cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Bariso ilmaa afraan qaloo

Namnii seenaa ofii hin beknee akkaa bishaan gabate irraattii ,gar arkettii jalata. Wal irraa haa baranuu

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
198
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-47 kunlar
-330 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailableShow in Telegram
Kบтαα 41 ƒƒαα °°°°°°°°°°°°°°°° ‌ □》Albeen lafeef abdatan tiruurratti cabdi. □》Dhiisuuf kaloo jabbilee, haleeluuf loon warra soddaa, jedhe namichi. □》Himata wallaalteetu, hayyicha komatte. …………………………………………… https://t.me/barisoilmaa4qaloo
Hammasini ko'rsatish...
Bariso ilmaa afraan qaloo

Namnii seenaa ofii hin beknee akkaa bishaan gabate irraattii ,gar arkettii jalata. Wal irraa haa baranuu

Photo unavailableShow in Telegram
Kuusaan saantima waggaa 2,000 dura mana qulqullummaa Budiistotaa durii Paakistaan ​​keessatti argame
Hammasini ko'rsatish...
Namicha Hiyyeessaa Fi Imaltoota ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Namicha hiyyeessa tokkotu baay'ee rakkachuu irraan kan ka'e gasoodhan lafa qofforee midhaan facaafata. Imaltoonni wayii itti dhufanii "Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana gasoodhan qottee facaafta sitti hin ulfaatuu?" jedhaniin. ◇ Namichis "kunis ni darba" jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hin deebifne. Imaltootni sunis deebii namichaatti ajaa'ibsiifanii bira kutanii imala isaanii itti fufan. ◇ Waggaa muraasa booda namichi sun sooromee qabeenya horatee jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii kadhatanii buluuf ol galan. Taa'anii buna dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi hiyyeessi gasoodhan lafa qotu sun akkasitti baay'ee sooromuun isaa raajii guddaa itti ta'ee akkamitti akkasitti sooromte garuu jedhanii yoo gaafatan "Kunis hin darba" ittiin jedhe namichi sooressichi sun. ◇ Isaanis achi bulanii daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi'anii otoo galuuf jiranii Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti goranii yoo maqaa ilaalan namicha sooressa mana isaa bulaniidha. ◇ Maqaa isaa jalatti jecha "KUNIS NI DARBA" jedhutu barreeffamee jira. lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan lafa qotuu san yaadatanii baay'ee ajaa'bsifatanii du'uu isaatti immoo gaddanii "ayii!" jechaa imala isaanii itti fufan. ammas yeroo murtaa'en booda imaltootni sun yoo daandii sanarra dhufan Siidan sun kaafamee daandii asphaaltii ta'ee jira. ➦ Yaa nama koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hin taane daandii jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti deemi! ➦ Wanti hin darbine akka hin jirre seenaa namicha kanaatirraa ni hubatta jedheen amana. Kanaaf imalli hundumtuu ni darba. Abdii hin kutin! Join👇 https://t.me/barisoilmaa4qaloo
Hammasini ko'rsatish...
Bariso ilmaa afraan qaloo

Namnii seenaa ofii hin beknee akkaa bishaan gabate irraattii ,gar arkettii jalata. Wal irraa haa baranuu

♻️Hayyuu Ta'uuf Hayyuu Irraa Bari       ☑️Hamma Naa Eeyyamteen      Sitti Hima👇👇👇👇 ♨️Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. (Toomaas Takiyaas) ♨️Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda'u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha warra Aayilaandii) ♨️Namni dogoggorsasaa mul'isee himatu akka nama kosii manaa haruuti. (Maahatamaa Gaandii) ♨️Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha.(Abirahaan Liinkan) ♨️Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.(Abirahaam Liinkan) ♨️ Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko akka gogsine beekuu qabna. (Rey Liiman Wiilber) ♨️Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Osuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu. (Maaliif Waaltoo Imarsan https://t.me/barisoilmaa4qaloo
Hammasini ko'rsatish...
Bariso ilmaa afraan qaloo

Namnii seenaa ofii hin beknee akkaa bishaan gabate irraattii ,gar arkettii jalata. Wal irraa haa baranuu

