cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Gorsa Jireenyaa✈️

Channel keenya #join godha! Ergalee barsiiso ta'an gaggaari ni argattu. March 5 2020 Join @Gorsajireenya_group Yaadaaf:: @Gorsajireenya_bot

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
7 550
Obunachilar
-724 soatlar
-177 kunlar
-8330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Repost from @KIRKIRA _JIREENYAA
#DANDEETTII OFIIKEE HUBACHUU. @Nama hubachuu fi namni akka sihubatuuf lafa dheeraa fi humna Baay'ee hin fixin! ✍️ @Miratuu Shaanqoo Giddii Of hubachuun qabeenya guddaadha.qabeenyi of hubachuudhaan argamu,qabeenya qabeenya ta'ee namaaf hafuudha.of hubachuu keessa waan hedduutu jira.of hubachuun sanyii biqilee guddatuudha.yoo facaaste ni biqila.ni dagaaga.innis sanyii kan biroo siif kenna.dhalootaa gara dhalootatti ni darba.of hubachuun ofiif hubachuu of keessaa qaba. ofiikoo akkan hubadhuufan dhaladhe.of fudhadhu.ofiif yeroo kenni.ofkabaji.ofii wajjin marii qabaadhu.ofiikee nyaata gaarii affeeri.ofii waliin kolfi.garuu ofitti hin kolfin. wantoonni ani armaan olitti tarreesese kun yeroo dubbistu Baay'ee sslphaa sitti fakkaachuu danda'a garuu yoo yeroo kennitee ofiikee irratti hojite jireenya kee fi fiixaan ba'umsa keef iddoo guddaa qabu. Qorattoonni addunyaa kanaa Baay'een waa'ee wanta ta'ee tokko qorachuuf yeroo,humna fi beekumsa isaanii Baay'ee fayyadamuun; bu'aa qorannoo isaanii yeroo xumuramutti qaama barbaachiseef ibsa taasisu.kunis Gaariidha.addunyaan kun bu'aa qorannoon fideen waan baay'ee jijjiirteetti.har'as jijjiiraa jirti.garuu bu'aa guddaa qorannoon dhufu caalaa, dhalli namaa hundumtuu maaliifi eessa ga'uuf akka dhalate osoo sirriitti of hubatee addunyaan kun lafa har'a geesse caalaa baay'ee gara fuula duratti tarkaanfachuu ni dandeessi jedheen amana.of harkaa hin xumurreedha. Namoonni baay'een nama hubachuufi namni akka isaan hubatuuf lafa fagoo deemu.namni yoo osoo isaan hin hubatin hafe,nama sana hubachiisuuf bu'aa ba'ii baay'ee keessa darbu. Yoo namtichi bira jiraate qaamaan isa hubachiisuuf yaalii taasisu.yoo namtichi isaan irraa fagoo ta'e immoo bilbilaan yookiin iimeeliin akkasumas karaa elektirooniksii ammayyaa hunda fayyadamanii nama hubachiisuuf yaalu.yaaliin isaanii kun namni kun karaa malee waan na hubateef,ani nama akkasii miti jechuun ofii kee haala gaarii ta'een namticha biratti fudhatama argachuuf karaa fagoo deemta.kunis Gaariidha.garuu Wanti guddaan bara ammaa kana ofiikee hubachuudha. Namni akka ati yaaddutti guutummaa guutuutti si huubatu yoomillee hin argattu.boris hin eegin. Namni yeroodhaaf waan karaa hundumaa si hubate sitti fakkaachuu ni danda'a garuu mee yeroo kenniifii ilaali.xiqqoo turtee yeroo ati namtichuma kaleessa baay'ee na hubataam/na hubatteem/ jecha turtetu,osoo inni/isheen/akka malee si hubatu argitaatii.kanaafuu,namoota biratti jalqabuma irraa wanti ati hubachuu qabdu,hubatamuu dhiisuu akka dandeessuu hubachuu qabda......itti fuufa #Kirkira_Jireenyaa.
