cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qilingยป, bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Xoofoo Qulqulluu Isxiifaanoos

Ergamni Chaanelii kanaa ๐Ÿ‘‡ Barumsa Hafuurawoo Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidoo Barsiisuu dha ๐Ÿ‘‰ Toora YouTube keenya ๐Ÿ‘‡ https://youtube.com/@IsxifanostubeOfficialYouTube?si=svMJORSicHSMkgGt Yaada Qabdan immoo @DnGadisa irratti Ergaa !!!

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
5 135
Obunachilar
+2524 soatlar
+2237 kunlar
+58330 kunlar
Post vaqtlarining boสปlagichi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Nashrni tahlil qilish
PostlarKo'rishlar
Ulashishlar
Ko'rish dinamikasi
01
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! โ›ช Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo โ›ช Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo โ›ช Barnoota Amantaa โ›ช Walaloowwan Afuurawaa โ›ช Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
120Loading...
02

1302Loading...
03
Wantoota dhufanis gonka gadi of qabuun simatti turte. Uffata haalluu uumamaa qaban uffatti ture.Kunis sirriitti ishee waliin kan deemuu fi mataa ishee irratti uffanni Qulqulluu kaawwattu dhugaa kana ibsuu kan danda'udha. Daandii hunda irrattis kennaa Waaqayyoon kan guutamte turte.ยป jechuun waa'ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ibseera. Kitaaba Malka'a Maariyaam kan barresse haadha Waaqayyoo kan taate Dubroo Maariyaam fuula ishee arguuf hawwee ยซAduu guyyaa hunda ifu faaya isaa kan taasifate bifa keetiif nageenyi ni ta'a. Jaalala kan filattuuf (jaalala kan jalqaba taasifattuuf) ati Maariyaam kan biraatiif kan hin himne akkan sitti himuuf altokko fuula kee naaf ibsiยป jechuun kadhateera. Kadhannaa fi eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nu waliin haa ta'u! Galanni Waaqayyoof haa ta'u! Toora social Media kanan na hordofuu dandeessu Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Group: Xoofoo qulqulluu isxifaanos โœ Dn Gadisa K Tulluu Qaraniyoo jela 21 -10-2016 B.A
9354Loading...
04
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam osoo adda hin kutiin Caamsaa 21-25 tti Ergamootaa waliin, Hangafoota Ergamootaa waliin, Raajota waliin, Duuka Bu'oota waliin, Qulqulloota waliin Wareegamtoota waliin, Durbootaa fi Monoksoota waliin ta'uun isaanitti muldhatti ture. Kan amanes, kan hin amannes ishee arga ture. Kiristaanonni amanan amantaan isaanii yeroo cimuuf, kanneen hin amanne ammoo ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti amanuun kennaa ilmaa fi maqaa Kiristaanummaa ni argatu ture. Gullilaatii sana irrattis yeroo ibsamtu ykn muldhattu, yaadaan, lubbuun, fooniin Qulqulleettii kan taate haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam miidhaginni fuula ishee fi ifti bareedina ishee garmalee ajaa'ibaa waan tureef Luboonnis uummannis akkuma Elsaabeet ยซHaadha Gooftaa keenyaa nuuf ibsamuu ykn muldhachuu keetiif nuti akkam carra qabeessotaaยป jechuun ni iyyu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis isaan eebbisti ture. Jaalalli haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sirriitti kan baay'ateef Abbaan Tsiggee Dingilis Dabra Mixmaaqitti kabaja guddaan ibsamtee Kiristaanota tti kan muldhatte haati Waaqayyoo isaafis akka ibsamtuuf Kitaaba isaa Mahileeta Tsiggee irratti ยซBifa fuula keetii ilaaluuf kan namni du'e amma ka'uutti guyyoota Shaniif Dabra Mixmaaqitti ibsamtee ykn muldhattee yeroo turtetti Yaa Maariyaam! hangam nama gammachiista ture! guyyaadhaan kan si arge mitiitii halkaniyyuu abjuu isaatiksn kan si arge kan eebbifamedha.ยป jechuun kadhateera. Namni amanamaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abbaan Tsiggee Dingil temesxoo dhaan ta'uun garmalee ajaa'iba kan taate Si'ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam erga ilaaleen booda jechoota galataa kana isheef dhiyeessa ยซMaariyaam Si'iliin kee Addunyaatti kan akkasitti ibsitu yoo ta'e, Samii irratti fuulli kee hangam haa ifu hangam haa bareedu? si arguu irraa gammachuu argamu akkan quufuuf abjuudhaan naaf ibsami! ยป jedheera. Hayyuu ykn beekaan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa Abbaan Giyoorgiis inni Gaasiccaas Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya join Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kana Kitaaba Galataa Inziiraa isaa irratti ยซYaa Mootittii! Mootonni siif ni tajaajilu, mootonni si'i ni galateffatu, si'is ni jaju, maqaa keetiifis gadi jedhu, kennaa keetiifis sagada ni sagadu, kabaja keetiifis galata ni dhiyeessu. Xiiroos fi Siidoonaa, namoonni Gibtsii fi Itoophiyaa, Fiinqee fi Roomiyaa, Maaroon fi Armaaniyaa miidhagina bifa keetiin itti tola. Naatoo keetiinis ni gammaduยป jechuun ibseera. Lapheen isaanii guutummaatti waan gaariin kan guutame, iccitiin sirriitti kan ifeef, jechaanis galatoodhaanis kan isheennm gitu kan hin arganneef, ogummaadhaan kan guutaman beektonni Mana Kiristaanaa kanneen yeroo durii turan waa'ee haadha Waaqayyoo baldhinaan barreessaniiru. Hangafni Phaaphaasotaa Qoophiroos Qulqulluun Ephifaaniyoosis ยซHaati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam karaa hundaanuu kan kabajamtee fi cimtuu turte, kan dubbattus baay'ee xiqqoo kan ta'eefii innis raawwachuudhaaf barbaachisaa yeroo itti ta'uttidha. Garmalee qophooftuu taatee kan dhageesssuu fi salphaatti haasaa taasisuu kan dandeessudha. Namoota tokkoon tokkoon isaaniitiif kabaja ykn nageenya ni kenniti. Hojjaan ishee giddu galeessadha, namoonni tokko tokko garuu hojjasn ishee dheeraa akka ta'e ni dubbatu, nama tokkoon tokkoon waliin sodaa malee ifatti kolfaa fi iyya tokko malee ni dubbatti. Keessattuu gonkumayyuu aariidhaaf nama hin affeertu ture. Bifti ishees akka Oomisha Qamadii gahee kan bareede, rifeensi ishee gara diimaatti kan siqu, iji ishee ifoo fi gara laafessoota kan ta'aan bifti iisaaniis gara 'Bunnaammaa' tti kan siqu, baalleewwan ija ishees Magariisa - Zayitaa fakkaata, nyaarri ija isheetiis gartokkeen nannawaa fi haalluu Gurracha ifaa qabu. Funyaan ishees dheeraa yoo ta'u, hidhiiwwan ishee Diimaa fi guutuu ture. Fuulli ishees geengon isa boca Hanqaaquu kan qabu yoo ta'u, harki ishee dheeraa fi qubni ishee baay'ee dhedheeroo turan. Oftuulummaa kamirraayyuu bilisa kan taate yoo ta'u, maal na dhibdeen ishee bira gonkumaa hin jiru ture.
8226Loading...
