cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Mùĵëĕ mäñ

Hin danda'amu yoo jedhan siif osoo hin taane isaaniif akka ta'e yaadadhu.

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
2 119
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-97 kunlar
-4830 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

#Seenaa-Bilillee -Mahbuubaa! ====== Maahibuubaa Bilillee bara 1837 A.L.A. tti Bililleen Mahibuubaas ni jedhamti intala Oromoo garbummaatti gurguramtee ilma mooticha biyya Jarmaniitin bitamte. Ilmi mootichaa kun Bililleedhaa maqaa Maahibuubaa itti moggaase Kunis Afaan Arabaatin 'jaalallee koo' jechuudha. Ilmi mootichaa kun Bilillee jaalallee isaa godhate. Seenaa Bililleen maqaa maatiin ishee akkuma aadaa fi duudhaa Oromtichaatti ishiif baasani. Kan dhalatte Godina Jimmaa  Ganda Onja bakka jedhamuutti . Barri isheen dhalattee 1820n keessa. Dhalattee yoo waggaa kudhan guuttuu, bara 1835-6, biyya isheen dhalatetti lolli ka’e. Abbaa fi oobboleewwan ishee ja'an ni ajjeefaman. Bilillee fi oobboleetiin ishii ammoo booji’amanii gabrooman. Sanaan booda obboleewwan lamaan kun gara Gondoritti fudhatamuun achittis gargar bahan; sana booda deebi’anii wal hin agarre. Umriin ishee ijoollee haata’u malee, yaannii fi hojiin ishii akka nama guddaa ture. Kun ammoo #Paklaar daran akka ishii jaalaatu taasise. Qulqullina garaa ishii fi fedhiin Bililleen barumsaaf qabdu guddaa qalbii isaa fudhate. Kanarraa kan ka’e, Afaan Arabaa fi Afaan Jarmanii akka barattu waan barbaadeef, bakka daawwachuu deemu hundattu #Mahibuubaa of biraa hin hambisu ture. Yaadni isheen iddoo tokko erga daawwatte booda kennitu baay’ee isa ajaa’ibsiisaa ture. Amalli ishii kun amala cimaa #Paklar yeroo Awurooppaadhaa dhufu qabu akka jijjiirratu godhe. Kanaaf,#Paklar yeroo tokko, “Nama dhugaan wajjiin jirtu wajjiin ooleen, yeroo baay’ee booda nama dhugaa ta’e,” jedhee barreesse. Biyyoota bahaa waggaa sadiif erga daawwatanii booda, bara 1840 #Paklarii fi #Mahbuubaan gara Awurooppaa deebi’an. Yeroo kana #Mahibuubaa dhukkubni sombaa fi heexoo waan qabeef, baay’ee dhukkubsatte. Nafti ishees baay’ee huqqattee lafeetti baate. #Paklaar osoo garaan jibbuu #Mahibuubaa mana isaa Muskaa jiru keessatti dooktora isaatti amaanaa kennatee haadha manaa isaa dhukkubsatte gaafachuu Barliin deeme. Akkuma paaklar gara barliin deemen bililleen Yeroo kana baay’ee dhukkubsattullee, #Mahibubaan dardarri biyya ishee Oshuu Aagaa kan jedhamuun wal barte. Oshuu Aagaa irraan immoo, hayyicha Jarman kan Afaan Oromoo qoratu, #Tuucheekiin , walbarte. Sirba Oromoo kan #Bililleen sirbite hayyichi kun galmeesee dhalootaaf dabarsee jira. Ijoollummaa isheetii kaasee guddisee jaalallee akka ija isaatti ilaalu kan taasise, #Paklaar, haati manaa isaa waan guddaa dhukkubsateef Barlinii gara Mahibuubaatti deebi’uu hindandeenye. Garuu xalayaa ni barreessaaf ture. #Mahibuubas dhukkubni guyyuma guyyaan itti cimaa adeeme. Akka hindandamanne garaan waan beekeef, yoo duutu #Paklar akka ishee bira taa’u guddaa hawwite. Fedhii ishee kanas dhukkubsatte barreessuu waan dadhabdeef dooktorri ishee barreesseef. Yeroo xalayaan kun harka #Paklar gaheetti haati manaa isaa waan dhukkubsatteef gara #Mahibuubatti hatattamaan deemuu hin dandeenye. Kanaaf, rakkina irra jiru ibsee xalayaa fi meetii maqaan ‘Maahibuubaa’ jedhu irratti bocame ergeef. Garuuyoo xalayichifi meetichi Onkololeessa 27, 1840 Muskaa gahu, #Bililleen garuu arguu hin dandeenye; isheenis, isa dhumaaf addunyaa kanarraa boqatte.
