cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

DHANGAA OROMUMMAA

Hundinuu jira nooraa❤️💚❤️ Ispoortii, odeeffannoo haqaa, amanamoo, Kitaabbilee asoosamaa, xiinsammuu, walaloo, weedduu jaalalaa suurawwaan mimmiidhagoo hunduma nubiraa argattuu Yaadaaf 👉 @firaaol4 nuquunnamaa

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
2 425
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+237 kunlar
+12030 kunlar
Post vaqtlarining boʻlagichi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Nashrni tahlil qilish
PostlarKo'rishlar
Ulashishlar
Ko'rish dinamikasi
01
Harmee Biiftuu qarri baatu Hirribarraa kaata Galaana rakkoo daaktee Galaa anaaf taata Dadhabe hin jettu - Dugda keetti baattee Ofiif hin boqonne - Boqonnaa naaf laatte Rakkoo hin himattu - Kan kiyyaaf yaaddofta Nan bareeda hin jettu - Anaaf daalachoofta Gaara baatee daka buutee Dafqa kan kee xuruurfatta Dadhabbii kee of dhokfattee Guddisa koof shan gugguufta Harkaa dhabdus yoom waakkatte Anaaf jecha ifatamte Dungoo taatee anaaf iftee Ofiif dhumtee kan dhabamte. Si'if akkam jedheen Maal barreessaa? Jecha kamtu si adeessaa Bakka qabda ana keessaa Jecha filee yoon qubeessu Oolmaa kan kee hin addeessu Osoo addunyaan si jedhamee Innuu sin gitu bar harmee! https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
1361Loading...
02
Maaliif Utuu beektuu wallaaltee Akka hin jirre taata Utuu qabduu dhabdee Gaara meeqa baata Utuu jirtuu duutee Reeffa du'aa taata Dhugaa jiru dhiiftee Soba faana dhoofta Karaa dhugaa gattee Karaa malee baata Waadaa lafa keessee Seenaa borii nyaatta Utuu karaa jiruu Maaf buuta qilee Utuu dhugaan jiruu Maaf taate cilee Cilee gurraattii taate Ishee lama gubattu Qilee qumburoo taate Ishee nama nyaattu Nama dhugaa ta'i Abjuu keetiif Abdii hin kutatiin Boruu keetiif Orma hin komatiin Har'a sirritti; Hojechuu yoo dadhabde boru irra deebi'ii yaali. Asii garasitti Qabachuu yoo yaadde Xiyyeeffadhuu ilaali. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
1350Loading...
03
Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha. ❍ Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa. ❍ Xiyyeeffannoon fiixaan bahuumsa karoora keenyaaf  humna jalqabaati. Namoonni GATII YEROO (times value) beekan yommuu dubbatan: ❍ "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yerooti." ❍ Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef. ❍ Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef. QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME) ➊. Yeroon ni darba: ❍ Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa. ➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama: ❍ Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa. ➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu: ❍ Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in! ❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan har'a hojjetu! ❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu! ❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu! ➲ Kanaafuu, yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i! ➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata. ❍ Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu. "Until you value yourself, you won't value your time! Until you value your time, you will not fit anything with it"       (M. Scott Pek) ⁃ "Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha. ❍ Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a. Garuu ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati. Join 👇👇👇👇 https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
1300Loading...
04
Karaalee 5 namni guutummaatti itti gammadu. ❶Dubartii si kofalchiiftu waliin ta'i ❷Dubartii yeroo siif kennitu waliin ta'i ❸Dubartii si kunuunsitu waliin ta'i ❹Dubartii dhuguma si jaallattu waliin ta'i ❺Dhumarratti dubartoonni afran kun akka wal hin beekne mirkaneeffadhu. #Robert_mugabe @haqummaaf
2531Loading...
05
Sangaa bituun yoona yoonaa Sangaa bite Abbaan Bashaanee Kan arfaasaa camadatuu Hin gaabbinee yoona yoonaa Silaa fooxaa natti martaa Silaa siiquun na marartaa Shaamaan sun dhume yaa jigaa Bittee daara maa nan baaftuu Natu daare, natu aaree Situ jaare, natu jaaree? Jaaru maan maqaa si dha'aa? Jiruun seedaa natti ta'aa? Dallaa ijaarta siin jedhuu Dhanquu keessa naqaa naqxee Dallaa ijaara maa jedhuu Meerre dallaan ati ijaartee? Atoo boolla hordaa uluu Qe'ee dhiistee gabaa dhaqxee🫣 Taliilee Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
3510Loading...
06
MEE NAAF HIMAA! Yeroo miirri natti dhagahamu Qofa hin hubannen dhageessu Miirri koos dhugaa ta'uu isaa Ati hubachuu hin dandeessu Mee natti himi, akkamittan fayyisuu qaba? Yeroon akkasitti natti dhagaʼamu? Barbaaden fira dhaba. Waan ani keessa darbu Gaafa siif hin galle, Jaalalli kaleessa ture sun Maaliif jaalalan dhalle Mee natti himi, Akkam natti dhaga'amuu qaba? Yeroon akkasitti natti dhufu Barbaadeen hiriyaa dhaba. Gargaarsaaf gaafan boo'u, Isin garuu hin dhageenye Ani dukkana keessa taa'uu Qofaa koo hin dandeenye Mee natti himi, akkamittan wal'aansoo qaba? Carraa barbaacha utuu fiiguu Ofiin kufeen ofiin caba Yeroon akkasitti natti dhagaʼamu? Barbaadeen dhugaa dhaba. Yeroo ulfaatina gaddaa fi Gadda koo hundumaasaa Yaada koo boruu facaasee Barbaadee dhaba maasaa. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
3731Loading...
07
Jechaan ibsi jedhu Jechi miira cora Miirri jecha hinqabu Eessaan sitti hora Harmeen anaaf miira Dhangalaa’aa kuustee Ofkeessa na luustee Dhiiga ofkeessa Cobsaa Imimmaanshee roobsaa Waan hinmalleef taatee Anaaf karaa taatee Harmee jecha hinqabne Jecha maaliin ibsu Fayyaa kadhachaafi mogoleeshee Cimsu https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
3230Loading...
