cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Daandii Milkii(Jennataa)

Chaanaaliin kun kan barsiisu Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabuun madaaluudha (Comparative religious). Dubbisi, xiinxali, gulaali, madaali, filadhu, hordofi, nama itti affeeri. Yaadaaf @Saahibu28

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
6 911
Obunachilar
+1024 soatlar
+1867 kunlar
+1 03930 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

#Goodansa #gara-madiinaa fi #Biyya #ijaaruu #Seenaa #Nabiyyii Nabiyyiin yeroo waqtiin hajjii ga'e kellaa Makka irra dhaabbachuun hawaasa kallattii adda addaa irraa gama makka dhufu gara amantii Islaamaatti waamu. Namoonni gariin ni sobda; Rabbiin tokkoo miti yoo jedhanuun, gariin immoo itti qoosaa bira darbu. Garuu isaan kana ilaalanii of duuba hin jedhan. Osoo haala nuffisiisaa ta'e kanaan da'awaa godhanuu ergamuu isaanii irraa jalqabee woggaa 11 tti Tuuta madinaa irraa dhufan tokkoon wal argan. Tuunni kunis waamicha isaanii qeebaluun Muslimoota  ta'an. Bara itti aanus (ergamuu isaanirraa bara 12itti) ammas tuutni biraa dhufee Islaamummaa fudhate.  Isaanis jara kanaa waliin walii galtee gochuun Saabota  irraa namoota Qur'aana isaan barsiisan kennanii gara Madiinaatti geggeessan. Worri ergaman  Akkuma achi dhaqabaniin ummaticha baraiisuu jalqaban. Ummatichi bifa adda ta'een amantii kana simate. Amantii Islaamaa siffisaan bababal'achuu itti fufe. Ammas bara 13ffaa itti namoonnii muraasni Nabiyyiin walqunnamuun yoo inni gama isaanii( Madiinaan) dhufe akka isaaf deeggarsa godhan waadaa galan. Waadaa kana booda Muslimoonni Makka keessatti Qureeshotaan roorrifamaa turan gara Madiinaa godaanan. Akkasumas warra Habashaatti godaane irraas namoonni baay'een gara madiinaatti deebi'an. Guruu Nabiyyiin achuma Makkatti afuun da'awaa itti fufan. Gama biraan immoo Nabiyyiin Naannoo Makkaatii fi Makka keessatti Sahabota isaa wajjin jiraachuu dadhabuun Kun Kuffaara Qureeshotaaf  cidha guddaa ta'ee jira. Garuu Nabiyyii of duuba hin deebifne. Inumaa Firii da'waa isaanii Makkaafi naannoo isii keessatti arguu baatanis fageenya Kilomeetira dhibba Shan fagaatu imalee Madiinaatti biqilee daraaree urgaan isaa  ofitti nama harkisuu jalqabeera.  Booda irra Kuffaarri Qureeshii odeefanmoo kana yeroo  dhaga'anu Nabiyyiin gara Madiinaa  deemnaan fudhatama argachuu isaa waan beekanuuf tarkaanfii ajjeechaa Nabiyyii irratti  fudhachuuf murtessan... Yeroo kana Nabiyyiin lubbuun ni afu jedhanii yaaduun ni ulfaata. Sababni  isaa biyya bulchiinsa sirnaawaa fi Seera ittiin bultu qabdu keessa hin jiru. Qaamni qabeenya badee fi lubbuu bade hordofu seeratti dhiheessus  hin jiru. Biyya sanitti isaanuu jaarraa hedduuf walnyaataa turani. Kana ta'uu wajjin yeroo Nabiyyii ajjeesuuf murteeffatanitti akka dhiigni isaa gosa isaatiin  hin barbaadamneef immoo nama isa ajjeesu gosa baay'ee irraa walitti qabuun seefii filatamaa summii dibanii itti kennuun itti ergan. Rabbiin guddaan yeroo kana akka  isaan Makka keessaa bahuu qaban  Nabiyyii ajaje. Kuffaaronni waan yaadan osoo bakka hin ga'atin hafan. Lubbuun arka Rabbii uumee waan jirtuuf osoo isaan isa hin xuqin isaan gidduu ba'ee nagayaan  Bara 622tti  Dh.K.D Madiinaa dhaqabe. Yeroo Isaan Makka irraa ba'an Qureeshonni labsii  namni fayyaa isaas ta'u du'aa isaa qabee fide Gaala dhibba tokko badhaafa jedhu  labsan. Biyyi guutuun  Nabiyyii argee  qabee fiduuf  yaalus ijji arka Rabbii waan jirtuuf Nabiyyii  arguu hin dandeenye... Akkuma Madinaan ga'ee qubateen Masjiida jiraare, Muhaajiraa (warra iddoo biraa irraa gara Madiinatti  godaane) fi  Ansaara( jiraattota madiina kanneen baqattoota simatan) walitti obboleemse,. Gidduu Muslimootaa fi Mushrikoota Madinaa,Yahuudotaa madiinaatti walii galtee nageenyaa mallatteesse. Kana irraa kan ka'e Madiinaan biyya jabduu kan Muslimootaan hogganamtu isii jalqabaa taate... Itti fufa... Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Hammasini ko'rsatish...
