cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

TIKVAH AFAAN OROMOO

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
29 801
Obunachilar
+3524 soatlar
+1897 kunlar
+57430 kunlar
Post vaqtlarining boʻlagichi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Nashrni tahlil qilish
PostlarKo'rishlar
Ulashishlar
Ko'rish dinamikasi
01
Lakkoota qabxii olaanaa galmeessan. Shamarran Lakkuu qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Amboo Kaampaasii Walisoorraa eebbifaman Keelloo Xurunaa fi Siddisee Xurunaa jedhaman Muummee barnoota Iikoonomiksii irraa qabxii eebbaa (CGPA) olaanaa galmeessuun eebbifamaniiru. 👉Keelloo Xurunaan qabxii 3.99 galmeessuun baadhaasa Waancaa fi Warqeen yoo eebbifamtu, 👉 Siddisee Xurunaan qabxii 3.98 galmeessuun kabaja olaanaan eebbifamterti. Yuunivaarsiitiin Amboo Kaampaasiin Walisoo barattoota 488 digirii jalqabaa fi lammaffaan guyyaa kaleessa eebbisiiseera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
1 6973Loading...
02
Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kuma 5 ni ijaaramu-BBO Naannoo Oromiyaatti hojii tola ooltummaa Gannaa baranaan Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 5 kan ijaaraman ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise. Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon akka Oromiyaatti barana hojii tajaajila lamummaatiin manneen barnoota bu'uura boruu 5,000 fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 1,000 kan ijaaramu ta'uu ibsuun, godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti hojii tajaajila lamummaa Gannaa kana eegalchiisaniiru. Kana malees, manneen jireenya Barsiisotaa 8,900 ol, Paarkiin ICT Aanaalee 341 keessatti ijaaruu fi Sadarkaa Manneen Barnoota 2,948 fooyessuu fi kannen biroon gaggeessuuf karoorfamuu dubbataniiru. Sagantaa eegalame kanas galamaan ga’uufis qaamolee hawaasaa hunduu gaha irraa eegamu akka bahatu dhaamaniiru. #FBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
3 5563Loading...
03
Rooba Cimaa roobeen bulchaa dabalatee lubbuun nama 3 darbe. Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa Ganda "Woqeenxara Buchootti" rooba cimaa guyyaa kaleessaa Waxabajjii 28/2016 roobeen lolaan guutuun bulchaa ganda dabalatee lubbuun namoota sadii darbuun himame. Balaa lolaa kanaan bulchaan Ganda Woqeenxaraa Buchoo duraanii Obbo Abbubakar Abdii dabalatee namootni 3 lubbuun darbaniiru. Rooba cimaa guyyaa Kibxataa roobeenis lubbuu nama darbuu fi qabeenya irra miidhaa geessisuu isaa waajjirri komunikeeshinii magaalichaa ibseera. Gama biroon, Godina Arsii Aanaa Diksiis Maagaalaa Hamdaa Diksiisitti bookkaan cimaan cabbiin wal makee guyyaa 25/10/2016 roobeen qabeenya irraa miidhaa cimaa qaqqabsiiseera Hawaasni waqtii gannaa roobni roobuun miidhaa geessuu waan danda'uuf ofeeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qabu hubachiifna. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
3 8144Loading...
04
Qormaanni #onlaayinii hin hafne. Kan tamsa'aa jiru odeeffannoo sobaati" - Ministeera Barnootaa Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 toora interneetii fi waraqaa irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksisee ture. Haa ta'u malee akka waan qormaanni intarneetii haqameetti odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti tamsa'aa akka jiru ibsaniiru. Ministeerichis, kun gonkumaa #soba ta'uu beeksiseera. Qormaanni baranaa waraqaa fi toora interneetii irratti kan kennamu ta’uu mirkaneessaniiru. Barattoonni kana hubatanii qophii isaanii akka itti fufan dhaamaniiru. Ministeerri Barnootaa "qormaata kana milkeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jirra" jedheera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 24411Loading...
