cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
14 591
Obunachilar
+3924 soatlar
+2537 kunlar
+1 46430 kunlar
Post vaqtlarining boʻlagichi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Nashrni tahlil qilish
PostlarKo'rishlar
Ulashishlar
Ko'rish dinamikasi
01
Invastaroota paarkiilee indutiriitti argaman keessaa %55 abbootii qabeenyaa biyya keessaati ******************* Gaazexaa Bariisaa Invastaroota 131 paarkiiwwan indastirii keessa jiran keessaa % 55 abbootii qabeenyaa biyya keessaa ta’uu Korporeeshiniin Paarkii Indastirii Itoophiyaa beeksise. Hojiraawwachiisaan Olaanaa korporeeshinichaa Obbo Akliiluu Taaddasaa, carraa addaa korporeeshinichi invastaroota biyya keessaaf qopheesse ilaalchisee invastaroota biyya keessaaf ibsa kennaaniiru. Ibsasaaniin, waggoota lama dura hirmaannaan invastaroota biyya keessaa paarkii indastirii keessatti gadaanaa ture jedhan. Kunis qooda waliigalaa invastaroota biyya keessaa paarkiiwwan keessatti qaban keessaa %10 ta’a ture jedhan. Amma garuu hirmaannaan invastaroota biyya keessaa % 55 ta'aniiru jedhanii, kanaaf mootummaan waan hedduu hojjeteera, fooyya'iinsa addaddaa taasifamuus dubbataniiru.
9341Loading...
02
Oromiyaatti qormaanni ga’umsa ogummaa barsiistota kennamaa jira ****************** Gaazexaa Bariisaa Naannoo Oromiyaatti qormaanni ga’umsa ogummaa barsiisummaa, barsiistota kuma 33 oliif kennamaa jira. Barsiisotaafi hoggansi manneen barnootaa sadarkaa dippiloomaa kuma 24fi 703 sadarkaa digirii kuma saddeetiifi 816, waliigalaan barsiisota kuma 33fi 519f madaallii gahumsa ogummaa kanaaf galmaa’uun eerameera. Haaluma kanaan har’a barsiisota kuma 33fi 519f qormaatichi kennamaa jiraachuu odeeffannoon biiricharraa argame ni mul’isa. Qormaatichi buufataalee qormaataa 192tti kennamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.
8201Loading...
03
Qamadii jallisiirraa omishni kuntaala miliyoona 106 ol argame ***************** Gaazexaa Bariisaa Bara omisha 2016 qamadii jallisiin omishni kuntaala miliyoona 106 argamuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Hojiraawwachiisaan Garee Misooma Midhaanii ministeerichaa Obbo Issaayyas Lammaa DhPItti akka himanitti, bara omisha bara 2016tti lafa heektaara miliyoona 3.2 qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfamee, lafa heektaara miliyoona lama. Kuma 978 fi 122 sanyiin uwwisuun danda’ameera. Kanaanis bara omisha baranaatti lafa sanyiin uwwifame keessaa lafa heektaara miliyoona lama, kuma 199fi 402 karaa aadaa, akkasumas kuma 741fi 304 kombaayinaraan walitti qabuun omisha kuntaala miliyoona 106fi kuma 856 argameera jedhan. Akka Obbo Issaayyas akka ibsanitti, qamadiin jallisii naannolee Amaaraa, Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaa, Itoophiyaa Giddugalaa, Kibba Lixaa, Affaar. Gaambeellaa, Somaaleefi Beenishaangul Gumuziitti bal’inaan omishameera.
5760Loading...
04
Tajaajilichi aangoosaa malee qajeelfama tilmaama adabbii qopheessuun maallaqa walittiqabaa ture ********** Gaazexaa Bariisaa Tajaajilli Immigireeshiniifi lammummaa aangoosaa malee qajeelfama tilmaama adabbii qopheessuun namoota guyyaa beellamasaanii dabarsanirraa maallaqa walitti qabaa turuu Odiitarri Olaanaan Federaalaa saaxile. Qajeelfamichis daarektara olaanaatii ragga’uusaafi kanaanis qarshiin miliyoona 18 walitti qabamuun ibsameera. Kana malees tajaajilichi dhaabbata dhuunfaa eeyyama daldalaa hinqabneefi gibira hinkanfalle waliin hojjechaa turuu odiitarichi mirkaneesseera. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walgahii 32ffaa bara hojii sadaffaa taa’een Odiitara Olaanaa Federaalaa gabaasa odiitii bara 2015 odootii seerummaa faayinaansii raawwii waajjiraalee mootummaa federaalaa dhaggeeffateera. Gabaasicha kan dhiyeessan Odiitarri Olaantuun Aadde Masarat Daamxoo, tajaajilichi aangoosaa malee qajeelfama tilmaama adabbii qopheessuuniifi daarektara olaanaatiin raggaasisuun namoota guyyaa beellamasaanii dabarsanirraa maallaqa walitti qabaa turuu ibsaniiru. Dabalataanis herrega baankii mootummaa banuufi cufuun aangoo Ministeera Maallaqaa ta’ee otoo jiruu, Baankii Daldala Itoophiyaatti maqaa namoota dhuunfaatiin herrega banuun galii walittiqabaa turuu dubbataniiru. Guutummaa oduu kanaaf liinkii kana cuqaasaa https://press.et/?p=130219
1 7131Loading...
