uk
Feedback
https://t.me/Ijooseera

 https://t.me/Ijooseera

Відкрити в Telegram
459
Підписники
Немає даних24 години
-27 днів
Немає даних30 днів
Архів дописів
#Yakka:- Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'ee,iyyatni murtiin balleessummaa akka irra deebi'ame ilaallamuuf kufa jalaa tahe murtii adabbii irratti bu'uura Sdfy kwt.202(3) tiiin sababoota adabbii salphisaaniif kaasuun  falmuu danda'a moo?  hin danda'u,sababoota adabbii salphisaan  nama bakka inni  hin jiretti itti murta'eef Manni murtii kakka'umsaa isaatiin qabuufii danda’aa? =========================================================== Manni  Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi  Ijibbaata jiildii 27 ffaa lakka.galmee  188086 irratti:- #Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'ee,iyyatni murtiin balleessummaa akka irra deebi'ame ilaallamuuf kufa jalaa tahe murtii adabbii irratti bu'uura Sdfy kwt.202(3) tiiin sababoota adabbii salphisaaniif kaasuun  falmuu danda'u. #Bu'uura qajeelfama adabbii 2/2006 fi sdfykwt.149(3) tiin  yaadoota sababoota adabbii salphisaan  kan seeraan tilmaamaan fudhatamaan ykn firii dubbii  ragaan deeggaramu qaban  dhihaatan wal-qabatee sababoota adabbii salphisaan  firii dubbii ragaan mirkanaahuu  qabani  falmii  barbaachisuu tahu,sababootni seeraan tilmaamni fudhatamu qabu falmii kan hin barbaachisu . #Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'uuf Manni murtii sababoota adabbii salphisan seeraan tilmaamni fudhatamu qaban ofii isaa kaasuun qabuuf akka qabu, sababoota adabbii salphisan firii dubbii ragaan mirkanaahu qaban qabuuf  hin qabu jechuun murta'eera. #Kana irraa  kahuun iyyataan  sadarkaa ol'iyyannootti sababoota adabbii salphisaniif kun yakki ittiin himatamee  bu'uuraa Sykwt 27 tiin yaalii tahu,dhukkubsaata,abbaa maatii  tahu fi miidhamaa waliin araaramu  kaasuun dhiheeffate keessaa sababoota adabbii salphisaniif dhukkubsaata,abbaa maatii  tahu fi miidhamaa waliin araaramu   sababoota firii dubbii ragaan mirkanahuu qabaniiif waan taheef  iyyataan Mana murtii jalatti waan hin jiretti waan murtiin kennameef sadarkaa ol'yyannootti fudhatama hin qabni jechuun  murta'eera. #Sababni yakki iyyataan ittiin himatamee yaalii tahuun bu'uuraa Sykwt27,31 fi 179 tiin sababa adabbii salphisu seeraan tilmaamu waan taheef Abbaa Alangaa deeggaruun yaada kennuun Manni Murtiis fudhachuuf iyyataaf akka sababa adabbii salphisuu tokkotti fudhachuun gulantaa tokkoon adabbii salphisuun murteesseera. Kanaaf,Manni Murtii keenya namoota  yakka yaaliin  bakka hin jiretti himatamaan adabbii yoo itti kennu sababa adabbii tokko fudhateefi murteessu qaba. https://t.me/http_Ijooseeraa