05
Bulchaan Magaala Kamisee hidhattootaan ajjeefame. Naannoo Amaaraatti, bulchaan Godina Saba Oromoo fi miseensa koree giddu galeessaa paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa kan ta'an Obbo Ahimad Ali Ibree guyyaa har'a rasaasa hidhattootaan ajjeefaman. Bulchaan kun yeroo salaata jum'aa salatanii masjiida gara mana isaanii osoo deebi'aa jiranii itti dhukaafamee ajjeefaman. Bulchiinsi godinichaa haleellaan kun "garee hidhattoota Shaneetin raawwatame" jedhe.  Obbo Ahimad Aliin umrii waggaa 39tti lubbuun isaanii darbuu kan eere bulchiinsi godinichaa, "bara 1998 ALI irraa eegalee bulchiinsa Godina saba Oromoo keessatti iddoowwan itti gaafatamummaa adda addaa irratti hojjetaa turaniiru," jedhe. Bulchiinsi godina saba Oromoo ajjeefamuu bulchaa godinichaan gadda ittti dhaga'amee ibsuun, "hojii isaan jalqaban itti fufsiisuu fi  kaayyoo isaanii fiixa geessisuuf cimnee ni hojjenna" jedheera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 6234Loading...
06
Baqattoota Itoophiyaa Sudaan keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf koreen biyyaalessaa hundaa’e Walitti bu’iinsa Sudaan keessatti hammaataa dhufeen walqabatee baqattoota Itoophiyaa waggaa lama dura waraana Tigraay dheessanii kaampii baqattoota Sudaan keessatti argaman gara biyyaatti deebisuuf koree biyyaalessaa ijaaramuu ibsame. Hanga ammaatti baqattoota 40,000 ta’an gara biyyaatti deebisuun akka danda'ame ibsameera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 5101Loading...
07
#Dheerateera Finfinneetti galmeen waliigaltee abbaa qabeenyaa fi kireeffataa hanga Adoolessa 24/2016tti dheerateera. Galmeen kun Waxabajjii 30 xumurama jedhamee ture. Odeeffannoo Waajjirri Misooma fi Hooggansa Manneen Jireenyaa Finfinnee baaseen, Waxabajjii 1 hanga Waxabajjii 26, 2016tti waliigalteen kiraa 248,469 galmaa’eera. Galmeen ammallee banaadha jedhame. Garuu: - Galmaa'an hedduu waan jiruuf - Galmee kireessaa fi kireeffataa hafan hanga Waxabajjii 30/2016tti xumuruun waan rakkisaa ta’uuf - Uummannis guyyaan akka  dheeratuuf gaafi waan dhiheesseef yeroon galmee hanga Adoolessa 24, 2016tti dheerateera. Jiraattonni yeroo dheereffame kanaan yaadni isaanii osoo hin Cinqamin sa’aatii hojii idileetiin alatti Sanbataa fi Dilbata dabalatee akka galmaa’an dhaamaniiru. @tikvahethafaanoromoo
5 3163Loading...
08
Taphoonni gulaalli Waancaa Afriikaa 2025 ifoomeera. Taphoonni gulaalli dorgommii waancaa Afrikaa 2025 Moorookootiin qophaa'uuf taasifamu har'a ifoomeera. Biyyi keenya Itiyoophiyaan Ramaddii 8ffaa jalatti argamti. Raammaddi 8ffaa ➡️Itoophiyaa ➡️Taanzaaniyaa, ➡️Giinii fi ➡️Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo ramadamaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 7462Loading...
09
Baajatni Birrii biiliyoona tiriliyoona 1'tti dhiyaatu raggaasiifame. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee baajata bara 2017 Birrii biiliyoona 971.2 ta’uun dhiyaate sagalee guutuun raggaasiiseera. Baajanni waliigalaa Mootummaa Federaalaa bara baajataa 2017 Birrii biiliyoona 971.2 dhiyaate kun kan bara darbeen yoo madaalame % 21.1 guddina qabaachuu eerameera. Birrii biiliyoonni 451.3 baajata idilee, biiliyoonni 283.2 baajata Kaappitaalaa fi biiliyoonni 236.7 baajata naannoolee ta’uun yaadni murtoo Mana marichaaf dhiyaatera. Wixineen baajata bara 2017 wixinee lakkoofsa 1340/2016 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 4653Loading...