4
#Islaamummaan #amantii #bilisummaati. Rabbiif malee qaama tokkoof gabroomuu hin eeyyamu. Ilmi namaa uumaa Rabbii keessaa isa irra kabajamaa fi ulfaataadha; kanaafuu nama akka isaa gabbaruun ,yookiin uumama biraa kan isaa gadii gabbaruun kabaja ilma namaa balleessuu fi haqa Rabbiin ittiin kophaa bahe qaama biraatiif kennuudha. Kanaaf Islaamummaan Rabbiin malee qaama biraa tokkollee(ergamaa ta'us, Malaykaa ta'us muka, dhagaa, aduu fi kkf) gabbaruu jabeessee dhorka. Rabbii tokkicha kan wantoota kanaa fi uumaa biraa kophaa isaa uumee jiraachisaa jiru qofa gabbaruutti ajaje. Amantii Islaamaa keessatti yakki inni guddaan Rabbii wajjin qaama biraa gabbaruudha. Amantii garii keessatti waa'een Rabbii fi nabiyyootaa yookaan ergamootaa haala wal-dhahaa fi namaaf hin fudhatamneen hubatamee jira,garuu waa'een kanaa Islaamummaa keessatti sirriitti addaan ba'ee jira. Hundinuu maalummaa isaanii fi mirgi isaanii ifatti addaan baafamee jira. Akka amantaa biraa walmakataa fi walxaxaa waan sammuun namaa fudhachuu didu miti(neither confusing nor illogic).Rabbiin mootii tokkocha waan hunda dura jiru, kan waan hunda booda hafu, kan waan hundaa olii,kan waan hunda beeku,kan waan hunda uume,kan jiraachisu,kan ajjeesu, kan dhukkubsu,kan fayyisu, kan ergamoota erge, Kan Kitaabota buuse;kan waan addunyaa keessatti ta'ee darbe, kan amma ta'aa jiru, kan fuuldura ta'uuf ta'u kan to'atuudha.Taayitaa isaa keessatti namni tokko(qaamni tokko) kan itti hin qindoofneedha. 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Hammasini ko'rsatish...
👍 6
14:44
Video unavailableShow in Telegram
Nabi Muhammad moo Yesuustu caala ? Deebii Dr. Zakir Naik dhageefadha. 👇👇Join godha! @Saahibuddiin28
Hammasini ko'rsatish...
23.47 MB
#Islaamummaan #amantii #bilisummaati. Rabbiif malee qaama tokkoof gabroomuu hin eeyyamu. Ilmi namaa uumaa Rabbii keessaa isa irra kabajamaa fi ulfaataadha; kanaafuu nama akka isaa gabbaruun ,yookiin uumama biraa kan isaa gadii gabbaruun kabaja ilma namaa balleessuu fi haqa Rabbiin ittiin kophaa bahe qaama biraatiif kennuudha. Kanaaf Islaamummaan Rabbiin malee qaama biraa tokkollee(ergamaa ta'us, Malaykaa ta'us muka, dhagaa, aduu fi kkf) gabbaruu jabeessee dhorka. Rabbii tokkicha kan wantoota kanaa fi uumaa biraa kophaa isaa uumee jiraachisaa jiru qofa gabbaruutti ajaje. Amantii Islaamaa keessatti yakki inni guddaan Rabbii wajjin qaama biraa gabbaruudha. Amantii garii keessatti waa'een Rabbii fi nabiyyootaa yookaan ergamootaa haala wal-dhahaa fi namaaf hin fudhatamneen hubatamee jira,garuu waa'een kanaa Islaamummaa keessatti sirriitti addaan ba'ee jira. Hundinuu maalummaa isaanii fi mirgi isaanii ifatti addaan baafamee jira. Akka amantaa biraa walmakataa fi walxaxaa waan sammuun namaa fudhachuu didu miti(neither confusing nor illogic).Rabbiin mootii tokkocha waan hunda dura jiru, kan waan hunda booda hafu, kan waan hundaa olii,kan waan hunda beeku,kan waan hunda uume,kan jiraachisu,kan ajjeesu, kan dhukkubsu,kan fayyisu, kan ergamoota erge, Kan Kitaabota buuse;kan waan addunyaa keessatti ta'ee darbe, kan amma ta'aa jiru, kan fuuldura ta'uuf ta'u kan to'atuudha.Taayitaa isaa keessatti namni tokko(qaamni tokko) kan itti hin qindoofneedha. 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Hammasini ko'rsatish...