05
Media files
1 4541Loading...
06
"Tajaajilli tola ooltummaa humna ida’ameen, beekumsaafi dandeettiidhaan adeemsa biyya ijaaruudha" -Obbo Tamasgeen Xurunaa ********************* Gaazexaa Bariisaa Tajaajilli tola ooltummaa humna ida’ameen, beekumsaafi dandeettiidhaan adeemsa biyya ijaaruu akka ta’e Ministirri Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaa ibsan. Waltajjiin sosochii jalqabsiisa tola ooltummaa gannaa biyyaalessaa bara 2016 eegalchiisameera. Saganticharratti Ministirri Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaa, Sadarkaa Ministirri Muummee Ittaanaatti Hogganaa Wiirtuu Qindeessa Sirna Dimokiraasii Adam Faraah, Ministira Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee, Ministira Barnootaa Piroofeessar Biraanuu Naggaa, hoggantoota hojii olaanaafi kanneen biroon argamaniiru. Wa;tajjicharratti Ministirri Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaa tajaajilli tola ooltummaa humna ida’ameen, beekumsaafi dandeettiidhaan adeemsa biyya ijaaruudha jedhan. Kanaan dura tajaajila tola ooltummaatiin rakkooleen hawaasaa baay’een hiikameera jedhanii, ganna baranaatiinis miliyoononni deeggaramu jedhan.
1 5111Loading...
07
Media files
1 4071Loading...
08
Taltalleetti dubartiin tokko altokkotti daa'imman afur deesse ** Gaazexaa Bariisaa Godina Booranaa hospitaala sadarkaa jalqabaa Taltalleetti dubartiin tokko daa'imman afur nagumaan oofkalte. Dubartiin Bokkayoo Dullachaa jedhamtu tun jiraattuu Aanaa Taltallee, Ganda Hadhooti. Dubartiin tun hospitaalichumatti hordoffii taasisaa turtee kaleessa ganama tajaajila baqaqsanii wal'aanuutiin altokkotti daa'imman afur (dhiira lamaafi dubra lama) deesse. Hojii gaggeessaan hospitaallichaa Obbo Soraa Sharee dubartiin tun kanaan dura daa'imman shan qabaachuu himan. Fayyaan haadhaafi daa'imman kanneeniis yeroo ammaa haala gaariirra jiraachuu ibsaniiru. Kominikeeshinii aanichaarraa odeeffanne.
1 9184Loading...
09
“Sosochiin maaddii guutuun eegalame manii biyyaalessaa nyaataan ofdanda’uufi hiyyummaa hir’isuu kan milkeessuudha” - Obbo Tamasgeen Xurunaa *********** Gaazexaa Bariisaa Sagantaa maaddii guutuutii bu’aaleen naannawichatti galmaa’e manii biyyaalessaa nyaataan ofdanda’uufi hiyyummaa hir’isuu kan milkeessu ta’uu Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan. Pirezdaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan gamasaaniin, naannichi maaddii guutuu dabalatee damee qonnaan gara fuulduraatti imalaa jira jedhan. Obbo Tamasgeen hojiilee misoomaa keessumaa sagantaalee maaddii guutuufi ashaaraa magariisaatiin hojjetaman daawwataniiru.
2 0741Loading...
10
Tigraayitti barattoonni kuma 122 ol qormaata kutaa 8ffaa fudhachaa jiru *************** Gaazexaa Bariisaa Naannoo Tigraayitti barattoonni kuma 122 ol qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhachaa jiru Daarektarri Ejensii Mirkaneessa Qulqullina Barnootaa Bulchiinsa yeroo naannichaa Doktar Taaddasaa Kaahisaay TOItti akka himanitti, har’a qormaanni naannoo kutaa 8ffaa naannichatti kennamaa jira. Qormaatichi har’a dabalatee guyyoota sadan ittaananiif kan kennamu ta’a jedhan. Qoramtoota qormaatichaa keessaa barattoonni kuma 62fi 732 dubartoota yoota’an, barattoonni hundinuu karaa tasgbbii qabuun qormaaticha fudhachaa akka jiran ibsaniiru.
1 5842Loading...
