cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Wangeela afaan oromoon

" Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti; "Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achi nuuf dhufa" jennee eegganna." (Filiphisiiyus 3: 20) Yaadaaf gaaffiii yoo qabaatan karaa @biyyansaD

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
3 546
Obunachilar
+324 soatlar
+57 kunlar
+1930 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

#Amannee_jirra “Isa nuyi dhageenyee himne eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mul'ate?” — Isa. 53:1 Kiristoos nama ta'uu isaan hojii fayyinaa inni honjete eenyutu waaqaan kun ta'uu danda'a jedhee amana. Waaqaan ala wanti uumame, wanti tures,wanti jiru, wanti dhufu kamuu osoo waaqa ta'e karaa hin raawwane fayyina keenya raawwate. Fayyina waaqayyoon raawwatame qoranii dhugummaa isaa bira ga'uu (prove gochuu) yaalan akka hin milkoofneef kan taasise yaalii isaan yaalan osoo hin taane yaaluu isaaniitu, isa isaan walaalchise. Iyyesuus kiristoos akka nun hojii inni hojjete amannuuf yookaan akka nun isa hubannuuf boca suura isaa kaa'ee deeme, uffata uffachaa ture, kophee kaawwachaa ture, fannoo baate, alangaa ittin garafame, mismaara ittiin waraaname ragaa haa tahuuf kaahee, "dhegaa" jedhee deeme hin qabu. Wanta tokicha inni nuuf kenne ragaan kiristoos kiristoos jedhu sun hafuura isaati hafuura qulqulluudha. Yoh. 16 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁷ Dhuguman isinitti hima, yoon adeeme isiniif wayya; yoon adeemuu dhaabaadhe inni isiniif dubbatu gara keessan hin dhufu; ani yoon dhaqe garuu isa isiniifan erga. ⁸ Inni yommuu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa. Kiristoos nu fayyiseera kana ija jabinaan dubbachuuf hin qaanofnu. Du'uu isaan jireenya nuuf kennee jira. Wanta inni nuuf ta'e hundumtuu hamma nu barbaachisummaa isaati. Guutummaa hamma badii keenyaa baatee guutummaa fayyinaa nuuf kenneera. Kiristoosiif galanni haa ta'u! Wanti isa irra nutti hir'ate hin jiru. @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
👍 3🥰 3
Natnael tamene Faarfannaakoo
Hammasini ko'rsatish...
5
“Dammaqaa, amantiitti cimaatii dhaabadhaa! Ija-jabeeyyiidhaa fi jajjaboo ta'aa!” — 1Qor. 16:13 Jireenyakeenya irratti wanta tahuu qabnu hedduutu jira. Wanta nun taanee jirru hunduu sirriidhas gaariidhas jechuu miti. Wanta taane ta'aa turuu caalaa wanta tahuu qabnu tahuutu dhugumaan nu fayyada. Kanaaf wantoota sadii namni tokko jireenya isaa irratti dirqama tahuu qabu. Hir'achuun tokkoo hir'ina guddaa uumuu danda'a jedhaman haa laallu. #1_dammaquu #be_active dammaquun jireenya irratti jiraachuu eegaluudha. Namni tokko hamma hin dammaqnetti waa'ee jireenyaa haasa'uus dhagahuus hin danda'u. Dammaquu dhiisuun caalaatti dhibuutti dhiyaachuudha. Dammaquun hubachuu eegaluudha. Dammaquun yaaduudha. Ifa sana arguudha. Hubannoon dhugaa sun yemmuu siif ifuu eegalu kun dammaquudha. Ifa sanaan socho'uu eegaluu,oogummaa sanaan murteesuu danda'uu,hafuura sanaan gaggeeffamuu eegaluun dammaquudha. #2_amantiitti_cimuu. #hold_on yemmuu dammaqxu wanti qormaata sitti ta'u inni guddaan wanta at argite namni arguu dhabuun humna si laaffisuu danda'a. Wanta gaarii at argite irraa illee si hambisuuf diinni si qoruu danda'a. Humna hin laafiin. Wanta argite sana keessa waaqayyoon galchi. Danda'ummaa isaatti amani danda'ummaa isaan gaggeeffami. amanaa kaayyoo qabu. Mul'ata qabu ta'i. #3_ija_jabina #confidence Ija jabaachuu(confidence ) jechuun wanti si bira qofa jiru sun gaarii/sirrii/dhugaa akka ta'e amanuudha. Namoonni hamilee dhaban wanta isaan adda godhu sun gaarii akka ta'etti warreen hin yaadneedha. Dhugaa at amantes ta'e dhugaa at taateen ija jabina qabaadhu. Wantooti kun sadan(dammaquu, amanuu,ija jabina qabaachuu) keessaa hir'achuub tokkoo jireenya nama sanaa raafama keessa galchuu in danda'a. 