Nabiyyuu Muhammad  saw ni jedhe  : "Rabbii  lubbuun koo arka isaa jiruun kakadhee, Namni tokko Kiristaanaa fi Yahuudaa irraa (ergamuu) koo dhaga'ee osoo waanan ittiin ergametti hin amanin yoo du'e  warra Ibiddaa irraa ta'u malee hin afu(Ibiddatti gubata)".  ⎣Muslim 153 ⎭. Kanaaf Warri nabi Muhammad saw ergamaa Rabbii ta'uu amanuu diddan bor Qilee ibiddaatti gubattu.  Gaafas akka hin dhageenye hin jenne.  Nuti arra isinitti himnee jirra.  Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
As wr wb. Kabajamtoota hordoftaata maatii    Daandii jennataa akkam jirtu ? Baga har'a geessan. Yaada qabdan naaf qooda! Maaltu dabalamuu qaba?  Maal sirreessuun qaba ? Hir'inni jiru maali?  Mata duree kam irratti osoo hojjadhee isinitti tola. Kiristaanonni as keessa jirtan %20 ol akka taatan argaan jira. Isinis yaada keessan nuuf qooda. Yaadni keessan anaaf galaa guddaadha. Yaada keessan kalattii dhuunfaa qofaan naaf erga. Innis 👉  @Saahibu28  kanjedhu tuquuni. 👇👇👇 @Saahibu28
Hammasini ko'rsatish...
Kaafira ajjeesuu 1(1).pdf2.24 MB
👍 1
Yesuus inni dhalate yoo Waaqa ta'e haati isaa Maryam immoo maaltaati ? Maryam nama ta'uu irratti yoo waliif galle Namni nama da'a waan ta'eef Yesuus nama ta'uu irratti waliif galuu qabna. Sababni isaa Qeeransi Leenca dhale hin jiru . Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
#Nabi #Muhammad (saw)Yeroo Jalqaba #waamicha gara #Islaamummaa godhan Yeroo Umriin isaanii woggaa 40 ga'u Jibriil Qur'aana Kabajabaa Rabbiin bira gama isaanii fide. Isaanis Woggota sadiif Qur'aaana qabatanii iccitiin gara Amantii Islaamaatti hawaasa waaman. Yeroo kanatti fira,  hiryoota isaanii fi namoonni Rabbiin carraa Islaamummaa tti amanuu isaaniif laate yaamicha isaanii  gammachuun simatanii ittiamanuu danda'aniiru. Yeroo kana irraa kaasee(woggoota sadan booda) Rabbiin akka isaan waamicha iccitii dhiisuun ifatti bahanii Amantii Islaamaa  lallaban ajaje. Isaanis ajaja irratti hundaa'uun hojii isaanii itti fufan. Akka Namoonni haawiltii adda addaa gabbaruu irraa  gara Rabbii tokkicha gabbaruutti dhufanuuf kalatti hundaan waamicha wal irraa hin cinne jara waamaa turan. Garuu waamichi kun Kuffaara Qureeshiitiif hin liqifamne. Keesumattuu aaga'oota biratti rifaatuu uume. Waamicha kana dhagahanii itti fayyadamuu caalaa dura dhaabbatanii ittiin hoonga'uun jara biratti filatamaa waan ta'e fakkaata.  Nabiyyii duratti ba'uun isa mormuu jalqaban. Adeemsa isaa kana guutummaa guutuutti addaan kutuuf tooftaalee adda addaa fayyadaman. Ergaa Rabbiin biraa jaratti dhufe kana kallattii adda addaatiin dura dhaabbachuuf garee gareen walgurmeessanii lafaa ka'an. Gareen tokko garee  qoosaafii maq-xureessiiti. Hojiin isii Nabiyyii irratti qoosaa fi qishinaa gochuu, akka namni iddoo biraa irraa dhufe Nabiyyii fi Muslimootaan wal qunnamnee irraa hin baranneef holola sobaa facaasuun irra fageessuudha. Gareen biraa immoo hamilee cabsuu fi miira nabiyyii xuquuf kan ijaaramteedha. Isaan kun hojiin jaraa  yeroo Nabiyyiin daandii irra deeman rakkisuudha. Fkn: Yeroo daandii irratti isaan argite wantoota gaarii hin taane itti darbachuu,  qoraattii fi dhagaan karaa itti cufuu, boolla daandii isaan irraan deeman  gubbaatti qotuun akka itti kufanu gochuu, Halkan dukkanaan daatanii ulaa manaa duratti fincaa'uu fi kkf. Akkasumas  namni tokko amantii Islaamaa fudhachuu yoo dhagame gara isaa deemuun gara jabinaan gochoota suukanneessaa irratti raawwachuu, Amma lubbuun keessa jirutti adaba gara garaatiin  adabanii lubbuu   isaa baasu. Kunis namoota hunda irratti Saalaa fi umriin osoo hin daangefamne raawwatama. Booda irra  roorroon humnaa ol waan ta'eef Nabiyyiin akka isaan(namoonni amanan) gidiraa kana jalaa gara Habashaatti baqatan ajajan. Muslimoonni gariin  gidiraa kana irraa boqachuuf gara Habashaatti/ Itiyoophaatti baqatan.  