Photo unavailableShow in Telegram
"SABABOOTA DIIGAMUU IMPAAYEROOTAA" Impaayera jechuun, sirna bulchiinsaa sab-tokkee Amanti-tokkee fi Afaan tokkee kan saboota ykn Biyyoota biroo koloneeffachuun ijaaramu dha. Garaagarummaan Biyya fi Impaayeraa, Biyyi waliigaltee sabootaatiin, Mootummaa Uummataa Uummataan Uummataaf ijaarame irraa kan ijaaramu ta'uu isaati. Irra lafaa kanarratti, impaayerri diig-amuun waan baratame dha. Impaayerri gonkumaa hin diig-amiin hin hafu. Impaayera Roomaa, Impaayera AwustiraaHangarii, Impaayera Otooman Turkii, Impaayera Biriiten, Sooviyeet Raashiyaa fi Yugoslavia hundi sirni impaayerummaa isaanii burku-taa'anii badan. Biyyoonni walabaa keessaa maddan. Sababoonni gurguddoon Diig-amuu Impaayerootaa saffisiisan: 1) Dulloomuu Sirnichaa: Sirni Impaayeraa sirna oftuulummaatiin guute, kan Uummata isaa tuffatu waan ta'eef, of fooyyessuu hin danda'u. Sababa kanaaf, keessoo isaatiin dulloomee burkutaa'a. Faranjoonni, "All empires fall from within" kan jedhanis kanumaaf. Of haaressuu waan hin dandeenyeef, dhalootaan balfamee diig-ama. Amalli impaayerummaa Impaayeraa, maqaas ta'e caasaa itti jijjiiruutiin haara'uu hin danda'u. 2) Dammaqinsa saboota cunqurfamoo: Impaayera keessatti saboonni cunqurfamoo, itti hammaachuu sirnichaatiin yeroo abdii kutatan falmaatti seenu. Haala kanaanis, impaayeratti baasii baay'isu, ni dadhabsiisuu. Dhiibbaa alaa dandamachuu dadhabee akka diig-amu ta'a. 3) Dhiibbaa Amerikaa: Dantaa alaa Amerikaa (American Foreign policy) keessaa tokko kolonii balleesuun nagaa Uummataa mirkaneessuu dha. Amerikaan ofii isheetiis kolonii Impaayera Biriiten jala waggoota 176 f waan turteef, hadhaawa kolonii sirriitti beekti. Kanaaf Impaayeroota akka diig-amaniif dhiibbaa uumaa turteetti. 4) Mirgi Hireemurteeffannaa akka mirga namoomaatti mootummoota gamtooman (UN) tti mirkanaa'uu isaa. Seerri UN, Uummata seera idiladunyaa hordofee kabajee falmate hundaaf Walabummaa akka gonfatu ni eyyama. Kunimmoo Impaayerootatti rirma ta'ee diig-eera. Impaayerri tokkittiin ardii lafaa, Xoophiyaa qofa. Isheenis bifa jijjiirrachaa lubbuu ofdheeressite. Wee-rara aadaa fi hawaasummaatiin, Impaayerummaa ishee Oromoo dagachiiste. Ammumallee Oromoo hedduun, "Xoophiyaa Biyya koo" jedha malee, Biyyi isaa Oromiyaa akka taatee fi akka jedhamtu hin yaadatu. Seenaa abboota isaa hin beeku, mana barumsaattis Xoophiyaa faarsa waan ta'eef. Sababoonni gurguddoon Diig-amuu Impaayerootaa saffisiisan kun Xoophiyaatti heeddummataniiru. Diig-amuun hafa hin qabu. Erga Abiy BRICKS jedhee fiigees, kiyyoon warra dhihaa isa qabdeetti. Ammayyuu gowwoomsaa dhaalamee fi afaan faajjii uumuuf dhama'aatuma jiru. Waliin taanee biyya ijaarraan yeroo hundumaa dhadannoo fi afaan mi'eeffannaa jaraati. Ijaaruun yoo barbaachifte biyya waggaa 150 ol diig-amaa turte deebisanii ijaaruudha. Ilmi abbaa gadaa isin jettan ijaaramuu biyya Oromiyaa amanee ofitti fudhachuutiin nagaa dheebotame sabicha obaasuuti qaba. Oromiyaa irratti biyyi ijaaramtu hin jiraattu. Yoo barbaachise biyyoonni ijaaramuu barbaadan ijaarama biyya Oromoo hordofuuti qabu. Oromiyaa ijaaramtetu jecha "obbolaatu wal lo-laa jira jedhu laamshessee obbolummaa dhugaa kan abbaa biyyummaa keenya nuuf mirkaneessa. Akka Oromootti, Diig-amuu Xoophiyaa osoo hin taane, Ijaaramuu Biyya Oromiyaa Irratti xiyyeeffanna. Impaayera diig-uu osoo hin taane Biyya ofii ijaarratanii tolfachuutu galmicha. Haqa miliquun hin danda'amu. Warri ilmaan abbaa gadaa ofiin jettan impaayeraaf baabsuuf jecha haqa miliquu dhiisaa. Dhugaa Oromoof galchaatii maricha milkeessaa! Oromiyaan Biyya! https://t.me/barisoilmaa4qaloo
Hammasini ko'rsatish...
Bariso ilmaa afraan qaloo

Namnii seenaa ofii hin beknee akkaa bishaan gabate irraattii ,gar arkettii jalata. Wal irraa haa baranuu