08
«Obsi kaa garaa koo Duruu ni obsitaa» Maaf tasgabbii dhabdee Nagaa of dhowwitaa Maaliif akka dhabdee Imimmaankee cobsitaa Nan beeka waa hundaa Akka ati miidhamte Wanti hundi ulfaatee Beeka akka siif gamte Obsi kaa garaa koo Obsaan of ijaari Dukkana keessatti Argii of baraari Si dhaga'uu diddee Dacheen ni hammaattee Dhugaaf kan malu Sobaaf ragaa baate! Uumaa kee abdadhu Isa abbaan malaa Uumamni kun hundi Murtee isaa jalaa Galmi kee fagoodha Deemsi isaas ni cimaa Rakkinni kee kuniis Gaaf tokko ni dhuma Kana hunda ilaaltee Obsa kee fixattee Obsi kaa garaa koo Maaliif akkas taatee Badii lafaa ilaaltee Hin dadhabiin obsuu Ifa siif jedhee bahu Gaarri tuulame hindhoksu Kaayyoo ofii eeguun Obsa si barbaachisa Obsi kaa garaa koo Obsi kakuu si nyaachisa Obsi homaa miti Hunduu Akka qaba Obsi kaa garaa koo Gufuunkee in caba Nan beeka icciitiikee Atoo sobdee kolfita Obsi kaa garaa koo Durduroo ni obsita! https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
4555Loading...
09
Sooqiraates baay'ee fokkisaa ture jedhama. Fokkisaa isa 'hin bareedu' jedhamu miti, isa nama hin fakkaatu jedhamuudha malee. Fuulli isaa kan 𝑠𝑎𝑡𝑦𝑟 fakkaata jedhamee ture.Bifti isaa akka ibsamutti kan suuraa irraa caalaatti fokkisa. Iji isaa gara alaatti dhiibbata, funyaan isaa battee fi ol dabaadha, hojjaan isaa gabaabaadha, borcii qaba ture, moluu tures (ani nama tuqaa hin jiru). Wanti na kofalchiise tokko, barreeffama Pileetoo 𝑇ℎ𝑒𝑎𝑒𝑡𝑒𝑡𝑢𝑠 jedhu keessatti Sooqiraaxesii fi namicha 𝑇ℎ𝑒𝑜𝑑𝑜𝑟𝑢𝑠 jedhamutu haasa'u turan. Sooqiraates namicha sanaan, "Dargaggoota Ateensi keessaa warra qaxalee dhimma baasan kan beektu qabdaa?" Jedhee gaafate. Namichis deebisee, "Saafela qaxalee tokko nan beeka. Gurbichillee hin bareedu. Natti hin aarin malee, sumaan si fakkaata. Funyaan isaa akkuma kan keetii gara oliitti daba, iji isaas akkuma kan kee gara alaatti dhiibamaadha.Fokkisinni isaa garuu hamma kan keetii kana hin ga'u." jedhee deebiseef. Ati inni bifti kee kan Sooqiraaxes fakkaatu, ergaa na biraa qabda. Akkuma nuti har'a waa'ee bifa Sooqiraaxes dagannee waa'ee ogummaa isaa baay'inaan haasofnu, atis dagachiisuu yoo feete qalbii kee kan isaa fakkeessi. Waaqni gaafa bifa si dhowwate garaa sitti jabaachuusaa miti bar; yeroo kee of-ilaallee duratti dabarsuu dhiiftee, kitaaba duratti akka dabarsitu fa'a carraa siif laachuusaa ture. Siif abdiin jira. @haqummaaf
7080Loading...
10
Jechoota dinqisiisoo Hayyoota Addunyaa!✍️ ➊. Akkuma Sibiilli Yeroo qarame  Malee Hin Calaqqifneti Akkasuma Namnis Yoo Rakkinaan qoramee Bahe Malee Addunyaatti Mul’achuu Hin danda’u. (Konfiishiyees) ➋. Sodaa Kee Of Keessaatti dhokfadhu! Dhimma Biraa Garuu Hiriyoota Keetiin Mari’adhu! (Robert Luis Stevens) ➌. Sammuun keenya qaamota keenyatti Amanuu dhiisuuf Aangoo qaba! (Andire Morwa) ➍. Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala! (Laawoo 8ffaa) ➎. Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa. Inniis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha. (Kanan Frederik Furar) ➏. Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan utuu hin taane, yommuu kufaniis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama. (Oliver Gold Smiz) ➐. Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti. Carraa gaarii ta’uu isaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas) ➑. Wanti nama beekamaa si taasisu wanta ta’uu barbaaddu taatee argamuudha. (Sokirates) ➒. Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee… (Wiiliyaam Muuldan) ➓. Sammuun kee fooddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi! (George Barnaad show) Jechoota Hayyoota Addunyaati https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
6442Loading...
11
Namootni Maaliif Si Duuba Waa'eekee Odeessu 1. Bakka ati geesse gahuu yeroo dadhaban 2. Waan ati qabdu yeroo dhaban 3. Akkataa jireenyakee akkeessuu barbaadanii yeroo dadhaban. Dhuma irratti garuu mo'amtoota tasuma hin moo'an But they are the #Losers at the end of the day! 😉 @WABIISG
7432Loading...
12
Wantoota an waggoota sadan tokko dura bilchinatti ilaalaa ture keessaa har'a akka wallaalummaatti kanin ilaalu baay'eedha.Tarii bilchinni koo har'aas waggaa muraasa booda wanta ani yaadadhee itti kolfu ta'uuf jira. Kana irraa ka'ee yoon ilaalu, umrii dabaluun sirriima yeroo itti hubannoo baay'ee dabalu qaba. Garuu, umurii dabaluun qofti mataa isaatti hubannoo inni dabalu baay'ee xiqqoodha. Qalbifannaa fi yaaliin hin jiran yoo ta'e, waggaan bilchina fidee dhufu hin jiru. Namoota gurguddoo xobbummaa fokkistuu wajjin jiraatan baay'ee argaan oola. Bakka an 𝑛𝑎𝑚𝑎 𝑔𝑢𝑑𝑑𝑎𝑎f qabu erga hir'atee tuttureera. Hubannaa fi amala abbaatu fooyyessa malee, guyyaan badaa hin fooyyessu. @haqummaaf
7410Loading...