05
Baga Gessan! Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin Caamsaa 21-25 (Dabra Mixmaaq) Gibtsitti kan argamtu maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin kan ijaaramte Gullilaatii Mana Kiristaanaa Dabra Mixmaaq irratti Dubroon Maariyaam Caamsaa 21-25 tti walitti fufiinsaan ibsamuu ykn muldhachuu isheetiin, Sabni Kiristaanaa Ayyaana yaaadannoo ishee ni kabaju. Haati keenya Qulqulleettiim Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin gara dachee Gibtsiifi Itoophiyaatti yeroo godaantee turtetti iddoo yeroo ammaa kana ยซDabra Mixmaaqยป jedhamutti boqotanii ture. Gooftaa keenyas bakkicha eebbisee iddoo isheen itti ibsamtu ykn muldhattu akka ta'uuf Waadaa galeefii waan tureef, yeroon isaa yeroo gahetti Dabra Mixmaaq Gaddamamee (Kawaala ta'ee) iddoo buufannaa Monoksoota hedduu ta'e. Dabra Mixmaaqittis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ifa uffattee, raayyaan Ergamootaa isheetti marsayetoo yeroo sanattis Suraafeel Ultuu ykn Maa'ixantii isaanii qabatanii sagadaniif, akkas jechaas ishee galateeffatan ยซAbbaan Samii irraa ilaalee kan akka kee hin arganne, sirraas nama ta'eยป (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21) Wareegamtoonnis akka aangoo kabaja isaaniitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif sagaduuf icciitawaa kan ta'aan fardeen isaaniin irra ta'aanii gara isheetti dhiyaatan. Jalqaba irrttis hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgiis hunda dursee ni sagadeef, boodarras warreen kaan bifa walfakkaataan sagadaniif. Kana boodas Qulqulluun Marqooriyoos farda isaa irra taa'ee gara isheetti dhufuun ni sagadeef. Qulqulloonnis kabaja isheef itti dhiyaatanii ni sagadaniif, itti aansuunis Mootiin Heeroods kan isaan ajjeesise Daa'imman Beeteliheem ni sagadaniif, jaalalaa fi gammachuudhaanis ni taphatan. Namoonni naannoo sana turan Kiristaanonnis, warreen hin amannes kana yeroo arganitti gammachuudhaan Addunyaa biraa keessa waan jiran itti fakkaata ture. (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21) Namoota Dabra Mixmaaqitti walitti qabaman keessaa Abbaa fi haati isaanii, firoonni isaanii, akkasumas hiriyoonni isaanii namoonni jalaa du'an Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam akka itti agarsiistu namoonni yeroo ishee kadhatan akka bifa isaanii duriitti itti agarsiisti ture. Namoonni tokko tokko ammoo huccuu citaa isaanii (Mahaarrabii) isaanii ol itti darbatu ture, isheenis kan jaallatte yoo ta'e harka isheetiin qabdee deebistee kennitiif ture. Yeroo kanas namoonni hundi eebbaaf addaan hiratu ture. Isaanis yerootti gara Mana isaaniitti deemuu barbaadanitti nagaa itti dhaammatanii fi eebbifamanii deemu ture. Namoonni Dabra Mixmaaq fi naannawaa ishee guyyaa itti Dubroo Maariyaam arganitti warreen hin amanne kan itti amanan, kan balleessan araarsummaa isheetiin araaraa fi dhiifama kan itti argatan, kanneen amananis guyyaa itti eebbifaman ture. Uummannis ishee kadhatanii wanti dhaban hin jiru ture. Raajonni, Duuka bu'oonni, Qulqulloonni, Wareegamtoonni, Durboonni, Monoksoonni, Ergamoonni, Hangafoonni Ergamootaa Dubroo Maariyaamiif yeroo sagadanis ni muldhatu ture. Raajichi Waaqayyoo Daawwit ยซSooressonni biyya lafaa, Ahizaabonni hundis fuuldura keetti ni deddeebi'uยป Faar. 44/45:12. jedhee Raajii kan dubbateef, Qulqulleettiin Qulqullootaa Dubroo Maariyaam ibsamteefii, itti muldhattee, arguuf hawwaniiru. Kadhannaan isaaniis dhaga'aameefii, haati Waaqayyoo ibsamteefii ykn itti muldhattee bifa ishee ajaa'ibaa arganiiru. Kanneen keessas Dabra Mixmaaq namoonni turan, kanneen biroos Qulqulloonni hedduu keessatti argamu. Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dursee bara Sigaawweetti Dabra Mixmaaqitti akka ibsamtu bu'uura waadaa inni galeefiitiis Itoophiyaa irraa, Gibtsii irraa, Armaniyaa irraa, Sooriyaa irraa, Room irraa, Tsirii irraa ykn Griikii irraa, Faars irraa dachee ykn iddoo Dabra Mixmaaqitti dunkaana dhaabanii ykn dunkaana buufatanii Caamsaa 21 jalqabee hanga Caamsaa 25 tti gammachuu guddaadhaan ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajuu ni jalqabu.
1 10619Loading...
06
https://youtu.be/eFhzwHZiVzc?si=ONH0Kq8spolygCaq
6290Loading...
07
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu? ๐Ÿ’  Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81 ๐Ÿ’  Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66 ๐Ÿ’  Kitaaba Sirna Qiddaasee ๐Ÿ’  Raajii Maariyaam ๐Ÿ’  Kitaaba Hiikoo Andimtaa ๐Ÿ’  Sirna Mana Kiristaanaa ๐Ÿ’  Seenaa Mana Kiristaanaa ๐Ÿ’  Kitaaba Aksimaaroos ๐Ÿ’  Kitaabolee Kadhannaa ๐Ÿ’  Dubbii Maariyaam ๐Ÿ’  Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa ๐Ÿ’  Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa! ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
3590Loading...
08
https://youtu.be/FT6bedtQrD8?si=lBJM5I86TFhLhH8V
9600Loading...
09
Taraa wajjiin nyaatatti yeroo Dhiyaate, buddenichas fuudhee ,eebbisee cabsees isaanif kenne Yeroo kana Iji isaanii banamee ni hubatan Inni garuu Isaan duraa Miliqeera .Isaanis yeroo inni karatti nutti dubbachaa Macaafa kessatti kan caafamees nuu ibsaa dhufe garaan keenya hun raafame, mitiree ? Waliin jedhan. Dhugumatti kun Carraa Akkamiidha laata ?? Utuu hin hubaatiin Iyyesuus kiristoos gara Mana isaaniitti Afeeruun Luqaasii fi Qaloyoophaa Akkam Kan Ayyaanomaniidha laata ? Jarroonni Kun lamaan Inni isaan Faana jiru Maalummaa isaa hin beekanii Iji Fooniin Ilaalaa turan wan tahef Garuu Gaafa iji isaanii isa Hafuuraa banamuf Inni isaan faana turre Fi isaan waliin Imalaa ture Dhugumatti Iyyesuus kiristoos akka tahe hubatanii Maatii waaqayyoo Harras Iyyesuus kiristoos gara mana jireenya keenyaa ykn Gara balbala Laphee keenya Akka dhufuf Kan simaannu yo taane :- ๐Ÿ‘‰ ๐‡๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐—๐ฎ๐ซ๐š๐š๐ฐ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐†๐š๐๐ข ๐๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐–๐š๐š๐ช๐จ๐ฅ๐ข๐ข ๐ญ๐จ๐ฅ๐Ÿ๐š๐ฆ๐š๐š ๐–๐š๐š๐ช๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ ๐Ÿ‘‰ ๐’๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข ๐ง๐š๐ฆ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐จ๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ‘‰๐ƒ๐ข๐ข๐ง๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐ช๐จ๐œ๐œ๐จ๐ฅ๐ฅ๐จ๐จ ๐Ÿ‘‰ ๐ˆ๐ง๐š๐š๐Ÿ๐Ÿ๐ข๐ข ๐Ÿ‘‰ ๐ƒ๐ก๐ž๐ž๐ค๐ค๐š๐ฆ๐ฌ๐š ๐Ÿ‘‰ ๐Ž๐Ÿ๐ข๐ญ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐˜๐š๐š๐๐š๐š๐ง ๐ ๐š๐ซ๐ ๐š๐ซ ๐›๐š'๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ‘‰ ๐†๐š๐ง๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐–๐ž๐ž๐ง๐ง๐จ๐จ ๐Ÿ‘‰ ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐Œ๐š๐œ๐ก๐ข๐ข ( ๐ˆ๐ง๐ญ๐จ๐ฑ๐ข๐œ๐š๐ญ๐ข๐จ๐ง) ๐Ÿ‘‰ ๐€๐ฅ๐›๐š๐š๐๐ก๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š (๐’๐ข๐ซ๐›๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š) kkkf of kessaa ha balleessinu!! Akkas kan goonu yo tahe Akka Luqaasii fi Qaloyoophaa Waaqayyo keenya Gara Mana jireenya keenyatti simanna. Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Group: Xoofoo qulqulluu isxifaanos โœ Dn Gadisa k Tulluu jireenyaa irraa 11- 9- 2015
1 4739Loading...
