๐GAADDISA ISLAAMAAโฅ๏ธุธูุงู ุงูุฅุณูุงู
โ:
Seenaa kana irraa maal baratta??
Gaafa tokko mootiin bosonaa leenci beelaye jeedala qabee nyaata naaf fidi yoo nyaate dhabe sima nyaadha jedheen.
Jeedallis qaroo waan taateef lubbuu ishee baraaruuf nyaata isaaf barbaacha osoo deemtu harreetti dhufte.
Harricha kanaan mootiin bosonaa obbo leencoon waan dulloomeef angoo isaa nama dabarsee kennuufย barbaada naan jedhe kanaafuu ati bakka isaa yoo buute sirraa tola carraa kana fayyadami jetteen.
Harrichis fiigaa leenca bira dhaqe yoo mootii ergaan kee na qaqqabee dhufe jedheen. leencis harricha qabeeย gurra isaa irraa murate harrichi sana booda utaalee harkaa bahee gara jeedalaa dhaqee angoo naaf kennuuf osoo hin taane na nyaachuuf na waame gurra kiyya narraa kutate jedheen.
Jeedaltichis ayii ati gowwaadha gurrii kee dheeraa waan taโeef akkamitti koofiyaa mootii sitti godhan saniif gurraa kee ganaabsuufi malee si miidhuufii miti amma dafii itti deebiโi angoo kana osoo namni biraa hin fudhanne jetteen.
Ammas harrichi fiigaa itti deebiโe leencichi ammas itti utaalee harricha qabatee eegee isaa irraa kute. Harrichi ammas akka taโe taโee harkaa baafate aariidhaan jeedalticha bira dhaqee ati ni sobda leenci na nyaachuufi malee aangoo naa kennuuf miti jedheen.
Ammas jedaltichi qaroo waan ta'eef mala biraa baaseย ati eegeen kee dheeraa waan taโeef akkamitti teessoo mootii irra taaโuu dandeetta saniif sirraa mure malee si miidhuufii miti ati mootii keenna taโuu hin barbaaddu moo ammas ooo carraan kun si hin dabrin dafii deebiโi jetteen ammas harrichi fiigaa gara leenca deebiโe .
Leencichis yeroo kana harricha morma isaa qabate harrichis akkuma barate harkaa bahuuf tattaafate garuu harkaa baafachuu hin dandeenne nyaata leencaa tahee hafe jedhama.
HUBADHU:
Namni qaruuxeen dhagaa tokkoon siโa lama hin madaaโu jedhama.ย Gufuun yeroo takka si dhooyte yoo lamuu sitti deebite gufuu si dhahe osoo hin taane siitu gufuu dhahe.
Rakkoon yeroo takka si dhahe siโa itti aanu hanga sitti deebiu hin eegin Nama jaalattus yoo takka si gane jaaladhu malee hin amanin.
Dhiifamaa fi Galata..!!๐๐๐
Galata..!!๐๐
Jireenya jiraannu kana keessatti ilmi namaa hundi walitti haajamoodha. Gaafa walitti haajamnu ammoo miira ittiin haajaa san wal baafnu barbaanna. Kan haajamee haajaa behe ammoo gaafa galata wallaalu nama dhiba. Yoo uumaa nu uume Rabbuma qofa tehe malee kan uumama ta'e hundi isaa waan tola siif oolu irratti xiqqaattuus miira gammachuu akka ati itti ibsitee garsiiftu numa fedha. Rabbuma qofa kan waan ilma namaatiif godhu gaarii hundaย keessatti ilma namaa irraa faaruu fi galata hin eeyne. Faaruu fi galanni inni Rabbii tola isaatiin gabricha isaa ilma namaa kanatti qanani'een yoo gabrichi isaa kan faaruu fi galata Rabbii isaatiif dhangalaasu ta'e ammoo booddeen qananii isaa bareeddu san dabalatuma argata. Ilmi namaa ammoo xiqqaattuus guddattuus waan siif godhu, haajaa si baasu keessatti galata sirraa nu barbaadaa beeki. Arra afaanii baafatee nan galateeffanne yookaan na galateeffadhu siin jechuullee baatu; oolmaya guyyaa tokkoo keessatti maqaallee si dhawee takka osoo sin dhawin abaluun san bar yaaboo waa galatallee hin beeku jechuun isaa hafa hin qabdu. Ati ilma namaa taatee yoomuu haajaaf namatti haajamuu irraa hin duroomtu beeki. Garuu gaafa namni san haajaa si baase miira nama sanii eeguu fi gammachiisuun kee dirqama taha. Suniis kennaan bakka buufteefii waan haajaa si baase san deebisuufi osoo hin ta'in, yeruma sanitti jecha gaarii miira gammachuutiin dabaalameen abaluu kiyya hedduu naa galatoomii jechuuniidha. Miirri galataa kan ati arra isaaf quudhite kuni boruuf si gargaaraa quba qabaadhu. Arra isa ykn isii haajuma irraa arkkattee baate saniif galateeffachuun hulaa haajaa tan boruutiif sababaa sii taati. Galanni kan galfamuun ammallee kennaa waan barbaaddee yookaan itti haajamtee san qofa hin tahin ammaas. Gaafa jecha gaarii badii hegeree sitti boru nama sanirraa argattellee ati galatoomii numa ji'iin. Abaabayyuuf akhaakhayyuun teenya duratti mammaaysan โDantaan abbaadhaa qoola sareerra nama raffiftiโ ja'an waan ta'eef.