Hammasini ko'rsatish...
⩩ Kitaaba hin barreefamne barreessuuf kitaaba barreefaman dubbisuun dirqama. ⩩ Dubbii hin dubbatamne dubbachuuf dubbiiwwan dubbataman dhaggeeffachuun dirqama. ⩩ Nama ta'uu qabdu ta'uuf nama ta'uu hin qabne ta'uu irraa of fageessuun dirqama. ⩩ Waan hin hojjatamne hojjachuuf waan hojjataman baruun gaari dha. Coba Yaadaa @Gorsa_jireenys @Gorsa_jireenya
Hammasini ko'rsatish...
Yaada Fudhachuu:- Yaada si'a lama fudhachuu qabda: inni 1ffaan hojii tokko gaafa hojjennu bu'a hojii sanan argamsiisne irraati namoonni yaada maali akka qabanifi ilaalcha isaaniti hojiichi bu'ansa maal akka fakkaatu baruuf yaada fudhachuudha. Yaada nuti erga waan tokko xumurree adeemsa hojii keenyarrati obboloonni cina keenya yaada akkami qabu isa jedhu baruuf, akkasumaas tarii waan fooyyeesu qabnufi cimina qabnu itti fufsiisun nurra jiraatu namootarra yaada fudhachuuf nugargara. Inni 2ffaan, Utuu hojjechuu hin jalqaabin hojjechuu yaada yaadne irraati marii nutii obboloota hiriyyoottanifi michuu keenya amanamoo yaada fooyya'a ta'e nuuf kennu danda'an irra fudhannudha. Oromoonu yoo mammaaku, "mariyaatan goowwa hin qabu" jedha. Wanta tokko gochuuf waanuma murteessine duwwadhaf hin goonu. Waan tokko raawwachuuf murteessun gaarii ta'us murtoo duwwaati yeroo hundaa amanun immoo yaada namootarra akka fagaannufi altokko tokkos raakkinoota utuu hin hubatinif akka saaxilamnu nutaasisa. Kanaafuu wanta hojjechuuf yaada keessa qabnu ogeessaa waan sanarrati miuuxxanno hojiifi beekumsaa waliigalasaa qabu mariisisun gaarii ta'a. Barbaachisaadhas. Business jalqaabuf yaadde sana haala business jalqaabuf yaadde sana namoota hojjetta jiraanif turan muuxxannoo isaan kanan dura hojiicharrati qaban isaanirra qooddachuuf, ogeessa business business sanarrati beekumsaa qabu mariisisun adeemsa kamin haala yeroo wajjin bu'a akka nuuf buusu beekumsa hojiicha keenyaf nu barbaachiisu isaarra argachuufi naanno hojii itti hojjechuuf yaadne sana qo'aachufi qoraachun nurra barbaachiisa. Kanaafuu, wanta hojjechuuf yaadnefi yaadnu tokkorrati namoota beekumsafi muuxxannosa qaban irra hubanna hojiicha waan hojjechuuf yaadne sanaf nu gargaaru argachuu qabna. Kanaafuu yaadni nama hin tuffaatamu liqiimfaamu isaatu hafa male. Ati nama ta'u yoo barbaadde gartuu namoota yaada namoota gonkumaa hin fudhannefi hin barbaanne keessa bahun anamoofi of guddisuuke ofirra cabsi! Ogeessi nama nama mariisisa. Kophasa murteessus yaada dabaaloota ogeessotarra fudhatun immoo murtoo keessa deebi'e ilaala. Of duwwarrati hin xiyyeeffatin! Ogeessoota dhaggauf gurra qabadhu! Gslgaala gaarii! Barreessan: WamearnToleraa Banti ti Joinformore: @Gorsa_jireenya
Hammasini ko'rsatish...