Hiikoo Seeraa Dirqisiisaa Abbootii Seeraa Torbaan Kenname: 🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼 ⚖️ #Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa  Lakkoofsa Galmee 193067 ta'e xiinxala isaa keessatti hiikoo dirqisiisaa kenne: Shh keewwatni 2443 fi 881 (2) gosa kennaa yeroo namni kennaa laate sun lubbuudhaan jiru raawwatiinsa qabaatu (donation intervivos) fi gosa kennaa erga namni kennaa laate du’een booda raawwatu(donation mortis causa) irratti raawwatiinsa ni qabaata.Akka dhaddachichaatti keewwattoota dhimma foormii tuman kunneeniif yeroo hiikoon kennamu jechoota keewwattoota kunneen keessattti hammataman qofa osoo hin taane,kaayyoo seerri jechoota sanaan galmaan gahuu barbaade giddu galeessa godhachuun kan hiikamu ta’uu mala.Akkasumas wayitii keewwattoota 881(2) fi 2443 tiif hiikkoon kennamu Labsii Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee Lakk. 922/2008 fi haala sirna hojii Ejensichaa hubannoo keessa galchuun barbaachisaa ta’uu ibseera.Kaayyoon inni ol’aanaan seerri waliigalteen kennaa (dhaamoo) yeroo taasifaman qabiyyeen isaanii nama kennaa(dhaamoo) laateef dubbifamuu isaa himni ibsu qabiyyee sanada waliigaltee kennaa(dhaamoo) keessatti caqafamuu qaba jedhu kennaan (dhaamoon) gosa kanaa qaama waliigaltee galmeessuu fi ragaalee mirkaneessu duratti galmaa'uun isaa waan dirqama hin taaneef,qabiyyeen sanadichaa dhugumaan kan fedhii irratti hundaa'e karaa seerri ittiin mirkaneessu keessaa isa tokko waan ta’eefidha.Bu’uuruma kanaanis,kennaan (dhaamoon) qabeenya hin sochoone irratti taasifamu ejensii galmeessaa fi mirkaneessa ragaalee duratti kan hin galmoofne yoo ta’e,barreeffamaan ta’uu,ragoolii afuriin mirkanaa'uu fi qabiyyeen waliigaltee kennaa (dhaamoo) dubbifamuu isaa himni ibsu sanada waliigaltee keessatti caqafamuu qaba.Haa ta’uutii garuu,kennaan (dhaamoon) ejensii galmeessaa fi mirkaneessa ragaaleen galmaa'e qaamni waliigalticha galmeesse sun dhugumaan wanti galmaa'uuf dhiyaate sun kan nama galmeessisuuf dhiyaate sanaan fedhiin taasifame ta’uu isaa mirkaneessuun galmeesse waan ta’eef,himni dubbifamuu qabiyyee sanadichaa ibsu sanada waliigaltee keessatti caqafamuun dirqama akka hin taane ibseera.Kanaafuu,waliigalteen kennaa falmii kaase qaama waliigaltee galmeessuuf aangoon kennameef biratti waan taasifameef,himni dubbifamuu qabiyyee sanadichaa ibsu sanada waliigalticha keessatti caqafamuu dhabuun isaa qofti waliigalticha bu’aa dhoorgisiisuu hin danda’u" jechuun hiikoo kennee ture. Murtii Ijibbaataa kanarraa kan hubatamu:- ➢ Qabiyyeen waliigaltee kennaa qabeenya/qabiyyee hin sochoone irratti taasifamu nama kennaa laate sanaaf kan dubbifame ta’uu himni ibsu sanada walii galtichaa keessatti ifaan caqafamuu qaba.Haa ta’uutii garuu,sanadni waliigaltee sanaa qaama ragaalee mirkneessuu fi galmeesuuf angeeffame biratti galmaa'e yoo ta’e,himni dubbifamuu qabiyyee waliigaltichaa ibsu sanadicha keessatti caqafamuu baatus waliigalteen kennaa sun fudhatama ni qabaata jechuudha. #Hiikkoo dhaddacha ijibbaataa duraan kennamanii turan Lakk.G.70057,Lakk.G.147331,Lakk.G.17429,Lakk.G.22712, Lakk.G.32337,fi foormii fi adeemsa dubbisuu waliigaltee dhaamoo fi kennaa waliin wal qabatanii jiran murtii Abbootii Seeraa 7'n kenname kanaan jijjiiramaniiru. https://t.me/http_Ijooseeraa