Hammasini ko'rsatish...
👤 Artist: Andualem Gosa 🎧 music: Bilillee ⏭ Size : 5.4MB 🎙More: @New_Afaan_oromo_music @New_Afaan_oromo_music @New_Afaan_oromo_music  ⬅️JOIN MORE MUSIC ↪️ SHARE
Hammasini ko'rsatish...
Andualem_Gosa_@New_Afaan_oromo_music_Telegram_channel_join_more.mp35.41 MB
Adem_Mohammed_Arba_&_Chaltu_Buto_@New_Afaan_oromo_music_Telegram.mp36.65 MB
Tekalign_Tena_@New_Afaan_oromo_music_Telegram_channel_join_more.mp34.73 MB
2
Daa'imummaan yeroo itti lafa qotani; dargaggummaan yeroo itti facaasani; jaarsummaan yeroo itti nyaatani!"   ⁃ Yeroodhaan ka'i!   ⁃ Yeroodhaan ba'i!   ⁃ Yeroodhaan gali! "Osoo taa'uudhaan beekumsi argamee beekaan addunyaa kanaa dhagaa ture!"   ⁃ Itti dadhabi!   ⁃ Dubbisi!   ⁃ Barreessi!   ⁃ Hojjedhu!   ⁃ Jajjabaadhu!   ⁃ Milkaa'inaaf gatii baasi!   ⁃ Ittuma jabaadhu!   ⁃ Fiigi! "Taa'anii buqqee jedhamuu irra fiiganii bubbee jedhamuu wayya!      👆@Muje_oro
Hammasini ko'rsatish...
Anaa fi Qaanaa Kutaa 1faa Guys, mee yaadannoowwan an TV Qaanaa waliin qabu muraasa jabaa isiinin jedha. Guyyaa gara guyyaatti waa'een TV kanaa bifa garaagaraan waan na quunnamuuf jedheeni. Akka kootti TV'n Qaanaa ogeessota fayyaa baay'ee gabaa dhabsiisee jira. Akkan dhaga'etti yoo ta'e maloota ittiin ulfa ofirraa ittisan keessaa tokko TV Qaanaa laaluudha jedhamee barsiifamaa jira waan jedhu dhaga'een ture. Hiriyaan koo ogeessa fayyaa 'Health officer' ta'e tokko akka natti himetti, yeroo muraasaa as namoonni hordoffii ulfaaf gara buufata fayyaa deeman akka hir'atan dha. Saayintistootni biyya Awurooppaa tokko tokko, shaneen ijaaramanii akka ibsanitti yoo ta'e (warra biyya keenyaa yoon jedhe silaa ana hin amantan waan ta'eef) dhiiroonnis ta'an shamarraan fiilmii walitti fufiinsaa TV Qaanaa irratti sa'a 12 - 5 tti tamsaafaman waan ilaalaniif, yeroo itti wal bira ga'an hin qaban jedhanii lafa kaa'aa jiru. Sababnisaas lamaanuu hojiirraa galanii isa dur walirratti lafa dha'an amma TV irratti lafa dha'u waan ta'eefi. Yeroo sa'aatiin shan ta'uu ammoo waan dadhabaniif wal bira ga'uun yaa hafuutii sireen irra ga'unuu du'a caalaa itti ulfaata waan ta'eefi dha. Kanaaf illee anumtuu ragaa dha. Abbaan manaafi haati manaa ollaa koo galan tokko osoo TV Qaanaan hin dhufin dura seera waaqayyo gaa'eelaaf kaa'ee sirriitti hojiirra oolchu turan. Abbaan manaaf haati manaa wal hin didin'' isa jedhu sana jechuu dha. Anaan garuu baay'ee na jeequ. Kan na jeequ ammoo sagalee siree isaaniiti...... Tsiwu, tsiwu, qaq, qaq, qaqaqaqaqqq..... jedhee asii anaan hirriba na dammaqsa. Gaaf gaaf keessa kootti namichi kun sagalee siree isaa maaliif narra hin hir'isu! jedheen akka aaruu ta'a. Garuu maalan fiduu danda'as? Yaa firakoo osoo dhageessaniitii waan sirichatti ampliifaayeeriin ( sagalee guddistuun)  itti ruuqamee, anaaf ammoo biluutuuziidhaan naaf qoodanii sagalee isaa waanan 'live stream' hordofu wayii fakkaata ( tapha siree iraa raadiyoon daawwachuu, ooooyyaayyaaa.....).  Yeroo jalqabaa waan abbaan manaa siree isaa irratti Ispoortii hijjetu natti fakkaatee ture. Booda irra gaafan namicha ilaaluu garuu kan ispoortii hojjetu mitii fira ispoortii hojjetu illaa waan qabu natti fakkaachuu dide........... itti fufa. @muje_oro
Hammasini ko'rsatish...
