Faaruuwwan ortodoksii tawaahidoo
678
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-37 kunlar
-1830 kunlar
- Kanalning o'sishi
- Post qamrovi
- ER - jalb qilish nisbati
Ma'lumot yuklanmoqda...
Obunachilar o'sish tezligi
Ma'lumot yuklanmoqda...
DEBRE TAABOR
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu waaqa
tokkotti ni amanna Ameen!!
Walaloo
Ijji mana Amantaa Abbooliin Luboonni
Tajaajiltoonnisaa sinis Daaqonoonni
Abbooliin haadholiin Uummanni hundumtuu
Nageenya waaqayyoon Nagaadhaa akkam jirtu?
Namoota hunda keessaa filatee nu waamee
Arjummaa isaatiin manasaa nu dhaabee
Bakka baayyee irraa nuyiin nu sassabee
manasaa keessatti walitti nu qabe
Egaa maal dubbannaa waayee Oolma isaa
Lakkawamee hin dhumu kennaaf jaalallisaa
nuti homaa hin qabnu kan isaaf deebisnu
galata qofaadha kan isaaf kenninu
waayee guyyaa har'aa hubannaa maal qabnaa
moo callisneetumaDebre taabor jennaa
xiqqoon sinitti himna waayee guyyaa kanaa
Nageenyi Waaqayyoo haa ta'u nu faana
Iyyasuus kiristoos Qisaariyaa Deemee
Duuka bu'ootasaa gidduutti argamee
"Namoonni ilma namaan Eenyu jedhu "
- jechuun isaaniin gaafate
pheexiroos waanta kana dafeetu hubate
Warri kaanis musee kaanimmoo Eeliyaasi
kan jedhanis jiru ati Eermiyaasi
Waaqayyoos deebisee isaanitti dubbate
sinoo maal naan jettuu jedheetu gaafate
Bartootasaa keessaa inni Ariifataa
Qulqulluu pheexiroos Duuka bu'aan gooftaa
Gaaffii gaafatameef deebisaa hubatee
Ati ilma waaqaati jedheetu dubbate
kana kan siif ibse yaada foonii miti
Afuura Abbaakoo isa samiirraati
jedhee itti dubbate waaqayyos deebisee
Furtuu lafaaf samii kennuudhaan Eebbise
Lafatti kan hiikte samiitti hiikamaadha
lafatti kan hiite samiitti hidhamaadha
Ati kattaa cimaa utubaa Abboolii
Diiguu hin danda'ani humnoonni si'oolii
Guyyaa jahaan booda Taaboritti ol bahee
Bartoota isaa keessaa sadan waliin ta'ee
pheexiroos, yaahiqoob, yohannis fudhatee
ifni waaqummaasaas achitti muldhate
Eeliyaasiin waamee biheera hewaan keessaa
Museesimmoo kaasee warra du'an keessaa
akka biftuutti ifee ifti waaqummaasaa
na'aniis kufanii arganii Aangoosaa
Duumessa keessatti wajjiniin haasa'ee
Museefi Eeliyaas Bitaaf mirgaan kahee
Abbaan samii taa'ee isatti muldhatee
Ilma koo dhagahaa jechuudhaan dubbatee
Icciitiin Sadummaa gaafasis muldhate
Ati Eeliyaasi jechaa kan turani
Waaqa Eeliyaas ta'uu gaaf sana barani
Waadaa Museef gale Tulluu Siinaarratti
itti ni muldhate Tulluu Taaboritti
Duuka bu'oonnisaa Raajii kana arganii
Naasuu guddaadhaanis lafatti kufanii
gammachuun ka'anii waaqatti dubbatanii
Diina isaan Rakkises kunoo mo'atani
pheexiroos gammadee waaqatti dubbate
As jiraachuu wayya jechuudhaan gaafaate
Museef Eeliyaasiif siifis Daasii tokko
isiniif ijaarra maaloo yaa waaqakoo
jedheetu dubbate bartuun pheexiroosi
jireenya achirraa filachuudhaanisi
kanaaf kabajama Ayyaanni har'aa kuni
fakkeenyaaf icciitii irratti hundaa'uuni
Warreen hin Amanneef waaqayyo kadhanna
Ayyaana kabajneetu Eebba irraa arganna
Nutoo hin dagannuu Amantaa Abbootii
kunoo kabajuudhaaf dhufneerra asitti
Xomboora qabsiisnee damaraa ibsina
ifa waaqummaasaa fakkeenyaan argina
Manasaa filanna akka bartootasaa
As jiraachuu wayya mana qulqulluusaa
Amma bara baraatti mana isaatii hin baanu
yeroo dhufaatiisaa dhaaltuusaa akka taanu
Cimsee nu haa dhaabu waaqayyo gooftaani
nu kuffisuuf yaada yeroo hunda seexanni
nut garuu ni dhaabbanna waaqayyo qabanna
waa'ee Lubbuuf jecha cubbuurraa fagaanna
Iyyesuus kiristoos fakkeenya haa godhannu
Daandii qulqullootaa irra haa deddeebinu
Daandii bal'aa dhiisnee ishee xiqqoo ilaalla
cubbuu keenya haquuf nuyi gaabbii galla
walaloo kiyyallee kanaanan goolaba
waan dhaggeeffattaniif guddaa galatoomaa
Ayyaani kunisi kan Eebbaaf Nageenyaa
Nu hundaaf haa godhu waaqni Uumaan keenya.
GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA'U.
AMEEN.
Eenyutu dhaala
Eenyutu dhaala gooftaa mootummaa kee
Nutoo hin hubannee gaarummaa kee
Addunyaa dorgomuuf oliifi gadi fiignee
Biyya lafaaf jennee nu seera kee diignee
............
Egaa yaa ilmaan koo koottaamee gara koo
Akka dhaaltaniifi mootummaa abbaa koo
Jettee nu waammattee gara mana keettii
Nuti garuu hin deebine kunoo hanga har'aatti
............
Kan ati duuteefi uumamni harkakee
Dhagahuu dadhabee maaloo waamicha kee
Otoo nutti himamuu halkanii fi guyyaa
Deebi'uu dadhabnee maaloo maal nuuf wayyaa
................
Jireenyaa addunyaarraaf oliifi gadi kaannee
Hojii fooniif jennee seera keerraa kaannee
Gara keetti deebinaa ati nuuf araarami
Yeroo dhufaatii kee mirga keetti nu waami
.................
Eegaa yaa obboleessaa atis yaa oobboleettii
Koottaa ni deebinaa gara Waaqayyootti
Gaabbii haa qabaannu fuula isaa duratti
Akka nu yaadatuif guyyaa dhufasaati
=================
@faaruuwwanortodoksiitawaahidoo1
==================
D9vdtx96fxxt 99dtdtirkd rnng.ojrn k urdin n n cjrn nci crj አሰፋ ኸተd. ,J x8 f rm f8 fncfn fo ncf8krn r nxkn f8 x8 gu ncfm n ,g7 ጸጠሰ c7, 7, i mlcigux8ncc8 f8l f8n x8lfncf gkxm k xn ዐfklcfo tf fፐሸጥነጸ ኖወ ነ ነወ ሥነቀ n ሰፐጸ ኝፐቀጨወ ገጸ ዐ ኞገፖኸ ጸነከነነወነ ፐጠወመቀነወነኸጠመሮቀጠነወሠሰነኖf8lfገጸ ገኸፐፐዐ u, j j ncnvn bc kፖ ዐ ዐ ወጸ ገቀፐጰፖ ፖ ፖn ኸ ኘመፐ ሠመቧቮጸፖ ዐገሸኟ ĸ^uc,l cu m ፖ8 k l 8 8n ጸ ቀፐጸ cu i, i,,8. g7 cun n . . ,j ,. ጸ ዐ o n nn n nሸጠጸ ኞ ጨኮኵኵ xioፀጨgugkgg7flfl7 n ገ ጸገከገጸ ነኸ ጸ ገጸ ገጸ ገጸ ጸ ገሸኘጸ ገሸአጸ ፐሸ ሸጠሸሸሸ ሽ ከሰ ሰ ክፐሸሸፐሸፐሸፐሸፐጰወ ነኸ jc ,n un r7vu rloŕrrrrrffu,,d co,rg ,7xldu r7x
X9r_drdxy963xooyd9xy9d9c8,9g,rd9,89d,vrdx6xvd9d99yxyrr9dtxgdyxo96gd9xfg9
07:56
Video unavailableShow in Telegram
VID_20221212_070901.mp417.52 MB
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
Boshqa reja tanlang
Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.