Jireenya keessati namoota simiidhuf sitti maggalanif, simiidha jiranifi sigufaachisu waameeqa xaaxanif sirakkisanif deebin jalqaaba ati kennu qabdu, caallisudha. Jala diidudha. Deebi kennu dhiisudha. Daa'imaa dhoqee keessati kufte jirtu tokko argun gaafa lafa kaastu, ishee lafa kaasuti dhoqee sanan tuuqamunke hin oolu. Dhoqee Sila tuquuf yaada keessa hin qabne daa'imaa sana lafa kaasuti tuqxa. Dhoqeechis situqa. Akkasumaa, namoota sigufaachisuf sirakkisa jiraanif deebi hammuma kennitu karaa ittin kufun lafa yaada isaani isaanif geessu kennitaf. Atis raakko siluma kaayyokeef jette keessa galteeti dabaaltetu raakko bira ofiti dabaalta. Caallisuun immoo waan hundumaaf karaa gabaaba ati of oolchu dandeessudha. Nama kaayyoo qabu yoo taate yoomiyyuu dhiibbaa sirra gahu kamiifu obsuf gara kuteessa ta'u qabda. Tari nama oonne jabaa qabu eenyunu hin sodaanne fi sodaa waan kamiyyu hin qabne ta'u dandeessa kanan dura. Nama kaayyo gaafa taatu garuu akka ofiike dhiistetu akka kaayyoochi sirra barbaaduuti jiraatta. Kanaafuu waan kamu obsuf yaadi male waan hundumaaf deebi kennuf hin yaalin! Jireenya keessati haaloota tokko tokko yerootu fura. Bara ati galmake gahuf hojjettufi dhamaatuti namoota gaarii sif godhan galaateffata, namoota simiidhan immoo dhiisa bira darbi. Garuu waan namoonni sigodhanis waan namoonni sif godhanis yaada garaakeeti kataabadhu darbi. Karaa jireenyake gaafa deemtu obsan. Gaafa lafa baatef geessu immoo akka itti dhuftee(lafa baatef geesse) haasofta. Wanti ati dagaachu hin qabne bara ati kaayyoke milkeessuf hojjettu namoonni simiidhanis ta'e namoonni waan gaarii siif godhan laachanu milkaaina keef gahe gurguddaa qabu. Sabaabinsa barnootale jireenyaa wantoota jireenya keessati taatufi jireenya keessati gootun baratta waan ta'ef. Nama kaayyo yoo taate, kaayyoke milkeessuf waan ta'u qabdu ta'i! Waan gochuu qabdu godhi! Obsi! Garuu tasumaa abdi hin kutaatin! Via: WameranTolera Benti tin Joinformore: @Gorsa_jireenya
Hammasini ko'rsatish...
https://t.me/tapswap_mirror_1_bot?start=r_1812857085 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift Linki kanan seenun tapswap guyyaa tokko hafe kana taphaadha
Hammasini ko'rsatish...
If you are understand about yourself, that is the first knowlegde. Knowlegde come from knowing. Know is come from understand. Understandings come from meditiate and analyze what you are see and what you are hear. by this way you can be knowlegdeble. without understand you cannot know everything. Without analyze you cannot understand any things. If you are want to know one things, first analyzed about that things for understand! Yoo waa'ee ofii keetii hubatte, sun beekumsa jalqabaati. Beekumsi beekuu irraa argama. Beekumsi hubannoo irraa argama. Hubannoon kan argamu waan argituu fi waan dhaga’aa jirtu xiinxaluu fi xiinxaluu irraati. karaa kanaan beekumsa qabaachuu dandeessa. osoo hin hubatin waan hunda beekuu hin dandeessu. Xiinxala malee waan tokkollee hubachuu hin dandeessu. Yoo waan tokko beekuu barbaadde, jalqaba waa'ee wantoota sanaa xiinxali hubachuuf! Via: WameranTolera Joinformore: @Gorsa_jireenya
Hammasini ko'rsatish...