10
" Imaltoota Emaahus " Marq 16:12-13 , โœ Namootni kun lamaan Luqaasii fi Qalyoophaadha .Luq 24:13-42 Gaafa Sanbata guddaa Mandara Iyyerusaaleem irraa 11km Kan fagaatu Namootni lama Gara Emaahusitti Imalu turan. Wanta gidduu sana Iyyerusaalem keessaatti tahe Haasa'aa adeemu turan .utuu haasa'aa, dubbachaa deemanii Iyyesuus kiristoos ofiisaan isaan bira ga'ee, isaan wajjiin deeme. Iji isaanii akka hin hubanneef ittifamee ture. ๐Ÿ“– Mat 18:20- Iddoo Namootni lama ykn Sadii Maqaa kootiin walitti qabamaniitti , ani achitti isaan gidduutti nan argama " jedheera waan tahef isaan giddutti argame. โœ Kabajamttoota Maatii waaqayyoo Mee Harra Daandii irra Imallu Bakka Oolmaa keenyatti Bakka mana barumsaa keenyatti Bakka Daldala keenyatti Bakka hojii dhuunfaa keenyatti ykn Hojii Mootummaa Keenya kessatti ๐Ÿ‘‡ Waahee Maalii Haasofna laata ? Waahee Maalii waliin dudubbanna laata ?? Akka Imaltoota warra Emaahus kanaa Waahee Iyyesuus kiristoos isa Ballessaa Malee Isa cubbuu Tokko malee Jaalala Ilmaan namaaf jecha Badiisa ilmi namaa ballessef Ofii isaa Aarsaa of taasisee Fannoo irratti guyyaa Jimaataa isa nuf jedhee Fannifame , Golgaa Ulfinaa nutti uffisuuf qullaa isaa Qaraniyoo gubbaa oolee waliin haasa'aan, waliin dudubbatan Haasofna laata ? Dubbanna laata ? Dubbannaan keenya mal fakkata laata Kan Foonii fi Hafuuraadha laata ? Moo Haasaan keenya Waahee Siyaasaa Waahee hammeenyaa Waahee Jibbinsaa Waahee Qodiinsaa Waahee Sanyummaa Waahee lolaa Waahee Fedha Foonii Waahee Jireenya Addunyaa Waahee Jireenya mataa ofii Haasofna laata ? Dubbanna laata ? Mee Hundumttu keenya of ha Madaallu !!! Gooftaan keenyi Iyyesuus kiristoos Waahee isaa Bakka Dubbatamu maratti ni argama wan tahef Imaltoonni kun lamaan waahee Iyyesuus kiristoos isa Guyyaa jimaataa Fannoo irratti Fannifame Qaraniyoo gubbaa oole , Seenaa Iyyerusaalem keessatti tahe odessuu ykn waliin duddubatu turanii Gooftaan keenyis Akkuma Macaafa Qulqulluu kessatti bakka lamaafi Sadii taatanii Maqaa kootiin walitti qabamtanitti isiin giddutti argama jedhe isaan giddutti argamee isaan waliin Imale. Nutis Jaallatamttoota waaqayyo Bakka Oolmaa keenya Hundatti waahee Iyyesuus kiristoos isa nuf jedhee Fannoo baatee Suu rraa keenya nurra molqame nuf deebisuuf qullaa isaa Qaraniyoo gubbaa oole haasofnee waliin dudubannee Akka Luqaasii fi Qaloyoophaa Gooftaan isaan giddutti argame akka nu gidduutti argamu Fedhaa fi Eyyama isaa nufa tahu . โœ Iyyesuus " Inni isiin walii wajjiin Haasa'aa deemtan kun maali ? Jennaan nyaara guuranii dhaabbatan. Isaan lamaan kessaa Qaloyoophaa kan jedhamu " Warra Iyyerusaalem jiraatan kessaa wan gidduu kana ta'e kan hin bekne ,si'uuma duwwaadha ? Jedhe Innis waan attamiiti ? Isaaniin jedhe Mee Waliin Dubbii kana ilaalaa Kan isaan haasa'aan waahee Iyyesuus kiristoosiidha . Kan isaan waliin jiru Iyyesuus kiristoosiidha . Kan isaan gaafachaa jiruus Iyyesuus kiristoosiidha. Isaaniis " Waahee Iyyesuus nama Naazireet isa gochatti Dubbittis waaqayyo fi nama duratti Raajii aangoo qabeessa ture sana luboonni Angafoota du'i itti ha faradamuuf dabarsanii kennuun Fannisaniis Nuyi garuu kan Israa'eeliin furu isa jenne abdannee turre. Eyyee kun erga tahe harra Guyyaa 3ffaa isaati Warri dubartoonni harra Ganama gara awwalichaa dhaqan Abjuu nu godhanii Reeffa isaa awwaalcha kessa dhaqanii, Ergamoonni waaqayyo garuu itti mul'atanii " Iyyesuus jiraataadha " akka ittiin jedhan nutti himani ittiin jedhan. Inni immoo isiin gowwoota attamitti, waan raajonni jedhan Hundumaa amanuudhaaf yaadni garaa keessanii Attam daagiidha . Kiristoos kun kana hundumaa dhiphatee Ulfina isaatti akka galu ,barbaachisaa hin turre moo ree? Isaaniin jedhe. Innis Macaafa Musee Fi Macaafota Raajotaa Hundumaa isaaniif hiike. ๐Ÿ“– Luq 24:29 Mandaricha yeroo ga'aan " Nu bira Turi , galgala'eera ,Aduunis gad sokkiteetti ? Jedhanii jabeessanii isa kadhatan ,isaan Bira turuudhaaf duukaa ol gale.
1 29615Loading...
11
Mul'ata Qulqulluu Yohaannis ๐Ÿ’  Seenaa Kitaaba Mul'ata Yohaannis ๐Ÿ’  Seenaa Magaalaa Efeesoon fi Qulqulluu Yohaannis ๐Ÿ’  Mana Xaa'otii Arxeems fi Qulqulluu Yohaannis ๐Ÿ’  Qoqqoodiinsa fi Hiikoo Mul'ata Yohaannis ๐Ÿ’  Kaayyoo Mul'anni Yohaannis itti barreeffameef fi k.k.f link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa! ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://bit.ly/3I22FCz https://bit.ly/3I22FCz
8620Loading...