Cheekiin Akka Wabumatti (Security) ykn Meeshaa Qabsiifamuutti (Pledge) Kennamuu Ni Danda'aa? Haala Kamiin? ====✓✓====✓✓✓✓======✓✓✓✓✓ Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 26/08/2012 ooleen Lakk.Ga.166392 (Jildii 27ffaa) ta'e irratti kenne keessatti: ✅"Waliigalteen Wabummaa ykn Qabsiisaa waliigalteewwan seerichi foormii barreeffamaatiin yoo raawwataman malee gatii hin qaban jechuun tume keessaa isa tokko ta'uun isaa ifadha (SHH kwt 1725(a), 1922(1-3), 2828(1-2)). Waliigalteen wabummaa ykn qabsiisaa kun dirqama kamiif akka seename, hanga dirqamichaa (baaxii ol'aanaa maallaqichaa) of eeggannoodhaan ifa taasifamuu akka qabuufi guyyaa waliigaltichi raawwatame ifatti teechifamuu akka qabu seerichi bifa dirqisiisaa ta'een kaa'eera (SHH kwt 2828 (1-2), 2864-2868 fi Seera Daldalaa kwt 952). ✅Tumaaleen seerichaa dirqisiisoon kun yoo guutamne malee waliigalteen wabummaa jira jechuun hin danda'amu. Dhimma kana keessattis, waamamtoonni cheekiin iyyataadhaaf kan kenname kaffaltiin akka ittiin raawwatamuuf osoo hin taane wabummaadhaaf haa jedhaniyyuu malee wabummaadhaaf ta'uu isaa haala tumaaleen armaan olitti ibsaman gaafataniin sanada waliigaltee wabummaa hubachiisuu danda'u hin dhiyeessine. ✅Haa ta'u malee, Dhaddachi Ijibbaataa kun lakk.Ga.123984 ta'e irratti cheekiin meeshaa kaffaltiin ittiin raawwatamu ykn meeshaa kaffaltiiti malee qofaa isaatti sanada waliigalteen jiraachuu mirkaneessuu danda'u miti jechuun murtii dirqisiisaa kenneera. Hima biraatiin cheekiin kennamuu isaatiin qofa gareewwan lamaan: jechuunis nama kenneefi nama dhiyeesse gidduutti waliigaltee (wabummaas haa ta'u qabsiisaa) jira jechuuf seerri nama dandeessisu hin jiru jechuudha (Lakki.Ga.123984(Jildii 21). ✅Gabaabumatti, falmii waamamtoonni cheekiin ulaagaa foormii tokko malee wabummaadhaaf kennamuu danda'a jechuun kaasan tumaalee seeraa ifa ta'anifi murtii dhaddachi Ijibbaataa kenne kan hubannoo keessa hin galchine waan ta'eef fudhatama hin qabu. ✅Cheekiin amala isaatiin ajaja haala irratti hin hundoofne kan ofirraa qabuufi maallaqa hangi isaa murtaa'e kaffaluuf qaama kaffaluuf (Payee) akkuma dhiyaateen itti kaffalamu, sanada daddarbuu danda'uufi maallaqni ittiin gaafatamu ta'uun isaa ifadha (Seera Daldalaa kwt 850, 827, 732, 715). Kaayyoon isaa inni muummenis sirni gabaa amansiisaa ta'e, saffisa qabuufi bu'a qabeessa ta'e akka jiraatu taasisuu akka ta'e amaloota bu'uuraa cheekiifi tumaalee seera daldalaa, Sdfs fi Seera Yakkaa keessa falmiiwwan cheekii irratti hundaa'anii dhiyaataniin walqabatanii teechifaman irraa ni hubatama" jedheera. Haala kanaan dhaddachichi kaayyoo ibsame kana irraa maquuf ulaagaan addaa guutamuu akka qabu ibseera. Murtiin kun murtiilee kanaan dura cheekiidhaan walqabatee kennamaa turan irraas hanga tokko kan fooyya'e fakkaata. https://t.me/http_Ijooseeraa    

𝐇𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐚𝐲𝐲𝐚𝐦𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐭𝐮 🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba. ✅Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba. ✅Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara. ✅Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda. ✅Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa. https://t.me/http_Ijooseeraa

