cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

East Bale Zone Job Creation Opportunity & Vocational Office

Hojii

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
250
Obunachilar
+124 soatlar
+37 kunlar
+1330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Magaalaa Dirre Dhawaa maneen garagaraa keessatti qacaramee hojjechaa ergan turee booda hoteela keessa akkan hojjedhuuf karaa namaatiin haalli naaf mijatee gara magaalaa Finfinnee deeme. Haa ta’u malee hoteelichi waan kasaareef hojii biraa barbaaddachuu eegale. Guyyaa tokkos hojii dallaalummaa hojjechuun birrii 4,000 argadhe. Isaanis magaaluma Finfinnee keessatti daldala jimaa eegale. Itti aansuunis haadhawarraakkoo yeroo sana gaa’ila godhanne waliin daldala jimaa cinatti buna danfisnee gurguruu eegalle. Dabalataan ciree qopheessinee gurguruufii hojii dallaalummaa hojjechuu itti fufe. Maallaqa argadhurraayis iqqubii seenuun qusachuu eegale. Bifa kanaan diinagdeekoo guddifachaa adeeme, magaalaa Finfinnee iddoo Boolee Mikaa’el jedhamutti mana cuunfaa banadhe. Yeroo ammaas damee mana cuunfaa isa lammaffaa naannoo Boolee Bulbulaa jedhamutti banuun hojjechaan jira. Manneen cuunfaa lamaan kanaan namoota 13’f carraa hojii uumeera. Dabalataan hojii horsiisa lukkuufii omisha qamadiis hojjechaan jira. Amma karoorrikoo inni ijoon ijoollee daandiirra jiraatan daandiirraa kaasuudha. Hojii kanas mootummaan akka nagargaaru nan barbaada. Ijoollee kunneen walitti qabuun giddugala tokkotti hojiilee ogummaa leenjisuufii sammuu isaaniis wal’aanuun hojiitti galchuun ni danda’ama. Gama biraatiin nuti dargaggoonni hojii tuffanna garuu hojii tuffachuu hinqabnu. Ergaan dargaggootaaf qabus ‘hojii hinqabnu’ jettanii taa’uu osoo hintaanee hanga harkarraa qabdaniin hojiitti bobba’uu qabdu kan jedhudha.” Maddi: BBC Afaan Oromoo "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Sabboonaa Bulloo: Dargaggeessa jireenya daandiirraa ka'ee kaaniif hojii uumaa jiru. Jireenyi daandii gubbaa, soorata barbaacha kadhachuunfii araadni maastishii hadhaa jireenyaa dargaggoon kun keessa darbe keessaa isaan muraasa. Har’a garuu dargaggoon kun dhaabbilee isaa keessatti namoota 10 oliif carraa hojii uumeera, dargaggoota hoji dhabdummaan rakkachaa jiraniifis muuxxaannoo jireenyaa kuufaterraa gorsa kenna. “Maqaankoo Sabboonaa Bulloo jedhama. Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneerraa kilomeetira 18 fagaattee kan argamtu magaalaa Kofalee jedhamtu keessattin dhaladhe. Ani xiqqeenya kootti naannoo umrii wagga saddeetitti maatiikoo biraa bahe. Umriikoo sana boodaas alattin guddadhe. Maatii biraa ergan bahee booda magaalaa keessa daandiirra jiraachuun eegale. Daandiirratti ijoollee maastishii (araada) harkisan waliin walitti makamee isaanuma waliin karaarratti guddadhe. Iddoon jalqaba daandiirratti itti jiraadhe magaalaa Adaamaati. Achitti yeroo dheeraaf maastishii harkisaa ijoollee maastishii harkisan waliin ture. Bifa kanaanis magaalicha keessa yoo xiqqaate waggoota afuriif jiraadheera. Magaalaa Adaamaa keessa ujummoo dhangala’aa magaalaa keessa bulaa turre. Ujummoo kana bishaanfii balfa magaalaatu jala yaa’a. Ijoolleen maastishii harkisan qaamnisaanii doomee halbeedhaanfaa wal diran. Haa ta’u malee ani isaanuma keessattuu naamusan qaba ture. Waqti sanatti ujummoo bishaanfii balfi keessa yaa’u dhiisee barandaa manneeniirra buluufis yaalii taasisaan ture. Haata’u malee, barandaarra yeroo ciistu waardiyyaan si ari’a, abbaan manaa akkasumas hojjetaan si ari’a. Yeroo tokko hirriiba rafuu barbaadee barandaa irra rafu waanin dhabeef festaalii jimaa guuree mataa, morma fi harkarratti maree maraataa of fakkeessee barandaarra ciisee bule. Wayita daandiirra jiraannu nyaata namoonni manneen nyaataatti sooratanii irraa hafe sooranna. Warri mana nyaataa, nyaata osoo hin sooratamiin deebi’e saafaa isa guddaatti walitti qabanii nuuf kennu. Nutimmoo manicha fuldura teenyee eegganna. Bishaan namni harka ittiin dhiqate narratti dhangalaaste… Magaalaa Adaamaa keessa daandiirra yemmuun jiraadhu akkuma barame guyyaa tokko