cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Oromia State University

Oromia State University

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
12 267
Obunachilar
+524 soatlar
+1407 kunlar
+28830 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Hammasini ko'rsatish...
የበቃ የሰው ኃይልን የማፍራት ሥራ በኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርሲቲ

ኦስዩ ከ ፋና ጋር በመተባበር የሚቀርብ ፕሮግራም

Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa qormaata bahiinsaa (Exit exam) akka biyyoolessaatti barattoota digirii tokkoffaatiif kennaa ture nagaan xumureera. YNO Waxabajjii, 2016 * Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa qormaata bahiinsaa (Exit exam) barattoota digirii tokkoffaa 1932 ta’aniif mooraa muummichaa magaalaa Baatuu argamutti kennaa ture guyyaa har’aa nagaan xumuree jira. Qormaata bahiinsaa akka biyyoolessaatti barattoota digirii tokkoffaatiif kennamaa jiru YNO'n gaafa guyyaa 13/10/2016 irraa jalqabee barattoota 1932 (dhira 1188 fi dubartii 744) kennaa kan ture yoo ta’u, guyyaa har’aa Waxabajjii 19/10/2016 nagaan xumuramuu isaa odeeffannoo dhimmoota akkaadaamiksii irraa arganne ni ibsa. Barattoota qormaata kana fudhachuuf galmaa’an keessaa harki caalu qoruumsa kana irratti akka argamanii fi harcaatiin muraasni jiraachuu isaas maddi odeeffannoo keenya nuuf addeessee jira. Qormaata bahiinsaa kana muummeewwan 28'tiin kan kenname ta’uu beekameera. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa qormaata bahiinsaa (exit exam) barattoota digirii tokkoffaatiif kennaa jira. YNO Waxabajjii, 2016 * Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa qormaata bahiinsaa (exit exam) barattoota digirii tokkoffaa 1932 ta’aniif moora muummichaa Magaalaa Baatuu argamutti kennaa jira. Barattoota qormaata bahiinsaa fudhachaa jiran 1932 keessaa barnoota isaanii YNO’tti kan hordofaa turan 1300 yoo ta’an, isaan keessaa barattoonni 108 kan irra deebi’anii qoraman ta’uun beekamera. Kana malees barattootni 632 ta'an Yuuniivarsiitiwwan adda addaa keessatti kan barachaa turaniif qormaata bahiinsaa kana kan kennaa jiru yoo ta’u, qormaata kana barattoonni 306 yeroo jalqabaatiif akkasumas 326 kan irra deebi’anii qoramanii dha. YNO'n qormaata bahiinsaa kana muummeewwan 28'tin kan kennaa jiru yoo ta’u, isaan keessaas “Management, Accounting/Accounting and Finance, Law (LLB), Information Technology (B.Sc), Economics, Nursing (Comprehensive), Public Health/Health Officer/ Post Basic Public Health, Bio-Technology and other) ni caqafamu. Qormaanni kennamaa jiru kun hanga guyya boruutti kan itti fufu akka ta’e oddeefannoon waajjira dhimmoota akkaadaamiksii irraa arganne ni ibsa. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Korri qorannoo (Simpooziyeemiin) Addunyaa 1ffaa fi biyyoolesaa 10ffaa mata duree “Enhancing Public Sector Transformation, Public Service Delivery, and Human Resource Development and Competency in Ethiopia, Oromia National Regional State” jedhuun Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaatin qophaa’ee adeemsifamaa ture har’a xumurame. Waxabajjii 15, 2016 YNO * Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa Kora qorannoo Addunyaa 1ffaa fi biyyoolessaa 10ffaa kan hayyootni biyyoota alaa fi biyya keessaa irratti hirmaatan adeemsisaa ture har’a karaa ho’aa ta’een xumuramee jira. Barbaachisummaa fi qophii kora qorannoo kanaa ilaalchisee haasaa kan taasisan pirezidaantiin YNO Dr. Garramuu Hulluuqaa mata-duree “Enhancing Public Sector Transformation, Public Service Delivery, and Human Resource Development and Competency in Ethiopia, Oromia National Regional State” jedhuun korri qorannoo qopha’e kun qorattoonni biyya keessaa biyya