cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

@ODAA ROOBA post

Yaada fi imala egeree barattota Magaalaa gindhiir fi naannawa [email protected] gahaa dabalata @Africathefirst. Odaa roobaa Gadaan roobaa nagayaa.!!

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
250
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Dugda Morookoo keenyaa Nurraa kaffalte gumaa Baguma ijaan argine Kolfa kee isa dhumaa! Jechatu na hanqata Ibsachuudhaaf miirakoo Baguma naaf milkoofte Leo Messi dhiirakoo Biqiltuu firii gaarii Taatee biyyaaf margitee Bu’aa dadhabbii keetii Baga ijaan argite Abjuukee bara qaataa Obsaan dhugoomsiteetta Hundaanuu mara caaltee Haalaan nuboonsiteetta Samii gadiif, ardii ol Dirra lafaa gubbaadhaa Gonka madaala-n qabdu Sidha mootiin kubbaadhaa Waaqatu si badhaase Uumamaan kennaa qaalii Mootii mootota kubbaa Jechi si gitu maalii? Gabaabduu lafa biraa Qalbi qabeessa mucaa Ati bar kubbaa miilaaf Bakkalcha ifu, gucaa Of giddisuuf of himuu Ati hin qabdu haajaa Hojii keetu dubbatee Addunyaa mara raaja Obsaaf kutannoo keetu Bilchinakee akeeka Ciminaaf dandeettiikee Kan si argetu beeka Bakka dheeraan hin geenye Gabaabbattus geesseetta Rikoordii yoomuu hin cabne Maqaa keetiin keesseetta Kubbaan miilaa siin ala Hiika guutuu-n qabaatu Eenyumtuu qixa keetti Hin jabaanne, hin jabaatu Tarsiimoo taphaa uumtee Karra namaa cabsita Moo’ame osoo jedhamuu~daqiiqaatti jijjiirtee Injifannoo labsita Tooftaadhaan gowwoomsitee Morkataa firfirsita Tapha gochaan barsiiftee Daawwataa qirqirsita Gooli eegaa adabdee Kiyyootti mirmirsita Akka waan luka keettii Maagneetii woyii qabduu Maashinaanumaan oomishta Ati galchii hin dhabdu Cimina addaa kana Jecha kamtu simamee? Kee kun silaa raajiidha Lakki hin dhumu himamee Bakka har’a geesse kanaaf Hedduu kaffalte aarsaa Ana miti seenaatu Bara baraan si faarsaa Gabaabaa hojiin dheeraa Messi kubbaadhaan michuu Jabaan hagakee ga’u Dhalachuun shakka sichuu... Kanniisaan hiddamtullee Obsaan baafattee damma Baguma naaf gammadde Milkii hin dhabin ammaa Warqiin silaa gaansitee Mana keetti wal dhaltii Baga mirgaan naaf galte Geebaan duruu siin malti! ✍️.... Riyaad Raayyaa
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
00:18
Video unavailableShow in Telegram
VID_20221208_143058.mp47.28 KB
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Repost from Burqaa Ispoortii
54' geeddaramee seene 64' goolii galche 66' assist godhe Instant impact Abuubakar🔥
Hammasini ko'rsatish...
Repost from Sky Sports Football
Goal - ABOUBAKAR Cameroon 2 - 3 Serbia @Fifa_World_Cup_2022QatarQ
Hammasini ko'rsatish...
Ani Obsuu dadhaabeera Adeeroo.!!!! Agartuun saba bal’aa Qaroon keenya jameeree? Dungoon aartii Oromoo Akka tasaa dhaameeree? Duuti garaa jabaatee Adeeroo nu saameeree? Anoo abjuun se'aara Natti himimee namana Du'a Adeeroo keenyaa Akkamittan amana? Ija ummatasaa duraa Akka tasaa maqeeree? Dhugaa garaa jabaatee Biyya-n galle dhaqeeree? Uff...... Gadda gaddarra caalu Madaa hin qoorre, cabakoo Jecha kamiin ibsadhu? Maal jedhuree sabakoo? Guca aartii Oromoo Faajjii tokkummaa keenyaa Tiriikaa gaaf rakkoo Ifaan nuuf ta'e beenyaa Goota bara dukkanaa Of ta'uu nu barsiisee Maandisa qabsoo sabaa Karaa nutti agarsiise Goota sagalee ol kaasee Oromummaa lallabee Aarsaa guddaa itti baasee Boquu keenya ol qabe Gameessa rafee-n bulle Galmaan ga'uudhaaf irbuu Goota Oromummaan boonee Qomasaa dhiibee sirbu Hayyuu dubbiin afaansaa Hawaasa bal’aaf sifu Guca aartii Oromoo Baroota kumaaf ifu Egaa.. Abbaa keenya qaalii Har'a du’aan dhabneerra Madaa yoomuu hin qoorre Gaddaan onnee cabneerra Abbaan dhaloota qubee Of ta'uu irraa barre Nujalaa sokkaniiru Taaddee’f Haacaaluu tarree Biyyi lafaa ergisa Duuti nama-n seeratu Gootnis hojiin jiraata Male, umrii hin dheeratuu Doktar sabaaf jiraachuun Nuuf baasaniiru aarsaa Yoomuun dagatamanu Seenaatu isaan faarsaa Bara baraan jiraatu Hin duune Alii Birraa Galfata nurraa qabu Imaanaan naafi sirraa Egaa.... Murtii uumaasaa didee Uumamni hin himatuu Rabbiin Adeeroo keenya Jennataan haa simatu! ✍️...... Riyaad Rayyaan
Hammasini ko'rsatish...
#Doktar_Lammaa_Magarsaa Preezidaantiin Oromiyaa duraanii Doktar Lammaa Magarsaa boqochuu Artist Alii Birraatiin gadda itti dhagahame ibsan. Aliin bu’uureessitoota qabsoo Oromoo ammayyaa bifa ammayyaan muuziqaadhaan qindeessan keessaa hayyuu  hangafa jedhu Doktar Lammaan. Ummatoota gaanfa Afrikaa keessati cunqurfamaa turaniifis sagalee ta’uun nama jaalala horate jechuun ibsan. Walaloo fi yeedaloon isaa sagalee kiilolee isaatiin  dhiyaachuun qilleensa bilisummaa fi jaalalaa ta’uun Oromiyaa jaarraa walakkaaf tajaajilaa tureera kan jedhan Doktar Lammaa Magarsaa, Oromiyaa fi jaalala biyyaa qora qalbii uummataa keessatti ijaareera jedhan. Preezdaantiin duraanii Oromiyaa kun Aliin barsiisaa Oromummaati jedhu. “Barsiisaa Haqaa fi obbolummaati,  Baran Oromiyaa gaggeessaa turetti hayyoota dhiyeenyaan na gorsaa, na utubaa, na sirreessaa turan keessati” jedhu. Oromoo fi Saboonni biroo hayyuu guddaa dhabani, ta’ullee Aliin ilmaan hedduu guddiseera, sanyiin inni facaaase ija godhatee jira jedhan. Hojiiwwan isaatiin tarree duraa gootota keenyaa keessatti yaadatamaa tura. Ni leellifama. Qaaliiwwan akka Haacaaluu Hundeessaa, Nuhoo Goobanaa, Daadhii Galaan, Usmaayyoo Musaa, Eebbisaa Addunyaa fi kannee biroo waliin bara baraan faarfama jedhan doktar Lammaan Magarsaa.
Hammasini ko'rsatish...