cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qilingΒ», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Ephrem Diriba

Subscribe godhaa: YouTube.com/@EphremDiriba Yaada fi Gaaffiif: @Ephrem_Diriba Come See My Studio: @EphaStudio

Ko'proq ko'rsatish
Finlandiya1 198Til belgilanmaganKino36 802
Reklama postlari
5 686
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-467 kunlar
-8230 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailableShow in Telegram
Nagaan Isiniif Haa Ta'u! Faarfannaa Haaraa Mata Dureen Isaa "Amma Yeroo Qabna" Jedhu YouTube Channel Koo Irratti Kan Gadhiifamu Yoo Ta'u... Subscribe Gochuun Akka Eeggattan Jaalala Waaqayyoon Isin Gaafadha! YouTube.com/@EphaStudio
Hammasini ko'rsatish...
❀ 7πŸ‘ 2
Repost fromΒ Eebbisaa
Channel keessaan akka gara 3k, 5k,10k,15k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan      πŸ‘‡  Na Quunnami πŸ‘‰ @BrakeIt πŸ‘‰ @BrakeIt
Hammasini ko'rsatish...
❀ 1
Deebii Gaaffii Keessanii: 31 Gaafficha: Nagaan isinif haa baay'atuu karaa keessaan goree waaqayyoo gaffii dhalootaa baay'ee debisaa jiraa jecha Gaffii wanta natti ta'etu jiraa innis wa'ee ga'elaa irratti kirstanni tokko amanta biraa jaalachuu danda'a moo hin danda'uu? jaalatee dhugaa itti bahee amansisuu hin danda'uu? Deebii: Eeyyee Hin Danda'u. Nama Tokkotti Kan Ati Dhugaa Baatu Waan Jaallatteef, Amantii Keessan Tokko Gootee Waliin Gaa'ela Dhaabbachuuf Ta'uu Hin Qabu. Namichis Kan Inni Gara Amantii Kanaa Dhufu Si Jaallatee Utuu Hin Ta'iin Yesuusiin Jaallatee Ta'uu Qaba. Namoonni Amantaa Gargarii Kan Isaan Waliin Jiraachuu Danda'an Utuu Amanticha Hin Fudhatiin Dura Gaa'ela Godhatan Yoo Ta'e Qofadha. Erga Gaa'ela Godhatanii Booda Isaan Keessaa Tokko Yesuusiin Amane (Fudhate) Yoo Ta'e Hamma Waliitti Hin Bu'iinitti (Sababa Amantii Jechuudha) Waliin Gaa'ela Isaanii Itti Fufsiisuu Danda'u. Garuu Sababa Kanaa Isaan Gidduutti Wal Dhabdeen Yoo Uumame Yesuusiin Filachuun Maree Hin Qabu. Ta'us Nagaatti Wali Wajjiin Jiraachuuf Yaaluun Keessumatti Isa Kiristaana Ta'e Irraa Ni Eegama. Tarii Karaa Isaa/Ishee Gara Gooftaa Dhufuu Danda'a/Dandeessi Waan Ta'eef. "Ati Garuu Dargaggeessa Gaa'ela Hin Godhatiin Yoo Taate, Nama Hin Amanne Mitii Isuma Amane Waliin Iyyuu Gaa'ela Godhachuu Utuu Dhiiftee" Jedhee Si Gorsa - Phaawulos Sababni Isaas Silumaayyu Biyya Lafaa Irratti Rakkina Qabdu Jedhamneerra, Gaafa Nama Ofitti Dabaltu Immoo Rakkina Isaas Akka Qooddattu Waadaa Galteeti. Ta'us Gaa'ela Godhachuu Yoo Barbaadde Nama Amane fi Naaf Ta'a Jette Yaaddu, Kadhata fi Gorsa Abbooti Waliin Filachuun Siif Ta'a. Waldaa Keessan Keessaa Dhabdeemmoo Alaa Barbaaddee Ati? Yoo Waldaa Keessanii Dhabde Waldaa Keenya Kottu πŸ˜‚ Gorsa Dabalataa Yoo Barbaadde Immoo Warra Gaa'ela Godhatan Gaafadhu... Ani Ofii Koofuu...🫣 β€” 1 Qorontos 7: Guutummaa Isaa
Hammasini ko'rsatish...