13
Milkaa'uu yoo barbaadde gatiin isaa maal akka ta'e barbaadi sana booda kaffali.          𝆺𝅥Iskoott Adam ❍Milkaa'inni furtuu gammachuu miti. Gammachuun furtuu milkaa'inaati. Waan hojjettu yoo jaallatte milkaa'ina argatta.        𝆺𝅥Hermaan Qaayin ❍Milkaa’inni kuftee caalaa yeroo tokko qofa ka’uu of keessaa qaba.        𝆺𝅥Oliivar Gooldsmith ❍Hanga hin dhaabbannetti hammam suuta deemtu homaa hin qabu.        𝆺𝅥Konfishiyaas ❍Galmi bira gahuu akka hin dandeenye yeroo ifa ta'u galma hin sirreessinaa, tarkaanfii gochaa sirreessaa.        𝆺𝅥Konfishiyaas ❍Dhiira milkaa'aa hunda duuba waggoonni hin milkoofne baay'eedha.        𝆺𝅥Boob Braawuun ❍Ganama ganama kutannoodhaan ka'uu qabda yoo itti quufinsa ciifte.       𝆺𝅥Joorji Loorimer ❍Amalli salphaa fi callisee guddachuu hin danda’u. Muuxannoo qormaataa fi gidiraa qofaan lubbuun cimuu danda’a.        𝆺𝅥Helen Keelar ❍Milkaa’inni nama ta’uuf yaadame jettee amantu ta’uuf ija jabina, kutannoo fi fedhii qabaachuu jechuudha.        𝆺𝅥Joorji Sheehan ❍Addunyaa kana irratti jijjiirama fiduu akka hin dandeenye kan sitti himan gosa lamatu jira: warra yaaluun sodaattee fi warra si sodaattee milkoofta.        𝆺𝅥Raay Goforth ❍Garaagarummaan nama milkaa’aa fi namoota biroo gidduu jiru humna dhabuu osoo hin taane, hanqina beekumsaa osoo hin taane, fedhii dhabuudha.        𝆺𝅥Viins Loombardii ❍Milkaa’inni kufaatii dhabuu miti; kufaatii keessa darbuudha.        𝆺𝅥Aisha Tyler ❍Milkaa'inaaf iccitiin hin jiru. Bu’aa qophii, hojii cimaa fi kufaatii irraa barachuuti.          𝆺𝅥Kooliin Paawel ❍Milkaa'inni milkaa'ina irratti hin ijaaramu. Kufaatii irratti ijaarame. Mufannaa irratti ijaarame. Yeroo tokko tokko balaa irratti ijaarama.          𝆺𝅥Dhagaa Diimaa Ganna ❍Wanti ati barbaadde hundi sodaa gama biraa jira.        𝆺𝅥Joorji Addaa ❍Milkaa'inni gochaan kan walqabatu fakkaata. Namoonni milkaa'an sochii isaanii itti fufu. Dogoggora ni hojjetu, garuu hin dhiisan.         𝆺𝅥Konraad Hiltoon ❍Gochoota bu’a qabeessa ta’an callisee xiinxaluudhaan hordofaa. Callisee calaqqisu irraa tarkaanfiin daran bu’a qabeessa ta’e ni dhufa.        𝆺𝅥Piitar Diraakar ❍Dhiironni gadi fagoo carraatti amanu. Dhiironni ciccimoon sababaafi bu’aa ni amanu.       𝆺𝅥Raalf Waaldoo Emersan ❍Namoota biroo beekuun sammuudha; of beekuun ogummaa dhugaati. Namoota biroo irratti dandeettii qabaachuun humna; ofitti qabachuun humna dhugaati.             𝆺𝅥Lao Tzu 𝆺𝅥Yoo qeeqxoota hin qabne ta'e milkaa'ina tokkollee argachuun kee hin oolu.       𝆺𝅥Malcolm X ❍Milkaa'uuf fira si barbaachisa baay'ee milkaa'uuf immoo diina barbaachisa.         𝆺𝅥Siidnii Sheeldon ❍Milkaa'inaaf foormulaa mirkanaa'e siif kennuu hin danda'u, garuu kufaatiidhaaf foormulaa siif kennuu nan danda'a: yeroo hunda nama hunda gammachiisuuf yaali.             𝆺𝅥Herbert Bayard Swope ❍Milkaa'inni jireenyaa dhibbeentaa torbaatamaan mul'achaa jira.        𝆺𝅥Wuudii Alen ♻️Share Galatoomaa👇 @Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
6928Loading...
14
Hordoftoonni Amantaa kiristaanaa Baga du'aa ka'uu iyyasuus kiristoosiin nagaan geessan 🥰 Ayyaana gaarii ❤️
7730Loading...
15
Hordoftoonni Amantaa kiristaanaa Baga du'aa ka'uu iyyasuus kiristoosiin nagaan geessan 🥰 Ayyaana gaarii ❤️
7501Loading...
16
Jaak Maan dureessa Chaayinaa yoo ta'u, qabeenyi doolaara biiliyoona 39tti tilmaamamu qaba.   Jaak Maa akkas jedha: "Maallaqaa fi banaanaa yoo Qamalee fuuldura kaa'an Qamaleen banaanaa filatu."  Maallaqni muuzii baay'ee akka bitu waan hin beekneef! ✅ Qormaata wal fakkaatu namoota baay'ee irratti gootee hojii dhuunfaa murtaa'e (business) fi mindaa ji'aa jidduu filannoon isaanii maal akka ta'e yoo gaafatte, namoonni baay'een hojii mindaa ji'aa qabu filatu.  Sababni isaas daldalli xiqqaan illee mindaa ji'aa caalaa galii fiduu akka danda'u waan hin beekneef jireenya jijjiirra. ✅ Wantoota gara hiyyummaatti nama geessan keessaa tokko carraa daldala ofii irraa dhufu arguu dadhabuu isaati.   Sababni isaas hojiin isaan jireenya isaanii guutuu manneen barnootaa keessatti baratan yeroo hunda mindaa ji'a ji'aan hojjechuu jechuudha.  Ofiif hojjechuu dhiisanii nama biraatiif hojjechuun filannoo qofa akka ta'e barataniiru! Dhugaadha mindaan ji'aa hiyyummaa irraa si eega.  Garuu qabeenya akka hin arganne si dhorka. ✅ Jireenya koo keessatti hojjetaa ganama sa'aatii 2 hanga sa'aatii 12tti sooressa hojjetu argee hin beeku.'' jedha Jaak Maa.  Dhugaadha dhugaan biyya keenyaa kun.  Sababni isaas mindaa ji'aa argattuun nama biraa gargaaruuf qabeenya, bilbiluu, manaa fi ofii kee jijjiiruu hin dandeessu.  Dhugaadha, yeroo mindaa ji'aa qabdu waan barbaadde hojjechuu hin dandeessu, garuu galii kee keessa jiraachuu baratta. Haala kamiinuu hojii barbaaduuf yeroo qisaasuu mannaa yaada daldalaa daldala mataa keetii jalqabuu irratti xiyyeeffachuu qabda. @WABIISG https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
8750Loading...