12
Taraa wajjiin nyaatatti yeroo Dhiyaate, buddenichas fuudhee ,eebbisee cabsees isaanif kenne Yeroo kana Iji isaanii banamee ni hubatan Inni garuu Isaan duraa Miliqeera .Isaanis yeroo inni karatti nutti dubbachaa Macaafa kessatti kan caafamees nuu ibsaa dhufe garaan keenya hun raafame, mitiree ? Waliin jedhan. Dhugumatti kun Carraa Akkamiidha laata ?? Utuu hin hubaatiin Iyyesuus kiristoos gara Mana isaaniitti Afeeruun Luqaasii fi Qaloyoophaa Akkam Kan Ayyaanomaniidha laata ? Jarroonni Kun lamaan Inni isaan Faana jiru Maalummaa isaa hin beekanii Iji Fooniin Ilaalaa turan wan tahef Garuu Gaafa iji isaanii isa Hafuuraa banamuf Inni isaan faana turre Fi isaan waliin Imalaa ture Dhugumatti Iyyesuus kiristoos akka tahe hubatanii Maatii waaqayyoo Harras Iyyesuus kiristoos gara mana jireenya keenyaa ykn Gara balbala Laphee keenya Akka dhufuf Kan simaannu yo taane :- ๐Ÿ‘‰ ๐‡๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐—๐ฎ๐ซ๐š๐š๐ฐ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐†๐š๐๐ข ๐๐ก๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐–๐š๐š๐ช๐จ๐ฅ๐ข๐ข ๐ญ๐จ๐ฅ๐Ÿ๐š๐ฆ๐š๐š ๐–๐š๐š๐ช๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ ๐Ÿ‘‰ ๐’๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐ข๐ข ๐ง๐š๐ฆ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐จ๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ‘‰๐ƒ๐ข๐ข๐ง๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐ช๐จ๐œ๐œ๐จ๐ฅ๐ฅ๐จ๐จ ๐Ÿ‘‰ ๐ˆ๐ง๐š๐š๐Ÿ๐Ÿ๐ข๐ข ๐Ÿ‘‰ ๐ƒ๐ก๐ž๐ž๐ค๐ค๐š๐ฆ๐ฌ๐š ๐Ÿ‘‰ ๐Ž๐Ÿ๐ข๐ญ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐˜๐š๐š๐๐š๐š๐ง ๐ ๐š๐ซ๐ ๐š๐ซ ๐›๐š'๐ฎ๐ฎ ๐Ÿ‘‰ ๐†๐š๐ง๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐–๐ž๐ž๐ง๐ง๐จ๐จ ๐Ÿ‘‰ ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐Ÿ‘‰ ๐Œ๐š๐œ๐ก๐ข๐ข ( ๐ˆ๐ง๐ญ๐จ๐ฑ๐ข๐œ๐š๐ญ๐ข๐จ๐ง) ๐Ÿ‘‰ ๐€๐ฅ๐›๐š๐š๐๐ก๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š (๐’๐ข๐ซ๐›๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š) kkkf of kessaa ha balleessinu!! Akkas kan goonu yo tahe Akka Luqaasii fi Qaloyoophaa Waaqayyo keenya Gara Mana jireenya keenyatti simanna. Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Group: Xoofoo qulqulluu isxifaanos โœ Dn Gadisa k Tulluu jireenyaa irraa 04- 9- 2016
2 38217Loading...
13
" Imaltoota Emaahus " Marq 16:12-13 โœ Namootni kun lamaan Luqaasii fi Qalyoophaadha .Luq 24:13-42 Gaafa Sanbata guddaa Mandara Iyyerusaaleem irraa 11km Kan fagaatu Namootni lama Gara Emaahusitti Imalu turan. Wanta gidduu sana Iyyerusaalem keessaatti tahe Haasa'aa adeemu turan .utuu haasa'aa, dubbachaa deemanii Iyyesuus kiristoos ofiisaan isaan bira ga'ee, isaan wajjiin deeme. Iji isaanii akka hin hubanneef ittifamee ture. ๐Ÿ“– Mat 18:20- Iddoo Namootni lama ykn Sadii Maqaa kootiin walitti qabamaniitti , ani achitti isaan gidduutti nan argama " jedheera waan tahef isaan giddutti argame. โœ Kabajamttoota Maatii waaqayyoo Mee Harra Daandii irra Imallu Bakka Oolmaa keenyatti Bakka mana barumsaa keenyatti Bakka Daldala keenyatti Bakka hojii dhuunfaa keenyatti ykn Hojii Mootummaa Keenya kessatti ๐Ÿ‘‡ Waahee Maalii Haasofna laata ? Waahee Maalii waliin dudubbanna laata ?? Akka Imaltoota warra Emaahus kanaa Waahee Iyyesuus kiristoos isa Ballessaa Malee Isa cubbuu Tokko malee Jaalala Ilmaan namaaf jecha Badiisa ilmi namaa ballessef Ofii isaa Aarsaa of taasisee Fannoo irratti guyyaa Jimaataa isa nuf jedhee Fannifame , Golgaa Ulfinaa nutti uffisuuf qullaa isaa Qaraniyoo gubbaa oolee waliin haasa'aan, waliin dudubbatan Haasofna laata ? Dubbanna laata ? Dubbannaan keenya mal fakkata laata Kan Foonii fi Hafuuraadha laata ? Moo Haasaan keenya Waahee Siyaasaa Waahee hammeenyaa Waahee Jibbinsaa Waahee Qodiinsaa Waahee Sanyummaa Waahee lolaa Waahee Fedha Foonii Waahee Jireenya Addunyaa Waahee Jireenya mataa ofii Haasofna laata ? Dubbanna laata ? Mee Hundumttu keenya of ha Madaallu !!! Gooftaan keenyi Iyyesuus kiristoos Waahee isaa Bakka Dubbatamu maratti ni argama wan tahef Imaltoonni kun lamaan waahee Iyyesuus kiristoos isa Guyyaa jimaataa Fannoo irratti Fannifame Qaraniyoo gubbaa oole , Seenaa Iyyerusaalem keessatti tahe odessuu ykn waliin duddubatu turanii Gooftaan keenyis Akkuma Macaafa Qulqulluu kessatti bakka lamaafi Sadii taatanii Maqaa kootiin walitti qabamtanitti isiin giddutti argama jedhe isaan giddutti argamee isaan waliin Imale. Nutis Jaallatamttoota waaqayyo Bakka Oolmaa keenya Hundatti waahee Iyyesuus kiristoos isa nuf jedhee Fannoo baatee Suu rraa keenya nurra molqame nuf deebisuuf qullaa isaa Qaraniyoo gubbaa oole haasofnee waliin dudubannee Akka Luqaasii fi Qaloyoophaa Gooftaan isaan giddutti argame akka nu gidduutti argamu Fedhaa fi Eyyama isaa nufa tahu . โœ Iyyesuus " Inni isiin walii wajjiin Haasa'aa deemtan kun maali ? Jennaan nyaara guuranii dhaabbatan. Isaan lamaan kessaa Qaloyoophaa kan jedhamu " Warra Iyyerusaalem jiraatan kessaa wan gidduu kana ta'e kan hin bekne ,si'uuma duwwaadha ? Jedhe Innis waan attamiiti ? Isaaniin jedhe Mee Waliin Dubbii kana ilaalaa Kan isaan haasa'aan waahee Iyyesuus kiristoosiidha . Kan isaan waliin jiru Iyyesuus kiristoosiidha . Kan isaan gaafachaa jiruus Iyyesuus kiristoosiidha. Isaaniis " Waahee Iyyesuus nama Naazireet isa gochatti Dubbittis waaqayyo fi nama duratti Raajii aangoo qabeessa ture sana luboonni Angafoota du'i itti ha faradamuuf dabarsanii kennuun Fannisaniis Nuyi garuu kan Israa'eeliin furu isa jenne abdannee turre. Eyyee kun erga tahe harra Guyyaa 3ffaa isaati Warri dubartoonni harra Ganama gara awwalichaa dhaqan Abjuu nu godhanii Reeffa isaa awwaalcha kessa dhaqanii, Ergamoonni waaqayyo garuu itti mul'atanii " Iyyesuus jiraataadha " akka ittiin jedhan nutti himani ittiin jedhan. Inni immoo isiin gowwoota attamitti, waan raajonni jedhan Hundumaa amanuudhaaf yaadni garaa keessanii Attam daagiidha . Kiristoos kun kana hundumaa dhiphatee Ulfina isaatti akka galu ,barbaachisaa hin turre moo ree? Isaaniin jedhe. Innis Macaafa Musee Fi Macaafota Raajotaa Hundumaa isaaniif hiike. ๐Ÿ“– Luq 24:29 Mandaricha yeroo ga'aan " Nu bira Turi , galgala'eera ,Aduunis gad sokkiteetti ? Jedhanii jabeessanii isa kadhatan ,isaan Bira turuudhaaf duukaa ol gale.
1 2047Loading...