10
Ministirri Muummee FDRI Dr Abiy Ahimad wantoota jahan Itoophiyaaf baay'ee barbaachisoodha jedhan ibsaniiru! 1) Mari'achuu - Rakkoo walitti bu'insaan osoo hin taane mariin furuu 2) Dhaabuu - Biqiltuu qofaa osoo hin taane dhaabbilee Itoophiyaaf malan dhaabuun biyya waaresuu 3) Haaromsuu - Ilaalchaa fi haala jireenyaa keenya haala yeroo waliin akka mijatutti haaromsuu 4) Walitti qabuu - Gibira dabalatee galiiwwaan biroo uummata fayyadan walitti qabuu. 5) Adda baahuu - Yaada baddaarra, sanyummaa fi gandummarraa adda bahuu 6) Qophaa'uu - Haala qabatamaa amma jiru akka madaalutti Raayyaa Ittisa Biyyaa qopheesuu , kanaanis waloon ta'uun biyya cimsuu @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 7333Loading...
11
"Foonqolchi Mootummaa yoomiyyuu hin milkaa'u" - Dr.Abiy Ahimad Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad :- tibbana fonqolcha mootummaa gaggeessuuf mariin taasifamaa akka ture himaniiru. Namoonni haasawa godhaa turani 'abbootii' kan jedhaniini fi namoota dhuunfaa maqaa isaanii hin eerree dha. "Nuti loltoota waan taaneef dhaabbilee fonqolcha mootummaaf akka hin milkoofnee goone ijaarre" kan jedhan muummichi "Itoophiyaa keessatti fonqolchi mootummaa Itoophiyaa gonkuma hin milkaa'u" jechuun akeekkachiisaniiru. @tikvahethafaanoromoo
3 9391Loading...
12
#Hararii Guyyaan idil Addunyaa Hararii 26ffaan magaalaa Hararii Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti kabajamaa jira. Guyyaan kun bara darbe Kaanaadaatti kabajamuun kan yaadatamuudha. Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahii, Pireezidaantii naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo dabalatee Hoggantoota Mootummaa Federaalaa fi naannoo, akkasumas kutaaleen hawaawaa garaagaraa saganticharratti hirmaachaa jiru. Guyyaan kun har’aa eegalee guyyoottaan kurnaan itti aananiif sagantaalee garaagaraan ni kabajama jedhame. #FBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 8121Loading...
13
#DrAbiyAhmad Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimad qaala'iinsa jireenyaa ilaalchisee gaaffii dhiyaateef maal deebisan? "Qaala'iinsi jireenyaa biyyoota hedduudhaaf qormaata ta'ee itti fufee jira." Biyyoota tokko tokko keessatti qaala'iinsi jireenyaa %60 ol gaheera. Itiyoophiyaattis mootummaan dhiibbaa gatii jireenyaa hir’isuuf jalqabbii hedduu qaruun hojjechaa jira. Keessattuu bu'aan misooma qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Oomishtummaa fooyyessuunis hojii biraati. Bara kana kan bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, kuntaala miiliyoona 100 ol irra caalmaan sassaabuun danda’ameera. Kana malees mootummaan galii Birrii biiliyoona 10 dhiisuun meeshaaleen bu’uuraa qaraxa irraa bilisa ta’anii biyya alaatii akka galfaman hayyameera. Kun hundi ba’aa baasii jireenyaa lammiilee keenya irra ga’u salphisuuf kan hojjetamudha. Kanarraa kan ka’e bara darbe kan ture qaala’iinsa jireenyaa %30 irraa gara %23tti gadi buusuun danda’ameera. @tikvahethafaanoromoo
4 3860Loading...
