uz
Feedback
BBO tti DFMB

BBO tti DFMB

Kanalga Telegram’da o‘tish

Qindoomina Biiroo, godinaalee fi Bul/Magaalotaa

Ko'proq ko'rsatish
2 060
Obunachilar
+224 soatlar
+97 kun
+1330 kun
Postlar arxiv
Multi-sectoral nutrition being refined (3) (2).xls0.33 KB

Akkam jirtu? Hojii sirna nyaataa fooyyeessuuf seektara keenyaan hojjataman gurguddoo qindeessuun barbaachisaa ta'ee waan argameef guca kana guuttanii gaafa guyyaa 25/06/2016tti akka nuuf deebistan haa ta'u. Fayyaa ta'aa

Unka Gabasa Nyaataa torbee aanaledhan.xlsx0.13 KB

Hundi keessan akkam jirtu? Gabaasa nyaata manneen Barnootaa uunka kanaan nuuf ergaa. Fayyaa ta'aa!

Akkam jirtu? Dhaamsi kun sirriitti haa dubbifamu.

Jaallewwan akkam bultan! Kanaan dura Cheeklistii Kur. 3ffaa PDF'n akka isinii ergine ni beekama. Akkuma bakka hedduutii gaafachaa jirtan Word isaa immoo kunooti.

Jaallewwan ragaan kun haala xalayaa irratti ibsameen hanga Guraandhala 25/2016tti akka nuu ergitan gaafanna.

Hira barataa daree gara Istaandardiitti fiduu.PDF4.98 KB

Ragaa MB Sad.2ffaa.pdf4.44 KB

Jaallewwan akkam jirtu! Ragaa MB Sad.1ffaa Mijataa Taasifamee akka nuu ergitan gaafachuufi Hira barataa daree gara istaandardiitti fiduu isinii ergineerra

Suphaa MB Magaalotaa.xlsx0.11 KB

BUl.Magaalotaa maqaan keessan asii gaditti tarreeffame Fedhii Suphaa Manneen barnootaa Sad.2ffaa akka nuu ergitan isin yaadachiisna.

Jaallewwan Hoggansaafi Ogeeyyii Waajjira Barnootaa Godinaaleefi Bul. Magaalotaa; Cheeklistii Kur. 3ffaa kan isinii ergine ta'uu isin beeksisna

+1
Addelle Piroject (2).xlsx0.13 KB

Guyyaa 8/06/2016 Ergaa Ariifachiisaa/Urgent! Duraan dursee nageenyi isiniif haa ta’u jechaa, ragaan amma gaafatamaa jiru kun yeroo baay’ee deddeebi’ee gaafatamaa turuun isaa ni beekama. Sababni deddeebi’aa tureefis bakka tokko tokkotti ragaan barbaadamu akkaataa ulaagaa gaafatameen guutamee waan ol hindeebineef dhaabbilee deeggersaa soolarii galchaniif dabarsuu hindandeenye. Waan kana ta’eef, hojii kana ilaalchisee guca isa xumuraa guutuun dhaabbilee deeggersaaf dabarsuuf waan barbaachiseef irra deebinee isiniif erguu dirqamneerra. Dhimma kana hoggansi waajjira barnootaa godinaalee xiyyeeffannoo addaa kennuun akkasumas ogeeyyii hirmaachisuun guca gaafatame hunda guutuun ariitiin guyyaa ibsame keessatti akka nuudeebistan gaafanna. Qabxiiwwan xalayaa irratti ibsaman hubannoon ilaaluun guca haaraa ergame akka guuttan asumaan isin yaadachiisaa, Godinni ulaagaa guca irratti gaafatame hunda guutee hindeebisne manni barumsaa sun carraa kana argachuu akka hindandeenye beeksisna.

+1
Guca Cunfa Nyata Sem 1ffaa 2016 last.xlsx0.16 KB

Guyyaa 27/05/2016 Waajjira Bulchiinsa Godinaalee/BM hundaaf Ergaa Arifachiisaa Duraan dursee nageenyi isiniif yaa ta’u jechaa, Sagantaa nyaata manneen barnootaa bara 2016 kan seemisteera 1ffaa xumuraa jiraachuun keenya ni beekkama. Haaluma kanaan raawwii semisteera 1ffaa ragaan qulqulluufi dhugaa ta’e qindeessuun barbaachisaa ta’ee argameera. Kanaafuu godinaaleefi magaalotni of-eeggannoodhan raga sirrii ta’e haala guca kanaaiitin guuttani hanga Gurndhala 4/2016 akka nuuf ergitan jechaa, hojii lafa irraa hin jirreefi raga sirrii hin ta’in erguun seeraan nama gaafachiisa. Dabalataan odeeffannoon lafa qonnaa manneen barnootaa kanaan dura ergamee ture godinaaleefi magaalotni qindeesitanii nuuf hin deebisne atattamaan akka nuuf ergitan ibsaa, isin yaadachiisuuf gucicha irra deebinee kan ergine ta’uu beeksifna. Nagaa Ta’aa!

Akkam jirtan jaalleewwan hooggantootaafi ogeeyyii barnootaa godinaalee(21)fi bulchiinsa magaalotaa(23)! Kanaan dura karoora barnoota fedhii addaa isa gadi aanaa irratti akka karoorfattan isinii erguun keenya ni yaadatama! Yaa ta'u malee raawwiin keessan gabaasa irratti ergitan baayye gadi aanaa ta'uun isaa ni hubatama. Kanaafuu, gabaasa barnoota fedhii addaa gosa fedhii/miidhama qaamaa qabaniin adda baasuun,guca kanaan dura isinii ergamee (telegiram DFMB irra jiru) tti guutuun akka gabaasatan kabajaan isin yaadachiisuu barbaada! Hubachhiisa:barattoota adda baasuun barsiisonni toolkiitii barnoota fedhii addaa"Inclusive Education_OEB) jedhu irraa buufachuun akka fayyadaman ni yaa ta'u! Tuulkiitiiwwan kuni eega telegiraama kana irra taa'anii waggootan hedduu kan laakoofsisan ta'uus asumaan isin yaadachiifna. Hojii keessaniif xiyyeffannoo kennuun waan hojjettaniif dursinee isin galatoomfanna!! BFA, BBO !

Dabarsa God/magaalotaaf

Nagaa oltanii? kun kutaa laboratory sad.2ffaa ilaalchisee ragaa EMIS bara 2015ti. kun immoo gabaasa bara 2016 nuuf ergitan waliin baay'ee garaagarummaa guddaa waan uumeef ilaalaati mirkaneessaa guyyaa jedhametti ogeessa Lab. biiroo keenyaa irratti nuu deebisaa. bil.0984732306 Biqilaa