1
Kutaa 2ffaa ANAA FI QAANAA Qallina isaa irraa kan ka'e adurree feestala dhadhaa nyaatte fakkaata. Mar'umaan shuntuuraa godhee ( mammaaksa qalloo keessa migira jedhan isatu naaf mirkaneesse) isa isaan  achii wal gammachiisuuf an asii hirriba dhaba. Kana baqachuuf jecha, sagalee namootaa dhaggeeffachuu irra isa kana wayya jedheen earphone isa guddaa bitadhee raadiyoo afaan  kiyyaan darbu sagalee uummataa 😂 kan ta'e dhaggeeffachaa rafuudhaaf murteesse. Innis bara sana  ''qonnaan bultootni xaafii sararaan facaasanii sararaan beela'an; komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa, malaammaltummaan himatame; dargagoonnii IMX'n ijaaraman burruusa ittiin dhagaa falaxan bitachuuf irra deebi'anii ijaaraman'' oduu jedhu qofa waan dabarsuuf jeequmsa warra ollaa caalaa raadiyoon kun na jeequtti ka'e. Raadiyoo kaadiree fi oduu kaadiree...... Amma illee xinnoo fooyya'an fakkaata 😂 Isa dhiiseen jara kana gorsuuf murteesse. '' Maal ta'a osoo siree keessan narraa buttanii?'' yaada jedhu yoon itti hime rakkoo maalii qaba? Yaadni kun ammoo faka raadiyoon kun lafa kaa'uu waliin wal hin caalu. Osoo lafti hin jiraatin qotaa jechuun tokkuma. Jarri kunis mana kutaa tokko keessatti akkam godhanii fi garamitti siree isaanii narraa butatu.... garuu akkuma biyyi keenya nagaa ishee kabachiisu irra dabartee kan biyyoota ollaas kabachiisaa jirtu osoo warri ollaa kootiis anaaf yaadani yaada jedhun qaba ture....hahahahaha '' Mallasaan nuun nu ukkaamsee isa nagaa warra ollaan kabachiisa'' jedhu sana dhugaa seetee?'' jettanii natti kolfaa jirtu..... raajii durii 😂😂 Kanaan osoo  jiruu TV Qaanaa naaf dhufekaa jarana. Uff.... amma kan na jeequ yoo jiraate caalliinsa isaan gidduu buufate sana qofaa dha. Dhugaa jarri kun maal ta'an mootummaatu shororkeessummaadhaan isin himadha jedhemoo gaaffii jedhutu natti uumame. Garuu amma yeroon yaadu waan Qaanaaf jecha dursanii dirqama abbaa manummaaf haadha manummaa isaanii ba'an natti fakkaata. (karoora hiixata karoorfachuu akkasii😂) amma homtuu hin jiru. Kanaafuu qorannoon kun dhugaa ta'uu hin ooluu amantaa jedhuun qaba (kaabinee istaayilii😂) itti fufa.... @muje_oro
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