nyaata kadhachuuf gara ganda 11 deeme. Mana tokko deemees nyaata akka naaf laatan gaafadhe. Haata’u malee, dubartiin “hojjettee hinyaattuu?” jettee bishaan namni harka irratti dhiqatee, lulluuqqatee irratti tufe fuutee narratti jigsite. Gaafa sana baay’ee natti dhagahame, baay’een boohes. Bariitu guyyaa sanaa ‘hojii barbaaddachuun qaba’ jedhee hojii guyyaa barbaaddachuu eegale. Mana kuusaa nyaatni namootaaf bifa gargaarsaan laatamu itti kuufamu deemee midhaan baachuu eegale. Haa ta’u malee ani yeroo lama yookiin sadi qofa baadhee qaamni nan dandeenye, midhaanicha baadhee olbahee sadaffaarra yeroon gadi deebi’u achi keessatti nan kufe. Humnikoo dadhabee kufus hojii guyyaa hojjechuu hindhiisne. Itti aansee iddoo ijaarsaattis hojii guyyaa hojjechuu eegale. Haa ta’u malee hojii kanallee hojjechuu hindandeeye. Imala gara Baha Itoophiyaa Magaalaa Adaamaatii ergan bahee booda magaalota akka Bordoddee, Ciroofii Dirre Dhawaa keessa jiraadheera. Magaalota kunneen keessatti hojiilee garagaraa hojjadheera. Keessattuu magaalaa Dirre Dhawaa keessa naannoo Taayiwaan jedhamuun beekamutti namicha bishaan gurguruuf bishaan baachuun hojjadheera. Bishaan jaarikaan baachuu guyyaa naannoo sa’aa torbatti eegalee hanga halkan keessaa sa’aa saddeetitti hojjechaa ture. Kanaanis gateettiinkoo bishaan ittiin baadhu gara tokkotti hanga dabutti gahe. Itti aansuunis karaa namoota wayita bishaan waraabu walbeeknuun mana shaayee keessatti qacaramee hojjechuu eegale. Yeroo tokko guyyaatti iddoo saditti qacaramee hojjechaan ture. Ganamaa mana shaayee tokkotti, waaree booda mana shaayee kan biraatti halkan ammoo waldaa jimaa biyya alaatti erguuf hojii jimaa qixeessuu hojjechaan ture. Jireenyikoo jijjiirame
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Entrepreneurship Training Workshop.
Hammasini ko'rsatish...
What is ETw
Hammasini ko'rsatish...
Godinaalee fi Magaalota Hundaaf Ragaa gaafatame kana Ariitiin guutanii akka nuuf ergitan (leenjii ETW kan leenji'an fi hil leenjine guutattii nuuf ergaa) Hanga 24/10/2016 akka nudhaqabu
Hammasini ko'rsatish...
Ragaa Aritiin barbaadamu.xlsx0.21 KB
Akkam jirtan jechaa Gabaasni raawwii hojii damee TEI fi QCT keessan duuka deemtuu wajjiin Wal simee ergamuu Akka qabu ibsuun keenya ni yaadatama, haaluma kanaan ragaa isaanii sirreeffatanii kan nuu ergan:- #Damee_TEI 1. Gololcha 2. Raaytuu 3. Gindhiir #Hamma tokko fooyyessan 1. L/Hidhaa # kan sochii keessa jiran 1. M/Gindhiir Damee QCT Kan sirrate 1. Gololcha 2. M/Gindhiir Kan irraa deebiin Akka sirratu kallatiin kenname 1. A/Gindhiir 2. Raaytuu Annonnii hafan kan Akka:- 1. Sawweenaa 2. D/Qaachan 3. D/Sarar damee lachuunuu ammattii qabatamaan sochiin irra jiran waan hin beekkamneef odeeffannoo keessan Akka nuun geessan. Hubachiusa:- Gabaasni hardha 18/10/16 nu hin gahin fudhama hin qabu.
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
Aanota hundaa fi Mag. Gindhiriitiif Dhaabbilee Leenjii hundaaf WKTIT hundaaf B/J Dhimmii:- Invantarii waldaalee Bara 2016 gaggeessuu ilaala. Akkuma mata duree olii irrattii ibsamuuf yaalamettii Invantarii waldaalee IMX bara 2016 ilaalchisee harcaatii malee karaa guutuu taheen Akka gaggeeffamuuf, raawwii Invantarii bara 2015 softy copy isaa iddoo jiruu baasanii sirrummaa isaa Unka 1 Hanga Unka 13 kan jiru mirkaneessuun egasii waldaalee isa booda gurmaaye kan Unka 003 irrattii guutamee bara 2016 Godinaa Adeemsa CHU tiif gabaafame haala Unki 1-13 inventariin gaafatuun guutuun yeroo gaafatamettii print gootanii mirkaneessuun kan ergamu taha. WCHUO Godinaatis haaluma gubbaa irrattii ibasameen odeefannoo guutamu bu'ura unka raawwii Invantarii bara 2015 fi kan Unka 003 Adeemsa CHU Godinaatiif ergameen madaalchifnee taha. Dhimmii Kun dhimma xiyeefannoo barbaadudha. Erga yeroon deemee guyyaa keessaa olii fi gadi fiiguun hin tahu.
Hammasini ko'rsatish...
Share 'Raawwii Hojii Ijoo Adeemsa TEI fi QCT Kurmaana 4ffaa.pptx'
Hammasini ko'rsatish...
Raawwii Hojii Ijoo Adeemsa TEI fi QCT Kurmaana 4ffaa.pptx14.79 MB
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.