❀ 17🀣 1
Deebii Gaaffii Keessanii: 30 Gaafficha: β€œWarra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in ta'a, sagalee koos in dhaga'u; walitti karra tokko in ta'u, tikseen isaaniis tokko in ta'a.” β€” Yoh. 10:16 Asii irratii moo hollotaa birraa qaba isanii yassuu naafii hin ta,aa jedhaa enyuudha isanii hoo? Deebii: Nu dha! Warra Saba Israa'el Hin Ta'iin, Warra Yesuus Kiristoositti Amanan.
Hammasini ko'rsatish...
❀ 9πŸ™ 1
Deebii Gaaffii Keessanii | 29 Gaafficha: 2 ,β€œIsaan gaaricha irraa utuu gad bu`uutti jiranii Yesus, "Ilmi namaa du'ee warra du'an keessaa hamma kaafamutti, mul'ata argitan kana nama tokkotti iyyuu hin himinaa!" jedhee bartoota isaa abboome.” β€” Mat. 17:9 Malifii hin himnaa jedhaa bakka bayyetii dinqii yerroo hojjatuu himnaa jedhee bararatotaa isaa abomaa? Deebii: Sababa Garagaraa 3 Haa Kaafnu. 1. Yesuus Naamusa Qabeessa. Waaqayyo Waa'ee Isaa; β€œinni hin iyyu, hin wacu, sagaleen isaas karaa irratti akka dhaga'amu hin godhu” Jedhee Raajotaan Dubbateera. 2. Inni Of Mullisuu Hin Barbaadu. Raajonni Keenya Garuu, Yeroo Seexanni Iyyu "Mic Itti Qabi" Yeroo Dhukkubsataan Fayyu "Mic Itti Qabi, Amma Yeroo Ani Siif Kadhadhu Maaltu Sitti Dhagaa'ame?" Jechuudhaan Yesuus Biraa Akka Hin Ta'iin Of Saaxilu. Yesuus Amala Akkasii Hin Qabu. Fayyuu Isaaniitti Malee Fayyisuu Isaatti Iddoo Hin Kennu. 3. Abboota Amantii Yeroo Sanaatiin Mormamaa Akka Ture Beekamaadha. Waaqayyo Karaa Isaanii Aarsaa Ta'ee Akka Inni Dhiyaatu Waan Barbaadeef Eenyummaa Isaa Kana Mul'isuun Gaarii Hin Turre. Sababni Isaas Masihicha Ta'uu Yoo Amanan Isa Hin Fannisiisan, Inni Yoo Hin Fannifamu Ta'emmoo Fayyinni Keenya Maaliniree?
Hammasini ko'rsatish...
πŸ™ 13❀ 7πŸ‘ 3
Namoota Gooftaa Hin Qabneef Erguun Ittiin Dhugaa Ba'uu Dandeessu. Share Godhaa Maaloo...
Hammasini ko'rsatish...
❀ 16πŸ‘ 1πŸ™ 1
Deebii Gaaffii Keessanii | 28 Gaafficha: Nagaan Waaqayyo siif haa baay'atuu! Gaafi tokkon qabaa. Gaafichis kuno akkas jedhaa, Akka macaafnni qulqulluun jedhutti namni gaafa du'uu in boqootaadhaa(rafaa) (Yoh.11:11). Du'uu jechuun foonif lubbuun gargar ba'uu jechuudhaa. Eegaa erga gargar ba'aanii foonni biyyo irraa waan dhufeef biyyotti deebi'aa( Lal.12:7). Lubbuuno eessa dhaqxii? Deebii: Namni Waa Sadii Jechuunis; Foon, Lubbuu fi Hafuura Akka Qabu Beekamaadha. Foon = Ijaan Kan Mul'atu, Biyyoo Irraa Kan Tolfame fi Biyyootti Kan Deebi'udha. Lubbuu = Beekumsa, Fedhii, Miira fi Yaada Keenya Jechuudha. Hafuura = Humna Lubbuu Jiraachisu Waaqayyo Biraa Nuuf Kenname fi Gaafa Inni Nu Keessaa Fudhatamu Kan Lubbuun Keenya Du'udha. Meeshaa Humna Elektirikiidhaan Hojjetu Fakkeenya Haa Fudhannu. Qaamni Fuulduraa fi Dudduubaa Isa Golge Jira (Foon) Akkasumas Humna Ibsaa Yoo Argate Kan Sosochu fi Faayidaa Garagaraa Nuuf Argamsiisu Keessa Isaa Jira (Lubbuu) Faayidaa Garagaraa Akka Argannuuf Immoo Humni Elektirikii Jira (Hafuura). Egaa Akkuma Humna Elektirikii Yeroo Dhabu Meeshaan Kun Hojjechuu Hin Dandeenye, Hafuura Waaqayyoo Malee Lubbuun Keenya Yaadu fi Fedhii Kamiyyuu Qabaachuu Hin Danda'u. Ni Du'a. Caqasni Kun Sirriitti Siif Ibsa: β€œYeroo hafuurri isaa keessaa baatu, inni deebi'ee biyyoo in ta'a; guyyuma sanas akeeki isaa in bada.”   β€” Faarfannaa 146:4 β€” Hafuurri = keessaa ba'a Foon = Biyyoo Ta'a Lubbuun (Akeeki Isaa) = In Bada #ComingSoon On YouTube.com/@EphremDiriba
Hammasini ko'rsatish...
