa yoo baran mul’atu. Muuxxannoo haaraa baruu fi yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaa'ina namaaf bal'isa. ➋. Hir’inaa fi cimina isaanii addaan baafatu yookiin bareechanii beeku. Namoota jireenyatti milkaa'anii sadarkaa guddaa irra gahan kan isaan biroon adda taasisu qabxiin tokko yoo jiraate, namoonni kunniin ciminaa fi dadhabina isaanii qajeelchanii beekuu isaaniiti. Waakkachuu irra, namoonni kunniin, hir’ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu. ➌. Dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubatu. Jireenya bu'aa bahiin itti heddummate kana keessatti, wanti hojjatamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu hedduu dha. Dhugaan jiru garuu, hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii kennuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hunda irra xiyyeeffannaan guddaan kan barbaachisuuf dursi laatamuu qaba. ❍ Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaayina guddaa galmeessisan kan godhan kanuma. Hedduun keenya garuu, waan cufa al tokko raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna. Al tokko waan dursi laatamuuf tokko! ➍. Maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu. Waa’ee mallaqaan walqabatee dhugaan yeroo hunda ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akka itti qabattuudha kan si duroomsu. Hangamuu haa baay’atuu, maallaqa argattu faffacaasta, bubbeef kennita taanaan ati yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha. ➎. Yeroodhaan hirribaa ka’u Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin cimina yookiin milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta’uu isaaniiti. ➏. Kaayyoo fi Galmi isaanii Ifa Maaliidhaaf jiraatta? Essa ga'uudhaaf tiratta jettanii yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi ifa ta’e tokko. Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal hin dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u. ➐. Hawaasaa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummatu. Milkaa'inni, kallattii kamiinuu ta’uu danda’a, jireenya hawaasummaatiin hedduu walitti hidhata qaba. Kophaatti ba'anii jiraachuunis ta’ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaadamne ta’uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu. ➑. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’atu. Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessaa isa tokko. ❍ Hawwuu qofa miti jireenyi. Kanniin milkaa'an irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenyeef danqaa ta’an hedduutu jira. Gufuun guddaan garuu nuti ofii keenyaa amalaa fi aadaa milkiitti nu geessu dhabuu keenya. Ammumaa amalaa fi aadaa gara milkaa'inaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaa'inaaf qabnu haa dhugoomsinu. ✧ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu! Gαℓαтσσмαα!!! Υєʀσσ Gααʀιι @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa
Hammasini ko'rsatish...
Qabxiilee Shan Mukaa'uu Fi Miira Yaadda'uu Ittisuuf Gargaaran • Gaggeessummaa • ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Kitaabni mata-duree 'The Anatomy of Melancholy' jedhuun bara 1621 barraa'e hanga har'aatti qabiyyee dhala namaa fayyadu qabatee jira. Kitaabni maloota ittiin dhibee sammuu fi mukaa'uu akka malee wal'aanuuf gargaaran irratti xiyyeeffachuun barreeffame 'The Anatomy of Melancholy' lammii Ingilizii Robert Burton jedhamuun barraa'e. Lubaa fi beekaa biyya Biriteen kan ture Burton, beekumsaa fi qaroomina fayyaa dhala namaa fi wal'aansaa akkasumas dawaa irratti bara falaasama Giriik durii ture irraa kaasee waan waggoota kuma lamaaf biyya lafaa kana irra ture walitti qindeessuun jaarraa 17ffaa keessa kitaaba kana qixeesse. Barreessaan kun ofii isaatiis rakkoo mukaa'uu fi miira gaddaa fi gadadoo yaada hammaataa keessa ture, mata duree kana irrattis beekumsa guddoo horateera. Akkamiin miira mukaa'uu, gadadoo fi yaadda'uu of irraa qolachuun akka danda'amus kana irraa ka'ee kitaaba isaa keessatti qaaccesse. Qabxiilee kitaaba Burton keessatti eeraman keessaa isaan kamtu hanga har'aa dhala namaaf faayidaa kennaa jiru? Gaazexeessituu fi barreessituun biyya Iskootlaand Amy Liprot