cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Galmee Seenaa Qulqulloota!

" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman." Ibroota 11: 37

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
2 021
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+17 kunlar
-1830 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Kiristoos du'aa ka'e, humnaaf Aangoo isaan, seexanni hidhame,Addaam bilisaa ba'e, kana booda ,nageenyiifi gammachuun ta'e. Baga Ifa Du'aa Ka'umsa Gooftaa keenya Iyyaasuus kiristoosii nagaan Gessan. Ayyaana Gaarii !
Hammasini ko'rsatish...
Yaa waaqa Qulqulluu Mikaa'eelii gidiraa foonii, gidiraa lubbuu irraa nu oolchi ! Bara baraan ameen https://t.me/Qulqulloota
Hammasini ko'rsatish...
Galmee Seenaa Qulqulloota!

" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman." Ibroota 11: 37

Nagaan waaqayyoo isiniif haa tahuu jechaa ! Haala adda addaan walirraa fagachuun keenya ni beekama. Kanan booda heyyama waaqayyoo yoo waliin barumsa amantaa baranna. Garee kana keessa kanneen jirtan online fedhiidhaan koorsii barachuu kan barbaaddan karaa inbox kottaa sanaan booda garee koorsii baratuu hundeessina barnoota jalqabna yoo fedha waaqayyoo ta’ee.
Hammasini ko'rsatish...
Repost from Qabsuura Abbootii
Photo unavailableShow in Telegram
Waaqayyoo obsaa waan taheef ! Waaqayyoo obsaadha. Obsummaan isaas cubbamootaan danda'ee callisuu isaa qofa miti. Rakkoon yommuu nurra gahu hanga yeroon hojii isaa gahutti waaqayyoo ni callisa. Callisuun isaa kunis obsa isaati. Waaqayyoo cubbuu yommuu hojjennu qofaa osoo hin taanee gidiraan yommuu nurra gahuus abbaa obsaadha. Ni callisa. Kunis kaniin callisuu hanga yeroon hojii isaa gahuuttii dha ! Maddi kitaaba: "Waaqayyoo kan nu irraanfate maaliif nutti fakkaata ?" Kan jedhuurraa ! Dubbisa kitaaba baay'ee namatti toluu dha.
Hammasini ko'rsatish...
🌹 BAGA GEESSAN🌹 🌽FULBAANA 26 YEROO YAADANNOO GODAANSA GIIFTII KEENYA DURBOO MAARIYAAMIITI.🌽 ♠Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 ti kan yaadatamuu dha.♠ Yeroon kunis "Bara Abaaboo" jedhamee beekamaa. Sababiin maqaan kun kennameef yeroo kana keessaa Abaaboon qalbii namaa hawwatan, urgaa'inni isaanii immoo kan nama gammachiisan, firii mucaan namaa nyaatu kennuuf kan nama abdachiisaan baay'inaan yeroo itti argamaniidha. Haaluma kanaan abbootiin keenya durboo Maariyaamiin abaaboo kanatti akka isheen fakkeeffamtu godhanii barsiisaniiru. Fakkeenyaaf Abbaan Efreem Galataa Sanbata Guddaa Lakk.7 irratti " Ati yaa #Maariyaam_Abaaboo bareedde urgooftuu dha, firiin si irraa argame #kiristoosiidha" jedhee barsiiseera. Qulqulluun Gabri'eel "Firiin garaa keetii kan eebbifamee dha" jedheera. Haati keenya #Durboo #Maariyaam waggaa 3 fi ji'a 6 guutuu bona aduudhaan, ganna bokkaadhaan, qorraan, dheebuu fi beela’an hanga biyya Gibxii geessutti, biyyaa Gibxii yeroo geessuu immoo simannaa dhabdee bosona biyya Gibxii keessaa baayyee rakkattee, dhiphattee buddeena jireenya isa ta’ee gooftaa keenya nuuf argamsiifte waan taheef yaadannoon ishee bara baraan ni yaadatamaa. Gondaansi Maaliif Barbaachisee? 