14
#HoPR "... Tajaajilli mootummaa kamiyyuu kan argamu maallaqaa fi hojii harkaatiin" - Miseensa Paarlaamaa Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa maal gaafatan? Obbo Abrahaam Bartaa(Miseensa):- "Akka qo'annoon hedduu fi gabaasni dhaabbilee idil-addunyaa tokko tokkoon bahan agarsiisutti, malaammaltummaan biyya keenya keessatti waggaa waggaadhaan dabalaa jira." Koreen farra malaammaltummaa biyyoolessaa hanna ykn malaammaltummaa mootummaa hidda gadi fageeffate kana ofirraa ittisuuf hundaa’uu isaa dhageenyus, hojii gaarii hojjachuus ta’e balaa biyyaalessaa sababa malaammaltummaatiin dhufu duubatti deebisuuf hojii hojjate bu'aa fide hin argine. Walumaagalatti mootummaan malaammaltummaa ittisuuf furmaata kennuu qofa osoo hin taane, kutannoon isaas gaaffii keessa gala. Sababni isaas, mootummaan malaammaltoota qabeenya ummataa fi mootummaa saaman adabuuf tarkaanfii fudhachuu dhiisee, muudama fi jijjiirraa iddoo dabalataa kennuudhaan malaammaltoota hammachuutti jira. kanarraa kan ka'e : . ➡️Caasaaleen mootummaa hattootaan hubameera. ➡️Tajaajilli mootummaa kamiyyuu kan argamu maallaqaa fi hojii harkaatiin ta'eera. ➡️Lammiileen jireenya isaanii guyyaa guyyaa dhiibuuf dirretti maallaqa gaafatamaa jiru. ➡️Qabeenyi biyyaalessaa hangi guddaan biyyaa baqachaa jira. ➡️Waajjiraaleen mootummaa qabeenya guddaa qisaasessaa jiru. ➡️Akka gabaasa odiitiitti waajjiraalee hunda keessatti hanqinni maallaqaa guddaan mul'ataa jira. ➡️Waajjiraaleen maallaqa ragaa malee baasu, ragaa tokkollee osoo hin dhiheessiin baasii galmeessuu, akkasumas kaffaltii maallaqaa qajeelfamaa fi dambii faayinaansiitiin ala ni raawwatu. Biyyoonni hedduun xiyyeeffannoo rakkoo kanaaf kennaniin tarkaanfii hin raafamne fudhatanii rakkoo kana salphisuu akka danda’an ni beekama. Fakkeenyaaf, biyyoota Eeshiyaa Singaapoor, Chaayinaa fi Kooriyaa Kibbaa, kan qondaaltonni mootummaa dhiheenya kana muuxannoo waljijjiiruuf daawwatan yeroo ilaallu, bu’uurri guddina isaanii inni guddaan malaammaltummaaf kutannoo qabaachuu isaaniiti. Kabajamoo Ministira Muummee, komii hawaasaa irra deddeebiin dhiyaatuu fi gabaasa waajjirri oditii ragaa waliin rakkoo malaammaltummaa hidda gadi fageeffate kana furuuf mootummaan hagam kutannoo qaba? Akkuma irra deddeebinee ilaalle waadaa galuu bira darbee tarkaanfii qabatamaa akkamii fudhatamuuf yaadame? Ummanni mootummaa kana irraa maal eega? " #Itoophiyaa @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 1522Loading...
15
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa bakka walgahii idilee 36ffaa adeemsisuuf jira. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa, Bara Hojii 3ffaa har'a ganama sa’a 2:30 irraa eegalee bakka Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee 36ffaa ni taa’a. Manni marichaa wixinee baajata mootummaa Federaalaa kan bara baajataa 2017 ni raggaasa jedhamee eegama. Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota mana mareerraa ka’aniif deebiifi ibsa ni kennu jedhamee ni eegama. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 1140Loading...
16
Viidiyoo: Hawaasa waraanaan qe'ee isaa irraa buqqa'e gara qe'ee isaatti deebisuuf hojjatamaa jira. Konkolaattonni geejjibaa hedduu namoota baqatan deebisaa jira. Raayyaan Ittisa Biyyaa namoota baqatanii gara qe'ee isaaniitti deebi'an qindeessuun itti gaafatamummaa fudhataa jira. Gandoota 25 Tsalamt keessaa jiran harki caalaan gandoota 22 irraa buqqa'aniiru. Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa hordofuun lammiilee kanneen gara qe’ee isaaniitti deebisuuf hojjetamaa jira. Bulchiinsi yeroo Tigraay namoonni naannoo biroo irraa buqqa'anis akka deebi'an beeksiseera. Video Credit - DW @tikvahethafaanoromoo
4 4252Loading...