11
Godinaaleen Oromiyaa rakkoo nageenyaa keessa turan yeroo ammaa nageenya mirkaneeffatanii misooma keessa jiru *********** Gaazexaa Bariisaa Godinaaleen torban rakkoo nageenyaan miidhamaa turan yeroo ammaa kana nageenya mirkaneeffatanii misooma waaraa keessa jiraachuu Hogganaa Ittaanaan Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa beeksisan. Naannichi godinoota kunneen gara nageenyaatti deebisuu qofa osoo hintaane, dinagdee damdameessaafi damdamataa ta'e mirkaneessaa jiraachuus dubbataniiru. Dhugaan qabatamaa lafa jiru kun sirnaan ummata bira akka qaqqabuuf torbaanota lamaan darbanitti sagantaan daawwannaa hojiiwwan misooma qonnaa godinoota kunneeni walta'iinsa Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaafi Biiroo Qonnaa Oromiyaatiin gaggeeffamaa jira. Bayyanaa Ibraahim
1 6041Loading...
12
Gujitti gargaaramtoota seeftineetii kan turan eeggattummaa jalaa bahaa jiru ******* Gaazexaa Bariisaa Gujii Lixaa Aanaa Surgoo Bargudaatti fayyadamtoota seeftineetii kan turan namoonni 3,466 keessaa yeroo ammatti kan seeftineetiichatti fayyadamaa jiran 1,900 ta'uu Bulchaan Aanichaa Obbo Jarsoo Dhugoo ibsaniiru. Waggoota muraasa ittaananitti gargaaramtoota seeftineetii eeggattuumma gargarsaa jalaa guututti baasuuf lafa qonnaa babal'isaa jiraachuus daawwannaa hojii Aanichaatti taasifamaa jirurratti ibsaniiru. Aanichaatti barana lafti hektaara kuma 228 ta'u qamadii arfaasaan uwwifameera. Bayyanaa Ibraahim
2 1232Loading...
13
Ji’a Caamsaatti daldala alaa bunaarraa galii doolaara miliyoona 209 argame *********************** Gaazexaa Bariisaa Ji’a Caamsaa keessa buna toonii kuma 43fi 481 gara biyya alaatti erguun, galii Doolaara miliyoona 209.54 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa beeksise. Hojiraawwachiisaan Qunnamtii Hawaasaafi Kominikeeshinii abbaa taayitichaa Obbo Saahilamariyam Gabramadin Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka himanitti, bara bajataa kanatti, ji’a Caamsaa qofa buna toonii kuma 43fi 481 gara biyya alaatti kan ergame yoo ta’u, galiin Doolaarri miliyoona 209.54 argameera. Bara bajata 2016 ji’oota 11 keessatti waliigalatti omisha bunaa toonii kuma 252fi 466.98 gara biyya alaatti kan ergame yoo ta’u, galiin doolaara biliyoona tokko, miliyoona 208fi kuma 73 argameera jedhan. Bu’aan kun bu’aa olaanaa waggoota sadan walitti aansuun yeroo walfakkaataatti gara alaatti ergame keessaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Bu’aa argameef mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa damichaaf kenne gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.
1 7763Loading...
14
Naannoo Tigraayitti lafa heektaara miliyoona 1.3 sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jira *************** Gaazexaa Bariisaa Naannoo Tigraayitti lafa heektaara miliyoona 1.3 sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Umamaa naannichaa beeksise. Kanaafis xaa’oon biyyee kuntaala kuma 400 ol naannicha qaqqabeera. Daarektarri kominikeeshinii biirichaa Obbo Mikaa’el Miruutsi DhPItti akka himanitti, lafa heektaara miliyoona 1.3 sanyiin uwwisuun, omisha kuntaala miliyoona 24 walitti qabuuf hojjetamaa jira. Omishichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf galteewwan addaddaa barbaachisa jedhanii, kunneen keessaa qophiin leenjii tokko ta’uu dubbataniiru.
1 3961Loading...
15
Booranatti margi toonii kuma 75 ta'u yeroo ongeetiif olkaa'ame *********** Gaazexaa Bariisaa Giddugalli Horsiisa Loon Booranaa yeroo ongeen naannicha mudatetti sanyiin loon Boorana akka hinbadneef hundaa'e yeroo maallaqa xiqqaan jabbiloota hawaasichaaf raabsaa jira. Giddugalichatti hanqinni bishaanii uumamaa akka jiruufi hatattamaan hiikamuu akka danda'uuf Biiroon Qonnaa Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa kan taasisuuf ta'uu hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa dubbataniiru. Giddugalichatti yeroo ammaa jabbilootni 150 ol dhalatamiiru. Ongee kanaan booda uumamuu maluuf dandamachuuf margi toonii kuma 75 ta'u qophaa'ee mankuusaatti kuufamuu godinichi ibseera. Godinichatti daawwannaan hojiiwwan misooma qonnaa adeemsifamaa jira. Bayyanaa Ibraahim
1 4561Loading...
