Mijuu seeraa Gadaa A. tiin
Kanalga Telegram’da o‘tish
Gadaa AB page. A page mainly created to make access of laws and law texts!
Ko'proq ko'rsatish251
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-17 kun
-430 kun
Postlar arxiv
Repost from Desalegn B.
Waldiddaa Dhimma Investimentii Ilaalchisee Murtii Dhumaa Kennuuf Qaamni Aangoo Qabu Eenyudhaa? Qaamni Aangeffame Kun Qabatamaatti Gahumsaan Dirqama Isaa Bahuuf Dhaabbiidhaan Hundeeffamee Jiraa?
Desalegn B.
Repost from Nuraddin Sham - FHS
+3
Qajeelfama kaffaltaa Iskeelii miindaa haara Mootummaa Naannoo Oromiyaa.የኦሮሚያ ክልል አዲሱ የደሞዝ እስኬል። #PDF
Credit to 👉 #Olyad_Girma
Falmii Jiraattota Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Naannoo Oromiyaa Ilaalchisee Murtii Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa FRDI Sagalee Caalmaatiin Kenne.
=====
Akkuma beekamu, Dhaddachi Ijibbaataa MMWO dhimma jiraattota Naannoo Oromiyaa fi Finfinnee ilaalchisee tumaan labsii lakk.1234/2013 Kwt 5(1)(h) jalatti ibsame Heera Mootummaa waliin kan wal faallessu ta'uu ibsuudhaan hiikkoon Heeraa akka irratti kennamuuf galmee lakk.404962 ta'e irratti gara Gumii Calaltuu Heeraa Mootummaa FRDItti qajeelchuun isaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan, Gumiin kun yaada kallattii garaagaraatiin sassaabbachaa turee sagalee caalmaatiin murtii hiikkoon hin barbaachisu jedhu kennuun xalayaa gaafa 11/03/2017 barreeffameen garagalcha murtichaa waliin MMWO beeksiseera.
Dhimma dhiyaateef kana irratti Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa FRDI sagalee caalmaatiin murtii kan kenne yemmuu ta'u, Yaadni sagalee caalmaatiin kennames:
Sababa itti falmiin jiraattota naannolee garaagaraa gidduutti uumamu dhimma federaalaa ta'uu qabuuf keessaa inni tokko loogummaa hambisuuf akka ta'e barreeffamoonni garaagaraa ni ibsu, falmii jiraattota naannolee garaagaraa gidduutti ka'u naannoleedhaan akka ilaalamu taasisuun lammileen sirna haqaa irraa amantaa akka dhabanifi haqa akka dhabaniif sababa ta'uu danda'a. Dhimma akkasii manneen murtii naannoo akka ilaalan taasisuun haala bilisa ta'eefi loog-maleessa ta'een haqa kennisiisuu dhabuu danda'a kan jedhuufi xiinxaloota bal'aa kan biroo kan of keessaa qabudha.
Xiinxalli Sagalee adda immoo:
Heera Mootummaa kwt 79(2)fi 8 jalatti qaamni abbaa seerummaa sadarkaa kamirrattiyyuu argamu qaama mootummaa, abbaa aangoofi dhiibbaa kamiraayyuu bilisa ta'ee hojii isaa hojjechuu akka qabu tumeera. Abbootiin seeraa Naannoo dhimma naannoo irratti bilisaafi loog-maleessa ta'anii dhimma federaalaa irratti loog-maleessa yoo ta'uu baatan bu'uura tumaa heeraa kanaan murtii isaan kennan murtii bu'uura heeraa qabu hin ta'u. Abbootiin seeraa dhimma kamiyyuu wayita ilaalan dhiibbaa ykn gartummaa kamirraayyuu bilisa ta'aniiti jedhamee amanama. Sirni abbàa seerummaa biyya keenyaa armaan olitti muuxannoo biyya Amerikaa irraa akka ilaalle, seenaafi haala ijaarsa biyyaatiin wal qabatee, garee falmii jiraataa Naannoo isaanii hin taane irratti loogii ni uumu yaadni jedhu haala hundeeffama sirna federaalizimii biyya keenyaafi kaayyoo isaa waliin wayita ilaalamu fudhatama hin qabu. Inumaayyuu abbootiin seeraa loogii akka hin uumnefi namni hundi seera fuulduratti tajaajila abbaa seerummaa wal qixa ta'e akka argataniif Heera kwt 25 jalatti tumameera. Akka haala qabatamaa biyya keenyattis garaagarummaan hin jiru malee jira osoo jedhameellee garaagarummaan jiraachuu kan danda'u naannolee gidduutti osoo hin taane sababoota Heericha kwt 25 jalatti tarreeffaman irratti hundaa'eeti.