17
Hiriira mormii magaalaa Adaamaatti geggeeffameen lubbuun nama darbu beekkame. Naannoo Oromiyaa godina shawaa bahaa magaalaa Adaamaa, Kutaa magaalaa Bokkuu Shanan, aanaa Harooreetii fi aanaa Torban Obboo keessatti mormii jiraattonni kaasaniin walqabatee lubbuun namootaa darbuu fi namoonni madaa’uu dhageenyeerra. Sababni jiraattonni mormii kaasaniif bulchiinsi magaalichaa manneen godinaalee keessa jiran seeraan ala jechuun yeroo diiguuf dhufetti ta'uu jirattoonni naannichaa himaniiru. Kanaan dura manneen ni diigaman jedhan irratti qalama diimaan "X" dibaa akka turanii fi har'a diiguuf yommuu dhufanitti jiraattonni mormii dhageessisaa akka turanii fi gidduu kanatti humnoonni tika mootummaa dhukaasa banuu isaanii namni ijaan arge tokko ibseera. Jiraatan yaada isaa Tikvah Itiyoophiyaaf hime akka jedhanitti "Walitti bu'iinsa uumameen ani ijaan kan arge namni 3 akka du'ee fi namoonni miidhamanis ni jiru.  Waaree booda sochiin hin turre. Namuu mana manatti cufatee ture. Waan boodarra ture beekuun hin danda'amne" jechuun ibsaniiru. Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irraa arganne akka agarsiisutti namoonni hedduun mormii dhageessisaa akka turan, daandii cufuunii fi dhaadannoo diiggaan nurraa haa dhaabatu jedhu dhageessisa akka turan agarsiisa. Dabalataanis hiriirtonni alaaba Itoophiyaa fi Oromiyaa qabachuun, ulee fi dhakaan daandii cufaa akka turani fi yeroo dhukaasni eegalutti hiriirri bittinnaa'uu mul’isa. Kana keessatti Tikvah Itoophiyaan lubbuun namoota darbuu namoota ijaan argan irraa kan dhagahe ta'us,  garuu lubbuun namoota meeqa akka darbe mirkaneessuu hin dandeenye. Hooggansa magaalichaa fi qaamolee nageenyaa irraa dhimma kana qulqulleessuf tattaaffiin taasifne yeroof milkaa'uu hin dandeenye. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 2008Loading...
18
Hiriira mormii magaalaa Adaamaatti geggeeffameen lubbuun nama darbu beekkame. Naannoo Oromiyaa godina shawaa bahaa magaalaa Adaamaa, Kutaa magaalaa Bokkuu Shanan, aanaa Harooreetii fi aanaa Torban Obboo keessatti mormii jiraattonni kaasaniin walqabatee lubbuun namootaa darbuu fi namoonni madaa’uu dhageenyeerra. Sababni jiraattonni mormii kaasaniif bulchiinsi magaalichaa manneen godinaalee keessa jiran seeraan ala jechuun yeroo diiguuf dhufetti ta'uu jirattoonni naannichaa himaniiru. Kanaan dura manneen ni diigaman jedhan irratti qalama diimaan "X" dibaa akka turanii fi har'a diiguuf yommuu dhufanitti jiraattonni mormii dhageessisaa akka turanii fi gidduu kanatti humnoonni tika mootummaa dhukaasa banuu isaanii namni ijaan arge tokko ibseera. Jiraatan yaada isaa Tikvah Itiyoophiyaaf hime akka jedhanitti "Walitti bu'iinsa uumameen ani ijaan kan arge namni 3 akka du'ee fi namoonni miidhamanis ni jiru.  Waaree booda sochiin hin turre. Namuu mana manatti cufatee ture. Waan boodarra ture beekuun hin danda'amne" jechuun ibsaniiru. Akka jiraataan Tikvah Ethiopia'f jecha isaa kenne tokko jedhutti, "Walitti bu'iinsa uumameen namoonni 3 du'anii madaa'uu argeera. Sa'aatii tokko booda naannoo sanatti jeequmsi hin turre. Hunduu mana keessa taa'ee waan tureef maal akka ta'e beekuu hin dandeenye." itti fufee jira." Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irraa arganne akka agarsiisutti namoonni hedduun mormii dhageessisaa akka turan, daandii cufuunii fi dhaadannoo diiggaan nurraa haa dhaabatu jedhu dhageessisa akka turan agarsiisa. Dabalataanis hiriirtonni alaaba Itoophiyaa fi Oromiyaa qabachuun, ulee fi dhakaan daandii cufaa akka turani fi yeroo dhukaasni eegalutti hiriirri bittinnaa'uu mul’isa. Kana keessatti Tikvah Itoophiyaan lubbuun namoota darbuu namoota ijaan argan irraa kan dhagahe ta'us,  garuu lubbuun namoota meeqa akka darbe mirkaneessuu hin dandeenye. Hooggansa magaalichaa fi qaamolee nageenyaa irraa dhimma kana qulqulleessuf tattaaffiin taasifne yeroof milkaa'uu hin dandeenye. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
220Loading...