Photo unavailableShow in Telegram
Muddee 1 Guyyaa yaadannoo waggaa 2ffaa abbootii Gadaa Karrayyuu humna mootummaa Itoophiyaatiin haala sukkanneessaan itti ajjeefaman!
Hammasini ko'rsatish...
"Abdii hin kutatiin" Jack Maa" Nan milkaa’a jedhee yaadee hin beeku! Sooressa beekamaa biyya Chaayinaatti 1ffaa Jack Ma“ Ani maatii homaa hin qabne, hiyyeessa; harka qalleessa irraan dhaladhe. Carraan gaarii na mudatee hin beeku  Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 1ffaa (primary School) si’a 2n kufe.  Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 2ffaa (High School) si’a 3n kufe.  Qormaata biyyoolessaa qophaa’inaa (Preparatory School) si’a 2n kufe.  Harvard Yuunivarsiitii seenuu barbaade qormaata seensaa si’a 10n kufe. Hojiifis ulaagaa guutee hin beeku  Hojii humnaas ta’e dhaabbata hojjechuuf wanta ani hin yaaliin hin jiru.  Induustirii garagaraa 30 ol ta’an keessatti qacaramuuf dorgomeera, hundi isaanii iyyuu ulaagaa hin guuttu jedhanii na deebisu. Keessa ba’anii kan na arrabsan, natti dheekkamaniifi na tuffatanis jiru.  Kaan dhiisaati Pooliisii biyyaa ta’u barbaade dorgomeera, garuu naaf hin taanee. Yeroo tokko nama shaniif baasanii jennaan shan taanee dorgomne, nama afur fudhatanii anan ulaagaa hin guuttu jedhanii na hambisan. Walumaagala anaan namni dhuunfaas ta’ee gareen, dhaabbanni mootummaas ta’e miti mootummaa kan ani keessatti fudhatame hin jiru. "Dorgommiin tokko nama 24 barbaada yoo ta’e; 23 fudhatanii anaan kuffisu. • Dorgommiin tokko nama 10 barbaada yoo ta’e; 9 fudhatanii anaan kuffisu Kana irraa kan ka’e: o Ani nama carra dhabeessa o Nama abdii hin qabne o Nama ulaagaa hin guunne o Nama tuffatamaaf gatamaa o Nama milkaa’inaaf hin uumamnedha jedheen of yaada ture. "Garuu akkas miti: "Har’a yeroon taa’ee yaaduu kufaatiin koo yeroo sanaa milkaa’ina koo har’af sababa ta’eera!. "Ulaagaa guutuu dhabuun koo, tuffatamuuf salphachuun koo gaafasii har’a kabajaan na ga’eera!."Milkaa’inni harki caalu kufaatii keessa darba! Ani har’a: Sooressa beekamaa (1ffaa) Biyya Chaayinaati. "Kaleessa dhaabbata namaa keessa hojjechuuf jedhee carraan dhabe, har’a geggeessaa Kaampaanii Alibaba.com ti. Jack Ma. Seenaa kan irraa maal baranna? https://t.me/barisoilmaa4qaloo
Hammasini ko'rsatish...
Bariso ilmaa afraan qaloo

Namnii seenaa ofii hin beknee akkaa bishaan gabate irraattii ,gar arkettii jalata. Wal irraa haa baranuu

GOOBANAA DAACCII       Goobanaa Daaccii Abbaa Duulaa /waraana/ olaana bara mootii Minilik nama turaniidha. Raas Goobanni bara 1817 akka dhalatan barreessaan ‘Soleillet’ jedhamu kan gabaase yoo ta’u, barreessan bira ‘Baira Tafala’ jedhamu immoo bara 1821 keessa akka dhalatan himeera. (‘Soleillet, Op. cit. P.114, For a biographical article on Ras Gobana’) Goobanni yeroo isaan itti dhalatan bara mootii Saahilasillaasee keessa ta’us walitti dhufeenyi isaan mootota Shawaa waliin qaban wanti beekame hinjiru. Hiddi dhalootasaanis Oromoo yoo ta’u gosa Tuulamaa, Abbichuu Galaan keessaa mana Waayyuuti. Hidda Dhaloota Raas Goobana Tuulama, Galaan, Abbichu, Waayyu, Amaan, Wadee, Daaccii, Goobana jechun kan ibsamuudha. Abbaan Goobanaa Abbaa Biyyaafi nama beekama naannawa Waayyuu (Tuulamaa kaabaa) yoo ta’an, akka barreessitoota tokko tokkootti Abbaa Gadaa gosaatii jedhu (Bair Tafala, Journal of Ethiopian Study, 1968). Akka qorannoofi afoolaa maanguddoota Abbichuurraa walitti qabameen Goobanni daa’imummaatt…… https://t.me/barisoilmaa4qaloo
Hammasini ko'rsatish...