cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Odeffannoo fi soorata sammuu 🧠

Hidhannii ke waaqa ke waliin yaa ta,u!

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
289
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+47 kunlar
+1130 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

OF BEEKUU ➊Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu. ➋Of beekuun beekumsa beekumsa caaluu dha. ➌Albuudni namni itti fayyadamee fixuu hin dandeenye of beekuudha. ➍Addunyaa kana irra namoonni baay'een osoo of hin beekin beekaa fakkaatanii taa'u.garuu beekaa waan fakkaatteef waan beekte sitti hin fakkaatiin. ➎Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ni ibsa. ➏Barachuun osoo of beekuudha ta'ee namoonni baratan hundumtuu beekaa ta'u turan. ➐Of beekuun filannoo hin qabu. ➑Foormulaan of beekuu waan tokko qofaadha. Innis of wallaalluun dhukkuba qoricha argachuu hin dandeenyeen qabamuu akka ta'e beekuudha. ➒Namoonni of beekan seenaa addunyaa keessatti hirkattuu ta'anii hin beekan. ➓Hirkattummaan diina of beekuuti. ⓫Of wallaaluun foormulaa qaba.foormulaan isaas Gad-aantuummaa × Hirkattummaa × Of awwaaluu = Of wallaaluu dha. ⓬Osoo of hin beekiin namootni du'an addunyaan kun rakkoo guddaa har'aa keessatti akka kuftu taasisaniiru. ⓭Warri addunyaa kanaaf ga'ee isaanii osoo hin taphatiin darban, dhaloota dhufu irra itti gaafatamummaa dachaa ka'anii darbu. ⓮Osoo of hin beekiin du'uun osoo hin dhalatin du'uu wajjin tokkuma. ⓯Of beekuun jireenya kessaa hin argamu. Jireenyatu of beekuu keessaa argama malee. ⓰Kan ati of beekuu dandeessu gaafa akka of hin beekne barteedha. ⓱Of wallaaluun of awwaaluudha. ⓲Of beekuu keessaa of beekuu kan biraatu madda malee of wallaaluutu madda miti ⓳Waa'ee keef har'uma abbaa murtii sirrii ta'uudhaan murteessi. Egaa jireenya keenya keessatti waan hundumaa kan dursu of beekuudha. Otoo of hin beekiin waa beekuuf tattaafachuun rakkisaa dha. Kanaafuu waan hundaa dura of beekuun gaarii dha.
Hammasini ko'rsatish...
Abjuu kee galmaan ga'uuf qophoofteettaa? ➊Kophaa ta'uuf qophaa'i ➋Hiriyyoota kee dhabuudhaaf qophaaʼi ➌Akka sitti kolfan beekuuf qophaaʼi ➍Qeeqaaf qophaa'i ➎Kuftee ka'uuf qophaa
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
Jireenya! Carraa jalqabaa fi isa dhumaa! ''Jireenyi dhiyeessii yeroo tokkooti. Akka gaariitti jiraadhu” (Thoughts Wonder). Wantoota har'a hojjechuu dadhabne, yeroo fi carraan isaa gaafa sirrii ta'e ni raawwanna. Jireenyi garuu akkas miti. Jireenyi carraa jireenya keessatti al tokko argamtudha. Erga itti fayyadamne booda yoomiyyuu hin deebi'u. Carraa yeroo tokkoo kana sababa adda addaatiin osoo hin mudatin akka hin dabarre qaroo ta'i. Jireenya kana itti gammaduudhaaf sooressa ta'uu hin qabdu, qaroo ta'uu hin qabdu, beekamaa ta'uu hin qabdu, nama si dhiisee deeme deebifachuu hin qabdu, hin barbaachisu waan barbaadde hunda argachuu qabda, nama hunda biratti fudhatama argachuu hin qabdu, biyya kamuu deemtee jiraachuu hin qabdu. . . . Har'a jireenya guutummaatti jiraachuuf murteessuu dandeessa. • Waan har'a qabdutti gammadi, garuu waan hin qabne argachuuf cimtee hojjedhu. • Hojii harka jiru gammachuu fi ciminaan hojjedhu, garuu kaayyoodhaan jiraadhu, boru fooyya’aa ta’eef karoorfadhu. • Eenyu akka taate fudhadhuu ofitti gammadi, garuu amala dhuunfaa kee kan jijjiiramuu fi fooyya’uu qabu irratti yeroo hunda hojjedhu. • Hanga galma kee bira geessutti imala keetti gammadi, garuu hanga galma kee bira geessutti sochii kee itti fufi. Jireenya nagaa fi fayyaa isiniif haa ta'u! Via URJIIJ
Hammasini ko'rsatish...
Abjuu kee dhugoomsuuf "C" afuur hordoofi 1. Kaka'umsa onneerraa madee (Curiosity) 2. Cimina keessoo/Jajjabina (Courage) 3. Dandeettii walitti fufiinsaa hojjechuu (Consistency) 4. Ofitti amanamummaa qabaachuu (Confidence)
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