πŸ‘ 7❀ 3
β€œHarreen nama si jibbu tokkoo ba'aa baatee kufee yoo argite, gargaari malee dhiiftee bira hin darbin!” β€” Seera Ba'uu 23:5 β€” Al Tokkotti Dhukkuba Hafuuraa fi Foonii Kan Namatti Fidu Jibba (Haaloo Qabachuu) Yoo Ta'u, Kiristaanota Irraa Waan Hin Eegamnedha. Keessumatti Dhaloonni Dhuma Baraa Irra Jirru Kun Isa Kana Irraa Bilisa Ta'uu Qabna. Ka'umsi Tajaajila Dhaabuu, Gammachuu Dhabuu, Waaqeffannaa Hir'isuu fi Dhukkuba Garaachaa Namoota Baayyee Isa Kanadha - Jibba. Kun Seexanni Gonfoo Nu Dhabsiisuuf Kiyyoo Inni Ittiin Nu Hidhedha... Akka Durii Hojii Waaqayyoof Fiiguu Nama Dadhabsiisa... Kottaa, Namoota Nu Gaddisiisaniif Dhiifama Goonaa (Utuma Isaan Dhiifama Nun Gaafatiin) Kottaa, Namoota Gaddisiifne Dhiifama Gaafannaa. Bilisa Ba'aa...
Hammasini ko'rsatish...
❀ 24πŸ‘ 1
β€œGaraa galateeffatuu fi yaada dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa!” β€” Qolosaayis 4:2 β€” Yeroo Tokko Tokko Gaarii Sitti Fakkachuu Dhiisuu Danda'a; Ta'us Waanti Waaqayyo Hojjetu Hundinuu Gaariidha. Haala Kam Keessa Yoo Jiraatte Iyyuu Galateeffachuu Irraa Duubatti Hin Jedhiin. Gaafa Waaqayyo Maaliif Akka Akkas Godhe Hubattu Hin Gaabbituutii. Yaada Dammaqaadhaan Kadhadhu. Lafa Kanarraa Akka Deemuuf Jirtuu fi Mana Kee Isa Waaqa Irraa Utuu Hin Dagatiin, Waanuma Kara-Deemaaf Barbaachisu Kadhadhu Malee Akka Nama Iddoo Ga'eetti Waanuma Lafatti Hin Hidhamiin... Dammaqi... Galmi Kee As Miti.
Hammasini ko'rsatish...
❀ 21πŸ‘ 4πŸ™ 4
β€œβ΅ Wanti halkan nama sodaachisu, xiyyi guyyaa namatti gad dhiifamus si hin sodaachisin! ⁢ Dha'icha dukkanaan namatti dhufu, dhukkuba adeemaa saafaa nama balleessus hin sodaatin!” β€” Faarfannaa 91:6 β€” Yaa Waaqayyo Abbaa, Ganama Haaraa Waan Nuu Dabalteef Waa'ee Koo fi Waa'ee Obboloota Koo Hundumaaf Maqaa Ilma Kee Yesuus Kiristoosiin Guddiseen Si Galateeffadha. Galanni Siif Haa Ta'u! Waanta Sodaachisaa Halkan Seexana Biraa Nutti Ergame Utuu Nu Bira Hin Ga'iin, Utuu Nuti Hin Argiin Waan Nurraa Qolatteef Si Galateeffannaa Galatoomi. Ameen πŸ™
Hammasini ko'rsatish...
πŸ™ 22❀ 12πŸ‘ 4πŸ‘ 1
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.