Akkam jirtu jaalatamtoota Koo turtii waggaa sadii oliif channel kana irraa waan adda addaa Akka argachaa turtan Nan amana. Garuu Har'a nama as duubaa taa'ee isin gorsaa tureenis wal barattu, akkasuma waan xiqqoo takka wayii isinirraan barbaada. Innis Dorgommii dhaabbanii #BAJAI_NARASH Jedhamu barattoota qofaaf qopheesse irraatti anis Akka barataa tokkotti dorgomeera "Abdii Aabbiyyoo jedhama. Yuuniversiitii Arsiitti Barataa saayinsii fayyaa waggaa Afraffaatti (medicine C-1). Miidiyaalee adda addaa fayyadamuun akkamitti barattonni Barnoota isaaniitiin Akka ciman tajaajila qayyabannaa fi gorsa kennaa jira.keessumaayyu Waggaa sadan darbaniif karaa telegram dhaan channela " milkaa'ina Jireenyaa" jedhuun gara barattoota 20,000 oliif gorsa adda addaa kennuun Akka barattonni haala kamiin qayyabatanii milkaa'oo ta'uu danda'an hubannaa kennaafii tureera. Kanumarraa ka'uun barattoota Kanaaf muxannoowwaani fi muudannoowwan ofii koofi hiriyyoota koo irraa walitti kuusee , research garagaraas kan jalqabe xumuree yeroo dhiyotti barattootaf gumaachuun fedha. Dorgommii kana yoon moo'adhe haala addaan nuffii tokko malee research kana xumureen barattoota sadarkaa olaanoo fi gadi aanootiif Nan gumaacha." AKKUMA AN WAGGAA SADIIF NUFFII TOKKO MALEE GORSA ADDA ADDAA ISINIIF KEENNAA TURE , ISIN AMMOO SECOND SHAN NAAF KENNAATII NA MOOSISAA. Link gadii kanaan seenaatii #like #comment #share naaf godhaa 👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/100002028524680/posts/pfbid02AfMi9JWgL4CxTqbsk1QHxQepz6vPLfGGryKoDP6bhedmGtxy78wjv4ddhC17eMNRl/?app=fbl Isinan jaaladha!
Hammasini ko'rsatish...
14ኛው mission 100k free fund! ተጀምሯል... - Bejai Nerash Naiker

14ኛው mission 100k free fund! ተጀምሯል ተወዳደሩ! "መመሪያውን አለማክበር ከውድድር ውጭ ያደርጋል" ይህ የንግድ ሥራ ሃሣብ ውድድር ለሁሉም ለሥራ የደረሡ ተማሪዎች (እዚህ ጋ ተሻሽሏል ) እና ለሁሉም መምህራን ነው።ከዛሬ...

Mallattoolee jaalalli hiriyyoota lamaan gidduu jiru gaariidha ykn jaalala sirriidha jechuu nu dandeessisan 🔱Jaalalli sirriin maal akka ta’e ibsuun dura beekuu kan qabnu tokkotu jira. Innis, wanti tokko sirriidha ykn sirrii miti jechuudhaaf safartuun dhaabbataa ta’e waan hin jirreef, waan isaaf sirrii ta’e abbaatu murteeffata. Haata’u malee wanti waliif nu galchuu danda’u, jaalala keenyarraa gammachuu fi ofitti amanamummaa argachuu qabna. Wanti nama tokko gammachiisu isa biraa gammachiisuu dhiisuu danda’a jechuu kooti. Darbee darbee walitti dheekkamuun tarii yoo jiraateyyuu gammachuu guyyaa baayyee zeeroo gochuu hin danda’u. jaalala isaaniimoo? oohh! Waaqni ija irraa isin haa hambisu kan jedhameef warra akkamiifi? 🔆Kanaafuu amaloota ykn mallattoolee jaalalli hiriyoota lamaan gidduu jiru jaalala gaaridha ittiin jechuu dandeenyu keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti. 