17
Namni hunduu namummaa fi halluu mataa isaa qaba.Halluu sana arguu yoo dadhabde rakkoon nama sanaa osoo hin taane, si bira jira. Harreen fuula kootti yoo rifatte ykn asheeta keessa yoo gulufte aaruu hin qabu."Harreen waan uumamaa ta'e hojjatte.Yeroo baay'ee namoota waliin wal lolla. Sababni isaas gara namummaa keenyatti harkisuu waan yaalluufiidha. Nama dhuunfaa isaatiin hin kabajnu. Maqaa Kanaafi kan wal jibbinu.Addunyaa kana irratti waan barbaadduu fi hin barbaanne haala waliin jiraatta. Wanti hundinuu akka ati barbaaddutti hin ta'u. Gammachuu jechuun waan barbaadde dinqisiifachuu fi waan hin barbaanne fudhachuu irraa argama." @haqummaaf
8950Loading...
18
#Oduu_Hatattamaa! --------------- Ebla-21/2016 #Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa_Bara_2016 Waraqaafi 'Online'niiin kennamuun kan beekame yoo ta'u, #Adoolessa 3-5/2016 Saayinsii Hawaasaafi #Adoolessa 9-11/2016 Saayinsii Uumamaatiif kan kennamu ta'uun  ibsameera. #Barattootni_Qormaata_Waraqaan Ykn Hard Copy'n fudhatan; #1_Barattootni_Saayinsii_Hawaasaa Waxabajjii 30 - Adoolessa 01/2016, #2_Barattootni_Saayinsii_Uumamaa immoo.  Adoolessa 6-7/2016tti gara Yunivarsiitii itti qoratamanitti kan galan ta'uu, dhaabbatni Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa beeksiseera. #Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Online Qormaata fudhatan kanneen armaan gadii yoo ta'an. kan hafan immoo waraqaa irratti kan qorataman ta'uu @haqummaaf
1 1643Loading...
19
#Oduu_Hatattamaa! --------------- Ebla-21/2016 #Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa_Bara_2016 Waraqaafi 'Online'niiin kennamuun kan beekame yoo ta'u, #Adoolessa 3-5/2016 Saayinsii Hawaasaafi #Adoolessa 9-11/2016 Saayinsii Uumamaatiif kan kennamu ta'uun ibsameera. #Barattootni_Qormaata_Waraqaan Ykn Hard Copy'n fudhatan; #1_Barattootni_Saayinsii_Hawaasaa Waxabajjii 30 - Adoolessa 01/2016, #2_Barattootni_Saayinsii_Uumamaa immoo. Adoolessa 6-7/2016tti gara Yunivarsiitii itti qoratamanitti kan galan ta'uu, dhaabbatni Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa beeksiseera. #Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Online Qormaata fudhatan kanneen armaan gadii yoo ta'an. kan hafan immoo waraqaa irratti kan qorataman ta'uu
10Loading...
20
"Namoonni beekumsaan si gadi jiran gaafa si jajan akka sitti hin ho'ine,sababni isaa beekumsa qabaachuu kee kan ati mirkaneessitu,warri beekumsaan si caalan gaafa si jajaniidha" Ammas deebi'ee ishee kanas dubbateera "Namoonni of ta'uu hin dandeenye dhimma kee hojii manaa godhatu. fkn: Gaaf tokko namicha tokkotu dhufee, ati bar qulqulluu ergamaa Waaqaati naan jedhe.Anis sirriidhan jedheen.Utuu hin turiin inni tokkos dhufee ,si'i jachuun Seexana guyyaa saafaa qullaa deemuudha naan jennaan sirriidhan jedheen.Inni jalqabaa bitaa itti galee, anaanisoo sirrii, isaanis sirrii jette ati isa kamiidha? naan jedhe. Ana, anatu beeka.Isin garuu ofiyyuu hin beektan, anaan na baruuf ko'oommattan.Ati inni qulqulluu naan jettes tilmaamaa fi ilaalcha naaf qabduudha,inni sunis akkasuma jedheen gaggeesse" jedhee ture. Namni tilmaama mataasaatiin Beekaa, Wallaalaa, gaarii fi yaraa si gochuu danda'a.Sababni isaa of gatee, dhimma keen ko'ammateeraka! Namoonni of beekan, ofirratti hojjetu, namoonni of lagan dhimma namaa hojii manaa godhatu. @haqummaaf
1 0301Loading...
21
Jaalalli hedduun waan nuti jechuu hin barbaannee dubbannee fi waan jechuu barbaannee hin dubbanne keessatti qisaasama. #Kahlil_Gibran
8141Loading...
22
Start godhaa badhaafamaa
9510Loading...
23
#Start Itti fayyadamaa qarshii 1000 fi isaa ol badhaafamaa kun isuma dhugaati yeroo namoota 50 qooddan nii badhaafamtu anis badhaafameera
7570Loading...
24
https://t.me/official_oromia_bank_bot?start=1178243575
6760Loading...