Garuu Nabiyyii ammallee waan jara irraa garaa hin muranneef Makka keessatti afuun da'awaa cimsanii itti fufan. Kuffaaronni immoo gama isaaniitiin tumaa namni tokko Nabiyyii irraa bitaachuus ta'ee  itti gurgurachuu hin qabu jedhu raggasisuun woggoota sadiif  rakkoo jabaa akka qunnaman godhan. Yeroon kun Muslimootaaf yeroo akkaan jabduu turte.  Sagaleen daa'ima beeloftee iyyituu faagootti dhaga'ama. Nyaata bitachuuf namni itti gurguru hin jiru. Kanaaf baala mukaa fi kalloo irra ciisan akka soorataatti fayyadamaa turan. Yeroo kanatti  Muslimnii fi kaafirri Banii Haashimii fi Banii Muxxalib  Nabiyyii waliin rakkoo kana dhadhamachaa dabarsan... Nabiyyiin Qureeshota irraa abdii dhabanis saboota naannoo Makkaa qubatanii jiranuuf waamicha gochuu hin dhiise. Haa ta'uu malee isaanis  to'annaa Qureeshotaa jala waan jiraniif waamicha kanaaf tole jedhanii bifa walii galaan carroomuu hin dandeenye... Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Hammasini ko'rsatish...
👍 10 6
Garaagarummaan #Islaamaa fi #Muslima maali? Midiyaaleefi @Afaan  namoota  beekamtii fi beekumsa qabna ofiin jedhanii irraa Kan "Islaamota #Itiyoophiyaa " jedhan dhageenya. Kun  sirrii miti. Akka addunyaatuu Islaama tokkootu jira. Garuu Muslimoonni biliyoona lamaa oltu jiru... Walumaa galatti Garagarummaan jecha "Islaamaa" fi "Muslima" jedhu jidduu jiru garaagarummaa Maqaati. "Islaama" Kan jedhamu maqaa amantii Rabbiin biratti filatamaa ta'eeti. Rabbiin keenya akkana jedha :-(Al Ma'idaa)5:3" Amantiis Islaama isiniif jaaladheera." "Muslima" kan jedhamu immoo hordofaa Amantichaati. Kan maqaa kana nuuf Moggaases Rabbiidha. Rabbiin akkas jedhe:" Inni (Rabbiin)isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin goone Karaa abbaa keessan Ibraahiim (deemaa)... Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimoota isin moggaase"(Al-Hajj 22:78) Namni Amantii "Islaama" jedhamu hordofu hunduu  bakkaa fi yeroon osoo hin daangeffamin "Muslima" jedhamee beekama. Fkn: Rabbiin keenya Qur'aana keessatti  waa'ee amantaa Ibraahiim yeroo dubbatu  akkana Jedha:- Qur'aana 3:67" Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taane. Garuu inni Muslima qajeelaa ture. Inni mushrikoota irraas hin taane." Kanaafuu "Islaamni" maqaa Amantii nutii fi namoonni akka keenyaatti  fedhinnaa isaani Rabbiif kennan hordofaniidha. Amantiin nuti hordofnu "Islaama" Jedhama. Nuti immoo "Muslima yookiin Muslimoota" jedhamnee Waamamna. Muslimoota jechuun immoo Araboota qofa jechuu miti. Garuu Muslimoonni, Araboota, Turkoota, Peershiyaanota, Paakistaanota, Maleezhiyaanota, Hindoota, Awurooppanota, Afrikaanota, Ameerikaanota, Auwstiraaliyaanotaa fi kanneen biroo ta'uu danda'u. Arabni amantii osoo hin taane saba akkuma saba keenya saba  Oromooti. Araboonni Muslimoota, Yihuudotaa fi Kiristaanota qabu... Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Hammasini ko'rsatish...
👍 6