Akka bu'uuraatti falmiin saba, sab-lammiifi uummattoota jiraattota Naannoo tokkoo ta'an gidduutti uumamuu danda'a. Haaluma wal fakkaatuun, miseensa saba tokkoo kan naannolee garaagaraa keessa jiraatan gidduutti falmiin uumamuu danda'a. Haala qabatamaa biyya keenyaatinis loogiin naannolee bu'uureffatee uumamuu akka danda'u tumaan heeraa agarsiisu hin jiru. Kana ta'ee osoo jiruu yaadni sagalee caalmaatiin sabummaa irratti hundaa'ee loogiin uumamuu danda'a jedhamee ka'e kan fudhatamu miti.....kan jedhudha.
Sagaleen caalmaa deeggarsa nama ja'aa kan argate yemmuu ta'u, sagaleen addaa deeggarsa nama afurii argateera. Walitti qabaan gumichaa yaada lamaaniiyyuu garee lamaaniiyyuu waan qeeqe fakkaata. Mee gadi fageenyaan dubbisaa!!
👁️Ammallee garee lamaan gidduutti ijoowwan dubbii qabamuu qabanifi furmaata argachuu qaban akka jiru murtichi ni agarsiisa. Fakkeenyaaf, "Manni Maree Naannoo Oromiyaa (Caffeen) falmiin jiraataa Naannoo keenyaafi jiraataa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gidduutti uumamu dhimma naannoo keenyaati, manneen murtii naannoo keenyaa ilaaluu ni danda'u" jedhee seera baasuu ni danda'a moo hin danda'u kan jedhu waan ilaalame natti hin fakkaatu. (Hangan hubadhetti) Murtii xumuraatii? Moo, maaltu itti aana kan jedhu walumaan ilaalla.
Desalegn B.
kitaaba bareedduu haala salphan seeraa yakkaa nama hubachiisuu danda'uu!
Namni tokko qabiyyee kan isaa hin taane irratti mana ijaarratee (horatee) yoo argames, akkaataa hariiroo seera qabeessa namni sun abbaa qabiyyee waliin qabuun dhimmichi furmaata kan argatuufi maallaqa baase yoo gaafate malee abbaa qabeenyaa manichaa ta'uu hin danda’u” jedheera.
Manni Maree Federeeshini, murtii Bara Paarlaamaa 6ffaa, Waggaa 2ffaa, Yaa'ii Idilee 2ffaa, Lakk.Ga.106/2015 ta'e irratti, Namni tokko lafa gurguree, bitataan yoo irratti ijaarrate manicha irratti abbaa qabeenyaa hin ta’u jechun murti kenne jira murtiin isaanis gabaabinan, Akkaataa Heera Mootummaatti lafti qabeenya uummataafi mootummaa yemmuu ta'u, lammileen immoo mirga itti fayyadamuu Heera irraa madde qabu. Namni mirga itti fayyadamuu qabu, dursee qabiyyicha karaa seera qabeessaan argachuu isaa mirkaneessuuf sanada mirga abbaa qabiyyummaa mirkaneessu qaama