25
Akka waan lubbuun tokko wal keessa jirtuu! Akka waan afuura tokko baafatanii! Akka waan humna tokkoon dalaganiitti isaan anniisaa walii barbaadan. Yeroo wayii onneen humnaan kan dhiikkifattu isa jaalattu argachuuf dhabuutti. Yeroo wayii yaadni sammuu ofii kan faca'ee wal tumsuu dadhabu, isa yaadu argachuu waan dhabuufi. Agartuun ija ofii joortee boqonnaa dhabuun waan arguu barbaaddu kallattii hundaan eeguudhaani. Fedhiin ofii, miirri ofii, yaadni ofii qaama ofii keessatti tasgabbiin kan turu haga isa barbaadu argatutti qofa. Kanarra jooraadha. Qixxifataadha. Dhama'aadha. Takka of jabeessa, takka of taajjaba. Takkammoo taajjabbiis, dadhabbiis waan hundaa dagataadha. Waan hunda lagata. Dararichi gidiraa fakkaatus mi'aa qaba garuu nama hin dhukkubsu. Aarsaan isa yaadan argachuuf kafalan bu'aa isaa arguu yaadaa waan itti of kennaniif dhukkuba isaa caala mi'aa isaa miireffatu. Aaranis, gaddanis kennaaf eebba uumamni nama badhaasu fakkaata. Ijji wal arguu fedhu wal bira gahee yoo wal saalfatu. Dirri wal tuquu barbaadu wal bira gahee yoo wal oollatu. Yaadni kuufamee qindaa'e waliin dubbii bira gahee yoo bittinu. Harki wal qabuu hawwu, arrabni walitti dubbachuu fedhu walitti dhiyaatee yoo gaadi'amu. Sodaan, kabajni, saalfiin, humna jaalalli walitti guuree nama keessaa burqisiisun tasgabbiif, callisaan yeroo tokkotti yoo dhuumfatamu. Ajaa'iba. Yeroo tokko tokko yaada walii keessaa dhiikkifatan. Afuura walii keessatti, agartuu walii keessa, jechoota walii keessa, waan barreessan, waan dubbisan keessa, qilleensa qorraa tasgabbii qabu sana keessa, bakka itti barbaadanii wal argachuu fedhan lubbuu walii keessa jiraatu. Bakka fedhanitti wal jiraachisanii wal ajjeesu. Bakka fedhanitti burqaa afuura jaalalaan finiinsanii, daraaraa bifa barbaadanii oomishu. Bakka fedhanitti mana jaalalaa ijaaranii waliin keessa jiraatu. Afuura walii ukkaamsanii lubbuu waliitti asaasu. Humni jaalalaa haa waaru!💗💗 @Guduunfaakoo @haqummaaf
1 0622Loading...
26
Guyyaa tokko Ollaan Mullaa Nasruddiin mana Nasruddiin deemuun..."Adaraa Harreekee naaf ergisi, Gabaan waa ittiin geeffadhaa...." jedhaan. Mullaa Nasruddiin "Namichi Bishaan gamaa si dura dhufee ergifatee deeme." Jedhaan. Gidduuma kanaan Harrichi mana boroo Iyya. Yeroo kana namichi inni ollichis "Osoo harreen kee halaaktuu dhaga'aan jiraam jedhe namichi." Mullaa Nasruddiin "Anaaf Harree koo keessaa kamiin amanta?" Jedheen. Maal jechuu yaadeeti laata? Warri isiniif gale comment godhaa @haqummaaf
8700Loading...
27
"Gaafan gaddu rooba keessa deemuun jaalladha Sababni isaas,gaafan boo'u namni kamuu imimmaan koo hin argu" #Charlie_chaplin @haqummaaf
8711Loading...
28
Badhaafamuuf Start gochuun namoota 50 fi isaa oliif qoodaa
8841Loading...
29
#Start Itti fayyadamaa qarshii 1000 fi isaa ol badhaafamaa kun isuma dhugaati yeroo namoota 50 qooddan nii badhaafamtu anis badhaafameera
1 2862Loading...
30
https://t.me/official_oromia_bank_bot?start=1178243575
1 2632Loading...
31
seera bu’uura jireenyaa ❶Kan darbee wajjin nagaa buufadhu akka inni egeree kee hin jeeqneef. ❷Namoonni biroo waa'ee kee wanti yaadan dhimma kee miti. ❸Gammachuu keetiif itti gaafatamaan si qofa. ❹Jireenya kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin, wal bira qabuun hattuu gammachuuti. ❺Yeroon waan hunda jechuun ni danda'ama fayyisa. Yeroo itti kenni. ❻Garmalee yaaduu dhiisi.Deebii hunda beekuu dhiisuun homaa miti. ❼Kolfi.Sababni isaa,Abbaan rakkoo addunyaa kanaa si qofa miti. @haqummaaf
8754Loading...
32
Qormaanni barattoota sagantaa sirreeffamaa bara 2016 jalqaba ji'a Waxabajjii keessa kennama. - Ministeera Barnootaa Qormaanni barattoota sirreeffamaa jalqaba ji'a Waxabajjii keessa guyyoota 15f Yuunivarsiitii mootummaa qofa keessatti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Rakkoo bara darbe mudate irra aanuuf qormaanni sirreeffamaa yunivarsiitiiwwan mootummaa qofa keessatti kennamuuf akka jiru himameera. Akkasumas qormaata kana keessaatti dhibbeentaan 70 jalqaba baatii Waxabajjii keessa guyyoota 15 f karaa toora interneetii fi waraqaatiin  too'annaa cimaa waliin akka qophaa’u ibsameera. Bara kana barattoonni kuma 78 ol ta'an yuunivarsiitii mootummaa keessatti barnoota sirreeffamaa fudhachaa akka jiran ibsameera. Barumsi sirreeffamaa Muddee irraa eegalee hanga dhuma baatii Waxabajjii 2016tti kennamaa kan jiru yoo ta’u, bu’aan isaanii %30 adeemsa barnoota yunivarsiitiiwwanii irratti hundaa’ee fi %70 ammoo qormaata giddugalichi qopheesse irratti hundaa’uun akka ta’e ibsaniiru. @haqummaaf
1 11710Loading...
33
📚osho Akkas Jedha: "Namni gara laafessa ta'uuf jalqaba irratti of mararfachuu akka qabu hubachuu qabda. Yoo of hin jaallanne gonkumaa nama biraa jaallachuu hin dandeessu. Yoo ofitti tola hin taane hin dandeessu." nama kamiifuu gaarummaa qabaadhu. Qulqulloonni keessan warri jedhaman warri akkasitti ofitti ciman warra kaaniif gara laafessa fakkeessanii qofa. Hin danda'amu. Xiin-sammuudhaan hin danda'amu. Ofii keetiif gaarummaa qabaachuu kan hin dandeenye yoo taʼe, namoota kaaniif gaarummaa kan argisiisu akkamitti? Waan ofii keetii wajjin jirtu hunda namoota biroo wajjin jirta. Sun dubbii bu'uuraa haa ta'u. Yoo of jibbite namoota biroo ni jibbita -- of jibbitus barsiifamteetta. Namni "of jaalladhu!" Yaadni sun waan abshaalummaa fakkaata -- of jaallachuu? Yaadni sun hiika hin qabu -- of jaallachuu? Yeroo hunda nama jaallachuuf nama biraa barbaachisa jennee yaadna. Garuu yoo ofii keetiin hin baranne namoota biroo wajjin shaakaluu hin dandeessu. Yeroo hundumaa haal-duree, gatii tokkollee akka hin qabne sitti himameera. Kallattii sitti agarsiifame hundumaa irraa, akka ati hin malle, akka ati ta’uu qabdu akka hin taane, akka ati jirtutti akka hin fudhatamne sitti himameera. Mataa kee irra fannifamee jiru baay'eedha -- qabamtoonni sun immoo guutuun hin danda'amu jechuun ni danda'ama. Yeroo isaan raawwachuu hin dandeenye, yeroo gadi bu'us balaaleffatamuun sitti dhaga'ama. Waa'ee ofii keetii jibbi gadi fagoon si keessatti uuma. Namoota kaan jaallachuu kan dandeessu akkamitti? Kanaaf jibbaan guutamtee jaalala eessaa argachuuf deemta? Kanaaf fakkeessuu qofa, jaalala keessa akka jirtu qofa agarsiifta. Gad fageenyaan nama kamiinuu jaalala hin qabdu -- ta'uu hin dandeessu. Fakkeessitoonni sun guyyoota muraasaaf gaarii dha, sana booda halluun ni bada, sana booda dhugaan of mirkaneessa." @haqummaaf
8163Loading...