14
๐Ÿ‘Baga Guyyaa Du'aa ka'uumsa lammaffaa Gooftaa keenyaan isiin gahe ! "Kiristoos Du'aa Ka'ee, Humnaa fi Aangoo Guddaadhaan, Seexanni hidhamee Addaam bilisoome, Kana booda, Nagaaf jaalalli Ta'ee"" โ‰๏ธManni kiristaanaa keenyaa Maalif du'aa ka'uumsa lammaffaa jette barsiifti? โœGooftaan keenyaa fayyisaan keenyaa Iyyasuus kiristoos erga du'aa kahe booda bakka bartoonni isaa walitti qabamani jiranitti gidduu isaanitti argamee ture. Fayyisaan keenyaa kiristoosis bu'uura abdii jireenya bara bara kan nuuf ta'e du'aa ka'uumsa qulqulluu kan nuu agarsise, dukaa bu'oonni walitti qabamanii, kadhannan cimaanii abdii isaaniif kenname eegacha waa'ee du'aa ka'uu Gooftaa osoo ajaa'ibsifatanii " Nagaan isinif haa tahu " jedhen. Gaafa kana Qulqulluun Toomas isaan giddu hin jiru ture. Gaafa inni dhufu dukaa bu'oonni waa'ee du'aa kahuu Gooftaa keenyaa yeroo itti himan amane fudhachu hin dandeenye. โœGooftaan keenyaa aangoo isaati awwala digee erga ka'ee guyyaa saddeeffaan boodas yeroo lammaffaaf bartoota isaati mul'ate. Kanuma irraa ka'uun du'aa ka'uumsa lammaffaa jedhame mana amantaa keenyaa keessaatti akka kabajamu fi yaadatamu kan taasiifame. โœGuyyaa kana Qulqulluun Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaanii mana cufatanii utuu taa'aanii, Gooftaan keenyaa Iyyasuus kiristoos dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe. Yeroo kan ammas Qulqulluun Toomaas qaaman arguusi hanga cinaacha isaa waraname fi harka isaa rukkutame argutti amanu hin dandeenye. Iyyasuus kiristoos garuu Toomaasiin, "Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!" jedhe. (Yoh 20:25-27) Egaa waaqayyo guyyaa sana Laphee Toomaasin bane akka amanu kan taasisee ofii isaati waaqa nagaa wan ta'eef. โ‰๏ธQulqulluu Toomas maalif du'aa ka'uu gooftaa amanu dide? โœToomas dhalootan warra Aser yoo ta'u du'aa ka'uumsi hin jiru jechuun kan amananii gosa warra Saaduqoota akka ta'ee hin himama. (Maat 22:23) sababuma kanaaf du'aa ka'uumsa Gooftaa shakkee kan ture . "Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu" gaafa ittin jedhamu Toomaas immoo, "Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?" jedhee gaafate ture.(Yoh 14:4-5) Durse kiristoos kan barsiise hubachuu dhabuudhaan kan raajonni kan dubbatan dagachuudhaan addunyaan osoo hin uumamin Abbaafi Afuura Qulqulluu wajjin kan ture; aangoon,waaqumman ajaju isaan wajjin tokko kan ta'e waa'ee gidiraafi dhiphuu ilma namaaf jecha gara addunyaa kana kan dhufee foonis kan mul'ate addunyaas qulqulluu fooniifi dhiigasaan kan fayyise,Kiristoosin amanuun Toomasitti kan cime har'a garuu ilaalu fi qaqabuun shakkii irra bararameera! โœRakkoon qulqulluu Toomas mudate har'as namoota addunyaa kana heddu burjajeessa jira. Amma dhuguma waaqayyo rakkoo fi dhiphina kana jala nu baasa? jecha kan shakkan baay'eedha. Kun garuu kan hubateef tooftaa seexanaa ta'uu isaa salphati adda baasuun hin cimu. Seexana'el jalqaba soban shakkiin ergamoota keessati uume akka akkasumas warreen shakkan maal akka ta'an namni wallalee hin jiru. Shakkiin nageenyaa nu dhowwata. Nagaa kan argannu garuu waaqayyoti amanuu male waaqa irra fagaatanii miti. โœToomas rakkoo shakkii kana jala kan bahe waaqayyoti siiqe ilaale, qaqabee amanee male waan shakkeef waaqayyon hin ganne. Dhugaa jiru adda baafate waaqumma isa erga amanee boodas" waaqa koo Gooftaa koo"jedhe dhuga bahe. Kanaaf yaa obboloota warri shakkii keessa jirtan shakkii keessa baha waaqayyos amana gara isaatis deebi'a waa'ee isaas dhugaa baha gatii keessan samiirra argatuti. " Waaqayyo inni nagaa kennus hunduma keessan bira haa jiraatu! "(Room 15:33) ๐Ÿ™ Waaqayyoof Galanni haa ta'u!
1 28111Loading...
15
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu? ๐Ÿ’  Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81 ๐Ÿ’  Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66 ๐Ÿ’  Kitaaba Sirna Qiddaasee ๐Ÿ’  Raajii Maariyaam ๐Ÿ’  Kitaaba Hiikoo Andimtaa ๐Ÿ’  Sirna Mana Kiristaanaa ๐Ÿ’  Seenaa Mana Kiristaanaa ๐Ÿ’  Kitaaba Aksimaaroos ๐Ÿ’  Kitaabolee Kadhannaa ๐Ÿ’  Dubbii Maariyaam ๐Ÿ’  Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa ๐Ÿ’  Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa! ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
260Loading...
16
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! โ›ช Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo โ›ช Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo โ›ช Barnoota Amantaa โ›ช Walaloowwan Afuurawaa โ›ช Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
4210Loading...
17
Kamisa ||Addaam Akka Moggaasa mana Kiristaanaa keenyatti guyyaan kun #Addaam Jedhama . Guyyaa kana Abbaa keenya Addaamiif kakuun galame xumuramuu isaa Yaadanna. Addam ijoollee isaa waliin du'a Ka'umsa Gooftaan jireenya haaraa akka gonfate Guyyaa itti yaadannuudha. 1qor 15:22 Harkisa Addaamiin Namootni hundinuu akka duhan akkasumas harkisaa Kiristoosiin namni hundinuu jiraataa ta'aaniru. Kanaaf Kabajamttoota Fi Jaallatamttoota Maatii waaqayyo Guyyaa kana Manni Kiristaanaa keenyi Addaam jettee sababii Moggaaftuuf sababa kanafidha. Guyyaa itti waadaan Gooftaan keenyi Iyyesuus kiristoos Abbaa keenyaa Addaamiif Dhala Dhala Dhala dhaladhee dhufee si fayyisa jedhee kakuu galeef Guyyaa kana Waadaan isaa Itti xumuramedha Kanaf ni yaadanna Egaa guyyaa har'aa Gooftaan keenyaa Iyyasuus kiristoos fayyisaa addunyaa Hundaa kan ta'e, waadaa Addaamii fi ijoollee isaaf gale raawwachuuf fannifamee qaaraniyoo gubbaa irra oole Jireenya ijoollee Addaamif Labse wan tahef Guyyaa kana Manni Kiristaanaa keenyi Addaam jettee Maqaa kana Moggastee Waaheee Waadaa Addaamiif galame Xumuramuu isaa yaadatti. Toora social Media kanan na hordofuu dandeessu Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Group: Xoofoo qulqulluu isxifaanos โœ Dn Gadisa k 1 -9-2016
1 2918Loading...
