cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

ABDULHALIM ARABU - Official

🌴🌴Maal barbaaddu?🌴🌴 😍walaloo adda addaa 😍seenessa 😍Qoosaa 😍gaaffii fi deebii 😍dorgommii 😍Seenaa dhugaa gaggabaaboo 😍Raajilee addunyaa irraa 😍nashiidaalee babbareedoo fi kaanis. ⚠yaada,ilaalchaa fi gaafii qabdaniif 👉 @a_haliiiim

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
2 078
Obunachilar
-524 soatlar
-57 kunlar
-730 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Eebbifamtoonni ilmaan shanan gibee; bara kana muummee garaagaraatiin Yuunivarsitiilee garaagaraa irraa eebbifamtanu; baga gammaddan, baga firii dadhabbii keessanii argitan. Alli akka keessaa ta'uu baatus abdii fi furmaanni biyyanaa isinuma eeggata. Kanaafuu qophii keessan kan durirra jabeessaa. Congratulations! Kanneen suuraa keessan argachuu dhabee hin maxxansin ammoo na ofkalchaa! Abdulhaliim A.
Hammasini ko'rsatish...
🎉 14👍 3👎 1
Photo unavailableShow in Telegram
Dhiiraaf durbaan; xiqqaaf guddaan; biyya keessaaf biyyaan alaa; HUNDI keessan obboloonni Muslimaa martuu baga Rabbiin ayyaana iid al-adahaa kan bara 1445H dhaan iain ga'e: nu ga'e. Inni "warra baranaa" nuun jedhe "warra egeree" nuun haa jedhu. Eid-Mubarek!
Hammasini ko'rsatish...
15👍 4
Photo unavailableShow in Telegram
#Yaadannoo_seenaa. Waggaa 571 dura. Guyyaa akka har'aa may,29 sulxaan Muhammad al-faatih magaalaa seena qabeettii magaalaa istaanbuul/koonistaant-nooppil to'ate. Seenaan barayyuu ni yaadata. @tulu_dawo @tulu_dawo @tulu_dawo 👆👆👆👆 tuquun #join gochuu hin dagatinaa.
Hammasini ko'rsatish...
5👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
"Biyyi koo BOXXOLLOOdha BOXXOLLOOttan dhaladhe Achumattan baradhe achumattan guddadhe Ammas achuman jiraadha" jedhee osoon himadhee BOXXOLLOOn biyya kootii? Naan galleefan gaafadhe Jarri gaara BARCACCOOf Jarri goda BALLAKKOO yoo dhufanii naan qixxee qooddatan BOXXOLLOO koo Anis akkuma jaraa yoon keessummaa jedhame Jarri bitee abboomnaan yoon abbummaa sarbame Biyya koo BOXXOLLOOrratti BARCACCOOn yoon goollame Maqaaf BOXXOLLAA'UUn koo hiika maalii qabamee? Akkuma BARCACCOO fi BALLAKKOOf jara kaanii Anis nan bita taanaan maal garaagarummaanii? Erga akkana ta'ee wantin bulee hubadhe eeyyen yoomuu hin mormu BOXXOLLOOttan dhaladhe Garuu anaaf biyyi koo bakkan birriin bitadhe!
Hammasini ko'rsatish...
🥰 2
Photo unavailableShow in Telegram
Tokkummaa Muslimoota M/Jimmaa fi Naannoo isii **    WAAMICHA SEENA-QABEESSA ///////////////////////////////////////////// Barattoota,Barsiisota,Hojjettootaa fi Du'aatota M/Jimmaa Maraaf. ============================= Leenjii~ Mataduree~Raajii Saayinsaawaa Qur'aana Kabajamaa fi Kompaaraatiivii (Scientific Miracles of the Holy Qur'an And religion comparative course) Leenjistootaa akka Biyyaatti Beekamoo ta'an Ustaz Mohammed khadiri fi Ustaz Umar Roobee Xinnaa iftaanii (Caamsaa 03/09/2016) Waaree dura 2:30-6:00 Waaree booda 8:00-10:00 City View Hotel 0941480065/0917931970/0917239959
Hammasini ko'rsatish...
👍 3 2
طاب يومكم; و بورك جمعتكم; و شفي مرضاكم; و نصر مجاهدكم. سلام من إخوتكم الؤرميون لإخوتنا البطلان في فلسطين.
