cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Dhugaa Pictures

-Cidhaaf -Gayyaa dhalootaaf -Yaadannoowwaniif -Koonsartiifi sagantaawwan adda addaaf tajaajila suuraafi Viidiyoo ni kennina!📷 Teessoon; Buraaayyuu Ashawaa Meedaa naannoo RU kaampaasii Haacaaluu Hundeessaa; hoteela Roobaa fuuldura✍️ 0925086118

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
1 079
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Hammasini ko'rsatish...
Oduu Wiirtuu

Oduu Kibxata Guyyaa waxabajji 13/2023

Hammasini ko'rsatish...
Oduu Wiirtuu

Oduu Kibxata Guyyaa waxabajji 13/2023

Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Achii hidhaan waggaa 4 itti murteeffama. Ragaa ittisaan falmadhaa jennaan namoonni 12 didan. Bara Qilinxoon gubatee lubbuun ijoollee qaqqaalii Abdiisaa Bookaafaa dabalatee dhuman sana achi keessaa hafe. Nama kana gara idirii sanaa kan geesse Girmaa Xurunaa (weellisaadha). Inni ofiisaa nama kana maqaa waamuu baatus, namoota kanarratti ragaa bahuun achii ba'e. Namni kun waggaa 2fi baatii 6 hidhamee ba'e. Turtii mana hidhaa kana keessatti haati warraasaa deddeebitee gaafachaafi hordofaa turte. Namni kun weellisaa HUMNEESSAA BADHAASAA jedhama. Duraan albeema 1 kan qabuufii erga jireenya kana mara dabarsee immoo sirba qeenxee lama kiliphii itti hojjetee ummataa gumaachera "hintuqiin idaa taataa fi Sonaa roobakoo" kan jedhee sirbun yaadadha. Amma immoo Albaama "Qomoo Kiyya" jedhu qabatee dhufee jira. Humneessa Badhaasaa artistii qofa miti. Nama sabboonaa sababa qabsoo oromooti rakkoo adda addaa keessummeesse. Falmaa Bilisummaati. Waaqni lubbuu isaa oolchee har'aan gahee hojii artiitti deebi'ee Albaama hojjetee jira. Eebbi Albama "QOMOO KIYYA" Jedhu Dilbata dhufu raawwata. Irratti hirmaatun waliin dhabbatanii;akka bashannantan isin gaafanna! Bakki Sagantichaa, Furii Addababaa'ii Haacaaluu Hundeessaa Daandii Sabbataa geessu Hoteela Loojii Dibaabeetti. Caamsaa 6/2015 Sa'aatii 6:00 irraa jalqabee. https://t.me/imaltuukaayyoo 👇👇👇
Hammasini ko'rsatish...
Imaltuu

Imaltuun 👉walaloo, barreeffamoota gaggabaaboofi baacoo faana isin imalchiifti 👉kitaabota pdfn gadi lakkifaman fedha barreessichaatiin isiniif galaasti 👉Beeksisa aartiifi og barruu Ergaafi yaada keessan nuun ga'uuf👇 @Kaayyoongalaadha