kitaaba kana irra deebiin haaressuun maxxansiteetti. Maloonni furmaataa mukaa'uu fi miira gadadoo ittiin qolachuun danda'amu kan kitaaba Burton keessatti bara 1960oota keessa eeraman kanneen hanga har'aatti fayyadaa jiran isaan kam fa'i? Shanan Isaanii Kunooti: 1. Miira Ofii Hubatanii Of-bashannansisuu kanneen miidhamaniif, mukaa'uun sababni ittiin mudate itti hin mul'atu, kana irraa kan ka'e miirri keenya immoo yeroo baay'ee walfakkaataa ta'a. Burton kitaaba isaa keessatti akka barreessetti rakkoon mukaa'uu fi gadduu melancholy jedhamu ''dhibee dhaalaan darbuudha' Har'as mukaa'uun dhalootaan akka dhufuu fi haala naannoo irraa kan mudatu ta'uun itti amanama. Kanaaf namoonni yeroo ammaa miira isaanii haaressuuf jalqaba kutaa qaama isaanii keessaa kamtu akka miidhame hubatanii irratti hojjetu. 2. Faayidaa Bishaan Qorraa Burton kitaaba isaa keessatti bishaan yaa'u, kan uumamaa, keessatti qaama dhiqachuu fi keessa ciisuun hagam miira namaa akka haaressu eereera. Inumaa namni jireenya dheeraa jiraachuu fedhe bishaan qorraa keessa yaa ciisu jedha kitaabi Burton. Har'as beektonni nama rakkoon mukaa'uu harkaa qabuuf kanuma yeroo dhaaman argina. Yuuniversitii Portsmouth biyya UK keessatti argamutti Daarektara Qorannoo Laabraatoorii haala naannoo kan ta'an Dr Mike Tipton, ''Bishaan qorraa barannaan miirri mukaa'uu namarraa ka'a. Haala kanaan fiiziyooloojii fi seelii ofii wal'aanuun ni danda'ama. Wayita kana qaamni keenya miira mukaa'uu fi gadduu keessaa ba'a,'' jedhan. 3. Uumamatti Michoomuu. Akka Burton kitaaba isaa keessatti barreessetti uumamatti michoomuun miira gaddaa fi gadadoo akkasumas mukaa'uu hamaa nama irraa kaasa. Pirofeesar Simon Hiscock Daarektara Iddoo Kunuunsa biqilootaa Okfoord kan UK keessatti argamuuti. Biqiloonni ilillii qaban hedduun rakkoo mukaa'uu, miira gaddaa fi dhiphachuu namarraa qolachuu danda'u jedhan. Burton kitaabasaa keessatti akka kaa'etti biqiloonni waan nyaatamaniif qofa nama hin quufsan, kan fooliifi qaqqabannaan isaanii dharraa nama baasu hedduudha jedhe. Har'as yaadi kun haalaan hojii irra oolaa jira. Yaadi wayita miirri mukaa'uu namatti dhagahamu uumamatti ba'anii qilleensa fudhachuu kitaaba Burton keessatti waggaa 400 dura eerame yeroo ammaa Jaarmiyaa Tajaajila Fayyaa Biriteeniin hojiirra oolaa jira. 4. Rakkoo Qooddachuun Rakkoo Salphisuu! Karaan ittiin rakkoo nu irra tuulame salphisnu yaada keenya hiriyoota keenyaaf qooduudhaani, ofii keenyaaf qofa ofirratti feenee baannee deemuudhaan miti,'' jedhe Burton waggaa 400 dura. Namoonni jireenya kophaa fi dhuunfaa filatan kanneen rakkoo mukaa'uuf saaxilamaniidha. @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa
Hammasini ko'rsatish...
Repost from Leadership
Photo unavailableShow in Telegram
#APP_Maallaqa_Kaffalu App kuni #Ethiopia keessatti hojjetame, suuraa daandirra deemnee kaasuudhaan #Task raawwanne hundaan kaffaltii arganna, yeroo kana goonu bilbila keenyaan #GPS banuudhaan guyyaatti qarshii 4,000 ol argachuu nii dandeenya. App kana waggaa 8 oliif biyya kana keessatti faayidaa kennaa jira buufachuuf hidhaa link gadii kanaan #Install godhachuu dandeessu 👇🏿👇🏿 🔗 http://tinyurl.com/4fx5skva http://tinyurl.com/4fx5skva
Hammasini ko'rsatish...
Repost from ABDII SABAA
Photo unavailableShow in Telegram
#Firii_Qormaata_Bahuumsa Yuunivarsitiin gara garaa Firii qormaata bahuumsaa ifoomsan. B'uuruma kanaan:- Yuunivarsitiin Finfinnee= 100% Yuunivarsitiin Hawaasaa=99% Yuunivarsitiin Wallaggaa =100% Yuunivarsitiin Waachamoo=99.6% Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa=98.7% Yuunivarsitii Jigjigaa=100% Yuunivarsitii Haramaayaa =98.62% Barattoota Isaanii Dabarsuun Milkaa'aniiru. Firii Yuunivarsitiiwwan kan biroo Yoom gadhiifama liinkii asii gadii irraa argattu. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://abdiisabaa.org/index.php/2024/02/20/exit-exam-yoom-ifooma/ https://abdiisabaa.org/index.php/2024/02/20/exit-exam-yoom-ifooma/ SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚 @ABDIISABAA 📚 Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf! 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
Hammasini ko'rsatish...