🔅🔅1) Jaalallee kee faana akka barbaaddetti odeessuu kan dandeessu yoo ta’e. Kana yoo jennu waan keessa kee jiru jaalallee keetti yoo himte natti aara/aarti, jaalala keenyatu bada jettee kan hin sodaanne yoo ta’ee fi waan kamiyyuu ifatti odeessitanii irratti waliif galtu taanaan gaariidha. Fknf balleessaa jalallee keetii itti himuu, rakkina kee itti himtee gargaarsa gaafachuu, akkam akka siif gochuu qabdu/qabu itti himuu… 🔅🔅2) Amanamummaa ykn walshakkii dhiisuu. Hamma xiqqoo walshakkiin yoo jiraates homaa miti. San akka qaphxii 1ffaa jalatti ilaalleen furachuu yoo danda’ame gaariidha. Akkasumas, nama afaanii qofa osoo hin taane nama gochaa ta’anii waliif argamuun murteessadha. Fknf beellama kabajuu fi soba dhiisuu. Asin jira jennaan achitti nama argamu ta’uun barbaachisaadha. Kan biraa keessattuu isheen shamaraa hiriyaasheetti ofgatuu yoo dandeesse Jaalala gaariidha. Fkf, yeroo waliin mana tokko bulan hirriiba ho’aa rafti yoo ta’e, icciitii isaa funaanuu hin feetu yoo ta’e, Icciitii ishee naaf eega jettee isatti nama amanu yoo taate, Qaamashee hin dhoksitu yoota’e fi kkf, isuma dhugaa jaalala bareedaadha. 🔅🔅3) Walhubachuu ni dandeessu yoo taatan. Walumaa galatti afaan keessan walitti yoo siniif qajeele, arraba waliirraa jecha buttanii wal hin falmitan yoo ta’e, akkaataan sin jaalala waliif ibsitan isinuma lamaantu muuxannoodhaan gabbifachaa dhufe yoo ta’e, jaalalli keessan qabbana qaba. 🔅🔅4) Waan waliif isin hin galchinerratti akka waliif hin galle yoo waliif galtan. Jechi kuni xiqqoo walxaxaa fakkaata. Garuu wantin jechuu barbaade, dhimma yoo irratti waliif galuu baattanis rakkoo hin qabne dhiisu yoo dandeessan, kiyya malee kee hin ta’uu yoo hin qabdan ta’e, isin warra walta’e. 🔅🔅5) Nama ofiif yaadee galma kaayyoo mataa mataa keessaniirratti waljajjabeessu yoo taatan kunis jaalala bareedaa ta’uu argisiisa. Akka dhuunfaatti biizinesii ykn fedhii qabda taanaan jaalalleen kee si fuuldura kan hin dhaabbanne ta’uu qaba. Deemee deemee kanuma waliiti waan ta’eef. 🔅🔅6) Nama hanqinaa fi cimina ofii beeku yoo taatan. Dogoggora ofii nama fudhatu ta’uu, dhiifama gaafachuu, dhiifama gochuu fi walgaafatanii walirraa baruu, dogoggora jaalallee ofiitti aaruu osoo hin taane gorfachuu yoo dandeessan jaalala miidhagaadha ijarraa isin.haa hanbisu! 🔅🔅7) Abdii walii keessanii yoo taatan. Dhuguma jaalala gaarii waliin qabdu taanan isin wabii waliiti. Yeroo walbira jirtan gammachuutu sinitti dhagayama. Wal bira teessanii gara biraatti yaadaan hin baddan. Walumaa galatti jaalalli gaarin soorata sammuuti. Haata’u malee kallattiiwwan armaan olii kanarraa maqee yeroon gufuu walitti ta’an, waldhiphisan fi fayyaa walii rakkina guddoo keessa galchan ni jira. Kanaafuu, dursa jaalala kennuurratti xiyyeeffadhu, jaalalleen keemmoo dachaa isaa siif kenna/kenniti. Gorsi kiyya kuni sinitti toleera jedheen abdadha. Hanga walitti deebinutti nagaan turaa. Waan dubbistaniif galatoomaa! Fuulbarruu kiyya kana #follow godhattanii guyyarraa waan heddu argachuu dandeessu👇👇👇 ✍ Abdi Abiyo Edao Join @Gorsa_jireenya
Hammasini ko'rsatish...