1. Raajii raajamee sana raawwachuudhaaf. Isay.19:1-2 irratti " Yaa Gibxii, Waaqayyoo duumessa ariifataa yaabbatee gara kee ni dhufa, waaqa tolfamaa kees ni caccabsa!" kan jedhamee sana raawwachuudhaafi dha. 2. Hose'i 11:1 irratti " Mucaa koo biyya Gibxii ti naan waamee raajii jedhu akka raawwatamuuf. 3. Walumaa gala Raajii dubbatame ture dhugoomsuudhaa fi fakkeenya macaafa keessatti iccitiin caafame jiru dhugoomsuudhaaf. Mat.10:23, M.Yoh.12:13-17 fi k.k.fa'a ilaaluu dandeessu. 🌹@abbootii🌹 🌹@Qulqulloota🌹 Arjummaan Waaqayyoo, Araarsummaan Durboo Maariyaamii, Kadhannaan Qulqulloota Toloota fi Wareegamtoota ,bartootaa, Ergamoota bara baraan nuu waliin haa jiraatu. Ameen
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Yaa Addaamii fi Hewaan maal isin goone jettanii gaaffii warra gaafataniif deebiin kunoo Kitaaba #Haadha_Ifaa jedhuu dubbisuu dha. "Yaa Addaamii fi Hewaan nuyi isin qeequun nuuf hin danda’amu. Utuu ittiin haasa'aanii arraba ofii qeequun akkuma hin danda'amne akkasuma isin nuyi dha;nutis isini dha. Yaa Addaamii fi Hewaan akka nuti isin hin qeeqneef gidiraa gooftaan dhiifama taasisu isinitti fide irraa gaabbitanii gaabbii seentaniittu. Yaa Addaamii fi Hewaan isinoo fayyitaniittu; dhiiga gooftaa bu'uura ta'ee isin fayyiseen gara dhaala keessan duraa sana gara jennataatti galtaniittu.....nuyii fi ijoollotni keenya garuu cubbuun akka abiddaatti nu gubde. Fedhiin fooniis nu bobeessite" ! Qiddaasee Qulqulluu Atinaatiwoos irratti akkas jedha.
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
#Haadha_Ifaa..........Dubbisaa ! Dhugumaan firii muka tokkoo nyaachuun gatii hanga kanaa nama kafalchiisuu qaba turee ? Waaqayyos maaliif mukicha uume ? Mukichi muka waan gaarii fi yaraa kan nama beeksisu taanaan waaqayyo waan gaarii fi yaraa(hamaa) akka adda baasnu hin barbadu jechuudhaa ? Mukicha erga nyaataniin booda iji isaanii ni banaman. Kanaafuu, gorsi bofa sirrii ture jechuudhaa ? Hewaan waan tokko illee hin balleessine jechuudhaa ? T.me/qulqulloota Bitadhaa dubbisaa maaloo ! 🙏💓🙏
Hammasini ko'rsatish...
Yaa waaqa Qulqulluu Rufaa'eel ! dhiphina foonii fi lubbuu jalaa na dhoksi ! Yaa Rufaa'eel ! Humni dadhabootaa si'iidha hoo. Yaa Rufaa'eel ! Ajaa'iba kan hojjettu waan taateef ajaa'ibawwan kee nan dubbadha. Yaa Rufaa'eel ! Kadhannaa koo fi galata koo ol gara samiitti akka ol na baastuuf, maqaa waaqayyoo Ilmaa fi haadhaasaa #Durboo Maariyaamiin sin kadhadha. Hiriyoota koo dhiphina foonii fi lubbuu jalaa isaan dhoksi ! T.me/qulqulloota 🙏💓🙏
Hammasini ko'rsatish...
Galmee Seenaa Qulqulloota!

" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman." Ibroota 11: 37

Walaloo ajaa'iba sagalee dhaan argachuu yoo barbaaddan, Linkii kanaan seenuun walaloo walaleessaa F/taa D.n Nimoonaa Geetaachoo subscribe godha. https://www.youtube.com/watch?v=n9gVhuOH-t4
Hammasini ko'rsatish...
Dn Nimoonaa Geetaachoo_Xalayaa_Addaamiif

#Galmakoo_galgalaa suursagalee/viidiyoo isaa yeroo dhiyootti, #Xalayaa_Addaamiif walaloo onnee namaa tuqu #filannoo jechootaa gaggaariidhaan qindaayee dhiyaateera

Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.