18
o Himan "Mucaa Gaarii Akka Argatan Itti Himan." Hundumaa Yeroon Haa Hiiku Jedhanii Si'a Mana Jaraa Galan Qulqulluun Gebri'eel Akka Haannaan Mucaa Godhattu Sagalee Misiraachoo Itti Himee Hagayya Guyyaa Torbaas Haannaan Fedhaa Fi Eeyyama Waaqayyootiin Haadha Keenya Qulqulleetii Dubroo Maariyaamiin Ulfoofte. #Osoo Gadameessa Haannaa Keessa Jirtuus Adaadaa Haannaa Beersaabee Ija Ishee Jaame Fayisteetti. Eessuma Haannaas Saaminaas Du'aa Kaasteetti. #Ayihuudonnis Kana Arganii Osoo Hin Dhalatin Erga Raajii Kana Hojjettee Gaafa DhalatteMoo Maal Ha Gootu Jechuun Sanyiin Ishee Daawit Fi Solomoon Waggaa Afurtama Afurtama Nu Bitani Jechuun Hannaa Dhakaan Dhoofnnee Ajjeesna Jedhanii Maryatani. #Yeroo Kana Qulqulluun Geri'eeliin Iyyaaqeemiidhaan Haannaa Fuudhii Gara Gaara Libaanos Deemi Jedheen. Akkuma Achi Ga'aniinis Haannaan Haadha Waaqayyoo , Haadha Ifaa deesse. #Egaa guyyaa dhalooota haadha waaaqayyoo kabajuu mitii guyyaa ijoolleen keenya itti dhalattellee waan nyaatamuu fi dhugamu qopheessine, tiishertii hojjechiisuun namoota heedduu karaa weeb saaytii gara garaatiin waamuun sagantaa guddaa uumnee kabajina. kan haadha waaqayyoo akkamitti #maaliif hin kabajinureee??? #Muulluun maaliif mulla'ama (affeelama)? Qixxaanoo maaliif qixxaa'ama??? #akkuma beekamu haati keenya qulqulleettiin dubroon maariyaam kan dhalatte gaara libaanos irratti dha. akka abbootiin barsiisanutti yeroo sanas namootni nannoo sanaa mulluu fi qixxaa qabachuun iddoo isheen itti dhalatte deemaniiru. bu'uuruma kanaan kiristaanonni gaara libaanosiin kan fakkeeffamtu mana kiristaanaatti wal ga'anii mulluu ni affeelu qixxaas ni qixxa'u. gama biraatiin iddoo manni kiristaanaa fagaatetti kiristaanonni walitti dhufanii mulluu kana affeeluun ayyaana kana yaadatu. alatti affeeluunis akka isheen manatti hin dhalanne agarsiisuufi. #mulluu kanas hammaaranii facaasuun buna siiniitti naqanii dhangalaasuun barumsa Abbootiitiin ala dha. #Ayyaana kanaan walqabatee baay'ee nyaachuun dhuganii machaa'uun sirbuun dhiichisuu fi shubbisuun ggonkumaa kan hin dandaa'amne ta'uun beekamee ayyaanichi bifa afuurawaa ta'een faarfachuu fi guyicha ilaalchisuun sagalee waaqayyoo wal barsiisuun barbaachisaadha. ===>Galatni waaqayyoof deessuu haadha isaatiif ha ta'u
1 80016Loading...
19
Maqaa Abbaa kan ilma kan Afuura Qulqulluu waaqayyo tokko Ameen. แˆแ‹ฐแ‰ณ แˆ›แˆญแ‹ซแˆ "Libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu." W/wedu Calu 4:8-9 #Baga Guyyaa Dhaloota Haadha Keenya #Qulqulleettii #Dubroo #Maariyaam Waggaa 2028'ffaa dhaaf Nagaan Geessan. #Hidda Sanyii Dhaloota Q/D/Maariyaam """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" ==>#Pheexiriiqaa fi Teektaa kan jedhaman gaa'ela qulqulluun kan wal fuudhan Abbaa Warraa fi haadha warraatu turan. jarri kun ijoollee waan hin qabneef Teektaan pheexiriiqaadhaan ana waaqayyo dhala na dhowwateera. nama nu dhaalullee hin qabnu. kanaaf gara dubartii biraa deemii mucaa godhadhu ittiin jette gorsite. Pheexiriiqaan garuu an kana gochuu mitiiakkan laphee koottillee hin yaadne waaqni israa'eel na beeka jechuun gonkumaa kana akka hin raawwanne hubachiise. #marii kana boodas Teektaan Pheexiriiqaadhaan akkas jette. waan waaqayyo godhu kan beeku hin jiru. kaleessa galgala abjuu kootiin jabbiin goromsi adiin gadameessa koo keessaa baate. jabbiin adiiin kunis jjabbii adii kan biraa hanga dhalooota torbaatti utuu deeessuun arge. jabbiin isheen adiin torbaffaanis #addeessa osoo deessuu fi addeessi sunis #aduu utuu deessuun arge jechuun abjuu ishee pheexiriiqaattti himte. #Abjuu kanas ajaa'ibsiifachuun waaqayyoon galateeffachaa gara nama abjuu hiikuutti deeman. namni abjuu hiiku sunis waaqayyo ija dhiifamaa fi arjummaa isaatiin isin mil'ateera. jabboota goromsa adaadii 7 dhalatu arguun keessan ijoollee dubaraa torba ni godhattu. jabbiin isheen 7 ffaan #addeessa da'uun ishee nama irra kan caaltu ergamooota waaqayyoorra kan ulfaattu mucaa gaarii godhattu. kkan #aduu garuu beekuu hin dandeenye jedhee abjuu jaraa hiikeef. ji'uma kana keessas Teektaan ni ulfoofte. mucaa durbaas deesse. maqaa ishee Heemeen jettee moggaafte. itti fufuunis ijoolleen dubaraa armaan gadii duraa duubaan dhalataniiru. #Heemeen ==> Derdeen deeesse #Derdeen ===> Toonaan deesse #Toonaan ===> Sikaar deesse #Sikaar =====>Seetinaa deesse #Seetinaa ===> Heermeellaa deesse #Heermeellaa=> Haannaa deesse #Haannaan ==> Caamsaa Guyyaa tokkoo haadha keenya qulqulleettii maariyaamiin deesse. Egaa hiddi dhaloota haadha Keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Abbootii fi haadholii qulqullaa'oo irraa walqunnamtii gaa'elaa qulqulluun kan argame waan ta'eef faarfatichi Daawit "#Bu'uurri ishee tulloota qulqullaa'oodha" kan jedhameef kanaafi. Faar 86(87) : 1 #Seenaa dhalooota Q/D/Maariyaam. ============================ #Akkuma Beekamu Haati Keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Caamsaa Guyyaa 1Bara 16( Dh .K D)tti Gaara Libaanos Jedhamu Irratti Abbaa Ishee Iyyaaqeem fi Haadha Ishee Haannaa Irraa Dhalatte. Waa'ee dhalachuu Ishee Kanas Solomoon Dhalachuu Ishee Dura Waaggaa 1000tti Libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu Jechuun Dubbateera. W/we/Calu 4:8-9. #Maarree Har'as Haati Waaqayyoo Ilma Ishee Fudhattee Gara Jireenya Keenyaatti Akka Nuuf Dhuftuuf Akka Solomoon libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu Haa Jennu. #Sababni Isheen Gaara Libaanos Irratti Dhalatteefis :- #Guyyaa Gaafa Tokkoo Qulqulleettiin Haannaa Fi Qulqulluu Iyyaaqem Aarsaa Mabaa (แˆ˜แ‰ฃ) Fudhatanii Gara Mana Waaqayyoo Deeman Haannaan Dhabduu Waan Turteef Dubartii Dhabduu Harkaa Aarsaa Hin Fuunu Jechuun Lubootni Mana Qulqullummaa Sanaa Didan. #Haannaanis Baay'ee Gadditee Osoo Muka Tokko Jala Iyyaaqeem Waliin Taa'anuu Gugeen Ilmoo Ishee Wajjin Osoo Taphattuu Agartee Haannaan Maaloo Yaa Waaqa Koo Maaliif Hanga Gugee Kanaallee Na Hanqiste? Isheen Kunoo Ilmoo Qabdi Ilmoo Ishee Wajjinis Taphatti Jette Baay'ee Boosse. #Muka Sana Jalattis Hirribni Jara Fudhatee Abjuu Abjo'atan. Abjuu Kanaanis Uleen Iyyaaqeem Daraaree Firii Baasuu Haannaan Agarte. Iyyaaqeem Immoo Gugeen Adiin Tokko Samii Torba Addaan Kuttee Karaa Gurra Haannaa Seentee Si'a Gadameessa ishee Keessa Boqottu Arge. Erga Dammaqaniis waan Ta'e Hundumaa Walitti Himani. Guyyichis Waxabajjii 30 Ture. #Waan Ta'es Warreen Abjuu Hiikanitti Yero
1 77528Loading...