Hammasini ko'rsatish...
👍 5 2
"Haasaan Akka Qorichaati. Yoo Hanga Barbaachisuun Ta'e Ni Fayyada. Yoo Hamma Barbaadamuu Ol Ta'e Ammoo Miidhaa Qabaata" Amr' Ibnul-Aas
Hammasini ko'rsatish...
👍 8🥰 2
Photo unavailableShow in Telegram
"Namoonni Hedduun Namoota Jaraaf Boo'anu Caalaa Namoota Jara Boossisanu Duukaa Boo'u"
Hammasini ko'rsatish...
👍 3😱 2
"Anaaf biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane; eenyummaa har'aati." Kun anaaf ilaalcha kooti. Keessan hin beeku. Garuu hanga dubbistee xumurtutti osoo maaliyyuu jechuu dhiiftee natti tola. Anaaf biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane eenyummaa har'aati. Namoonni hedduun anuma dabalatee seenaa abbootii keenya kaleessaa; gootummaa,arjummaa,sab-boonummaa fi tokkummaa abbootii keenya kaleessaa himaa; kufaatii, dadhabina, dabeessummaa fi ofitti qaanfannaa keenya har'aa haguuguuf tattaaffanna. Seenaa abbootii kaleessaatiin dhaadachuun yoo ofiifis bakka jarri turanirratti argaman; "nutis akkuma abbootii keenya kaleessaa...... akkas akkas goone." jedhanii dhaadachuuf bareeda. Malee har'a ofii gogaa saree uffannee isa kaleessa abbootiin keenya gogaa leencaa uffatan himna taanaan sirrii natti hin fakkaatu. Sababni isaas abbaan kee leenca ta'ee gogaa leencaa uffatus ati gogaa saree uffachuurraa hanga of hin baraarretti ati ammas sareedhuma. Fakkeenyaaf biyyi tokko waggoota 100n dura jiraattonni biyyattii gootota,mootota, hayyoota,... yoo ta'an; yeroo sanatti biyyattiin "haadha goototaa, moototaa, hayyootaa,... "jedhamtee waamamuu dandeessi. Garuu har'arratti ilmaan biyyattii doofota, dabeessota, bitamtoota,... yoo ta'an; biyyattiin seenaadhuma isa kaleessaatiin har'as "haadha goototaa, hayyootaa, moototaa,..." jedhamtee waamamti osoo hin taane; ilmaan isii har'aatiin "haadha doofotaa, dabeessotaa, bitamtootaa,..." jedhamtee waamamti. Sababni isaas biyya jechuun seenaa kaleessaa osoo hin taane jiraattota har'aati. Kan kaleessaa lafa jala malee lafa irra hin jiru. Kan lafa jala jiru ammoo gabbina biyyaa fi biyyeetiif galtee ta'a malee eenyummaa biyyattii har'aa ta'uu hin danda'u. Habiibii/Habiibtii hin gowwomin. Anuu bara danuun gowwomeetii.
Hammasini ko'rsatish...
6👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
An sin jibbu sin jaalladha Du'a kan keen iyyaafadha Dhukkuba keen gaggaafadha Caba keefan tarkaanfadha Milkaa'uu kee nan qaanfadha Maafan si jibba sin jaalladha Dhufa kan keen gad ilaala Gufaata keef nan utaala Naasuu kan kee nan sufaala Nagaa ta'uun kee na faala Sin jaalladhaa na amani Jarri si gorsan si sobani Boqonnaa na dhowwa milkiin kee Rakkataa na godha dilbiin kee Rakkachuun kee naaf sooruma Burjaajuun kee naaf tooruma Sin jaalladha sittan himaa Hin dhagahin haasaa namaa Dhiphachuun kee naaf bal'isa Rakkachuun kee naaf salphisa Gubaan kan kee naaf qabbana Boqonnaa kee nan hargana Sin jaalladhaa beek namana Dirqamuun kee anaaf fedha Boo'ichi kee anaaf cidha An sin jibbu sin jaaladha! © Engr Abdulhalim Arabu @tulu_dawo
Hammasini ko'rsatish...
👍 8
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.