34
#Jaallachuu fi Of ta'uu hin dhiisin "Nama tokko yoo jaallattu namticha guutummaan guutuutti ni fudhatta.Hanqinna isaa wajjiin.Sababni isaa hanqinni kun kutaa(part) namtichaa keessaa tokko.Nama jaallattu jijjiiruuf hin yaalin.Akkana yoo ta'e sin jaalladha hin jedhiniin.Sababni isaas jijjiiruudhaaf yaaliin gootu " ani kan jaalladhu walakkaa keeti"ilaalcha jedhu of keessaa qaba.Namni si jaallachuu baatus of ta'u kee hin dhiisin.Abaaboon namni hin jiru jedhe bosona keessatti guddachu hin dhiisu.Jaallachuu yoo barbaaddes salphumatti jaalladhu."         @Oosho_official @haqummaaf
8064Loading...
35
#ExitExam Qormaanni ba’umsaa yoom kennama? Xalayaa Ministeerri Barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoof Ebla 9/2016 barreesseen, Qormaanni ba’uumsaa waxabajjii 14 hanga 21/2016tti akka kennamu ibsameera. @haqummaaf
7500Loading...
36
XIINXALA GADIFAGOO (CRITICAL THINKING) Nama xiinxalaan nama dursu ta'uu ni feetaa? Nama akkanaa ta'uun adeemsa itti fufiinsa qabuudha.Akkasumas shaakala, of-madaaluu, yaadaa fi ilaalcha mataa keetii mormuuf fedhii qabaachuu fa'a si gaafata. Tooftaalee dandeettii yaaduu kee guddisuuf si gargaaran keessaa muraasni akka armaan gadiitti ibsamanii jiru; ❶Fedhii beekuu horachuu: Waaʼee addunyaa naannoo kee jiru beekuuf fedhii dhugaa horadhu.Gaaffii gaafachuu, odeeffannoo haaraa barbaaduu fi ilaalcha adda addaa qoradhu. Fedhii waa beekuu qabaachuun guddina sammuuf annisaa isa jalqabaati.Annisaan fedhii kanaan waa baruuf nu keessatti uumamu yaada qeeqaas kan jajjabeessudha. ❷Dandeettii yaada qeeqaa jajjabeessu horachuu: Yaadni qeeqaa odeeffannoo xiinxaluu, falmii madaaluu fi murtii sababa qabeessa ta’e kennuu of keessatti qabata. Dabalataanis tilmaama adda baasuu, loogii beekuu fi amanamummaa maddootaa madaaluu shaakaluu, akkasumas gochaalee rakkoo furuu fi sababeeffannaa loojikii barbaadan irrattis bobba’uu nama gaafata. ❸Rakkoo walxaxoo ta'an maadheffachuu(Embrace complexity): Dhimmoonni baay’een roga hedduu kan qabaniifi furmaata salphaa akka hin qabnes hubachuu. Ilaalcha dachaa ilaaluun, wantoota adda addaa madaaluu fi wantoota bitaa sitti galan ammoo hubachuuf qalbisaan caqasuu qabda. Wantoota walxaxoo ta'an garmalee salphistee ilaaluu irraa of qusadhu. Hubannoo ga'aai rratti barbaadi malee. ❹Dhaggeeffachuu dammaqinaan shaakali: Yeroo haasawa ykn falmii irratti bobbaatu namoota biroo dammaqinaan dhaggeeffachuuf Xiyyeeffannoo guutuu kenniif. Gaaffiiwwan ifa taʼan gaafadhu, akkasumas ilaalcha isaanii hubachuuf carraaqqii godhi. Dhaggeeffachuun dammaqinaan hubannoo haaraa akka argattu si gargaara. Akkasumas, ilaalchuma keeyyuu irra deebitee dhugummaa isaa akka ilaaltee madaaltuuf sigargaara. ❺Ilaalcha addaa addaa barbaadi: Sagalee fi ilaalcha addaa addaatiin of marsi.Namoota seenaa, muuxannoo fi amantaa adda addaa qaban waliin haasa’uu shaakali. Ilaalcha adda addaatiif saaxilamuun yaada kee bal’isa, akkasumas gara laafinaa fi hubannoo akka qabaattuuf si gargaara. ❻Ilaalcha kee xiinxali: Yeroo hunda yaada, amantaa fi adeemsa murtoo mataa keetii irratti xiinxala geggeessi. Loogii ykn tilmaama qabaachuu dandeessu kamiyyuu qorachuu fi qeequun mormi. Ilaalcha filannoo biraa ilaaluu fi ragaa ykn falmii haaraan yeroo siif dhiyaatu yaada kee jijjiiruuf banaa ta’i. ❽Bal’inaan dubbisi: Kitaabota, barruulee fi meeshaalee biroo gosoota barnootaa fi ilaalcha adda addaa irraa dubbisi. Yaada, tiyoorii fi falaasama adda addaatiif of saaxili. Dubbisuun bu’uura beekumsa keetii bal’isuun dandeettii qeeqaa fi kalaqaan yaaduu kee guddisi. ❾Dandeettii fi eenyummaa kee hubachuu shaakaluu: Of beekuu fi dandeettii xiinxala sammuu keetii guddisuun yaada fi miira kee murtii namoota biroo malee akka ilaaltuuf si gargaara. kunis caalaatti ofuma keen akka yaadduu fi murtoo fooyya’aa akka gootuuf si gargaara. HUB: Nama xiinxalaan nama dursu ta’uun imala obsaa fi cimina gaafatu ta’uu isaa hin dagatin! Galatoomaa! @haqummaaf
8054Loading...