Achii moyyaalee fidanii mootummaa toophiyaatti isa kennan. Achittis ati Abo dha jechuun reebicha hamaa reebuun ji'a 6 hidhan. Achirraa yaa'a ballootti fiduun achittis yeroo muraasa reebamaa hidhame. Boodarra achitti konkolaachisaa jaraa kan ta'e namni qe'eesaa tokko argee maal hojii dhufte? jedhee ajaa'ibsiifate. Kana mara dabbassaan, areedni, uffanniifi biftisaa irratti badee jira. Nama beeku kanattis daldalaaf osoo deemuu qabamee akka ture itti hima. Namni sun wabii ta'eefii achii baasa. Uffata biteefii, dabbassaasaa irraa ciree torbee tokko isa bira turee gara finfinneetti gali jedhee lakkisa. Dhufee diillaa bakka sakattaatti waraqaa eenyummaa hinqabdu jedhamee qabame. Guyyaa 3 hidhammee , achii ammas tikni mootummaa konkolaataa kobiraa gurraattii tokkoon fudhatanii gara finfinnee qajeelu. Finfinnee seenuuf yoo jedhan ijasaa carqiin hidhanii bakka hinbeekamne tokko galchan. Achittis qorannoofi reebichi kana hinjedhamne irratti raawwatame. Turtii ji'a 6 booda nuwaliin hojjetta ittiin jechuun ammas ija hidhanii manichaa baasuun lafa barii jala finfinnee dirree masqalaatti konkolaataa irraa buusan gatanii deeman. Achii bakka jiru baree gara dur jiraachaa ture naannoo 'sabaattenyaa' sana deeme. Yoo xiqqaate turtii waggaa sadiif ji'a 5 booda jechuudha. Gaafa achi deemu dunkaana isaa durii keessa nama biraatu jira. Namoonni ni maraate jedhanii isa baqatan. Kan ofitti kaleessu hinturre. Achii ammas halkan halkan miillaan deemuun baadiyyaa bakka dhalootasaa shawaa lixaa gincii ga'e. Maatiinsaa heedduu rifatan. Isaanillee ni maraate jechuun mana galchanii itti cufan. Nagaakooti ittiin jedhus isa hin hubanne. Bifti, dabbassaan, uffannisaa akka malee irratti bututeera. Naasuuma kanaan ji'a 6 ciisee yaalamee fayye. Erga fayyees kan amane hinjiru. Ammas maatii jalaa dhokatee finfinnee dhufe. Hanga yoonaa achi buutee haadha warrasaa hinbeekne. Finfinnee dhufee hojii humnaa hojjechuuf murteesse. Achii nama ijaarsa hojjechiisu tokko bira deemee kaartaa dubbisuu akka danda'u himeefii namichi waamee qacare. Namni kun Weellisaallee ture. Osoo hojiisaa sana hojjetuu namoota argachuu eegale. Namoota argate keessaa weellisaa Girmaa Xurunaa tokkodha. Isa waliin waggoota dheeraa dura wal beeku; Girmaadhaaf waayila tureefilleedha. Girmaan argee na'ee "duuteetta, jennee sibeekna; eessaa baata" jechuun raajeffatee fudhatee manasaa gale. "Nabira taa'i" jechuun of birattis galche. Namni kun hojiisaa hojjetachaa Girmaa bira jiraachuu eegale. Haati warraasaa eessa akka jirtu odeessa tokkollee dhabe. Girmaan hojii weellisuutti deebuu qabda jechuun sirbas akka eegalu nama hojjetuun wal quunnamsiisee walbarsiiseera. Gaaf tokko finfinnee "magganaanyaa" bakka jedhamutti hiriyyaa haadha manaasaa araga. Dubbisnaan naate. Ana abaludha jennaanis amanuu didde. "Duutetta jedhan, eessaa dhufta?" jette. Akka jiru itti himee haadha manaasaa gaafata. Isheenis nagaa akka taate itti himte. Bilbilashee naaf kenni jennaan, diddee kankee kenni malee kanshee siif hinkennu jechuun kansaa irraa fudhattee deemte. Bilbilasaa haadha manaasaaf kennitee bilbilteef. Wal arguuf beellamatanii wal argani. Hin heerumiin akka jirtuufi mucaa ji'a 1 inni dhiisee deeme amma guddattee akka jirtus itti himte. Sana booda bakka tureefi haala keessa tures himeef. Isheenis hubattee manasheetti ofitti fudhattee jireenya eegalan. Osooma jiraatanii Maqaa idirii jedhuun namoota 58 walitti kan qabe Injiiner Abdii /Girmaa Xurunaa dha. Namoota 58 kanas boolee bulbul mana tokkotti waamuun iddirii jedhamuun bakka tokkotti federaal poolisiin qaba. Yoo poolisoonni ol namman baqadhaa, baqadhaa kan ittiin jedhe Girmaa xurunaa/Abdii nama jedhamu. Achumaa alaabaan Oromoo/ABO kun bakka inni yaa'ee wallaalame. Alaabaa sana waliin qabaman. Kun nama maraafuu gaaffii ture. Hunduu ija keessa wal ilaalee hafe. Namoonni 58 kun bara 2008 ALI tti qabamuun maa'ikalaawwiitti raraman. Himanni itti baname. Har'a bulanii bor mana murtii araadaatti yoo dhiyaatan Injinar Girmaa Xurunaa kuniifi namni tokko hinjiran; hindhiyaatiin hafan. Hunduu walgaafatee deebii walirraa dhaban.
Hammasini ko'rsatish...