19
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ministiroota sadiif  muudama kennaan. Waxabajjii 26/2016 irraa eegalee kanneen Ministirri Muummee FDRI  doktar Abiy Ahimad muudama kennaniif 👉Aaddee Shaawit Shaanqoo Ministira Aadaa fi Ispoortii 👉 Obbo Kasaahuun Goofee  Ministira Daldalaa fi Walitti hidhamsa naannawwaa 👉 Obbo Qajeelaa Mardaasaa gorsaa ministira Aadaa fi Ispoortii Ministira Muummee ta'u ragaan Wajjira Ministira Muummee FDRI irraa argame ni muli'isa. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 5431Loading...
20
#YunivarsitiiBooranaa Yuunivarsiitiin Booranaa yeroo jalqabaaf barattoota eebbisiise Yuunivarsiitiin Booranaa yeroo jalqabaaf barattoota 135 muummeewwan garaagaraatiin barsiisaa ture har’a eebbisiise. Sirna eebbaarratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Bokkuu Xachee, Yuunivarsiitiin Booranaa haaraa ta’ullee, rakkoolee adda addaa keessatti barattoota simachuun barsiisaa turuu dubbataniiru. Yuunivarsiitichi hojii baruuf barsiisuun maddiittii rakkoolee hawaasa horsiisee bultootaa furan gaggeessuun deeggarsa taasisaa akka jiru dubbataniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 6381Loading...
21
Misoomni Koridoorii Magaala Finfinnee baasii qusannaa fi of danda’een ijaarama jira: Kantiibaa Adaanech Abeebee Akka qorannoon misooma koridarii hojiitti hiikuuf qabame agarsiisutti karoora baajata birrii biiliyoona 40 ol karoorfamee kan ture yoo ta'u, haala baasii qusannaa qabuun hojjatamaa waan jiruuf birrii biiliyoona 33n   xumuramaa jiraachuu Kantiibaan Magaala Finfinnee Adaanech Abeebee ibsaniiru. Finfinneen jiraattotaaf michuu taasisuuf koridooroonni misoomaa shan qophaa'uun hojitti akka galame ibsaniiru. Misooma koridoorii saffisaa fi qulqullina eegameen hojiirra oolchuuf sa'aatii 24 hojjechuun milkaa'uun akka danda'ame ibsaniiru. Dhaabbileen hundinuu hafuura tokkoon waliin hojjechuun misooma koridoorii saffisa eegameen hojiirra oolchuu isaani kantiibaan magaalichaa aadde Adaanach Abeebee himaniiru. #EBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 9671Loading...
22
#Update #DireDawaa Ibiddi Magaalaa Dirredawaatti Gabaa Ashawaatti muudate to'annoo jala ooleera. Ibiddi har'a ganama tilmaaman naanno sa'aatii 1:00tti bakka gabaa 'Ashawa' jedhamuun beekamutti ka'e kun manneen daldalaa fi 'bakka naannawa 'Maashilla taraa' jedhamu irratti hedduu miidhaa guddaa geessiseera. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa obbo Kadiir Juhaar bakka sanatti argamuun haala jiru ilaalaniiru. Sababni balaa kanaa fi hammi miidhaa qaqqabe qoratamee ummataaf akka ifa ta'u ibsameera. Ibiddi kun miidhaa dabalataa akka hin geessisneef humnoonni nageenyaa tattaaffii taasisaa tasisaniif galateeffataniiru. @tikvahethafaanoromoo
6 3201Loading...