alaa waamichi godhameefii akka hirmaatan taasifameera. Kunis wal-jijjiirraa muuxannoo fi ce’uumsa teeknoloojij fi beekumsaa akkasumas qorannoo rakkoo biyyattii furuu akka danda’an yaadamee bara baraan qophaa’aa kan jiruudha jedhaniiru. Dabalataanis keessummaa kabajaa sagantaa kanaa kan ta'an Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa Mr. Shen Qinmin qophicha irratti argamuu isaanitiif galateeffatanii, ergaa fi waraqaa qoranoo isaanii akka dhiyeeffatan affeeranii jiru. Mr. Shen Qinmin gama isaanitiin waraqaa qorannoo dhiyeeffatan keessatti gaheen siivil sarvaantiin guddina biyyaatiif qabu guddaa ta’uu qorannoo isaanitiin mul’isuun aaddaa hojiif qabnu guddisuun hiyyummaa keessaa bahuun ni danda’ama jedhaniiruu. Kana malees biyya guddatte dhalootaaf dabarsuuf tokkumaa’uun humna guddaa dha jechuun ummanni Itiyoophiyaas waan adda isa baasu caalaa wantoota tokko isa taasisu baay'ee waan qabuuf guddina biyyaatiif tokko ta’ee hojjachuun furmaata ta’uu ibsanii jiru. Itti aansuun waraqaa qorannoo kan dhiyeessan obbo Abdulhaakim Muluu, sadarkaa I/A/Pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara Hawaasummaa fi Proofeesar Theodore Menelik, Gamtaa Afriikaatti bakka bu’aa biyyoota giddugalessa Afriikaa yoo ta’an, hirmaattonni kora kanaas waraqaa qorannoo dhiyaate irratti yaadaa fi gaafii qaban dhiyeessuun qorattoonnis ibsa gabaabaa gaafii fi yaada ka’e irratti laatanii jiru. Itti fufuunis waraqaan qorannoo qorattoota YNO fi keessummoota adda addaatiin dhiyaatee yaadaa fi gaafii bal’aan erga ka’ee mari’atamee booda qorattoota kora qorannoo kana irratti waraqaa isaanii dhiyeessaniif waraqaa ragaa kennuun sagantaan kora qorannoo xumurameera. Kora kana irratti qorannoowwan 19 qorattoota biyya keessaa fi biyya alaatiin dhiyaatanii jiru. Sagantaa kora qorannoo kana irratti agarsiisni suuraa (Exhibition) mata-duree “YNO eessaa garamitti” jedhuun kan dhiyaate yoo ta’u, YNO'n yeroo hundeeffama isaa irraa kaasee deemsa keessa darbe hirmaatonni kora kanaa akka daawwatan taasifameera. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...
Jillii Imbaasii Chaayinaa fi Gamtaa Afriikaa, Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa Pirof. Shen Qinmin durfamu mooraa Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaa daawwate. Waxabajjii, 2016 YNO * Jilli Imbaasii Chaayinaa fi Gamtaa Afriikaa, Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa H.E Ambassador Mr. Shen Qinminitiin durfamu mooraa Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaa magaalaa Baatuutti argamu daawwataniiru. Jila kanas Pirezidaantiin YNO Garramuu Hulluuqaa (PhD) fi hooggantoota olaanoo Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaa karaa ho’aa ta’een kan simatan yoo ta’u, keessummootaaf haasaa baga nagaan dhuftanii Dr. Garramuu Hulluuqaatin taasifamee jira. Daawwannaa isaanitis mana kitaabaa diijitaalaa, galmaa konfarasii ammayyaawaa fi pirojektiiwwan dhumatanjj fi hojjatamaa jiran daawwataniiru. Kana malees agarsiisa suura "YNO eessaa garamitti” jedhuun qophaa’es daawwatanii jiru. Dhumarrattis hariiroo biyya Chaayinaa keessattuu Yuuniivarsiitiiwwan biyya Chaayinaatti argamanii fi YNO giddutti akka cimu taasisuu keessatti gahee guddaa Imbaasiin chaayinaa gumaachef galateeffatanii, kennaa galata kana ibsu uffata aadaa oromoo kennameefi jira. Kennaa keennamee fi affeerraa daawwannaa taassifameef kan galateeffatan Mr. Shen Qinmin walitti dhufeenyi keenya kan cimee itti fufu ta’a jedhaniiru. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...
10th Annual and 1st International Research Symposium is now officially opened
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.