Dr.Abdulfetah Ibrahim
1 897
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-57 kunlar
-3730 kunlar
- Kanalning o'sishi
- Post qamrovi
- ER - jalb qilish nisbati
Ma'lumot yuklanmoqda...
Obunachilar o'sish tezligi
Ma'lumot yuklanmoqda...
Waa 10 tan Lukkuu irraa barannu
1. Odoo killee isii irra ulmaa hin teenye duratti killee gahaa hanqaaqxi/ buusti.
~ KAROORA GAARII QABAACHUU/ GOOD PLANNING
2. Erga killee irra ulmaa taa'uu eegaltee, sosochii ni xiqqeeysiti.
~NAAMUSA/ DISCIPLINE
3. Yeroo Killee irra teeysu sana kiiloo/ ulfaatina ni hir'ifti. Sababni isaatiis nyaata ni xiqqeeysiti.
~ WAREEGAMA KAFALUU FI FEDHII OFII DHIISUU
4. Killee lukkuun biraa hanqaaqxe irra ulmaa ni teeysi.
~ LOOGII DALAGUU DHABUU fi ARJUMMAA
5. Guyyaa 21f obsaan eegdee killee irra teeysi. Yoo killee san irraa ilmooleen uumamuu baattees ammaas deebitee killee hanqaaqxi.
~ AMANTII, ABDII FI JAGNUMMAA
6. Killee ilmoo ta'uu hin deemne adda baaftee keessaa darbiti.
~ SALPHAATTI WAA HUBACHUU
7. Killee tortorte/ shamte dhiiftee , kununsa killee garaa cuucii jijjiiramteef gooti.
~OGUMMAA, DAMMAQIINSA FI QABATAMA JIRU HORDOFUU
8. Abbaan fedhe ilmoo isii tuquu hin danda'u
~JAALALA EEGUMSAA
9. Ilmoolee isii hanga gurguddatanii of danda'anii hin dhiiftu
~ GORSA KENNUU /BARSIISUU
10. Ilmaan isii hunda walitti qabdee deemuunii
~TOKKUMMAA KAAYYOO
Mul'ata kee jiradhu. Guyyaa tokkoo isaa biqilee guddatu argita
Dr. Abdulfetah Ibrahim
Oduu gammachiisaa Gursumii fi Naannawa isiitiif !!
Yeroo dhihootti kilinikni Giddugaleessa Qundhudhoo hojii jalqabuuf qophii barbaachisaa hunda xumuree simannaa keessan qofa eegaa jira.
Namni nu qunnamuu barbaddan karaa page kanaan nu qunnamaa!!
https://www.facebook.com/profile.php?id=100088995939987
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
Fayyaan maali gaafa ja'an namuu waan adda addaa jedhee deebisa.
~ Gariin waan hunda jedha walumatti qabee.
~ Gariin namaa immoo fayyaan faaya jedha - faayni waan miidhagaa eeggachuu barbaaduudha.
~ Fayyaan qabeenya warri ja'ulleen ni jira- qabeenyi ni horama, ni eegama, ni kunuunfama, itti fayyadamtalleedha.
Fayyaaniis eeggachuu ( Maintenance), guddifachuu ( promotion), balaa irraa eeggachuu ( Prevention) fi yoo dhabamte deefachuu ( treatment and rehabilitation) barbaaddi.
Warra Baha biyyattii kanatti argamtaniif Wirtuun Fayyaa Harargee / Hararghe Medical Surgical Specialty Center iddoo filatamoo fedhii kana isiniif guutu tahuun Magaalaa Hararitti hojiirra jira. Keessattuu gosoota yaalii baqaqsanii wallaanuu kanaan dura hagasmara asitti hin baballatin kan fageenya deemuu barbaachisu hedduu qabatanii jiru. Odeeffannoo dabalataa karaa toora FB isaanirraa argachuu dandeessu.
Hararghe Medical Surgical Specialty
Faayidaa Mandariinaa
*****
Mandariinaan gosa sanyii burtukaanaa ta'ee baayyee kan mi'aawuu fi namatti toluudha.
Faayidaan inni nuu kennuus kan addaati
1. Summii qaama keenya keessaa baasa
2. Rifeensi keenya akka guddatu godha. Kana malees rifeensi keenya akka hin dhumne gargaara.
3. Bareedina gogaa keenyaaf gargaara. Yoo hanga tokko nyaannee ykn gogaatti kan dibannu tahe gogaan keenya akka bareeduu fi ifu godha
4. Madaa fayyisuuf gargaara
5. Lafee jajjabeessa
6.nyaata garaagaraatti dabalamuun mi'eeasuuf ykn tolchuuf fayyada
7. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa dabala
8. Kolestiroolii qaama keenyaaf hin barbaachifne ni xiqqeessa
9. Dhiibbaa dhiigaa xiqqeessuuf fayyada
10. Gogaan keenya dullumarraa kan ka'e akkan susuntuurre godha.
Mandariinaa dheedhii isaa nyaachuu ,juuzii godhannee dhuguu ykn qaamatti dibachuun illee ni danda'ama
Galatoomaa
Dr Abdulfetah Ibrahim
Linkii armaan olii kana tuqaa peejii kana like share godhaa!!
Boshqa reja tanlang
Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.