Lakkoota qabxii olaanaa galmeessan. Shamarran Lakkuu qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Amboo Kaampaasii Walisoorraa eebbifaman Keelloo Xurunaa fi Siddisee Xurunaa jedhaman Muummee barnoota Iikoonomiksii irraa qabxii eebbaa (CGPA) olaanaa galmeessuun eebbifamaniiru. 👉Keelloo Xurunaan qabxii 3.99 galmeessuun baadhaasa Waancaa fi Warqeen yoo eebbifamtu, 👉 Siddisee Xurunaan qabxii 3.98 galmeessuun kabaja olaanaan eebbifamterti. Yuunivaarsiitiin Amboo Kaampaasiin Walisoo barattoota 488 digirii jalqabaa fi lammaffaan guyyaa kaleessa eebbisiiseera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
19👍 8🔥 3🥰 3👏 2
Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kuma 5 ni ijaaramu-BBO Naannoo Oromiyaatti hojii tola ooltummaa Gannaa baranaan Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 5 kan ijaaraman ta’uu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise. Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon akka Oromiyaatti barana hojii tajaajila lamummaatiin manneen barnoota bu'uura boruu 5,000 fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 1,000 kan ijaaramu ta'uu ibsuun, godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti hojii tajaajila lamummaa Gannaa kana eegalchiisaniiru. Kana malees, manneen jireenya Barsiisotaa 8,900 ol, Paarkiin ICT Aanaalee 341 keessatti ijaaruu fi Sadarkaa Manneen Barnoota 2,948 fooyessuu fi kannen biroon gaggeessuuf karoorfamuu dubbataniiru. Sagantaa eegalame kanas galamaan ga’uufis qaamolee hawaasaa hunduu gaha irraa eegamu akka bahatu dhaamaniiru. #FBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
👍 13 6👎 5🥰 2
Rooba Cimaa roobeen bulchaa dabalatee lubbuun nama 3 darbe. Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa Ganda "Woqeenxara Buchootti" rooba cimaa guyyaa kaleessaa Waxabajjii 28/2016 roobeen lolaan guutuun bulchaa ganda dabalatee lubbuun namoota sadii darbuun himame. Balaa lolaa kanaan bulchaan Ganda Woqeenxaraa Buchoo duraanii Obbo Abbubakar Abdii dabalatee namootni 3 lubbuun darbaniiru. Rooba cimaa guyyaa Kibxataa roobeenis lubbuu nama darbuu fi qabeenya irra miidhaa geessisuu isaa waajjirri komunikeeshinii magaalichaa ibseera. Gama biroon, Godina Arsii Aanaa Diksiis Maagaalaa Hamdaa Diksiisitti bookkaan cimaan cabbiin wal makee guyyaa 25/10/2016 roobeen qabeenya irraa miidhaa cimaa qaqqabsiiseera Hawaasni waqtii gannaa roobni roobuun miidhaa geessuu waan danda'uuf ofeeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qabu hubachiifna. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
👍 17😢 9 2👎 1
Photo unavailableShow in Telegram
Qormaanni #onlaayinii hin hafne. Kan tamsa'aa jiru odeeffannoo sobaati" - Ministeera Barnootaa Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 toora interneetii fi waraqaa irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksisee ture. Haa ta'u malee akka waan qormaanni intarneetii haqameetti odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti tamsa'aa akka jiru ibsaniiru. Ministeerichis, kun gonkumaa #soba ta'uu beeksiseera. Qormaanni baranaa waraqaa fi toora interneetii irratti kan kennamu ta’uu mirkaneessaniiru. Barattoonni kana hubatanii qophii isaanii akka itti fufan dhaamaniiru. Ministeerri Barnootaa "qormaata kana milkeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jirra" jedheera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
👍 34 4👏 4
Photo unavailableShow in Telegram