SHH keeewwata 1195 fi 1196 Mirkaneeessa abbaa qabeenyummmaa manaa ilaalchisee ejjennoo Manni Maree Federeshinii SHH keewwata 1195 irratti qabu dhodhommooqiinsa akka hin qabne Murtii isaa lakkoofsa galmee 022/08   ta’e irratti kenne irraa eegalee,  Murtiiwwan gara garaa yeroo gara garaatti kenneen beeksisee jira. Mirga abbaa qabeenyummaa  Heera Mootummaan  eegame  tiksuuf  ragaan   abbaa qabeenyummaa bu’uura SHH keewwata 1195 tiin kennamu cimaa ta’uufi tilmaama tumaa kana jala taa’e fashaleessuuf kan tumame SHH  keewwati 1196  dhiphatee hiikamuu kan qabu ta’uu Murteesseera.(Murtiiwwan Sadii PDF Obbo Eeliyaas nuuf qoode kana keessatti ni argamu-galmee lakk.106/15 ,105/15 fi 116/16) https://t.me/http_Ijooseeraa

Manneen Murtii Shari’s fi Aadaatti Waamichi Himatamaa Dhaqqabuun Sirnaan Mirkanaa’uun Mirga Dhagahamuu Himatamaa Eegsisuuf Qofa Otuu Hintaane Aangoo Mana Murtii Hundeessuufis Haalduree Dirqamaati ================================== Dhimmoota seera dhuunfaa fi maatiin walqabatan ilaalchisee akkaataa amantaa ykn aadaa ofiitti furachuun ykn haqa argachuun Heera Mootummaa kwt 34(3) jalatti mirga beekamtii fi eegumsa heeraa qabu dha. Haaluma kanaan akka fakkeenyaatti manneen murtii sharia a Labsii Lkk 188/92 (sadarkaa Federaalaatti) fi Labsii Lkk 53/94n irra deebiin hundaa’uun akkaataa seera Shari’aatti tajaajila kennaa kan jiran yoo ta’u akkasumas manneen murtii aadaatis naannolee adda addaatti hundaa’uun hojii jalqabaa jiraachuun manneen murtii aadaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lkk 240/2013 waggoota afur dura hundaa’uun godinaalee naannichaa hundatti hojii eegaluun fakkeenya tokko dha. Manneen murtii kun dhimmoota labsiilee kana keessatti akka ilaalan tarreeffaman irratti aangoo kan qabaatan yoo gareewwan falmii fedhii kennan, keessaayyuu himatamaan fedhii isaa barreeffamaan kenne, qofa akka ta’e Labsii Lkk 188/92 fi 53/94 kwt 5 jalatti, Labsii Lkk 240/2013 kwt 25 jalatti ifaan tumamee argama. Himatamaan fedhii isaa kan ibsatu yoo waamichi sirnaan isa dhaqqabee fi isa dhaqqabuun mirkanaa’e qofa akka ta’e beekamaadha. Waamichi kan dhaqqabuu qabu akkaataa maloota kenna waraqaa waamichaa SDFHH kwt 94-110 jalatti bal’inaan duriirfamee waan jiruuf keessaayyuu manneen Murtii Shari’aa tumaalee kanneen hordofuu akka qaban Labsii Lkk 188/92 fi Labsii Lkk 53/94 kwt 6(2) jalatti ifaan tumamee argama. Manneen murtii Aadaatis waamichi himatamaa karaa nama jaarsoliin Mana Murtii Aadaa itti amananiin akka isa dhaqqabu taasisuu akka qaban Labsii Lkk 240/2013 kwt 27(5) jalatti ibsamee jira. Bu’ura tumaalee seeraa olitti ilaalamaniin waamichi himatamaa sirnaan dhaqqabuu isaa mirkanaa’uun mirga dhagahamuu himatamaa qofaaf otuu hintaane aangoo manneen murtii kanneenii hundeessuufis haalduree dirqamaa akka ta’e hubatamuu qaba (parties’ consent is a prerequisite for the assumption or constitution of courts jurisdiction). Kanumaan walqabatee Manni Maree Federeeshiinii dhimma aadde Raaniyaa Ahimed fi Dr Ibraahim Mohaammed irratti yaada Murtii Gumiin Calaltuu Dhimmoota Heeraa galmee Lkk 1352/07 irratti ilaaluun dhiyeesseef irratti murtii gaafa 03/07/2008 kenneen manneen murtii Shari’aa keessaayyuu nama biyya keessa hinjirre ykn biyya ormaa jiraachuun beekame waamicha karaa gaazexaa yeroo ajajan yeroo gahaa kennuun dhiyaatee fedhii isaa akka ibsatu carraa kennuufii kan qaban ta’uu fi kana otuu hingoone waamicha karaa gaazexaa qofa irratti maxxansiisuun himatamaan waamichi akka dhaqqabetti bira darbanii bakka hinjirretti dhimma ilaaluun mirga dhagahamuu himatamaa kan sarbu qofaa otuu huntaane mana murtii Shari’aa dhimmicha qabate dhimmicha irratti aangoo akka hinqabaanne taasisa jechuun bal’inaan xiinxalee murteessee jira. https://t.me/http_Ijooseeraa