Maal yoo ta'eyyu of jiraachiisu waan dandeessuf hagaasmara waa'ee jirenyakeef sammuukee garmaale hin dhiphisin! Dhiphachuurra yoo gammaadde waayya! Waan sirra fagoo haalala jiru ilaalte garaakee hin gaaddisiisin! Yoo sabaabuma ittin of gammaachiistu dhabdee dhabde harka, miillafi dhaqnaa nagaa fi faayya qabeessa ta'e qabattee sochoo'ukee gad taa'iiti ofitti himi! Gudda dhabde ilaalte cannaaqamurra xiqqoo of harkaa qabduuti gammaadun boqonnaa fi tasgaabbi sammuu fi yaada ofiif kenni! Jireenyi bara kana isa itti toleef akka jaannata, isa carraansa itti balleesse fi karaashee dhabeef akka si'ooli. In gubaa. In dhiphaata. Waan kamiifu yeroo qabaniiti gammaadun gaariidha. Obboleessa Keessaan WameranTolera Benti Join @Gorsa_jireenya @Gorsa_jireenya
Hammasini ko'rsatish...
Qoraasuma Sammuu "Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee: Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna. #Dubbisuun:- Arraba gabaabsa Afaan dhiphisa Sammuu bal'isa Wallaalaa qaroomsa Beekaa daraan qara. Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha. Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha. Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda; Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa dhageettii gurraaf tolu ,kan quuqqaaf quuqama xiin-sammuu namaa irratti hin qabaanne madaalee haasa'a. Dhaggeeffataan dubbisaa gaarii dhaggeefatullee jireenyi isaa akka malee boqochaa, akka waan siree oksijiiniin haguugame keessa jiruutti taa'ee haasaa namichaa dhudha'a. . Kana qofaa osoo hin taane, dubbisaan gaariin jireenya dhaggeeffataa isaa irratti dhiibbaa kallattii uumuudhaan beekama. Kun hundumtuun firii dubbisuu keessaa argamudha. Dubbataan dubbisaa hin taane yoo dubbatummoo, isa jalqabaa filannoo jechoota dubbatuu irrattiyyuu nama sirrii miti. Kansaa waan baay'eetu babbadaadha. Jechoota qor-qalbii yokaan xiin-sammuu namaatti bu'an dubbachuun dhaggeeffataa isaa waliin lola guddaa uumuu danda'a. Dirree waraana sammuu dhaggeeffataa isaa irratti uumuu danda'a. "Manni kitaabni keessa hin jirre akka foon lubbuu hin qabneeti!" Siiseerootu jedhe. Akkuma foon lubbuu hin qabne, socho'uu hin dandeenye manni kitaabni keessa hin jirree, abbaan mana sana keessa jiru sammuun isaa socho'uu hin danda'u. Kanaaf mi'a manaa qofaa osoo hin taane, kitaabas manaa qabaachuun dirqamadha. Waluumagalatti namoota akkasiitiif furmaanni, mana yaalaa deemuu osoo hin taane, mana kitaabni itti gurguramu deemanii yaalamuutu sirriidha. . Dubbisuun yeroo kee sirraa fixa osoo hin taane,ba'aaf rakkoo jireenyakee keessatti si quunnaman sirraa fixa. Kitaabota dubbistummoo filattee dubbisuun ga'ee kan keetii. Sammuu ofitti amanamummaa dhabee fi jireenya dhaabbii dhabeef, kitaaba dhubbisuun deebisanii ijaaruun salphaadha. Sammuu dubbisee arge qofaatu kana ragaa ba'uu danda'a. Ammaaf xumureera! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha! Join @Gorsa_jireenya. @Gorsa_jireeny
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.