cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Oromia State University

Oromia State University

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
11 982
Obunachilar
+324 soatlar
+177 kunlar
+3730 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Hammasini ko'rsatish...
የኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርሲቲ ዘርፈ ብዙ ግልጋሎቶች

ኦስዩ ከ ፋና ጋር በመተባበር የሚቀርብ ፕሮግራም

Simannaa ho'aan Kilabii kubbaa miilaa Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaa (Urjiiwwan YNO)'tiif taasifame. Caamsaa 17, 2016 YNO * Dorgommiin liigii olaanaa Oromiyaa marsaa 2ffaa magaalaa Asallaatti dorgomamaa ture sadarkaa 5ffaa ta'uun kan xumure Kilabiin kubbaa miilaa Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaa (Urjiiwwan YNO) guyyaa har’aa simannaan taasifameefi jira. Simannaa kana irrati pirezidaantii YNO dabalatee hooggansi sadarkaan jiru akasumas koree dorgommii kana milkeessuuf hojjachaa turan argamaniiru. Kilabichi taphoota 23 taasiseen 10 moo'achuun, 5 qixa bahuun akkasumas 8 mo'atamuun walii galatti qabxii 35 sassaabachuun sadarkaa 5ffaan kan xumure yoo ta’u taphattoonni Yuuniivarsiitichaa naamusa turtii dorgommii keessatti agarsiisaniif badhaafamaa naamusaa ta'uu danda’aniiru. Simannaa kanarratti kan argaman Pirezidaantiin YNO Dr. Garramuu Hulluuqaa akka jedhanitti dargaggoota magaalaa Baatuutti argamaniif carraa hojii uumuu fi ispoortiidhaan qaamaa fi sammuu isaanii jabeessuu fi haroomsuuf kilabii kana hundeessuun kan hojjachaa jiru ta’uu ibsanii, dorgommii kanaanis qabxiin argame kan tuffatamu miti jedhaniiru. Kilabiin kun geeba naamusaa argachuu isaa dargaggoonni kilabii kana keessatti hammatamanii jiranii fi koreen waliin deeme qophaa’uummaa fiiziikaalaa fi xin-sammuu qabaachuu isaanii kan mul’isuu dha jechuun kana itti fufsiisuuf YNO'n cimee akka hojjatu himaniiru. Dhuma irrattis keennaa waraqaa ragaa fi affeerraa laaqanaatin sagantichi xumuramee jira. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...
Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa hojjattoota dubartootaa fi hooggansa YNO sadarkaa adda addaa irratti argamaniif leenjii keennaa jira. YNO Caamsaa, 2016 * Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa mataduree "Imaammataa fi qajeelfamoota dubartoota fi eegumsa, mirgaa fi nagaa daa'immanii" jedhuun qindeessummaa Daayirektoreetii Dhimma Dubrtootaa, Dargaggoota fi daa'immaniitin kennameera. Leenjii kana haasaa baniinsaatin kan banan Pirezidaantiin YNO Dr. Garramuu Hulluuqaa, hojii akka biyyaa, Naannoo fi YNO'tti hojjatamaa jiru milkeessuu keessatti gaheen dubartootaa olaanaa dha kan jedhan yoo ta'u, Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa kana giddu galeeffachuun dhimma dubartootaa fi daa'immaanii irratti xiyeeffannaan hojjachaa jirachuu ibsanii leenjiin kunis hojii hojjachaa jirru milkeessuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru. Leenjii kana kan kennan Obbo Abbaay Margaa, Daayirektara tajaajila seeraa YNO yoo ta'an, dhiyeessi isaanii keessatti Imaammataa fi qajeelfamoota dubartootaa fi daa'immaaniif bahanii fi qabatama jiru waiin kan dhiyeessan yoo ta'u, hirmaattoonnis leenjiin arganne kun waan baay'ee kan nu yaadachiisee fi daa'immani fi dubartoota haala kamiin kunuunsuu fi gahoomsuu akka dandenyu akkasumas nageenya isaanii haala kamiin eegsisuu akka dandenyu kan nu taasisee dha jedhaniiruu. Dhumarrattis leenjiin kun hojiitti akka hiikamuu danda'uuf tumsa hundaa akka barbaadu B/B daayirektara DH/D/D/D Adde Tiqdam Dassaalagn hubachiisaniru. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...
Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa hojjatoota dubartootaa fi hooggansa YNO sadarkaa adda addaa irratti argamaniif leenjii kennaa jira. Caamsaa 22, 2016 YNO *** Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa mataduree "Imaammataa fi qajeelfamoota duubartootaa fi eegumsa mirgaa fi nagaa daa'immanii" jedhuun qindeessummaa Daayirektoreetii Dhimma Dubartoota, Dargaggootaa fi Daa'immaniitin kennamee jira. Leenjii kana kan kennan Obbo Abbaay Margaa yoo ta'an, dhiyeessii isaanii keessatti Imaammataa fi qajeelfamoota duubartootaa fi daa'immaniif bahanii fi qabatama jiru waliin kan dhiyeessan yoo ta'u, hirmaattoonnis leenjiin arganne kun waan baay'ee kan nu yaadachiisee fi daa'immanii fi dubartoota haala kamiin kunuunsuu fi gahoomsuu akka dandeenyu akkasumas nageenya isaanii haala kamiin eegsisuu akka dandeenyu kan nu taasisee dha jedhaniiru. Dhumarrattis leenjiin kun hojiitti akka hiikamuu danda'uuf tumsa hundaa akka barbaadu B/B daayirektara DH/D/D/D Adde Tiqdam Dassaalagn hubachiisanii jiru. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...
"Leenjiin arganne mootummaa intarpiruunaraa ummuu fi karoora tarsima'aa baafachuun imala jalqabne kan daran cimsuu dha!" Leenjiin hooggantootaa magaalaa Shaggar kilaastara Sabbataa, Buraayyuu, Xaafoo, sulultaa, Galaani fi magaalaa Mojootti kennamaa ture xumurame. Caamsaa 18, 2016 YNO * Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu fi kaka'uumsa hojii dabalu, akkasumas hoogganaa kalaqaa fi yaada haara burqisiisuu danda'u horachuuf leenjiin Yuuniivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin kilaastaroota magaalaa shaggarii fi Magaalaa Mojootti hooggantoota 973 ta'aniif kennamaa ture har'a xumuramee jira. Kantiibaan magaalaa shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa Kilaastara Buraayyutti argamuun haasaa cufiinsaa taasisaniin Hooggansi qulqullinaan, kalaqaan, ariitiidhaan hojjachuun imala biyyattiin kara guddinaatti goocha jirtu leenjiiwwan garagaraa kennuun dandeettii isaanii akka ciimsataniif hojiin YNO'n hojjachaa jiruuf galata guudda qabna jedhaniiru. Hooggansa karaa hundaanuu qophaa'aa ta'e horachuuf hojjaachaa jirra kan jedhan I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Shaggar Obbo Alamayyoo Tulluu hanqinaalee qabnu guutachuuf leenjichi barbaachisaadhaa jedhanii hanqinoota kana guutufis leenjii kana qophessuu isaatti YNO galateeffatanii jiru. Kaayyoo fi galma magaalaa Shaggar hundaa'eef guutuu keessatti leenjichi barbaachisaadha kan jedhan I/A kantiibaa fi qindeessaan kilaastara diinagdee Obbo Guyyo Galgaloo leenjiin keennaa jirtan hojii jalqabne wallin kan walsimuu fi kan nuu cimsuudha jechuun gareen dhufes hojii hojjatamaa jiru akka daawwatu taasifameera. Daawwannaa kanaanis kilaastara industirii xixiqqaa, inisheetivii qonna magaalaatin hojjatamaa jiru kaka'umsa kan uumuu fi muuxannoo babal'achuu qabu ta'uu hubachuun danda'amera. Hjrmaattonnis, "Leenjiin arganne mootummaa intarpiruunaraa uumuu fi karoora tarsima'aa baafachuun deemsa jalqabne kan daran cimsuu dha!" Jedhaniiru. Leenjiin magaalaa Shaggarii fi Mojootti kennamaa ture kanaaf qaamolee qindeessaa turaniif kan galateeffatan I/A Pirezidaantii Dhimmoota Walta'iinsaa, T/Lammummaa fi Madda Galii YNO Dr. Dalasaa Bulchaa deemsaa jalqabame jajjabessuu fi hammayyeessuu keessatti YNO'n leenjii, qorannoo fi gorsaan waliin hojjachuuf qophaa'aa akka ta'e ibsanii jiru. Leenjiin guyyaa lamaaf kennamaa ture karaa guutuu ta'een xumuramee jira. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...
Dorgommiin liigii olaanaa Oromiyaa marsaa 2ffaa magaalaa Asallaatti dorgomamaa ture har'a xumurameera. Caamsaa 17, 2016 YNO ***** Kilabiin kubbaa miilaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa (Urjiiwwan YNO) dorgommii kubbaa miilaa liigii olaanaa Oromiyaa keessatti hiirmaatanii torbaan 3'f magaalaa Asallastti taphataa turanii jiru. Kilabichi tapha xumuraa guyyaa har'aa magaalaa Hurutaa wajjiin taphateen 2 fi 0 moo'achuun sadarkaa 5ffaa eegsisuu danda'eera. Kilabichi taphoota 23 taasiseen 10 moo'achuun, 5 qixa bahuun akkasumas 8 mo'atamuun waliigalatti qabxii 35 sassaabachuun sadarkaa 5ffaan xumuree jira. Taphattoonni Yuunivarsiitichaa naamusa turtii dorgommii keessatti agarsiisaniin badhaafamaa naamusaa ta'uun har'a xumuranii jiru. 𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳! 𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et 𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU 𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity 𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Hammasini ko'rsatish...