𝐇𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐚𝐲𝐲𝐚𝐦𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐭𝐮 🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba. ✅Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba. ✅Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara. ✅Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda. ✅Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa. https://t.me/http_Ijooseeraa

𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗿𝗲𝗲 F𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶 ✍️ Daldalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo biroo qabatee Naannoo
+4
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗿𝗲𝗲 F𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶 ✍️ Daldalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo biroo qabatee Naannoo biroo keessatti Bittaa raawwachuu danda'aa? ============================= Murtii Mana Maree federeeshinii Gal.Lakk. 66/11 ta'e irratti kenname. Daldaalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo tokko irraa fudhate qabatee Naannoo biroo keessatti osoo hayyama Naannichaa hin qabaatiin bittaa raawwate jedhamee yakkan kan hin gaafatamne ta'uu; Heera Mootummaa Federaalaa Ripaablikaa Itoophiyaa kew.22 fi 32 waliin wal qabsiisuun murtii kennee ture. Murtii isaa kana keessatti Daldalaan tokko Naannoo hojii daldala itti hojjechuuf jedhu keessaa Damee baanuuf yoo ta'e qofa waajjira dhimmi ilaalu biraatti hayyama daldalaa fi TIN qabatee argamuun beeksisuu qabu jechuun murtii kenneera. Join ➤ https://t.me/binimoslawyer

Baayyina:100 Muuxannoo:0 year Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa 👉 Sadarkaa barnootaa Digirii 👉Gosa barnootaa: Seera
+5
Baayyina:100 Muuxannoo:0 year Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa 👉 Sadarkaa barnootaa Digirii 👉Gosa barnootaa: Seera 👉 Eebbifamtoota bara 2016 as xumurani + Exit Exam pass Galmeen:19-30/12/2017 Bakki Galmee: Waajjiraalee Abbaa Alangaa Godinaa fii Bulchiinsa Magaalotaatti galmaa'uu dandeessu.