Seenaa heedduu natti dhaga'ame kanan isiniif qooda! (Heedduun keessan beekuu maltu) Finfinnee naannoo 'sabaattenyaa' jedhamuun waamamuu dunkaana qaba ture. Fuudhee haati warraasaa deessee reefuu ji'a 1 geessi. Gaafa sana inni mana hinturre. Tikni mootummaa isa barbaacha manasaa deemanii isa dhabanii akka deebaniifi garana mana akka inni deebuu hinqabne haati warraasaa itti himti. Roorroon akkasii waan itti hadhaa'eef taa'ee hidhaafi du'a eeggachuurra jechuun gara dirree falmaa kibbaa deemee WBO tti dabalamee turtiima muraasa akka achi ture dubbata. Gaaf tokko jaallan isaa faana bishaan dhugaatii waraabbachuu deeman. Jaallan isaan "hanga nuti bishaan waraabnutti firii mukaa nyaatan sana deemii nuuf ciri" jechuun ergu. Inni firii mukaa sooratan sana ciruuf isaanirraa fagaatee bosonuma keessa deeme. Bosona walxaxaa xiqqoo qaawwaa qabutti seenuun muka dalga ciciisurra koree cirachuu eegala. Osoo ciruu waan inni irra ejjetee jiru ittiin cabnaan kufa. Muka inni yaabbatee ture sana jala boolla heedduu gadi fagaatutu jira ture. Akkuma ittiin cabeen boolla sana keessa dhabama ta'a. Boolluma keessatti kufuusaa malee dhukkubbiifi miidhaan irra ga'e hinturre. Ba'uuf yaalii godhus, boollichi boolla inni keessaa ba'uu hindandeenyedha. Akka hin dandeenye baree sagalee olkaasee jaallan isaatti irra deddeebiin iyyus hin dhageenye. Jaallan isaas eeganii dadhabanii, asiif achii jedhanii barbaadaniis dhabanii deeman. Inni boollichuma keessa jira. Ba'uu tasa waan hin dandeenyeef achuma keessa callisee taa'e. Jaallan isaas silas bishaan waraabbachuu waan dhufaniif, bishaan isaanii waraabbatanii fagaatanii deemaniiru. Yeroo inni boolla kanatti kufu tilmaamaan galgala keessaa sa'a 11:30 nita'a. Amma dhiheera. Osoo inni garaa muratee achi keessa taa'uu sooratasaa barbaachaaf kan ba'e jawween manasaatti galuu dhufa. Osooma inni ilaaluu jawween kun boolla inni keessa jirutti galuuf dhufe. Akkuma dhufeen karaa eegeesaa boollichatti gadi seene; mataan isaa gara alatti ol hafe jechuudha. Jawween boollicha gam tokkoon, inni innis boollicha gam tokkoon qabatanii taa'an. Waanuma waliif galanii gargar waliif qoodan namatti fakkaata. Jawween kun akka isa nyaatu of amansiisee jira. Booda asiif achii socho'ee isa arguun hin oolu waan ta'eef, akka nyaatamu ofitti himee jira. Ta'us fala waan hinqabneef "na haanyaatu!" jedhee taa'e. Gara dirree qabsootti dabalamee waan hinturreef meeshaallee qabatee hinjiru. Osoo meeshaa qabaatees jawwichan rukkutaatti tuqee ofitti kaasuu mala. Osooma jedhuu halkan limixiin sun bari'uuf jira. Bosonni bosona soloolooti, dirreen dirree qabsooti; obsi obsa WBO ti. Lafti barii jala yoo geessu jawwichi ba'uuf sosocho'e. Namni kun fala waan hinqabneef carraa inni qabu bineensa hamaa kanaan nyaatamuu waan ta'eef, gaafa inni ba'uuf ka'u harkasaa lamaaniin eegeesaa qabata. Jawwichi gaafa utaalu gara alaatti ba'ee isas boolla sana keessaa darbatee akka meetira shanii fageessee ala buuse. Gaafa inni eegeesaa qabatu eegeen jawwichaa heedduu kan mucucaatuufi qarqarri eegeesee murmuramaa ykn ilkaan babaasee waan jiruuf inni harka namichaa yoo qabuuf carraa sanaan qabachuun futulukii baasee dirreerra furuurse. Jawwichi gaafa eegeensaa qabamu na'ee kan utaale, akkuma sanaan gara boollichaatti ofirra deebe. Namichi achii sa ka'e akka fiige hin beeku. Asitti lubbuusaa innis, waaqnis oolcheera. Achii ba'ee guyyoota sadiif jaallansaa barbaadus hin arganne. Gaaf tokko bishaan wayii dhugee gaggabee bishaan sana biratti kufa. Edaa beelli ajjeesteetti. Isaa gaggabee ciisu tifkattoonni loon bishaan obaasuu dhufan fuudhanii gara mana ofii deeman. Achi turee yeroo booda of bare. Aannan kennaniifii jabaate. Maaliif akka dhufe gaafatanis meeshaa bituu gara keeniyaa osoo deemuu hattuun saamamee akka achitti gatame itti hime. Jarris naan amanne jedhe. Guyyaa 9 of bira isa tursanii gara keeniyaa akka isa geggeessan itti himate. Isaanis nama yaamaniifii guyyaa 1 miillaan deemnee, guyyaa 2ffaa konkolaataan deemnee keeniyaa buusan. Achii fuudhanii mana hidhaa bu'e. Achittis waggaa 2 maqaa ABOn qoratamee hidhame.
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.