bulchiinsaa irraa argachuu (qabaachuu) qaba. Lafa haala kanaan argameefi galmaa'e irratti qabeenyi humnaan, dandeettii waa uumuufi kaappitaalan horatame eegumsa heeraafi seeraa ni qabaata.garuu namni qabiyyee karaa seeraan alaatiin argate ykn qabiyyee mirga itti fayyadamaa irratti hin qabne irratti qabeenya yoo horate, qabeenyichi kan horatame humna isaatiin, maallaqa isaatiinifi dandeettii waa uumuu isaatiin ta'ullee, manicha irratti mirga abbaa qabeenyummaa guutuu kan beekamtii Heeraa qabuufi eegumsa qabu kan argatu dursee mirga itti fayyadama lafichaa mootummaa ykn abbaa qabiyyee irraa kan argate yoo ta'edha.kanaaf,
Manni Maree Federeeshinii , murtii Bara Paarlaamaa 6ffaa, Waggaa 2ffaa, Yaa'ii Idilee 2ffaa, Lakk.Ga.106/2015 ta'e irratti,
የፍ/ብ/ሕ/ቁ 1179/1 ባለይዞታው ሳይቃወም በሌላ ሰው ይዞታ ላይ ቤት የሰራ ሰው የዚሁ ቤት ባለሀብት እንደሚሆን ይደነግጋል፡፡ እንዲህ በሆነም ጊዜ የይዞታው ባለመብት በይዞታው ላይ የተሰራው ቤት እንዲነሳለት ወይም ከ 1/4ኛ የማይበልጥ ካሳ ከፍሎ ቤቱን የማስቀረት መብት እንዳለው የዚሁ ሕግ ቁጥር 1179/2 እና 1180 ድንጋጌዎች ይዘት ያስገነዝቡናል፡፡ የፌዴራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎትም እነኚህን ድንጋጌዎች አሁን ካለው የመሬት ስሪት ጋር በማገናዘብ በሰ.መ.ቁ 30101፤ 36636፤ 105125 እና በሌሎችም በርካታ መዛግብት አስገዳጅ የሆነ የሕግ ትርጉም ሰጥቶበታል፡፡ ሰለሆነም ተቃውሞ ሳይቀርብብኝ ነው ግንባታ የሰራሁት ብሎ የሚከራከር ወገን ተቃውሞ እንዳልቀረበበት በማስረጃ ማረጋገጥ አለበት። ማረጋገጥ ካልቻለ አልፈው የሰሩትን ግንባታ በራሳቸው ወጪ አፍርሰው ይዞታውን እንዲለቁ ይደረጋል።
Himatamaan tokko yakka duraaniitiin balleessaadha jedhamee korooraan erga gadi lakkifamee waggaa shan kan darbe yoo ta'ellee, iyyannoo moggaafamuu mana murtiitti dhiyeessee bakka hin moggaafamnettifi adabbichis galmee murtii keessaa haqamee akka hin murtoofnetti bakka hin lakkaawamanitti, kuusaa yakkaa isaa akka adabbii cimsutti fudhachuun waanuma ta'uu qabudha.
(Seera Yakkaa kwt 82(1)(a), 84(1)(c), 232, 233, Dhaddacha Ijibbaataa MMWF Ga.Lakk.161791 (Jildii 24ffaa)
አንድ ተከሳሽ አስቀድሞ በፈጸመዉ ወንጀል ጥፋተኛ ተብሉ በአመክሮ ከተፈታ አምስት ዓመት ያለፈዉ ቢሆንም ለፍ/ቤት የመሰየም ጥያቄ አቅርቦ ባልተሰየመበትና ቅጣቱም ከፍርድ መዝገብ ተሰርዞ እንዳልተሰጠ ባልተቆጠረበት ሁኔታ የጥፋተኝነቱ ሪከርዱን በቅጣት ማክበጃነት መያዝ ተገቢ ነዉ::
(በወ/ሕ/አንቀጽ 82(1/ሀ) ፤84(1/ሐ)፤ 232፤ 233, የሰ/መ/ቁ-161791, ቅጽ-24)
Desalegn B.
Repost from Musa.H.Ⓜ️.Law Room
Murtii DhIMMWF Lakk.Galmee 220008 ta’e irratti gaafa 26/11/2014 kennamee (Murtii Hin Maxxanfamne).
Adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandenye ta’u isaa.
አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡
የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)
@musalawyer
Repost from Musa.H.Ⓜ️.Law Room
Qaamni Bulchiinsaa Waliigaltee Ijaarsaa Garee Biroo Waliin Raawwate Haquudhaan Kaffaltiin Dursaa Fudhatamee Ture Akka Deebi'uuf Himannaa Isaa Mana Murtiitti Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa? Gareen Biroo Qaamni Bulchiinsaa Kun Akkaataa Waliigalteetti Dirqisiifamee Akka Raawwatu Naaf Murtaa'u Jechuu Ni Danda'aa? Desalegn B. ======///======///=====///============ Waliigalteen ijaarsaa falmichaaf ka’umsa ta’e waliigaltee bulchiinsaa yoo ta’e, qaamni bulchiinsichaa waliigalticha diiguuf mirga kan qabu yemmuu ta’u, gareen qaama bulchiinsichaa waliin waliigaltee raawwate sababa diigamuu waliigaltichaatiin miidhaan kan isarra gahe yoo ta’e mirga beenyaa gaafachuu kan qabu ta’uu qabiyyeen bu’uuraa tumaalee SHH keewwattoota 3180fi 3181 ni hubachiisu. Gareen qaama bulchiinsaa waliin waliigaltee raawwaterra miidhaan gahe yoo jiraate beenyaa gaafachuu malee mootummaan akka waliigalticha fooyyessu dirqisiisuu ykn maallaqa kaffaltii dursaa fudhatame mirga deebisuu dhiisuu hin qabaatu. Waan ta’eefis, gareen waliigaltee sababa waldhabdeen uumameef waliigalteen ijaarsaa akka itti hin fufne haala ifa ta’een yeroo beekamutti, sababni seera qabeessi itti fufsiisus bakka hin jirretti himannaa qaamni bulchiinsaa waliigalteen haqamee kaffaltiin duraa fudhatame naaf haa deebi’u jechuun dhiyeessu kufaa taasisuun dogoggora bu’uura seeraa SHH kwt 1815, 3180 fi 3181 hubannoo keessa hin galchinedha. (Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Ga.Lakk.129534, Jildii 22ffaa) ለክርክሩ መነሻ የሆነዉ ግንባታ ውል የአስተዳደር ዉል ከሆነ የአስተዳደር አካሉ ውለታ የማፍረስ መብት ያለዉ ሲሆን ከአስተዳደሩ ጋር የተዋዋለዉ ወገን ውሉ በመፍረሱ ምከንያት ጉዳት የደረሰበት ቢሆን ካሳ የመጠየቅ መብት እንዳለዉ የፍ/ሕ/ቁ 3180 እና 3181 ድንጋጌዎች መሠረታዊ ይዘት ያስገነዝቡናል። ከአስተዳደር ጋር የተዋዋለዉ ወገን የደረሰባቸው ጉዳት ካለ ካሳ ከሚጠይቅ በቀር መንግስት ውል እንዲያሻሽል የማስገደድ ወይም በቅድመ ከፍያ የተወሰደውን ገንዘብ ያለመመለስ መብት የላቸውም። በመሆኑም ተዋዋዩ ወገን ከአስተዳደሩ ጋር ያደረገው የግንባታ ውል በተፈጠረው አለመግባባት የማይቀጥል ስለመሆኑ ግልጽ በሆነበት ሁኔታ ፍርድ ቤቶች የአስተዳደሩ ክስ የቅድሚያ ክፍያ ይመለስልኝ የሚል ሆኖ ሳሌ እና ውሉም የሚቀጥልበት የህግ ምክንያት በሌለበት ሁኔታ ውሉ እንዲሰረዝ በቅድመ ከፍያ የተወሰደውን ገንዘብ እንዲመልሱ ይወሰን ዘንድ የቀረበን ክስ ውድቅ ማድረግ የፍ/ሕ/ቁ.1815 ፤ 3180 እና 3181 ያላገናዘበ መሠረታዊ የህግ ስህተት ነዉ። (ሰ/መ/ቁ 129534, ቅጽ-22, (ከመላከ ጥላዉን መጽሀፍ የተወሰደ)) Desalegn B.
Repost from Desalegn B.
Gareewwan Waliigaltee Osoo Dhimma Dhalaa Irratti Waliif Hin Galin Haalli Itti Murtaa'u Jiraa? =====///=====///=======///===== Waliigaltee liqii maallaqaa guyyaan itti liqichi deebi'uu qabu waliigaltee keessatti ifatti taa'een wal qabatee yeroon itti deebi'uu qabu yoo darbe, liqeessaan liqeeffataan maallaqicha akka deebisuuf akeekachiisa kennuuf hin dirqamu. Gareen waliigaltee liqii guyyaan itti deebi'u waliigalteedhaan murtaa'een maallaqa liqeeffate, guyyaa dhumaa itti deebi'uu qabu irraa eegalee, dhala kaffaluuf waliigalteen jiraachuu baatus, liqicha dhala seeraa isaa waliin kaffaluuf ni dirqama jechuun murteesseera. (Dhaddachi Ijib.SHH kwt 2482(2)(3), 2483, 2489(1), 1676fi 2478 caqasee Ga.Lakk.74950 (Jildii 14) የመመለሻ ጊዜው በግልጽ ተለይቶ የተሰጠን የገንዘብ ብድር በተመለከተ አበዳሪው በውሉ የተመለከተው ጊዜ ካለፈ በኋላ ተበዳሪው የብድሩን ገንዘብ እንዲመለስ ማስጠንቀቂያ የመስጠት ግዴታ የለበትም። የብድሩ ገንዘብ መክፈያ ጊዜው በተወሰነ የብድር ውል ስምምነት ገንዘብ የተበደረ ወገን የመክፈያ ጊዜው ካለፈበት (ካበቃበት) ጊዜ ጀምሮ ወለድ ለመክፈል ስምምነት ያልተደረገ ቢሆንም፣ ብድሩን ከነ ህጋዊ ወለዱ ለመክፈል ይገደዳል። (የፍ/ብ/ህ/ቁ.2482(2)(3),2483, 2489(1),1676, 2478፣ የሰ/መ/ቁ-74950፣ ቅጽ-14) Desalegn B.