16
Oromiyaatti pirojektonni kuma 20 ol barana eebbisiifamu ********** Gaazexaa Bariisaa Oromiyaan bara kana pirojektoota kuma 20fi 664 qarshii biliyoona 79.44n ijaarsise Waxabajjiib 15 eegalamee guutuu Oromiyaatti kan eebbisiisu ta'uu Pirezidaantii Ittaanaan Naannicha Obbo Awwaluu Abdii ibsan. Obbo Awwaluun pirojektoota bara kana sadarkaa Oromiyaatti eebbaaf qophaa'an ilaalchisee miidiyaaleef har'a ibsa kennaniiru. Eebbi pirojektootaa kunneen marsaa lamaan jechuunis marsaa 1ffaan Waxabajjii 15 irraa eegalmee, marsaa 2ffaan ammoo Hagayya walakkeessa akka raawwatamu himaniiru. Barana pirojektota haaraafi buleeyyiin kuma 31fi 167 qarshii biliyoona 110.9 ijaaramaa jiraachuu himanii, rakkoo nageenyaafi qaala'iinsa gatii meeshaalee ijaarsaan osoo hingufatni pirojektota kunneen gara xumuraatti fiduun injifannoo guddaadha jedhaniiru. Waaqshuum Fiqaaduu
1 5651Loading...
17
Buufanni Xayyaaraa Naqamteetti eebbifamuun hojii eegale ** Gaazexaa Bariisaa Mootummaan magaalota keessatti buufata xayyaaraa babal'isuun tajaajila geejjibaa saffisaa hawaasaaf kennuuf hojjechaa jira. Buufanni xayyaaraa maqaa Guddinaa Tumsaatiin moggaafame eebbifamuun hojii eegaleera. Eebbi Buufata Xiyyaaraa Guddina Tumsaa kunis bakka keesummoonni Mootummaa federaalaa, Naannoo, Bulchiinsa Magaalaa Naqamteefi Godinichaa, jiraattoonni magaalaa Naqamteefi Godina Wallaggaa Bahaa hedduun argamanitti sirna ho'aan eebbifameera. Buufatichi bakka Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Ministirri Geejjibaa Doktar Alamuu Simee, Hojii gaggeessaa buufata xiyyaaraa Itoophiyaa Obbo Masfiin Xaasoo, Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Ministir De'eetaa Maallaqaa Doktar Iyyoob Takkaallinyiifi hoggantoota Godina Wallagga Bahaafi Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee argamanitti eebbifame. BKO
2 3631Loading...
18
Media files
2 1871Loading...
Invastaroota paarkiilee indutiriitti argaman keessaa %55 abbootii qabeenyaa biyya keessaati ******************* Gaazexaa Bariisaa Invastaroota 131 paarkiiwwan indastirii keessa jiran keessaa % 55 abbootii qabeenyaa biyya keessaa ta’uu Korporeeshiniin Paarkii Indastirii Itoophiyaa beeksise. Hojiraawwachiisaan Olaanaa korporeeshinichaa Obbo Akliiluu Taaddasaa, carraa addaa korporeeshinichi invastaroota biyya keessaaf qopheesse ilaalchisee invastaroota biyya keessaaf ibsa kennaaniiru. Ibsasaaniin, waggoota lama dura hirmaannaan invastaroota biyya keessaa paarkii indastirii keessatti gadaanaa ture jedhan. Kunis qooda waliigalaa invastaroota biyya keessaa paarkiiwwan keessatti qaban keessaa %10 ta’a ture jedhan. Amma garuu hirmaannaan invastaroota biyya keessaa % 55 ta'aniiru jedhanii, kanaaf mootummaan waan hedduu hojjeteera, fooyya'iinsa addaddaa taasifamuus dubbataniiru.
Hammasini ko'rsatish...
Oromiyaatti qormaanni ga’umsa ogummaa barsiistota kennamaa jira ****************** Gaazexaa Bariisaa Naannoo Oromiyaatti qormaanni ga’umsa ogummaa barsiisummaa, barsiistota kuma 33 oliif kennamaa jira. Barsiisotaafi hoggansi manneen barnootaa sadarkaa dippiloomaa kuma 24fi 703 sadarkaa digirii kuma saddeetiifi 816, waliigalaan barsiisota kuma 33fi 519f madaallii gahumsa ogummaa kanaaf galmaa’uun eerameera. Haaluma kanaan har’a barsiisota kuma 33fi 519f qormaatichi kennamaa jiraachuu odeeffannoon biiricharraa argame ni mul’isa. Qormaatichi buufataalee qormaataa 192tti kennamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram