cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Sona walaloo

Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
2 065
Obunachilar
-124 soatlar
+27 kunlar
+4330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

00:52
Video unavailableShow in Telegram
Akkas siin jedha YESUUS👇 Ilaamee mucaa koo Du'akee siif du'eeraa Fannoo kee siif baadhee Bakka kee bu'eeraa....... Lubbuu kee olchuufan Gidiraallee obsee..... Dhiiga koo qulqulluun Balleessa keef cobsee Hin boo'in dhala koo Anoo si jaaladheeram Jaalala agaaphee..... Jireenya siif lachuufan Bakkakee adabamee Fannoorra sif dhaaphee Fayyina kee xumuruuf Alangaan reebamee Luqqa'eem irrikoo...😭 Jaalala keef jedhee Muka jiidhaa baannan Dhiigeera dirrikoo.. .....😭 Osoon an siif jiruu..... Gadadoon marfamtee Hin duutu cubbuunii Mirga abbaan si kaa'a Gammadaa jiraatta Fayyitee lubbuunii....❤ Beelakee beela'een Gadadoo kee nyaadhee Mirga koo si kaa'een jireenya siif laadhee Dabarsee of kenneen Dhiiga koo gad-naqee Galmee badiisaarraan Maqaa kee siif haqee🙏 ........ ✍️Chalish Beyisa Yaadaaf 👉@Chalchalish
Hammasini ko'rsatish...
Harkisa jaalalaa... ...... Maali jaalalichi Maaltu si harkisee? Eessa koo jaalattee Maaltu si rakkisee...??? Silaa ani hiyyeessa Harkaa hin qabu meetii Isayyuu ormadhaam Silaa diina keetii.......! Silaa an yakkaamaadhaa Cubbuudhaan kan guutee.... Maaluma siif goonaan Darbitee naaf duutee....? Maaluma siif goonaan Samiirraa gad dhuftee? Gatii cubbuu kootii Dhiiga keetiin cuftee? ..... Dadhabaa jaalattee Dhiphina hirattaa....? Beekaan osoo jiruu Wallaalaa filattaa....?? Waaqummaakee dhiiftee Miila namaa dhiqxaa..... Dhoqqeefii raqraqii Laalaa natti siqxaa...? Maali jaalalichi Maalumaaf gad buutee?? Ani eenyu taanaan Darbitee naaf duutee😭?? ........ Cubbamaaf darbitee Ba'aa cubbuu baattaa Nama yakkamaadhaaf Lubbuu kankee laattaa.... ...... Jireenyiif boqonnaan Dhiigakeerraa maddaa Safuudha uumaa koo Maali jaalalli addaa....... Gatii nan gaafanneem Tola natti siqxee...... Manca'aa jiruu koo Dhiiga keetiin dhiqxee... Ofii keetii baattee Fannoo koo naaf yaabdee Dhiqxee qulleessitee... Fuula abbaa na dhaabdee....❤ ✍️ Chala Beyisa Vidion 👉https://www.tiktok.com/@chalishbey/video/7364857289380990214?_t=8m3nig1ak8k&_r=1
Hammasini ko'rsatish...
TikTok · @chala beyisa

Check out @chala beyisa’s video.

"Waraanni yemmuu jalqabu: abbootiin siyaasaa rasaasa gumaachu, dureessonni nyaata gumaachu, hiyeessonni ammoo ijoollee isaanii gumaachu. Waraanichi yemmuu xumuramu: abbootiin siyaasaa rasaasa waraanarraa hafe walitti qabatu, qabeenyi dureessotaa inni waraanarraa hafes guddachuu eegala, hiyyeessonni ammoo reeffa ijoollee isaanii naannoo awwaalaa barbaadu." [ jecha Sarbiyaanotaa].
Hammasini ko'rsatish...
"Waraanni yemmuu jalqabu: abbootiin siyaasaa rasaasa gumaachu, dureessonni nyaata gumaachu, hiyeessonni ammoo ijoollee isaanii gumaachu. Waraanichi yemmuu xumuramu: abbootiin siyaasaa rasaasa waraanarraa hafe walitti qabatu, qabeenyi dureessotaa inni waraanarraa hafes guddachuu eegala, hiyyeessonni ammoo reeffa ijoollee isaanii naannoo awwaalaa barbaadu." [ jecha Sarbiyaanotaa].
Hammasini ko'rsatish...
Sona walaloo

Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan

Abdii kutuun lubbuu baasuudha. Ati gaafa abdii kutattu, lubbuu kee akka dhabde beeki😢 Abdii kuttu malee lubbuukeerratti tarkaanfii hin fudhattu waan ta'eef. maalif ree? Abdii kutuu keessa lubbuu balleessuun akka jiru erga quba qabaattee.....egaa amma dafii lubbuu kee oolfadhu. Goonkuma abdii hin kutatin( Never Give up) jireenyuma addunyaa kanatu akkasi, takka ol si baasaa takka gadi si buusa. Al takka nii gammaddaa al takka nii gaddita. Kuni haalota(situation) dha. Nii dukkanaa'ee jechuun hin bari'u jechuudhaaree? Har'a harkaa dhabde jechuun borus hin qabaattu jechuudhaaree? Har'a kufte jechuun bor hin milkooftu jechuudhaaree? Goonkumayyuu akkas jechuu miti. dadhabuunkee har'aa cimina dhabuu kee isa borii hin murteessu. Haalonni har'a jireenya keerratti calaqisan kamiyyuu yeroosaanii eeggatanii godaanu. Girrisanii wal guurratanii sirraa cala'u.....🏃 Eeyyen! Addunyaan ati keessa jiraattu kun....addunyaa gufuuf qoraattiidhaan guuttedha. Nii tarkaanfatta, nii gufatta nii kufta😢 Abdii yoo qabaatte garuu tattaafattee kaata💪 Kufe jettee achi ciifnaan garuu, achumatti rirmi si nyaata😢 Hin ciisin! Tattaafadhuuti ka'ii deemsakee itti fufi... fuuldura kee qofa ilaalii fiigi! Waca simbiraaf yuusa waraabessaatti gurra hin qabin! Saree si duubaa duttutti dhagaa darbachuuf hin dhaabatin! Maalif? Dutuun sareedhaaf amala🐈....Akkasumas dhaabbatanii dhagaa darbachuun amala nama kashalapheeti. Rom'uun, akkasumas sodaatanii abdii kutuun amala nama sodaattuuti🙄 Atimmoo akka goota taate nan beeka. Kanaafuu tarree saree fii tarree kashalapheetii maal dalagdaree? Tarree abdii kutuutii maal dalagdaree? Namni jabaan abdii hin kutatu. Tattaafateetu fuulduratti fiiga malee....jabaadhu...Ammas jabaadhu. Abdii hin kutatin malee, lafa yaadde sana inuma geessa💪 Waan dubbifteef galatoomi🙏 ✍️ Chala Beyisa Telegram 👉https://t.me/bashannanuuf
Hammasini ko'rsatish...
Sona walaloo

Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan

BEEKUMSA WALII-GALAA👇 1. Namni yeroo jalqabaatiif  ji'a(moon) irra qubate Neil Armstrong jedhama. 2. Dubartiin yeroo jalqabaaf gaara Everest yaabde Junko Taibei(Japan) jedhamti. 3. Dubartiin yeroo jalqabaaf galaanota murtoossoo addunyaa torba(7) daakkidhaan qaxxaamurte Bula Chaundhury(India) jedhamti. 4. Dubartiin yeroo jalqabaaf Pireezidaantii taate Maria Estella Penon jedhamti. 5. Dubartiin yeroo jalqabaaf Muummee Ministeeraa taate Mrs. Srimavo Bhandarnaike jedhamti. 6. Biyyi yeroo jalqabaatiif Saatalaayitii hawaatti ergite Russia dha. 7. Namni yeroo jalqabaaf Ardii Awurooppaa irraa Chaayinaa dhaqqabe Marco Polo jedhama. 8. Namni yeroo jalqabaaf xiyyaara oofe obboloota lamaan Wilber Wright fi Orville Wright jedhamu. 9. Namni yeroo jalqabaaf addunyaa naanna'e Ferdinand Magellan jedhama. 10. Biyyi yeroo jalqabaatiif Kitaaba Maxxansite Chaayinaa dha. 11. Dubartiin yeroo jalqabaatiif  Olompikii irratti badhaasa Geeba Warqee(Gold Medal) mo'atte Charlotte Cooper jedhamti(UK), Tennis dhaan(1990). 12. Biyyi yeroo jalqabaatiif Maallaqa Waraqaa (paper money) Maxxansite Chaayinaa dha. 13. Namni yeroo jalqabaaf bantii Kaabaa (North Pole) bira gahe Robert Peary jedhama. 14. Dubartiin Musliimaa yeroo jalqabaatiif badhaasa Noobeelii argatte Shirin Ebadi jedhamti, Noobeelii Nageenyaa(2003). 15. Namni yeroo jalqabaatiif Bantii Kibbaa (South Pole) bira gahe Amundsen jedhama. 16. Magaalaan yeroo jalqabaatiif Atomic Boombiin irratti dhoofame Hiroshima (Japan) dha. 17. Namni yeroo jalqabaatiif Hawaa keessa gahe Yuri Gagarin (Russia) jedhama. 18. Magaalaan Asia yeroo jalqabaatiif Olompikii qopheessite Tokyo (Japan, 1964) dha. 19. Movie'n yeroo jalqabaaf Addunyaa kanarratti hojjatame "The JazzSinger( 1927)" jedhama. 20. Biyyi Yeroo jalqabaatiif Olompikii ammayyaa qopheessite biyya Giriikii dha.     #SONAWALALOO
Hammasini ko'rsatish...
Ergaa jireenyaa..... Part 1 Ati nama, nama ta'uukee nii shakkita yoo ta'eef irra deddeebiin ani nama jedhii ofitti himi! Nama guutuu ta'uukee mirkaneeffadhu...maafan jedhe beektaa? Nama baay'eetu nama ta'uusaayyuu shakkaam! Ani Amma namaa? Kan ofiin jedhaa oolu nama meeqa seete. nama ta'uukee erga mirkaneeffattee booda ...maaliif akka uumamte of gaafadhu! maaliif akka uumamteefiyyuu hin beektu taanaan , namoota maaliif akka uumaman beekani itti jiraacha jiran sanaaf dibbee rukutaa jiraatta. Kana jalaa si haa baraaru gooftaan maccaa. Dibbee rukutuu, afuufuu, of wallaaluu, maal jedha seete barreessaan wayii? "Of wallaaluun of awwaaluudha" jedha mitiiree? sababa uumamuu keetii adda baaftee hubatteetta jechuun kaayyoo jireenya kee sana milkeessiteee dabarta jechuudha. Haga kana hin goonetti garuu.....bara jireenyakee guutummmaan guutuutti garba namootaa taatee jiraatta....jireenya mataakee osoo hin argin jireenya ormi jiraatuun burjaajoftee addunyaa kanarraa dabarta. Mee itti yaadi! Jireenya uumamteef osoo hin jiraatin adunyaa kanarraa deemuun akkam akka ulfaataa ta'e itti yaadime............itti fufa....! ✍️Chala Beyisaatiin Gaaffiif yaada yoo qabaattan... 👉@Chalchalish
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Akkas akkas taane egaa! Gajamoo citte taane Hidda muruu dadhabne Xaddee dulloomte taane Tabba ba’uu dadhabne Bona nuuf darba jennaan Hongeen lafaan nu dha’e Ganna nuuf darba jennaan Dhoqqeen mataa nu ga’e…. Fooyyee dhabne takkuma Tollis - lollis yakkuma! Quncee fo’uun nu dhibe Duunees boo’uun nu dhibe! Ajjeesaa imimmaan cobsu Garaan koo maalitti haa obsu? @Waloo_Leta
Hammasini ko'rsatish...
Manni Murtii itti harree himatan hin jiru!"  Albert Inistaayin * Yeroo tokko Albert Inistaayin magaalaa keessa osoo deemuu gurbaan duuriyyeen/kash-labbeen tokko duuba isaan dhufee dhiite. Albert ofuma irra mil'atee, ilaalee, dhiisee deemsa isaa itti fufe. Ammas xinnoo turee gurbaan duubuma deeme dhiite, yeroo lammaffaaf. Albert ammas ilaaleetuma deemsa isaa itti fufe. Gurbaan duubuma deemee yeroo 3ffaaf yoo dhiitu, namoonni naannoo sana jiran arganii Albert'n akkana jedhan. "Abboo ati gurbaa si dhiitu seeraan hin himattuu? Yookiin immoo of irraa hin rukuttuu?" jedhaniin. ⁃ Albert maal jedhe beektaa? "Ofirraa dhorkuuf ani yeroo hin qabu; Seeratti himachuuf manni murtii harree itti himatan hin jiru. Namni nama hin dhiitu; kan nama dhiitu harreedha" jedheetuma deemsa isaa itti fufe! Ilaamee....Ganaa dhaabattee harree waliin aasoftee yeroo kee hin gubin. Ati namadha. Harreenis harreedha. Kan nama dhiitummoo harreedha....Harree waliin dhaabattee aasoftee harree hin taa'iniitii, callisii deemsa kee itti fufi. Namoonni kaayyoo hin qabne dhaabatanii harree waliin aasa'u, Isaan eenyummaa isaaniis hin beekan. Eessa Akka dhaqanis hin beekan. Callisani waan Isaan muudate hundumaaf deebii kennaa oolu. Kunimmoo harrummaadha. Ati garuu kaayyoo qabadhu! Eenyu waliin Akka aasoftu adda baasi! Galma kee akkeekkadhu! Yoos nii milkooftaatii......🙏
Hammasini ko'rsatish...