Namichi armaan ol kuni Leenjii kennaa jira. Birrii Abbaa 100 kiisii isaa keessaa fuudhee, "Namni tola fudhatu jiraa?" jedhee gaafate. kan leenjifamaa jiran hundinuu fudhachuuf harka isaanii ol kaasan. Ammas birricha sukkuumee, caccabsee, "Namni tola fudhatu jiraa?" jedhee gaafate. Ammas hundumtuu fudhachuuf harka isaa olkaase. Ammas si'a 3ffaaf birricha awwaara keessatti dhidhiitee awwaara qofa godhee, "namni tola fudhatu jiraa?" jedheen. Ammallee hundumtuu fudhachuuf harka isaa ol kaase. Maaliif beektaa? birrichi yeroo haaraas, yeroo sukkuumamee caccabes, awwaaraan yeroo makames, Birrii Abbaa dhibbaa ta'uu isaa gadi hindhiisne✌️. Sukkuumanis, awwaara duwwaa godhanis, humna isaa irraa mulquu hin dandeenye. Akkasuma yeroo tokko tokko namootni baay'een akka waan arrabni isaanii eenyummaakee jijjiiruutti, akka waan oduun isaani gatii si dhabsiisuu danda'uutti, akka waan Abdii si kutachiisuu danda'aaniitti, waan meeqa sirratti dubbatu, sirratti raawwatus. Ati garuu oduun isaaniifi dhiibbaan isaani akka waan tokko singoone yoo beekte, akkuma birrii sanaati. eenyummaakee sirraa mulquu hin danda'aan. Gatii qabda! dhiibbaa alaan sirratti godhamu osoo hintaanee, keessakeeti cimii dhaabadhu. gaafas ciminnikee dhiibbaa naannookeeti sirratti godhamuun sirraa hinmulqamu!. #Repost https://t.me/muje_oro https://t.me/muje_orhttps://t.me/muje_oro
Hammasini ko'rsatish...

"Manni Murtii itti harree himatan hin jiru!"  Albert Inistaayin * Yeroo tokko Albert Inistaayin magaalaa keessa osoo deemuu gurbaan duuriyyeen/kash-labbeen tokko duuba isaan dhufee dhiite. Alberti ofuma irra mil'atee, ilaalee, dhiisee deemsa isaa itti fufe. Ammas xinnoo turee gurbaan duubuma deeme dhiite, yeroo lammaffaaf. Albert ammas ilaaletuma deemsa isaa itti fufe. Gurbaan duubuma deemee yeroo 3ffaaf yoo dhiitu, namoonni naannoo sana jiran arganii Albertin akkana jedhan "Abboo ati gurbaa si dhiitu seeraan hin himattu? Yookiin immoo of irraa hin rukuttuu?" jedhaniin. ⁃ Albert maal jedhe beektaa? "Ofirraa dhoorkuf ani yeroo hin qabu; Seeratti himachuuf manni murtii harree itti himatan hin jiru, namni nama hin dhiitu harreedha kan nama dhiitu" jedheetuma deemsa isaa itti fufe! Namni kaayyoo qabu waan karaa irratti isa qunnamu hundumaaf deebii kennaa hin deemu. Namoota ilaalcha harrummaa fi ilaalcha negetive siif qaban irraa fagaadhu! Kaayyoo galma gahuuf baate hamma geessutti duuba kee hin ilaalin! #Dhaamsa  ✓ Lafa yaadde gahuuf manaa baatee yeroo qormaanni si mudatu, qormaata sanaaf deebii laachaa ooltaa? Lakki dhiistee darbuu qabda. ✓Bakka kaayyoo kee gahuuf rakkinni akka jiru bartee, tuffattee bira darbitee deemuu qabda. ✓Waan hundumaaf deebii laachaa hin ooliin, kan si hinfayyadnedha baay'een. Yeroo kees hin gubiin. Kaayyoo keef Karoora Kee milkeessuuf Waca namootaa hindhaga'iin! Darbii deemi.Gaafa ati Milkoofte kan si hordofan hedduudha. #Repost https://t.me/muje_oro https://t.me/muje_oro
Hammasini ko'rsatish...

👍 3