37
2.3k. Thank you ❤️❤️❤️
8230Loading...
38
Gaaffilee Jireenya Milkaa'inaa Jiraachuuf Nama Kakaasan: ❏ Gaaffileen jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha.  ⁃ Ani eenyu ? ⁃ Maalifan Uumame? ⁃ Ergamni koo maali? ⁃ Karoorri koo maali? ⁃ Mul'anni koo maali? ⁃ Kaayyoon koo maali? √ Eessaan dhufe? √ Eessan Jira? √ Eessan Deema? √ Har'a maalin hojjedhe? √ Maal hojjechuun qaba? √ Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira? ❏ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi! √ Your Future is on your hand! √ Success is behind you! @haqummaaf
8614Loading...
39
1, Mammaaksa: Namni dhara dheesse galgala dhugaatti baha. Hiika Mammaaksaa: 1ffaa, Kan waan sirrii hin taane mormu gaafa tokko dhugummaan isaa iffatti mul'ataafi. 2, Mammaaksa: Amma dhugaan dhufutti sobni barcuma guuttee teessi. Hiika Mammaaksaa: 2ffaa, Amma dhugaan mul'atutti sobni iddoo qabata. 3, Mammaaksa: Adiifi aduun hin dhokatu. Hiika Mammaaksaa: 3ffaa, Dhugaan yeroof dhoksanillee gaafa tokko mul'achuun isaa hin hafu. 4, Mammaaksa: Ammaaf malee baraaf malee sombi kan sareeti. Hiika Mammaaksaa: 4ffaa, Yeroodhaaf haa dukkanooftu malee dhugaan ooltee bultee ni mul'atti. 5, Mammaaksa: Qullaa lafaafi dhugaa Waaqaa hin dhoksan. Hiika Mammaaksaa: 5ffaa, Waan boru ifatti mul'atu tokko dhoksuun dansaa miti jechuudha. 6, Mammaaksa: Qamuu maaf hin godaanne jennaan dharri dalagaa keessani jette. Hiika Mammaaksaa: 6ffaa, Karaan sobaan darban deebiitti nama rakkisa. Mammaaksa: Citan malee citaa hin haaman Hiikaa; Rakkatanii yoo hojjetan rakkina keessaa ba'u Mammaaksa: Otoo hin hubatiin harkaa hin gubatiin Hiikaa; Waan tokko osoo gadi fageenyaan hin ilaaliin hojjechuun namarratti rakkina akka fidu agarsiisa Mammaaksa: Godaantuun qalbii hin qabne ibidda feetee godaanti Hiikaa; Rakkina baballisuu, waan hin taane raawwachuu agarsiisa Mammaaksa: Namni shaniin kenne; shan hagabuu hin bulu Hiikaa: Nama rakkina nama oolcheef bara rakkina isaa namni hunduu ni dirmataaf Mammaaksa: Ofii haasoftee ana rukuchiifta jedhe mataan afaaniin Hiikaa: Rakkina qaamni tokko uumeef kan biraa itti rakkachuu agarsiisa Mammaaksa: Bayyanatteen abbaa biyyaa of seeti Hiikaa; Kan rakkinaa baate kan ishii caalu jira hin seetu, gadheen namaan nama hin jettu. Waan darbe hin yaadattu. Hunduu kiyya jetti. Mammaaksa: Ani gaggabe jennaan danfa tokkoon si qaqqabe, jette maseenni Hiikaa; Maseenni rakkina namaaf hin gadditu, ykn hin naatu jechuuf mammaakame 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
7332Loading...
Harmee Biiftuu qarri baatu Hirribarraa kaata Galaana rakkoo daaktee Galaa anaaf taata Dadhabe hin jettu - Dugda keetti baattee Ofiif hin boqonne - Boqonnaa naaf laatte Rakkoo hin himattu - Kan kiyyaaf yaaddofta Nan bareeda hin jettu - Anaaf daalachoofta Gaara baatee daka buutee Dafqa kan kee xuruurfatta Dadhabbii kee of dhokfattee Guddisa koof shan gugguufta Harkaa dhabdus yoom waakkatte Anaaf jecha ifatamte Dungoo taatee anaaf iftee Ofiif dhumtee kan dhabamte. Si'if akkam jedheen Maal barreessaa? Jecha kamtu si adeessaa Bakka qabda ana keessaa Jecha filee yoon qubeessu Oolmaa kan kee hin addeessu Osoo addunyaan si jedhamee Innuu sin gitu bar harmee! https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Hammasini ko'rsatish...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

👍 3
Maaliif Utuu beektuu wallaaltee Akka hin jirre taata Utuu qabduu dhabdee Gaara meeqa baata Utuu jirtuu duutee Reeffa du'aa taata Dhugaa jiru dhiiftee Soba faana dhoofta Karaa dhugaa gattee Karaa malee baata Waadaa lafa keessee Seenaa borii nyaatta Utuu karaa jiruu Maaf buuta qilee Utuu dhugaan jiruu Maaf taate cilee Cilee gurraattii taate Ishee lama gubattu Qilee qumburoo taate Ishee nama nyaattu Nama dhugaa ta'i Abjuu keetiif Abdii hin kutatiin Boruu keetiif Orma hin komatiin Har'a sirritti; Hojechuu yoo dadhabde boru irra deebi'ii yaali. Asii garasitti Qabachuu yoo yaadde Xiyyeeffadhuu ilaali. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Hammasini ko'rsatish...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha. ❍ Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa. ❍ Xiyyeeffannoon fiixaan bahuumsa karoora keenyaaf  humna jalqabaati. Namoonni GATII YEROO (times value) beekan yommuu dubbatan: ❍ "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yerooti." ❍ Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef. ❍ Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef. QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME) ➊. Yeroon ni darba: ❍ Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa. ➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama: ❍ Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa. ➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu: ❍ Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in! ❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan har'a hojjetu! ❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu! ❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu! ➲ Kanaafuu, yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i! ➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata. ❍ Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu. "Until you value yourself, you won't value your time! Until you value your time, you will not fit anything with it"       (M. Scott Pek) ⁃ "Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha. ❍ Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a. Garuu ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati. Join 👇👇👇👇 https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Hammasini ko'rsatish...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Karaalee 5 namni guutummaatti itti gammadu. ❶Dubartii si kofalchiiftu waliin ta'i ❷Dubartii yeroo siif kennitu waliin ta'i ❸Dubartii si kunuunsitu waliin ta'i ❹Dubartii dhuguma si jaallattu waliin ta'i ❺Dhumarratti dubartoonni afran kun akka wal hin beekne mirkaneeffadhu. #Robert_mugabe @haqummaaf
Hammasini ko'rsatish...