++++Mijuu Seeraa Kutaa 35ffaa++++
Haala itti Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafaa Kennaan Dabarsuun danda’amu
1) Qonnaan bulaan, gamisa horsiisee bulaan yookiin horsiisee bulaan tokko mirga abbaa
qabiyyummaa yookiin biqiltuu dhaabbataa dhuunfaan qabu ijoollee isaa yookiin ijoollee
ijoollee isaatiif kennaadhaan dabarsuu ni danda’a,
2) Ijoollee yookiin ijoolleen ijoollee kan hin jirre yoo ta’e abbaa yookiin haadha yookiin obboleewwaan isaaf kennaan dabarsuu ni danda’a.
3) mirga arman olii qabaatuus qabiyyee yookiin biqiltuu dhaabbataa qabu keessaa walakkaan ol kennaan kan darbu yoo ta’e fudhatama hin qabaatu.
4) mirgii 1 fi 2 irraatti ibsame jiraatus, qonnaan bulaan yookiin gamisa horsiisee bulaan yookiin horsiisee bulaan tokko mirga abbaa qabiyyummaa lafaa qabu yeroo gaa’ila raawwatutti waahila isaa gaa’ila waliin raawwatuuf qabiyyee dhuunfaa yookiin kan waloo isaanii taasisuun kennuu ni danda’a.
5) Qabiyyeen lafa baadiyyaa yookiin biqiltuun dhaabbataa abbaa warraafi haadha warraa yookiin namoota birootiin waloon kan qabame yoo ta’e qabiyyee waloo kana kennaan dabarsuun kan danda’amu abbaan warraafi haati warraa yookiin abbootiin qabiyyee waloo yoo irratti waliigalan qofaadha.
6) Waliigalteen kennaa qabiyyee lafaa kuni barreeffamaan ta’uu qaba. Waliigalteen kennaa jechaan yookiin afaaniin raawwatame seera duratti fudhatama hin qabaatu.
7) Waliigalteen kennaa taasifame kuni caasaa Biirichaa sadarkaa Aanaa irra jirutti galmaa’u qaba.Waliigaltichis guyyaa galmaa’e irraa eegalee kan ragga’u ta’a.
😎 Waliigalteen kennaa qabiyyee lafaa akkaataa armaan oliin kan hin raawwatamne yoo ta’e seera duratti fudhatama kan qabu miti.
9) Akkaataa armaan oliin namni mirga abbaa qabiyyummaa kennaan argate, namni kennaadhaan mirga abbaa qabiyyummaa dursee argate ture erga namni dhaalamu du’ee kan argachuu danda’u hanga osoo kennaan hin raawwatamne ta’ee dhaalmaan argachuu danda’u qofa ta’a. Hangi qabiyyeen kennaan argate hanga dhaalmaan argachuu danda’uu ol yoo ta’e qabiyyee kennaa argate qabatee kan hafuu fi dabalataan dhaalmaadhaan kan hin arganne ta’a.
10) kennaan akkaataa tarree 1 fi 2 tiin raawwatamu haala irratti hundaa’u ni danda’a.
11) Kennan haala irratti hunda’ee kenname naaf haa diigamu jedhamee himannaan dhiyaatu haalichi yeroo uumamee yookiin uumamuu isaa namni kennaa kennu yeroo beekee irraa kaasee yeroo waggaa 2 keessatti dhiyaachuu qaba.
12) Tumaaleen seera hariiroo hawaasaa kennaan wal qabatee jiru dhimmoota Labsii Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Irra deebiin Murteessuuf Bahe lakk 248/2015 hin hagugamne irratti hanga Labsii kanaan wal hin faalleessinetti akka barbaachisummaa isaatti raawwatinsa ni qabaata.
