cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Qo'annaa Macaafa Qulqulluu

Yeroo hundumaa sagalee @Waaqayyoo_keessatti_of_eeguu. @Sagalee_dhugaa_karichaa_fi_buddeena_jireenya_barabaraa barbaaduu.

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
1 415
Obunachilar
+424 soatlar
+117 kunlar
+9130 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Eegumsa Waaqayyoo jala jiraadhu ! 📖 Far. 91 ¹ Namni golgaa isa hundumaa gararraa jiru keessa jiraatu, gaaddisa isa hundumaa danda'uu jala in buufata; ² Waaqayyoon, "Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha" in jedha. ³ Waaqayyo, kiyyoo namni siif kaa'e, dha'icha nama balleessu irraas si oolcha; ⁴ harka isaatiin si golbooba, bobaa isaa jalatti kooluu in galta, amanamummaan isaa gaachanaa fi marsaa siif in ta'a. ⁵ Wanti halkan nama sodaachisu, xiyyi guyyaa namatti gad dhiifamus si hin sodaachisin! ⁶ Dha'icha dukkanaan namatti dhufu, dhukkuba adeemaa saafaa nama balleessus hin sodaatin! ⁷ Kumni tokko si bukkeetti kumni kudhanis gara mirga keetti yoo kufan iyyuu, wanti namatti dhufu kun sitti hin dhi'aatu; ⁸ ati garuu ija keetiin ilaalte, gatii warra jal'ootaaf baafamu in argita. ⁹ Ati, "Yaa Waaqayyo, ati isa ani kooluu itti galuu dha" jetteetta; isa hundumaa gararraa jirus iddoo kooluu itti galtu godhatteetta. ¹⁰ Wanti hamaan sitti hin bu'u, dha'ichis mana keetti hin dhi'aatu. Ameen Museen Waaqayyo masaraa kooti yeroo jedhu ; sababa kooluu itti galeefidha. Eegumsa Waaqayyoo jala waan jiruuf isa amanate. kanaaf ati amanannaa kooti jedhe. Eegumsa Waaqayyoo jala jiraachuun akka caalu amaneera. Eegumsa Waaqayyoo jala warra jiraachuu isaanii beekanii amanantu ani kooluu sitti galeera jechuu danda'a. Eegumsi Waaqayyoo salphaa miti. 👉 Join 👉 share 📱📲 👉 comment. ✍ and 👉  If you have a question
Ask
!
Hammasini ko'rsatish...
👍 6
Isa Hamaa ta'e Seexanaan mormuu Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa! Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna. Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa! Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa! Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu. Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, Hafuura Qulqulluu biraa fudhadhaa! Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa! Efesoon 6:11-14, 16-18
Hammasini ko'rsatish...
👍 7
Gaaffii gara biraan walitti deebina ! Galatoomaa !
Macaafa qulqulluu dubbisaa ! Akkasumas qo'adhaa!
📖 His. 3 ¹ Inni yommus, "Yaa mucaa namaa! Ati wanta siif kenname nyaadhu! Macaafa maramu kana nyaadhuutii dhaqii namoota Israa'elitti dubbadhu!" naan jedhe. ² Kanaaf ani afaan koo nan bane, inni immoo macaaficha maramu akkan nyaadhuuf anaaf kennee, ³ "Yaa mucaa namaa! Ati macaaficha ani amma siif kennu kana nyaadhuu garaa kee guuttadhu!" naan jedhe; ani yommuun nyaadhes afaan kootti akka dammaa in miyaa'e. 📖 Mul. 10 ⁸ Yommus sagaleen inni duraan waaqa irraa anatti dubbachuu isaa dhaga'e sun deebisee anatti dubbatee, "Dhaqiitii macaafa maramu isa banamaa, ergamaa isa miilla tokkoon galaana irra, miilla tokkoon lafa gogaa irra dhaabate sana harkaa fudhadhu!" naan jedhe. ⁹ Ani yommus gara ergamichaa dhaqeen, macaafa maramu isa xinnaa sana anaaf akka kennuuf nan gaafadhe. Inni immoo, "Macaaficha fudhadhuu, nyaadhuu! Inni garaa kee hadhaa'aa in godha, afaan kee keessatti immoo miyaa'aa akka dammaa in ta'a" naan jedhe. ¹⁰ Kanaaf ani macaafa maramu isa xinnaa sana harka ergamichaa keessaa fuudhee nan nyaadhe; inni afaan koo keessatti akka dammaa miyaa'aa ture; ergan isa nyaadhee booddee garuu garaan koo hadhaa'aa ta'e. ¹¹ Akkasumas, "Ati waa'ee namoota baay'ee, saba baay'ee, afaan baay'ee, mootota baay'ee raajii dubbachuun si irra jira" jedhamee anatti himame.
Hammasini ko'rsatish...
👍 3 1
Utuu hin sobin 10 keessaa meeqa argatte ?Anonymous voting
  • 10/10
  • 9/10
  • 8/10
  • 7/10
  • 6/10
  • 5/10
  • 4/10
  • 3/10
  • 2/10
  • 1/10
0 votes
Yesus "Ilmi namaa sanbata irratti iyyuu gooftaa dha" kan jedhe wangeela eenyu irrati boqonnaa fi lakkoofsi isaahoo ?Anonymous voting
  • A. Mat 12:8 fi Mar 2:28
  • B. Yoh 5;13
  • C. Luq 6:5
  • D. A fi C
  • E. B fi C
0 votes
" Naa'omii " Jechuun Maal jechuudha ?Anonymous voting
  • Ayyaana qabeettii
  • Gara-laafettii
  • Faara-toleettii
  • Gara-Jabeettii
0 votes
"Abrahaam" jechuun maal jechuu dha ?Anonymous voting
  • Eebbifamuu fi Bal'achuu
  • Gargaaramuu
  • Abbaa Saba baay'ee
  • Abbaa qabeenya baay'ee
0 votes
2
Maqaan " Saaraa " inni jalqabaa eenyu ture , Luqqisiinsaa hoo ?Anonymous voting
  • Saaraa S.uma 15:17
  • Saaraayi. S.Uma 17:15
  • Saaraayi. S.Uma 16:17
  • Saaraa. S.Uma 17:15
0 votes
Barri Abrahaam jiraate meeqa ?Anonymous voting
  • waggaa 99
  • Waggaa 120
  • Waggaa 100
  • Waggaa 175
0 votes
👍 1 1
Eliin waggaa meeqaaf abbaa firdii ta'ee Israa'eliin gaggeesse ?Anonymous voting
  • 20
  • 15
  • 40
  • 30
  • 60
  • 55
0 votes
1
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.