👍 5
Sangaa bituun yoona yoonaa Sangaa bite Abbaan Bashaanee Kan arfaasaa camadatuu Hin gaabbinee yoona yoonaa Silaa fooxaa natti martaa Silaa siiquun na marartaa Shaamaan sun dhume yaa jigaa Bittee daara maa nan baaftuu Natu daare, natu aaree Situ jaare, natu jaaree? Jaaru maan maqaa si dha'aa? Jiruun seedaa natti ta'aa? Dallaa ijaarta siin jedhuu Dhanquu keessa naqaa naqxee Dallaa ijaara maa jedhuu Meerre dallaan ati ijaartee? Atoo boolla hordaa uluu Qe'ee dhiistee gabaa dhaqxee🫣 Taliilee Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Hammasini ko'rsatish...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

👍 1
MEE NAAF HIMAA! Yeroo miirri natti dhagahamu Qofa hin hubannen dhageessu Miirri koos dhugaa ta'uu isaa Ati hubachuu hin dandeessu Mee natti himi, akkamittan fayyisuu qaba? Yeroon akkasitti natti dhagaʼamu? Barbaaden fira dhaba. Waan ani keessa darbu Gaafa siif hin galle, Jaalalli kaleessa ture sun Maaliif jaalalan dhalle Mee natti himi, Akkam natti dhaga'amuu qaba? Yeroon akkasitti natti dhufu Barbaadeen hiriyaa dhaba. Gargaarsaaf gaafan boo'u, Isin garuu hin dhageenye Ani dukkana keessa taa'uu Qofaa koo hin dandeenye Mee natti himi, akkamittan wal'aansoo qaba? Carraa barbaacha utuu fiiguu Ofiin kufeen ofiin caba Yeroon akkasitti natti dhagaʼamu? Barbaadeen dhugaa dhaba. Yeroo ulfaatina gaddaa fi Gadda koo hundumaasaa Yaada koo boruu facaasee Barbaadee dhaba maasaa. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Hammasini ko'rsatish...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

Jechaan ibsi jedhu Jechi miira cora Miirri jecha hinqabu Eessaan sitti hora Harmeen anaaf miira Dhangalaa’aa kuustee Ofkeessa na luustee Dhiiga ofkeessa Cobsaa Imimmaanshee roobsaa Waan hinmalleef taatee Anaaf karaa taatee Harmee jecha hinqabne Jecha maaliin ibsu Fayyaa kadhachaafi mogoleeshee Cimsu https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Hammasini ko'rsatish...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

«Obsi kaa garaa koo Duruu ni obsitaa» Maaf tasgabbii dhabdee Nagaa of dhowwitaa Maaliif akka dhabdee Imimmaankee cobsitaa Nan beeka waa hundaa Akka ati miidhamte Wanti hundi ulfaatee Beeka akka siif gamte Obsi kaa garaa koo Obsaan of ijaari Dukkana keessatti Argii of baraari Si dhaga'uu diddee Dacheen ni hammaattee Dhugaaf kan malu Sobaaf ragaa baate! Uumaa kee abdadhu Isa abbaan malaa Uumamni kun hundi Murtee isaa jalaa Galmi kee fagoodha Deemsi isaas ni cimaa Rakkinni kee kuniis Gaaf tokko ni dhuma Kana hunda ilaaltee Obsa kee fixattee Obsi kaa garaa koo Maaliif akkas taatee Badii lafaa ilaaltee Hin dadhabiin obsuu Ifa siif jedhee bahu Gaarri tuulame hindhoksu Kaayyoo ofii eeguun Obsa si barbaachisa Obsi kaa garaa koo Obsi kakuu si nyaachisa Obsi homaa miti Hunduu Akka qaba Obsi kaa garaa koo Gufuunkee in caba Nan beeka icciitiikee Atoo sobdee kolfita Obsi kaa garaa koo Durduroo ni obsita! https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Hammasini ko'rsatish...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

👍 5
Sooqiraates baay'ee fokkisaa ture jedhama. Fokkisaa isa 'hin bareedu' jedhamu miti, isa nama hin fakkaatu jedhamuudha malee. Fuulli isaa kan 𝑠𝑎𝑡𝑦𝑟 fakkaata jedhamee ture.Bifti isaa akka ibsamutti kan suuraa irraa caalaatti fokkisa. Iji isaa gara alaatti dhiibbata, funyaan isaa battee fi ol dabaadha, hojjaan isaa gabaabaadha, borcii qaba ture, moluu tures (ani nama tuqaa hin jiru). Wanti na kofalchiise tokko, barreeffama Pileetoo 𝑇ℎ𝑒𝑎𝑒𝑡𝑒𝑡𝑢𝑠 jedhu keessatti Sooqiraaxesii fi namicha 𝑇ℎ𝑒𝑜𝑑𝑜𝑟𝑢𝑠 jedhamutu haasa'u turan. Sooqiraates namicha sanaan, "Dargaggoota Ateensi keessaa warra qaxalee dhimma baasan kan beektu qabdaa?" Jedhee gaafate. Namichis deebisee, "Saafela qaxalee tokko nan beeka. Gurbichillee hin bareedu. Natti hin aarin malee, sumaan si fakkaata. Funyaan isaa akkuma kan keetii gara oliitti daba, iji isaas akkuma kan kee gara alaatti dhiibamaadha.Fokkisinni isaa garuu hamma kan keetii kana hin ga'u." jedhee deebiseef. Ati inni bifti kee kan Sooqiraaxes fakkaatu, ergaa na biraa qabda. Akkuma nuti har'a waa'ee bifa Sooqiraaxes dagannee waa'ee ogummaa isaa baay'inaan haasofnu, atis dagachiisuu yoo feete qalbii kee kan isaa fakkeessi. Waaqni gaafa bifa si dhowwate garaa sitti jabaachuusaa miti bar; yeroo kee of-ilaallee duratti dabarsuu dhiiftee, kitaaba duratti akka dabarsitu fa'a carraa siif laachuusaa ture. Siif abdiin jira. @haqummaaf
Hammasini ko'rsatish...
👍 5🔥 3