#Kutaa_12ffaa Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa guyyaa har'aa Gurraandhala 7/2016 galmee dorgomtoota Qormaata Ragaa Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Itiyoophiyaa (kutaa 12) bara 2016 ilaalchisee galma walga'ii waajjirichaa irratti ibsa miidiyaaleef kenneera. Ibsi daayreektarri olaanaa tajaajilichaa obbo Tafarraa Fayyisaa kennaniin, dorgomtoonni qormaata xumuraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Itiyoophiyaa bara 2016 (kutaa 12ffaa) qormaataaf taa’uu isaanii dura ulaagaa galmee guutuu akka qaban irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u yeroo murtaawaa kenname keessatti galmaa'uu akka qaban ibsaniiru. Akka ibsa Daarektara Olaanaa kanaatti galmeen kun Gurraandhala 3-30, 2016tti karaa toora Interneetiitiin kan raawwatamu ta’a. Qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran dhimmoota irratti xiyyeeffatamuu qaban akka armaan gadiitti cimsanii ibsaniiru. 1. Yeroo murtaa’e keessatti Gurraandhala 3-30, 2016 qofatti galmaa’uu akka qaban. 2. Dogoggora kamuu, kan akka saalaa, maqaa, suuraa, Muummee barnootaa fi rakkoolee kana fakkaatan akka hin uumamneef of eeggannoon raawwachuu. 3. Gurraandhala 30/2016 booda galmeen fudhatama akka hin arganne beekuu danda’uu. 4.Galmeen barattoota idilee fi galgalaa mana barumsaa itti baratanitti kan raawwatamu ta'uu beekuu. 5. Galmeen barattoota Dhuunfaa , sagantaa barnoota fageenyaa/interneetii/ waajjira barnootaa aanichaa fi godinaatiin akka raawwatamu ibsaniiru. Dhumarrattis Daarektarri Olaanaan waamicha tajaajila kanaa fudhachuuf miidiyaaleen galateeffachuun galmeen qormaata bara 2016 yeroo fi haala qulqullina qabuun akka raawwatamu dhaamsa dabarsaniiru. Tajaajila madaallii barnootaa fi qormaataa
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
DU'A ⏺Awwaalcha kee sa'aatii tokko booda, Boo'ichi ni hir'ata. Maatiin kee gara manaatti deebi'ee nyaataa fi dhugaatii kennuun firoota kee kunuunsuu jalqabu. Yeroositti qaamni kee biyyee waliin wal argu. ▶Sa'aatii lama booda, Warri boo'ichakee hin dhufne mana keessanitti bilbilanii sirna awwaalcha irratti argamuu dadhabuu isaaniif sababa dhiheessanii maatii kee dhiifama gaafatu. Yeroon booda namoonni mana keessan keessa jiran tokko tokko waa'ee ispoortii, tapha adda addaa fi siyaasaa dubbachuu jalqabu. ⏩Sa'aatii jaha booda, Maatii kee dhiyoo qofatu hafe. Namni hundi gara manaatti deebi'ee karoora guyyaa itti aanu karoorfachuu jalqaba. Abbaaf haatikee suuraa kee guddifamee fireemiin hojjatame sana ilaalaa gaddu. ⏺Sa'aatii digdamii afur booda, Qaamonni keessoo kee bulbulamuu jalqabu. Gidduu kana ergaa fi bilbilli namoota du'uu kee hin beekne irraa bilbila kee irratti dhufuu itti fufeetuma jira. Garuu namni kaasu hin jiru. Maatiin kee ilaalaniituma deebii dhabanii dhiisu. ▶Guyyaa sadii booda, Bakka hojii keetitti bakka kan kee guutuuf af-gaaffiin dorgomtoota waliin taasifama. Yeroo sanatti qaamni kee dhiita’uu kan jalqabu yoo ta’u, dhangala’aan foolii qabu afaanii fi hidhii kee keessaa ba’a. ▶Guyyaa shan booda, Intalti fi ilmi kee hojiitti deebi'u(yoo qabaachuu baattemmoo homtuu. Yeroo kanatti qaamoleen dhiigaa kee manca'uu waan jalqabuuf qaamni kee magariisa irraa gara diimaatti jijjiirama. ▶Torban lama booda, . Ijoolleen keessan qabeenya qooddachuuf abukaatoo waliin mana murtiitti wal argu. Yeroo kanatti cimdii fi ilkaan kee harca'uu jalqaba. ▶️Waggaa tokko booda namni tokko, "Wow, erga du'ee/duutee hanga kana qofaa? kaleessa fakkaataam jedha." -Waggaa kudhan booda, Hiriyaan tokko suuraa durii irratti si argee si yaadata.Qaama kee irraa kan hafe lafee qofatu jira. Yeroon booda lafichis bullaa'ee biyyoo ta'a. Jireenyi ilma namaa hanganuma. Yeroo qabdu keessatti yoo waan gaarii hin hojjanne , yoo nama ittiin waamamtu hin qabaanne ,osuma deemtuu yoo boqotte,muka firii hin qabne taatee hafuudha.Umurii jireenya ofii guutuu waan dhugaa osoo hojjetanii yoo du'an garuu gaabbii hin qabu! ✍️ by gt. 😢👍❤️ reaction. Sher hiriyyootan keessanif
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
Barsiisaa👨‍🏫:- Har'allee hojii manaa otoo hin hojjatin dhuftee ? hundaafuu adabbiin kankee yoo maal tahe qajeeltee baratta? ana👨‍⚖:- Mucayyoon bareedduun haarayaas hojii manaa hin hojjanne. Nu lameenuu kutaa dukkanaa'aa tokko keessatti woliin otoo nutti cufamee adabbii Bareeda natti fakkaata. 👍👍                    😜😝😂 Share➬ @qoosaa_oromoo Share➬ @qoosaa_oromoo
Hammasini ko'rsatish...
Israa'el loltoota ishee lola irratti du'an irraa isparmii akka walitti qabdu beeksiste. Sanyiin loltoota 91 lola Hamaas waliin geggeeffameen du'anii walitti qabameera. Sanyiin loltoota du'anii kun kan walitti qabamu sanyii isaanii bakka buusuuf akka ta’es himameera.
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.