13) Namni qabiyyee lafa baadiyyaa akkaataa Labsii olitti caqasamee kana keessatti tumameen kennaan argate mirga abbaa qabiyyummaa qonnaan bulaan yookiin horsisee bulaan yookiin gamisa horsisee bulaan qabu ni qabaata.
akkaataa Dambii lakk 8/2016 tiin Kaffaltii Tajaajila Abbaa Seerummaa Dhaabbataa abbaan dhimmaa kaffaluu qabu.
1. Ajajni waamichaa garee falmiif yookiin ragaaf bahii ta’uu qarshii 50
2. Murtii yookiin sanada galmee keessatti argamu kamiyyuu yookiin sanada bifa elektirooniikaan argamu garagalcha isaa fudhachuuf, qarshii 5
3. Iyyaanni raawwii murtii dhiyaate dhimmaa maallaqaan hintilmaamuu hindandeenye qarshii 500
4. Ragaan raawwiin guutummaan osoo hin raawwatamiin hafuu isaa ibsu yammuu kennamu qarshii 100
5. Yeroo raawwachiisa murtii qabeenya qabame yookiin kabajame irraa mirgan qaba jechuun himannoon yammuu dhiyaatu qarshii 1000
6. Dhaamoon yookiin kennaan akkaataa seera rogummaa qabuun akka galmaa’uuf dhiyaatu qarshii 300
7. Hiikkaan gaa’elaa yoo mirkaneeffamu yookiin murtaa’u gareen gaafate ykn kan gaafatee mata mataatti qarshii 300
8. Ragaan dhaalaa erga qulqullaa’ee booda kennamuu fi qooddaa qabeenyaa abbaa warraa fi haadha warraa irratti dhibbeenta 1% tilmaama dhiyaateen.
9. Himannoon mirga qabaataa ta’uu mirkaneessuu yookiin kan mirkaneeffamee ture diiguuf qarshii 150
10. dhimmi sirna ariitiin yookiin gabaabaan akka ilaalamuuf gaafatameef qarshii 100
11. Murtii yookiin ajaja sirna gabaabaan ykn ariitiin kenname jijjiirsisuu yookiin haqsiisuuf qarshii 100(dhibba tokko)
12. Murtiin duratti dhorka ykn wanti tokko akka raawwatamu ykn akka hinraawwatamne ajaja argachuuf ykn ajaja akkasii kaasisuuf qarshii 100
13. Ol’iyyannoo yookiin iyyata ijibbaata yeroon irra darbe hayyamsiifachuuf yookiin iyyannoo jijjiirraa dhaddachaaf qarshii 100
14. Waliigalteen araaraa yookiin sanadni tokko chaappaa mana murtiitiin akka mirkanaa’u iyyata dhiyaatu qarshii 100
15. Dhimmoota keewwata kana jalatti ibsamaniin alatti barreeffama mana murtii irraa kennamu kamittuu qarshii 100
Repost from Nuraddin Sham - FHS
+5
#Dhaddachi_ijjibbaataa_Mana_Murtii waliigala Federaala Jildii 19 ffaa lakk galmee 120762 irratti Dhimma yakkaa ilaalchisee hmatamaan bakka hin jirretti Abukaatoon dhiyaatee falmuu hin dandada'u kan jedhu nama uumamaa irratti malee nama namummaa seeraa(Legal personality) qabu irratti Raawwii hin qabu jechuun SDFY keewwata 127 wajjiin wal qabsiisuun dhaddacha gaafa guyyaa 25/6/2008 ooleen murtii dirqisiisaa kennee jira. Murtiiniis kunooti dubbisaa👆🏻
++++Mijuu Seeraa Kutaa 34ffaa++++
Dhaddachi Ijibbaata MMWF, galmee Lakk. 199901 Jildii 26ffaa irraatti waliigalteen qooddii qabeenya hinsochoonee dhaaltoota jidduutti taasiifamuun walqabteen tumaan seeraa formality isaa ilaaltuu jiraachuu baatus waliigalteen kuni mirgaaf dirqama garee lama jidduutti waan uumuuf, waliigalteen qoodda ykn jijjiira qabeenya hinsochoonnee dhaaltoota jiddutti taasiifamu barreefaman ta’ee, mana murtiitti ykn qaama aangoo waliigaltee waliigalchiisuu raawwatu biratti ta’uu akka qabu akkasumas dhaaltoonni waliigaltee irraatti mallatteessuu akka qaban Shh kwt. 1079, 1719,1677 fi 1723(2) tin wal qabsiisuun murtii dirqiisiisa kenne jira.