20
" Dhalootni kee Adda" !!! Namootni kan dhalatan haadhaa fi abbaa isaaniif madda gammachuu ta'uufidha. Ati garuu kennaa fi qabeenya addunyaa taatee dhalatte. Ati dhalattee kan deesseetiin addunyaan waan fayyeef. Namootni kan isaan dhalatan mana haadhaa fi abbaa isaanii keessatti dha. Ati garuu tulluu irratti dhalatte. Qabeenyummaan kee addunyaaf malee Iyyaaqeemiif Haannaaf qofa akka hin taanes mana isaanii alatti dhalachuukeetiin nuuf mirkaneessite. Ofii tulluu taatee tulluu irratti dhalachuun kee immoo nama ajaa'iba. Tulluun lafa irraa ol ka'ee samii irraa gadi jedhee akkuma argamu Atis ulfinaan uumamootaan ol uumaatiin gadi ta'uukee fakkeenyaan nu barsiisuufidha. Raajii garaa Haannaa keessatti hojjechuu (garaa Haannaa keessa osoo jirtuu nama du'e kaasuun) kan eegalte durbummaadhaan uumaa da'uun mirkaneessite. Kan si irraa dhalate Iyyasuus Kiristoos Waaqas namas akkuma ta'e, Atis haadhas durbas jedhamtee waamamte. Garaa haadhakee Haannaa keessatti godaansa kan eegalte fooniin lafa kanaa irraa yeroo boqottu xumurte. Haadha godaantotaa waan taateef osoo hin dhalatiin garaa Haannaa keessa taatee gara gaara Libaanositti godaantee achitti dhalatte. Har'as laphee kiristaanotaa keessaa si godaansisuuf diinni ciisee hin bulu. Ati garuu godaanuun godaansa nuuf eebbiste. Eebbi fi Kadhannan Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii bakka jirru hundatti nuhaa qaqqabu Jaalalli Ilma ishee Egumsi Ergamootaa Kadhannaa Qulqullootaa fi wareegamttoota nu waliin ha tahu Ayyaana Gaarii hunduma keenyaf ha tahu Toora social Media kanan na hordofuu dandeessu Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Group: Xoofoo qulqulluu isxifaanos โœ Dn Gadisa K Tulluu Qaraniyoo jela Caamsaa 1:9:2015 B.A Nekemtte
9845Loading...
21
https://youtu.be/eFhzwHZiVzc?si=VwZDQ12bJp42kf4Z
9893Loading...
22
Guyyoota 7'n Du'a Ka'umsa Gooftaa keenyaa Booda Jiran. Wiixata| Maahidoot โœ Du'aa Ka'umsa Gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos booda wiixatni Akka barumsa Ortoodoksii Tewaahidootti " MAAHIDOOT" Jedhama. โœ Maahidoot :- jechuun jecha gi'iizii ta'ee Ce'umsa jechuudha. โœ Guyyaa kana Manni Kiristaanaa lubbuun Boqonnaa dhabde gara Boqonnaa isheetti Dukkana kessaa kan turte gara Ifatti Gadda kessaa gara gammachuutti Si'ool kessaa gara jennatatti akka dhufe Guyyaa itti yaadannuudha. โœ 1 Qor 5:7 Raacitii moofaa isin kessa jiru garaa Raacitii of kessaa hin qabdan erga tahee isin bultoo haaraa hin taatu Kiristoos hoolaa Faasikaa keenya aarsaa nuf taheera jechuun Phaawuloos ragaa baheera Torbee gaarii nufa tahu Toora social Media kanan na hordofuu dandeessu Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Xoofoo qulqulluu isxifaanos โœ Dn Gadisa k 28-8-2016
1 84214Loading...
Repost fromย Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! โ›ช Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo โ›ช Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo โ›ช Barnoota Amantaa โ›ช Walaloowwan Afuurawaa โ›ช Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
Hammasini ko'rsatish...
Koorsiiwwan EOTC
Faaruuwwan EOTC
Join โœ”๏ธ
Repost fromย Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa! โ›ช Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo โ›ช Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo โ›ช Barnoota Amantaa โ›ช Walaloowwan Afuurawaa โ›ช Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu. Join Join Join
Hammasini ko'rsatish...
Koorsiiwwan EOTC
Faaruuwwan EOTC
Join โœ”๏ธ
Wantoota dhufanis gonka gadi of qabuun simatti turte. Uffata haalluu uumamaa qaban uffatti ture.Kunis sirriitti ishee waliin kan deemuu fi mataa ishee irratti uffanni Qulqulluu kaawwattu dhugaa kana ibsuu kan danda'udha. Daandii hunda irrattis kennaa Waaqayyoon kan guutamte turte.ยป jechuun waa'ee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ibseera. Kitaaba Malka'a Maariyaam kan barresse haadha Waaqayyoo kan taate Dubroo Maariyaam fuula ishee arguuf hawwee ยซAduu guyyaa hunda ifu faaya isaa kan taasifate bifa keetiif nageenyi ni ta'a. Jaalala kan filattuuf (jaalala kan jalqaba taasifattuuf) ati Maariyaam kan biraatiif kan hin himne akkan sitti himuuf altokko fuula kee naaf ibsiยป jechuun kadhateera. Kadhannaa fi eebbi haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nu waliin haa ta'u! Galanni Waaqayyoof haa ta'u! Toora social Media kanan na hordofuu dandeessu Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Group: Xoofoo qulqulluu isxifaanos โœ Dn Gadisa K Tulluu Qaraniyoo jela 21 -10-2016 B.A
Hammasini ko'rsatish...
Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam osoo adda hin kutiin Caamsaa 21-25 tti Ergamootaa waliin, Hangafoota Ergamootaa waliin, Raajota waliin, Duuka Bu'oota waliin, Qulqulloota waliin Wareegamtoota waliin, Durbootaa fi Monoksoota waliin ta'uun isaanitti muldhatti ture. Kan amanes, kan hin amannes ishee arga ture. Kiristaanonni amanan amantaan isaanii yeroo cimuuf, kanneen hin amanne ammoo ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti amanuun kennaa ilmaa fi maqaa Kiristaanummaa ni argatu ture. Gullilaatii sana irrattis yeroo ibsamtu ykn muldhattu, yaadaan, lubbuun, fooniin Qulqulleettii kan taate haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam miidhaginni fuula ishee fi ifti bareedina ishee garmalee ajaa'ibaa waan tureef Luboonnis uummannis akkuma Elsaabeet ยซHaadha Gooftaa keenyaa nuuf ibsamuu ykn muldhachuu keetiif nuti akkam carra qabeessotaaยป jechuun ni iyyu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis isaan eebbisti ture. Jaalalli haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam sirriitti kan baay'ateef Abbaan Tsiggee Dingilis Dabra Mixmaaqitti kabaja guddaan ibsamtee Kiristaanota tti kan muldhatte haati Waaqayyoo isaafis akka ibsamtuuf Kitaaba isaa Mahileeta Tsiggee irratti ยซBifa fuula keetii ilaaluuf kan namni du'e amma ka'uutti guyyoota Shaniif Dabra Mixmaaqitti ibsamtee ykn muldhattee yeroo turtetti Yaa Maariyaam! hangam nama gammachiista ture! guyyaadhaan kan si arge mitiitii halkaniyyuu abjuu isaatiksn kan si arge kan eebbifamedha.