Biiroo Lafa Oromiyaa(BLO)@kom
Maqaa gaarii biiroo roga gaariin ijaaruu
Ko'proq ko'rsatish3 306
Obunachilar
+724 soatlar
+747 kunlar
+28630 kunlar
- Kanalning o'sishi
- Post qamrovi
- ER - jalb qilish nisbati
Ma'lumot yuklanmoqda...
Obunachilar o'sish tezligi
Ma'lumot yuklanmoqda...
Dhimmi Karoora Qindaawaa Itti Fayyadama Lafaa Dhimma Egeree Oromiyaa Ijaaruudha!
Galma Gahinsa Isaaf Ammoo Hirmaannan Hawaasaa Iddoo Olaanaa Qaba!
π 9
Hammasini ko'rsatish...
π 10
Hammasini ko'rsatish...
Hojiirra oolmaa kaadaastara seeraa fi bu'aa abbootii qabiyyee
~~~~~
Walta'iinsa Biiroo Lafa Oromiyaa fi OBNtiin kan qidaa'e
β€ 6π 4
Halkanii fi guyyaa hojjechaa sirna kaadaastaraa ni mirkaneesina!
~~~~~
Nuti kan hojjennu uummata keenyaaf waan ta'eef aadaa hojii keenyaa jijjiiruun guyyaafi halkan osoo hin jedhiin hojjechuun badhaadhina maatii naannoo keenyaa ni mirkaneesina.
Jilli Hogganaa Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Kadir Maammootiin durfamu hojii kaadaastaraa halkan hojjetamaa jiru Magaalaa Asallaa fi Magaalaa Mojootti argamuun daawwataniiru.
Sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa ammayyeessuu keessatti kaadaastarri gahee olaanaa qaba. Haaluma waalfakkatuun Magaalonni kaaniis, aadaa hojii jijjiiruun halkaniifi guyyaa hojjechaa jiru.
Biirichi sirna kaadaastara seeraa diriire galmaan gahuuf kutannoo fi xiiqiin hojjetee mirga abbaa qabiyyuummaa ni mirkaneessina
π 7
Kadaastara Magaalaa
Bara kana cittuu lafaa magaalaa mirgi itti ummame kamuu gara kadaastaraatti galchuuf karoorsinee hojjii kan jalqabne yootaβu, sosochiin jiru karoora keenya milkeessuu cinaatti haala aadaa hojii keenyallee jijjiiruun Magaalonni guyyaarra darbuun halkan hanga saβaatii 4:00tti hojjetan hedduudha. Haaluma kanaan, magaalonni hedduun cittuu lafaa mirgi itti umame kamuu guutumaan guututti kadaastaratti galchuun keessaa bahuu irratti argamu.
Kallattii Gara Fuula Duraa
οΌ Kadaastarri ijaarsa sirnaa dhimma lafaa irratti taasifamu taβuu hubachuu; gama biraatiin, hojiin kadaastara lafaa, qaama ulaagaaleewwan sabboonummaa Oromoo ittiin ibsinu keessaa tokko kan taβe, βijaarsa sirnaa cimaaβ taβuu hubachuun sochoβuu;
οΌ Magaalonni 23βnu hanga Waxabajjii 30 bara 2016βtti kadaastara seeraa xumuruu akka qaban beekanii guyyoota hafan keessatti halkaniifi guyyaa raawwachuu;
οΌ Waxabajjii 30 bara 2016 booda, tajaajila cittuu lafaa mirgi itti umamee kadaastara galee hunda dijiitaalessuun sistamaan tajaajila.
οΌ Magaalonni 23βnu, bara 2017 irraa eegalee, tajaajilli lafaa gama tooratiin (on line) taβuu hubattanii qophii gahaa taasisuu qabdu.
οΌ Aanaalee hojiin Kadaastaraa itti hinjalqabne bara itti aanutti karoorri qabamee hojiitti galuun kan itti jiraatu tahuu.
#Oromia #Ethiopia
π 2β€ 2
"Kaadaasterri, Qaama agarsiiftuu Sabboonumaa Oromoo fi Utubaa ijaarsa sirna bulchiinsa lafaati" - Pir. Shimallis Abdiisaa
~~~~~~
Kaadaasterri, Qaama agarsiiftuu Sabboonumaa Oromoo fi Utubaa ijaarsa sirna bulchiinsa lafaati jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan dhimma Kaadaasteraa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
KADAASTARA: Qaama agarsiiftuu Sabboonumaa Oromoo!
KADAASTARA: Utubaa ijaarsa sirna bulchiinsa lafaa!