👉Namni hin dammaqne jireenya isaa irratti tasa jijiirama arguu hin danda'u. 👉namni hin amanne ammoo tasa gara jijjiirama sanaatti adeemuuf hin murteessu. 👉Namni ija jabina hin qabne hamma dhumaatti deemuu hin danda'u. @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
9👍 4
Mesfin gutu ማረፊያዬ ነህ @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
#isa_anaaf Al takka takka firdii jalaa ba'uu qofti yeroo itti nu fayyisu jira. Dhiifamuu qofti yeroo itti bilisa nu baasu. Carraa biraa qofti yeroo deemsa keenya itti nu fufsiisu in jiraata. Wanta barbaadnu kana ammoo sababa wanta taaneefis tahe hojjeneef dhuguma yeroo argachuun nuuf in malle in jiraata. gaaf tokko Eenyullee carraa nuuf kennuu hin dandeenye barbaaduu in dandeenya.Namoonni nu jaallatan namoonni gaariidha jedhaman wanta gaarii nun qabnu illee carraa gaarii barbaadnu sana nuuf kennuu dhiisuu danda'u. Iyyesuus kiristoos dhugaa tokkicha wanta nuuf hin malle irraa argachuuf abdannuudha. Homaa akka hin jenne kan nu taasise inni jiraateetu. bakka inni dhufee dhaabbatu bakka homtuu nuu dhaabbachuu hin dandeenye dha. Wanta siif hin malle yeroo lubbuunkee dhiphinaan barbaaddu carra tokkichi at itti argattus hin dhabnes karaa iyyesuus kiristoos qofa dha. Kiristoos wanta salphaaf osoo hin taane wanta cimaaf nuu ta'eera. @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
11👍 5😢 1
#loltuu_dhugaa Kutaa lama #3_lolaa_loltuu_taasisu loltuun dhugaa nama isa mudatuuf wanta ofii isaa argate kennuu irratti xiyyeeffata. Lolaa caalaa jabaate uumuu fedha. Jabina maallaqaa, jabina qamaa, miidhagina bifaa, kennaa gaarii jedhaman kamuu caalaa kennaa eenyumaasaa irratti dhiibbaa caalu qabu sana kennuu irratti xiyyeeffata. Kennaan kun ammoo akka lolaa kiristaana tokkootti kiristoosiin qofa akka qabaatan isa qofa isaaniif fedhuudha. “bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao" ittiin jedhe.” — Yoh. 4:14 #4_qooda_qabaachuu #participation Lolaa erga taatee lola irraa hin hafiin. Lola hin baqatiin lola hin sodaatiin. Akka lolaa tokkootti akka nama waaqaan hojjetamee kiristoosiin beeku tokkootti. Rakkoowwab naannookeetti muudannoowwan haalota keessaan si mudatan keessatti furmaata fiduuf bifa kiristoos si irraa mul'achuu qabu sana mul'isuuf duubat hin deebi'iin. Rakkoo kamuu naannookee jiruuf furmaata si bira jiru caalaa furmaati hin jiru. At kiristoosiin waan qabduuf. Mat. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁵ Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hih kaa'u, baattuu ibsaa irra kaa'a malee; ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa. ¹⁶ Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" jedheen. #5_bakka #commitment Wanta si ilaallatu qofatu si ilaallata. Wanta hunda keessatti qooda qabaachuu qabda jechuu miti wanta at keessatti mul'achuu hin qabne illee jiru. Loltuun bakka hunda hin dhaabbatu bakka isaatii ammoo hin dhibamu. #6_akka bakka isaa malee bakka hunda hin dhaabbatu erga jennee bakka isaa ammoo akka itti turu qaba. Amala