ยป jechuun kadhateera. Namni amanamaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Abbaan Tsiggee Dingil temesxoo dhaan ta'uun garmalee ajaa'iba kan taate Si'ilii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam erga ilaaleen booda jechoota galataa kana isheef dhiyeessa ยซMaariyaam Si'iliin kee Addunyaatti kan akkasitti ibsitu yoo ta'e, Samii irratti fuulli kee hangam haa ifu hangam haa bareedu? si arguu irraa gammachuu argamu akkan quufuuf abjuudhaan naaf ibsami! ยป jedheera. Hayyuu ykn beekaan Mana Kiristaanaa Itoophiyaa Abbaan Giyoorgiis inni Gaasiccaas Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya join Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kana Kitaaba Galataa Inziiraa isaa irratti ยซYaa Mootittii! Mootonni siif ni tajaajilu, mootonni si'i ni galateffatu, si'is ni jaju, maqaa keetiifis gadi jedhu, kennaa keetiifis sagada ni sagadu, kabaja keetiifis galata ni dhiyeessu. Xiiroos fi Siidoonaa, namoonni Gibtsii fi Itoophiyaa, Fiinqee fi Roomiyaa, Maaroon fi Armaaniyaa miidhagina bifa keetiin itti tola. Naatoo keetiinis ni gammaduยป jechuun ibseera. Lapheen isaanii guutummaatti waan gaariin kan guutame, iccitiin sirriitti kan ifeef, jechaanis galatoodhaanis kan isheennm gitu kan hin arganneef, ogummaadhaan kan guutaman beektonni Mana Kiristaanaa kanneen yeroo durii turan waa'ee haadha Waaqayyoo baldhinaan barreessaniiru. Hangafni Phaaphaasotaa Qoophiroos Qulqulluun Ephifaaniyoosis ยซHaati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam karaa hundaanuu kan kabajamtee fi cimtuu turte, kan dubbattus baay'ee xiqqoo kan ta'eefii innis raawwachuudhaaf barbaachisaa yeroo itti ta'uttidha. Garmalee qophooftuu taatee kan dhageesssuu fi salphaatti haasaa taasisuu kan dandeessudha. Namoota tokkoon tokkoon isaaniitiif kabaja ykn nageenya ni kenniti. Hojjaan ishee giddu galeessadha, namoonni tokko tokko garuu hojjasn ishee dheeraa akka ta'e ni dubbatu, nama tokkoon tokkoon waliin sodaa malee ifatti kolfaa fi iyya tokko malee ni dubbatti. Keessattuu gonkumayyuu aariidhaaf nama hin affeertu ture. Bifti ishees akka Oomisha Qamadii gahee kan bareede, rifeensi ishee gara diimaatti kan siqu, iji ishee ifoo fi gara laafessoota kan ta'aan bifti iisaaniis gara 'Bunnaammaa' tti kan siqu, baalleewwan ija ishees Magariisa - Zayitaa fakkaata, nyaarri ija isheetiis gartokkeen nannawaa fi haalluu Gurracha ifaa qabu. Funyaan ishees dheeraa yoo ta'u, hidhiiwwan ishee Diimaa fi guutuu ture. Fuulli ishees geengon isa boca Hanqaaquu kan qabu yoo ta'u, harki ishee dheeraa fi qubni ishee baay'ee dhedheeroo turan. Oftuulummaa kamirraayyuu bilisa kan taate yoo ta'u, maal na dhibdeen ishee bira gonkumaa hin jiru ture.
Hammasini ko'rsatish...
Baga Gessan! Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn muldhachuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin Caamsaa 21-25 (Dabra Mixmaaq) Gibtsitti kan argamtu maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin kan ijaaramte Gullilaatii Mana Kiristaanaa Dabra Mixmaaq irratti Dubroon Maariyaam Caamsaa 21-25 tti walitti fufiinsaan ibsamuu ykn muldhachuu isheetiin, Sabni Kiristaanaa Ayyaana yaaadannoo ishee ni kabaju. Haati keenya Qulqulleettiim Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin gara dachee Gibtsiifi Itoophiyaatti yeroo godaantee turtetti iddoo yeroo ammaa kana ยซDabra Mixmaaqยป jedhamutti boqotanii ture. Gooftaa keenyas bakkicha eebbisee iddoo isheen itti ibsamtu ykn muldhattu akka ta'uuf Waadaa galeefii waan tureef, yeroon isaa yeroo gahetti Dabra Mixmaaq Gaddamamee (Kawaala ta'ee) iddoo buufannaa Monoksoota hedduu ta'e. Dabra Mixmaaqittis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ifa uffattee, raayyaan Ergamootaa isheetti marsayetoo yeroo sanattis Suraafeel Ultuu ykn Maa'ixantii isaanii qabatanii sagadaniif, akkas jechaas ishee galateeffatan ยซAbbaan Samii irraa ilaalee kan akka kee hin arganne, sirraas nama ta'eยป (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21) Wareegamtoonnis akka aangoo kabaja isaaniitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif sagaduuf icciitawaa kan ta'aan fardeen isaaniin irra ta'aanii gara isheetti dhiyaatan. Jalqaba irrttis hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgiis hunda dursee ni sagadeef, boodarras warreen kaan bifa walfakkaataan sagadaniif. Kana boodas Qulqulluun Marqooriyoos farda isaa irra taa'ee gara isheetti dhufuun ni sagadeef. Qulqulloonnis kabaja isheef itti dhiyaatanii ni sagadaniif, itti aansuunis Mootiin Heeroods kan isaan ajjeesise Daa'imman Beeteliheem ni sagadaniif, jaalalaa fi gammachuudhaanis ni taphatan. Namoonni naannoo sana turan Kiristaanonnis, warreen hin amannes kana yeroo arganitti gammachuudhaan Addunyaa biraa keessa waan jiran itti fakkaata ture. (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21) Namoota Dabra Mixmaaqitti walitti qabaman keessaa Abbaa fi haati isaanii, firoonni isaanii, akkasumas hiriyoonni isaanii namoonni jalaa du'an Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam akka itti agarsiistu namoonni yeroo ishee kadhatan akka bifa isaanii duriitti itti agarsiisti ture. Namoonni tokko tokko ammoo huccuu citaa isaanii (Mahaarrabii) isaanii ol itti darbatu ture, isheenis kan jaallatte yoo ta'e harka isheetiin qabdee deebistee kennitiif ture. Yeroo kanas namoonni hundi eebbaaf addaan hiratu ture. Isaanis yerootti gara Mana isaaniitti deemuu barbaadanitti nagaa itti dhaammatanii fi eebbifamanii deemu ture. Namoonni Dabra Mixmaaq fi naannawaa ishee guyyaa itti Dubroo Maariyaam arganitti warreen hin amanne kan itti amanan, kan balleessan araarsummaa isheetiin araaraa fi dhiifama kan itti argatan, kanneen amananis guyyaa itti eebbifaman ture. Uummannis ishee kadhatanii wanti dhaban hin jiru ture. Raajonni, Duuka bu'oonni, Qulqulloonni, Wareegamtoonni, Durboonni, Monoksoonni, Ergamoonni, Hangafoonni Ergamootaa Dubroo Maariyaamiif yeroo sagadanis ni muldhatu ture. Raajichi Waaqayyoo Daawwit ยซSooressonni biyya lafaa, Ahizaabonni hundis fuuldura keetti ni deddeebi'uยป Faar. 44/45:12. jedhee Raajii kan dubbateef, Qulqulleettiin Qulqullootaa Dubroo Maariyaam ibsamteefii, itti muldhattee, arguuf hawwaniiru. Kadhannaan isaaniis dhaga'aameefii, haati Waaqayyoo ibsamteefii ykn itti muldhattee bifa ishee ajaa'ibaa arganiiru. Kanneen keessas Dabra Mixmaaq namoonni turan, kanneen biroos Qulqulloonni hedduu keessatti argamu. Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dursee bara Sigaawweetti Dabra Mixmaaqitti akka ibsamtu bu'uura waadaa inni galeefiitiis Itoophiyaa irraa, Gibtsii irraa, Armaniyaa irraa, Sooriyaa irraa, Room irraa, Tsirii irraa ykn Griikii irraa, Faars irraa dachee ykn iddoo Dabra Mixmaaqitti dunkaana dhaabanii ykn dunkaana buufatanii Caamsaa 21 jalqabee hanga Caamsaa 25 tti gammachuu guddaadhaan ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajuu ni jalqabu.
Hammasini ko'rsatish...
Repost fromย Nehemiah Promotion
Hammasini ko'rsatish...
Kitaaba Qulqulluu
Kitaabolee Koorsii
Kitaabolee Kadhannaa
Sirna Mana Kiristaanaa
Hunda iddoo tokkotti