Bulchaan Magaala Kamisee hidhattootaan ajjeefame. Naannoo Amaaraatti, bulchaan Godina Saba Oromoo fi miseensa koree giddu galeessaa paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa kan ta'an Obbo Ahimad Ali Ibree guyyaa har'a rasaasa hidhattootaan ajjeefaman. Bulchaan kun yeroo salaata jum'aa salatanii masjiida gara mana isaanii osoo deebi'aa jiranii itti dhukaafamee ajjeefaman. Bulchiinsi godinichaa haleellaan kun "garee hidhattoota Shaneetin raawwatame" jedhe.  Obbo Ahimad Aliin umrii waggaa 39tti lubbuun isaanii darbuu kan eere bulchiinsi godinichaa, "bara 1998 ALI irraa eegalee bulchiinsa Godina saba Oromoo keessatti iddoowwan itti gaafatamummaa adda addaa irratti hojjetaa turaniiru," jedhe. Bulchiinsi godina saba Oromoo ajjeefamuu bulchaa godinichaan gadda ittti dhaga'amee ibsuun, "hojii isaan jalqaban itti fufsiisuu fi  kaayyoo isaanii fiixa geessisuuf cimnee ni hojjenna" jedheera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
👍 16🥰 3😢 3
Photo unavailableShow in Telegram
Baqattoota Itoophiyaa Sudaan keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf koreen biyyaalessaa hundaa’e Walitti bu’iinsa Sudaan keessatti hammaataa dhufeen walqabatee baqattoota Itoophiyaa waggaa lama dura waraana Tigraay dheessanii kaampii baqattoota Sudaan keessatti argaman gara biyyaatti deebisuuf koree biyyaalessaa ijaaramuu ibsame. Hanga ammaatti baqattoota 40,000 ta’an gara biyyaatti deebisuun akka danda'ame ibsameera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
👍 12 7
Photo unavailableShow in Telegram
#Dheerateera Finfinneetti galmeen waliigaltee abbaa qabeenyaa fi kireeffataa hanga Adoolessa 24/2016tti dheerateera. Galmeen kun Waxabajjii 30 xumurama jedhamee ture. Odeeffannoo Waajjirri Misooma fi Hooggansa Manneen Jireenyaa Finfinnee baaseen, Waxabajjii 1 hanga Waxabajjii 26, 2016tti waliigalteen kiraa 248,469 galmaa’eera. Galmeen ammallee banaadha jedhame. Garuu: - Galmaa'an hedduu waan jiruuf - Galmee kireessaa fi kireeffataa hafan hanga Waxabajjii 30/2016tti xumuruun waan rakkisaa ta’uuf - Uummannis guyyaan akka  dheeratuuf gaafi waan dhiheesseef yeroon galmee hanga Adoolessa 24, 2016tti dheerateera. Jiraattonni yeroo dheereffame kanaan yaadni isaanii osoo hin Cinqamin sa’aatii hojii idileetiin alatti Sanbataa fi Dilbata dabalatee akka galmaa’an dhaamaniiru. @tikvahethafaanoromoo
Hammasini ko'rsatish...
👍 28👏 3 2🥰 2
Photo unavailableShow in Telegram
Taphoonni gulaalli Waancaa Afriikaa 2025 ifoomeera. Taphoonni gulaalli dorgommii waancaa Afrikaa 2025 Moorookootiin qophaa'uuf taasifamu har'a ifoomeera. Biyyi keenya Itiyoophiyaan Ramaddii 8ffaa jalatti argamti. Raammaddi 8ffaa ➡️Itoophiyaa ➡️Taanzaaniyaa, ➡️Giinii fi ➡️Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo ramadamaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
👍 18😢 3 2
Baajatni Birrii biiliyoona tiriliyoona 1'tti dhiyaatu raggaasiifame. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee baajata bara 2017 Birrii biiliyoona 971.2 ta’uun dhiyaate sagalee guutuun raggaasiiseera. Baajanni waliigalaa Mootummaa Federaalaa bara baajataa 2017 Birrii biiliyoona 971.2 dhiyaate kun kan bara darbeen yoo madaalame % 21.1 guddina qabaachuu eerameera. Birrii biiliyoonni 451.3 baajata idilee, biiliyoonni 283.2 baajata Kaappitaalaa fi biiliyoonni 236.7 baajata naannoolee ta’uun yaadni murtoo Mana marichaaf dhiyaatera. Wixineen baajata bara 2017 wixinee lakkoofsa 1340/2016 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
👍 15🔥 4😢 4
Photo unavailableShow in Telegram
Ministirri Muummee FDRI Dr Abiy Ahimad wantoota jahan Itoophiyaaf baay'ee barbaachisoodha jedhan ibsaniiru! 1) Mari'achuu - Rakkoo walitti bu'insaan osoo hin taane mariin furuu 2) Dhaabuu - Biqiltuu qofaa osoo hin taane dhaabbilee Itoophiyaaf malan dhaabuun biyya waaresuu 3) Haaromsuu - Ilaalchaa fi haala jireenyaa keenya haala yeroo waliin akka mijatutti haaromsuu 4) Walitti qabuu - Gibira dabalatee galiiwwaan biroo uummata fayyadan walitti qabuu. 5) Adda baahuu - Yaada baddaarra, sanyummaa fi gandummarraa adda bahuu 6) Qophaa'uu - Haala qabatamaa amma jiru akka madaalutti Raayyaa Ittisa Biyyaa qopheesuu , kanaanis waloon ta'uun biyya cimsuu @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Hammasini ko'rsatish...
👍 24 3😢 2
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.