Lafti qabeenya murteessaa irraaf keessan waa hedduu qabateedha. Lafti seenaa dhala namaa keessatti iddoo guddaa qabaatee as gahe; lafti madda aangoo, humnaafi qabeenyaa ture. Lafti ummata keenya birattis dinagdee, seenaafi eenyumaa isaati. Sabni keenya sababa lafaafi qeβee isaa irraa buqqaβeef, cunqursaa eenyummaafi sarbama mirga namoomaa hammaataaf saaxilamaa tahee tureera. Yeroo ammaa kanattis diinoti saba keenyaa sababni asiif achitti ummata keenyatti roorrisaniif inni ijoon lafa isaatiif. Oromoof ammo Lafti isaa Lafee isaati.
Falmiifi diddaawwan seenaa bara dhiyoo biyya keenyatti adeemsifaman dhimma lafaa gaaffii isaanii ijoo taasiisuun kanarraa kan kaβedha. Lamaan isaanii haa ilaallu; sochiin gaaffii mirgaa bara 1960βmoota keessa adeemsifame dhaadannoo βLafti Qotee bulaafβ (Land to the tiller) jedhu kan qabu ture; aabsoon keenya yeroo dhiyoo tureefi jijjiirama bara 2010 argameef sababa taβellee dhaadannoo βlafti keenya lafee keenyaβ jedhuun kan adeemsifame ture.
Qabeenya qaalii kana ittiin kakachaa turre malee, sirna ittiin bulmaataa ammayyaawafi jabaa waan itti hinijaarref, fayidaan gama hundaan argamuu qabu osoo hinargamin tureera.
Turtii mootummaa jijjiiramaa keessatti, hojiilee ijoo gama ijaarsa sirnaatiin hojjatamaa jiran keessaa kadaastarri seeraa adda dureedha. Hojiin kun akka piroojektiitti bara 2004 jalqabus, hanga bara 2013βtti raawwiin isaa harkifataafi deemsa qocaa kan tureefi buβaa argamuu qabus kan hinargamsiisne ture.
Haataβu malee, mootummaan jijjiiramaa bara 2013 kaasee, barbaachisummaa isaa irra deebiin hubachiisuun, karoora hiixataa qabatee hojiitti kan gale yootaβu, raawwii jirus daran jajjabeessadha.
Kadaastara Seeraa
Kadaastara seeraa jechuun sirna odeeffannoo cittuu lafaa (land parcil) kamuu ibsama teessumaa, mirgaafi itti gaafatamummaa abbaa qabiyyee waliin mirkaneessuun, sistamaan galmeessuun sirna tajaajila lafaa guutumaan guututti dijiitaalessuun, kaartaa dijiitaalaa falmii kamuu irraa bilisa taβe kennuu hammata.
Fayidaa Kadaastara Seeraa
Kadaastarri Seeraa faayidaalee bulchiinsaa, seeraa, haawaasummaafi gabaa qaba.
οΌ Bulchiinsafi kenna tajaajila lafaa ammayyeessuufi siβeessuuf dandeessisa; tajaajila lafaa dijiitaalessuuf buβuura cimaa kaaβa;
οΌ Wabii abbaa qabiyyummaa (tenure security) mirkaneessa; kanaaniis waldhabdeefi walfalmii lafaa ni hirdhisa;
οΌ Gahee lafti dinagdee gooroo akkasumas galii magaalotaafi baadiyyaa keessatti qabu nidabala; Kunis, cittuun lafaa mirgi itti umame kamuu waan galmaaβuuf, gatii osoo hinbaasiin, galii osoo hingalchin bilaasha hafu/badu akka hinargamne taasisa;
οΌ Al-seerummaa lafarratti muldhatu hirβdhisuu qofa osoo hintaane, dhabamsiisaa deema;
οΌ Gabaa qabeenya dhaabbii (real property market) ni tasgabbeessa.
Kadaastara Baadiyyaa
Hojii kadaastara seeraa Anaalee 205 keessatti kan jalqabsiifame yoo taβu, Aanaleen 171 guutumatti (%100) xumuranii tajaajila lafaa sistamaan kennaa kan jiraniifi qoteefi hursiisee bultoonni keenya faayidaalee hedduu irraa argachuu irratti argamu. Aanaalee 34 keessatti ammoo dhiyeenyatti xumuramee kan keessa bahamu taha. Naannoo horsiisee bulaatti βDheedhaβ 5 keessatti hojiin kadaastara jalqabsiifamee βDheedaβ 3 keessatti guutumatti kan xumurame yootaβu βDheedaβ 2 keessatti ammoo yeroo dhiyootti kan xumuramu taha. Raawwii waliigalaatiin lafti hekt. mil. 12.3 naannoo keenyatti Kadaastraan galmaaβeera.
π 3
Boshqa reja tanlang
Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.