agarsiisuu qabu. Deebii inni haalotaaf kennu. Hubannaan isaa seera mataa isaa qaba. #7_dhipina Lolaan dhipachuu dhisuu hin danda'u. Ari'atamuu, lolamuu, hidhamuu dhiisuu hin danda'u. Lolaan waan fedhu tahuu dhiisee guutummaa guutuutti wanta tahuu qabu tahuuf kan dabarfamee kennameedha. #8_Obsa Lolaan obsuu hin dandeenye lola keessa turuu hin danda'u. Lola keessa kan turtu ammoo moo'achuufi. Lola keessa turuuf murteessuu dhiisuun moo'amuuf murteessuudha. #9_amanaa Isa isa erge in amana hin shakku. Lolaan shakku loluu hin danda'u lolaafis qophii miti jechuudha. Kanaaf lolaan dhugaa isa isa muude waan amanuuf lola kamuu sodaa malee in adeema. #10_amanamaa amanuu qofaa miti amanamaadhas. Isa isa muudeef amanamuu gaafa baate loltummaa isaa hin dhaba. Isa amanuun loltuu erga taane amanamuun lolaa haa turru. @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
👍 9 4
#loltuu_dhugaa Kutaa lama #3_lolaa_loltuu_taasisu loltuun dhugaa nama isa mudatuuf wanta ofii isaa argate kennuu irratti xiyyeeffata. Lolaa caalaa jabaate uumuu fedha. Jabina maallaqaa, jabina qamaa, miidhagina bifaa, kennaa gaarii jedhaman kamuu caalaa kennaa eenyumaasaa irratti dhiibbaa caalu qabu sana kennuu irratti xiyyeeffata. Kennaan kun ammoo akka lolaa kiristaana tokkootti kiristoosiin qofa akka qabaatan isa qofa isaaniif fedhuudha. “bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao" ittiin jedhe.” — Yoh. 4:14 #4_qooda_qabaachuu #participation Lolaa erga taatee lola irraa hin hafiin. Lola hin baqatiin lola hin sodaatiin. Akka lolaa tokkootti akka nama waaqaan hojjetamee kiristoosiin beeku tokkootti. Rakkoowwab naannookeetti muudannoowwan haalota keessaan si mudatan keessatti furmaata fiduuf bifa kiristoos si irraa mul'achuu qabu sana mul'isuuf duubat hin deebi'iin. Rakkoo kamuu naannookee jiruuf furmaata si bira jiru caalaa furmaati hin jiru. At kiristoosiin waan qabduuf. Mat. 5 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁵ Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hih kaa'u, baattuu ibsaa irra kaa'a malee; ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa. ¹⁶ Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!" jedheen. #5_bakka #commitment Wanta si ilaallatu qofatu si ilaallata. Wanta hunda keessatti qooda qabaachuu qabda jechuu miti wanta at keessatti mul'achuu hin qabne illee jiru. Loltuun bakka hunda hin dhaabbatu bakka isaatii ammoo hin dhibamu. #6_akka bakka isaa malee bakka hunda hin dhaabbatu erga jennee bakka isaa ammoo akka itti turu qaba. Amala agarsiisuu qabu. Deebii inni haalotaaf kennu. Hubannaan isaa seera mataa isaa qaba. #7_dhipina Lolaan dhipachuu dhisuu hin danda'u. Ari'atamuu, lolamuu, hidhamuu dhiisuu hin danda'u. Lolaan waan fedhu tahuu dhiisee guutummaa guutuutti wanta tahuu qabu tahuuf kan dabarfamee kennameedha. #loltuu_dhugaa Kutaa sadii #8_Obsa Lolaan obsuu hin dandeenye lola keessa turuu hin danda'u. Lola keessa kan turtu ammoo moo'achuufi. Lola keessa turuuf murteessuu dhiisuun moo'amuuf murteessuudha. #9_amanaa Isa isa erge in amana hin shakku. Lolaan shakku loluu hin danda'u lolaafis qophii miti jechuudha. Kanaaf lolaan dhugaa isa isa muude waan amanuuf lola kamuu sodaa malee in adeema. #10_amanamaa amanuu qofaa miti amanamaadhas. Isa isa muudeef amanamuu gaafa baate loltummaa isaa hin dhaba. Isa amanuun loltuu erga taane amanamuun lolaa haa turru. @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
