cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

SHANAN GADAA

Saba guddaaf odeeffannoo qulqulluufii guddaa! Odeeffannoo dabalataa, eeruufii yaada kennuuf: @Shanan5n nu quunnamaa!

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
412
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-37 kunlar
-630 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailableShow in Telegram
Haadha kenya haa yaalchisnu Obbolessi kenya ebbiifamuuf ji'a lama osoo isa haafuu , haatii barsisuuf bu'aa bahii baayyee keessa dabartee, firii isa laaluuf guyyooni qubaan lakkaawwaman osoo hafu dhukkubni onne ishii mudate. Dhukkubni ishii mudate waan itti jabaatef, wal'aansa baqaqsanii yaaluuf qarshii 760,000 waan gafatamnef fi gatiin gaafatamne humna kenyaa ol waan ta'eef, hamma dandessan akka nu gargaartan isiin gaafanna.
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
Atileetiin Itoophiyaa dorgommii Maaratoonitti biyya bakka bu’ee fiiguudhaan beekamu Xannaa Nagarii Adduunyaa kana irraa du’aan boqote. Sirni awwaalcha isaa guyyaa kaleessaa magaala Finfinnee Bataskaana Sahaalita Mihirattiti raawwatamee jira. Atileeti Xannaa Nagarii bara 1991 fiigicha guutummaa Afrikaa irratti bara 1992 biyya Jaappaan Maratoonii Fukookaa irratti, bara 1994 ammoo biyya Xaaliyaanii maratoonii Veenis irratti hirmaateen moo’achuu seenaan isaa ragaa baha. Dorgommii Olompiikii Barseloonaa fi dorgomiiwwan adda addaa irratti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan hirmaatee Meedaliyaa Warqee 8 dabalatee meedaliyaawwan 20 atileetii argateedhas jedhame. Atileet Xannaa Nagarii naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanatti bara 1962 A.L.I kan dhalatee fi umurii isaa waggaa 54tti du’aan addunyaa kana irraa kan boqote yoo ta'u, Atileetiin kun abbaa ijoollee dhiiraa 3 fi durba tokkoo akka ta’e himamee jira.
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Israa'el waajira Al Jaziiraa Yeruusaalem keessa jiru uggurte Mootummaan Israa'el, miidiyaan Al Jaziiraa “afaan garee hidhataa Hamaasidha” jechuun sochii televizhinii Al Jaziiraa biyyattii keessa jiru cufuuf murteesseera. Murtoon kunis meeshaalee waajjira keessa jiru fudhachuu fi marsariitii isaa cufuu ni dabalata jedhameera. Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Netaaniyaahuu kaabineen isaanii otooma waraanni #Gaazaa itti fufee jiruu miidiyaan kuni akka cufamuuf murteessuu himan. Poolisiin waajjira miidiyaa kanaa Israa’el, Yeruusaaleem hoteela Ambaasaaddar keessa jiru Dilbata kaleessaa weerareera. Al Jaziiraanis himannaa irratti ka'e,''balaa kan qabuufi soba badaa tahedha,'' jedheera. Dhaabbatichi ''tarkaanfii seeraa barbaachisu hunda,'' fudhachuuf akka jirus hime. Al Jaziiraan Israa'el keessa jiru cufamuumn gareewwan mirga namoomaafi pireesiif falmaniin qeeqameera. Waldaan Mirgoota Siviilii Israa'el uggurri kun akka ka'uuf Mana Murtii Olaanaa Israa'elitti himannaa baneera.
Hammasini ko'rsatish...
Guyyaa guutuu soomaa oollee nu hiiksisuu didan. Barattoonni amantaa Ortoodoksii Yuunivarsitii Bulee Horaa “guyyaa guutuu soomaan oollee yeroo mana amantaatii halkan sa’a 9:30 tti gara mooraattii deebinu qophii tokko malee nu eeguun isaa waan nama gaddisisuudha “ jechuun komii mooricha irraa qaban miidiyaa @Abdii_Sabaa’f gabaasan. Yuunivarsitii biyyattii keessatti yeroo ayyaana sooma hiikaa kana barattoota sooma hiiksisuun gocha baramaa yommuu ta’u Yuunivarsitii Bulee Horaatti qophiin kum taassifamuu dhabuun barattoota mufachiiseera!
Hammasini ko'rsatish...
😁 1
Photo unavailableShow in Telegram
Laaligaa Ispeen Riyaal Maadriid Laaligaa Ispeen yeroo 36ffaaf injifatte.
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Baga Ayyaana hiikaa nagaan geessan
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
#ads #Alert Anyone who have older telegram group and willing to sell just contact us at @Hundeenwalaabuu. Your group should fulfill the following criterion: 👉Must be created before 2022 or in 2022 👉 Don't bother about number of members possible even if one member it has 👉In the setting the chat history should be visible 👉The owner should be able to transfer it's ownership to do so he/she should enabled two step verification! Group price: 👉2022------------------150 Etb 👉2021------------------200Etb 👉2020 and below ---250Etb If you have the telegram group with all above criterion just kindly contact us! We will pay you by any payment method! Like 👉Bank transfer 👉Telebirr 👉M-pesa
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Artist lij Yaared mana hidhaarra gadhiifame. Baga nagaan baate
Hammasini ko'rsatish...
3
Ministeera Barnootaa! Ministeerri barnootaa qormaata kutaa 12 bara kanaa qormaata waraqaan kennamu cinaatti naannolee hunda keessaa magaalota filataman 25 keessatti karaa onlaayiinii kan laatu ta'uu beeksise. Barattoonni karaa onlaayiinii qorumsicha fudhatanis maatii isaanii bira bulaa kan qoraman ta'uu ifoomseera. Haata'u malee hanga ammaatti magaalota filataman 25n eenyufaa akka ta'an hin ifoomsine.
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Oduu Ammee Injifattoonni DV 2025 ifoomaniiru Injifattoonni DV 2025 hanga Fulbaana dhufutti lakkoofsa dhoksaa isaanii qabachuun dirqama ta'a jedhameera. Iyyattoonni DV 2025 marsariitii https://dvprogram.state.gov/ESC/ seenuun carraa isaanii mirkaneessuu akka danda’an fi iyyattoonni lakkoofsa dhoksaa isaanii jalaa bade https://dvprogram.state.gov/ESC seenuun deebi’anii argachuu akka danda’an himameera.
Hammasini ko'rsatish...
1