#Loltuu_dhugaa_1 loltuu hojii qoosaa hin qabne keessa isa tokkodha.(the most serious career). Amanaan tokko ayyaana waaqaan akka loltuu waaqatti jiraachuu eegaluu qaba. Wanta waaqayyo karaa eenyumaa isaa isa irraa dheegu sana bira yemmuu gahu inni loltuu jabaadha. 2Xim. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Ati immoo ilma ko! Ayyaana isa Kristos Yesus nuuf kennutti jabaadhu! ² Dhuga-baatota baay'ee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta'anitti hadaraa kenni! ³ Akka lotuu Kristos Yesusitti dhiphina sana keessaa qooda qabaadhu! ⁴ Namni loltuu ta'ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf hojii warra kaaniitti lixuu in dhiisa. ⁵ Namni dorgomeetti jiru akka seera isaatiitti yoo dorgome malee, gonfoo mo'ichaa hin argatu. ⁶ Qottuun hojii isaatti dadhabu duraan dursee ija midhaan isaatii irraa nyaachuun in ta'aaf. ⁷ Wanta ani dubbadhu kanas itti yaadi, gooftaan waan hundumaaf hubannaa siif in kenna. ⁸ Yesus Kristosin isa warra du'an keessaa kaafame, isa sanyii Daawit keessaa dhalate, akka ani wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu! ⁹ Sababii wangeela isa ani lallabe kanaaf, akkuma nama hamaa godheetti hidhamee dhiphachaan jira; dubbiin Waaqayyoo garuu hin hidhamu. ¹⁰ Kanaafis, warri fo'aman fayyina isa karaa Kristos Yesus dhufu ulfina bara baraa wajjin akka argatanitti, isaaniif jedhee waan hundumaa obsaan nan baadha. ¹¹ Dubbichi amanamaa dha; innis, "Kristosii wajjin duuneerra yoo ta'e, isaa wajjin immoo in jiraanna; ¹² Obsaan yoo dandeenye, isaa wajjin immoo in moona;yoo nuyi isa ganne, innis immoo nu ganuuf jira; ¹³ yoo nuyi amanamoo ta'uu dhaabaanne, inni ofii isaa ganuu waan hin dandeenyeef, inni akkuma amanamaa ta'etti in hafa" in jedha. Loltuun tokko bifa isa ibsu qaba. Akkataa itti socho'u jabina itti hojiin isaaf keessi isaa itti ibsamu jira. Loltuun akka loltuu ta'uu qaba. Lolaan sun akkamiin ibsama? #1_Ayyaana_kiristoos inni jalqabaa ayyaana kiristoosiin loltuu kan ta'eedha jabina mataa isaan kan ta'e yookaan kan qabaate osoo hin taane. Ayyaana isaatti jabaachuu isaan ayyaana sanaan kan jabaateedha. Lolaa tahuudhaaf kan garaa kutate yookaan kan jabaate in taha. #2_harka_isaa Loltuuwwan nun barre harka isaanii irra wanta itti diina lolan ajjeesan yookaan miidhan dha. Loltuun waaqaan muudame garuu harka isaa irra kennaan kaaniif kennamuu qabu yeroo hunda in jiraata. Jireenya kaaniif nama jiraachuufii qabuufis tahe wanta jiraachuufii qabu kamuuf jiraatu hin dhabu. @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
😱 1
😢 1
Photo unavailableShow in Telegram
Wanta jiraachuu dandeessu jiraachuu qabda miti. Wanta jiraachuu qabdudha jiraachuu dandeessa. Jireenya nutti salphatu hunduu sirriidha jechuu miti. Jireenyi nutti cime hundinuus sirrii miti jechuu miti. Yaada waaqayyoo keessatti wanta sirrii hin fakkaane sirrii taasisuun of gowoomsuun ala dhugumaa hin qabu. Madaali sirrummaa wanta hojjennu hundumaa eenyumaa kiristoosiidha. Isa osoo tahe wanta hin raawwanne nun taanee osoo hin raawwannu tahe gaariidha. Ol kahinsa irra geesseen (horizontal) deemuu osoo hin taane gara kirstoos caalaa fakkaachuut (vertical) deemuutu sirriidha. Hamma nun geenye gahaa miti caalaa gara dhugaa sanaatti guddachuuf isaan gargaaramnee isaan gara isaat guddachuuf haa dhamaanu haa jabaannu. Dhugaan nama hin sosobu, nama amansiisa @wangelawaka @wangelawaka
Hammasini ko'rsatish...
👍 10🙏 4😢 3👏 2