BAKKA BU’UMMAAN MIRGA KABACHIISUU SEEROTA ILAALLATAN MURAASA 1ffaa SDFHH kwt. 38(1)  tiin bakka kan bu’uu danda’u nama faayidaa wal fakkaatu qabuu ( similar interest) dha. Bakka bu’ummaadhaan falmuuf haayyama mana murtii akka barbaadu dha seerichi kan tumee jiru. Bakka bu’ummaan asitti waajjira rogummaa qabu bira deemuun waliif kennan hin jiru jechuu dhaa? Moo fedhii miseensootaa bakka bu’anii haa falman jedhu mallatteessisuu qofaan ta’a? waanti hubatamuu qabu garuu namni bakka bu’u sunis dhimmicha keessaa dantaa kan qabu ta’uu qaba. Imaammanni tumaa kana duuba jiru dhamaatii fi baasii qusachuuf ta’uutu hubatama. Dantaa waloo kabachiisuuf himachuu fi himatamuu ittiin danda’u jechuu dha. Namni fedhii isaa haala kanaan kenne falmicha keessa seenee falmuuf akka haayyamamuufis gaafachuu danda’a. (SDFHH kwt 38(2) ilaallata. Heerri Mootummaa Kwt 37(2)(B) jalatti namni kamuu dantaa waliinii ykn wal fakkaataa garee inni keessaa qabu kabachiisuuf bakka bu’ee himannaa hundeessuu ykn falmuu akka danda’u tumameera. FKN'f Qabiiyyee Lafa baadiyyaa waloodhaan dheedichaaf namoonni qaban irratti mirga itti fayyadamuu isaanii kabachiisuuf haala kanaan wal bakka buusuu danda’uu? Beenyaa gaafachuufoo haaluma kanaan wal bakka buusu moo waajjjira AA ykn dhaabbata rogummaa qabu kan biraa bira deemuun waliif kennuu qabu jettu? Bakka bu’ummaan akkasii bu’uura labsii lakk 922/2008 tiin dirqama galmaahuu hin qabuu? HARKA QALLEEYYII BAKKA BU’UU Labsiin Bulchiinsaa fi Itti fayyadamni Lafa baadiyyaa Federaalaa lakk 1324/2016 kw 41 jalatti dhaabbileen dhimmoota dubartii fi daaímmanii mirga lafa qabiiyyee dubartiin hiyyeessa taate qabdu fi kanneen biroo deeggarsi isaan barbaachisu kabachiisuuf bakka buutee himannaa mana murtiitti dhiyeessuufii akka dandeessuuf tumameera. Labsii naannoo lakk 214/2011 kwt 40 dabalataan deeggarsi gama Waajjira AA tiin taasifamu fi bakka bu'anii falmuu dandeessisu diriiree ittis hojjatamaa jira. MIRGA NAMOOMAATIIN WAL QABATEE BAKKA BU’UMMAAN FALMUU Labsii Mana Murtii Federaalaa hundeessuuf bahe lakk 1234/2013 keessattis Kwt 11(3, 4, 5) Nama dantaa ykn mirga qabu qofa osoo hin taane nama dhimmicha dhiyeessuuf sababa qabu fkn, dhaabbilee rogummaa qaban kaayyoo hundeeffamaniin wal qabatu yoo ta’e mirga bu’uuraa heera mootummaatiin eegumsi taasifameef akka kabajamu bakka bu’anii himannaa dhiyeessuu danda’u. keessattuu kwt xiqqaa 4 jalatti (Any person who has vested interest or sufficient reason may institute a suit before the Federal High Court to protect the rights of his own or others) jechuun tumameera. Labsii eegumsa naannootiin wal qabatees mirga namni kamiyyuu mirga himannaa dhiyeessuu danda’u tumameera. (any one can bring a law suit ( Proc. No.300/2002 art. 11) ilaallata. https://t.me/http_Ijooseeraa

Darbiinsa Yeroo Raawwii Murtii; Murtii Tokko Mana Guyyaa Kennamee Kaasee Yeroo Hangamii Keessatti Raawwiif Dhiyaachuu Qaba? ================================== Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 384 fi Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa glm Lkk 35018 ta’erratti gaafa 18/02/2001 kennamuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfame ================= Namni beela bahuuf haalli addaa fi amalli addaa yoo jiraate malee miidhaan nyaachuu akka isa barbaachisu Saayinsiin fayyaa kan ibsu yoo ta’u irraa caalaa fi baratamaanis bilcheeffatanii nyaachutu gorfama. Otuu hinbolchiissin fayyaa namaafis ta’ee pyscho namaafis hintolu. Haaluma kanaan midhaan bilcheeffachuu qofa otuu hintaane kan bilchaate yeroodhaan myaatamuu baannaan ammas summi’aayuu ykn faayidaan ta’uun isaa beekamaadha. Namni haqni ykn mirgi ykn dantaan isaa jalaa tuqame iyyannoo ykn hamannaa isaa qaama abbaa seerummaa , yeroo hedduu Mana Murtiitti , qabutti dhiyeeffatee kabachiifachuu kan qabu yoo ta’u kanas daangaa yeroo seeraan ibsame ykn hiikkoo seeraan kennameen ibsame keessatti fayyadamuu yoo hafe mirgi isaa kan daangeffamu akka ta’e beekamaadha. Akkasumas murteessifachuu qofa otuu hintaane waan murtaa’eef yeroodhaan hordofatee raawwachiifachuunis barbaachisaa akka ta’e duraanii hubachuun miidhaa irraa nama oolchaa. Jecha biraatiin akkuma nyaanni bilchaate yeroodhaan nyaatamuu yoo baate faayidaan ala ta’uu danda’u murtiin tokkos yeroodhaan raawwiif yoo dhiyaachuu baate daangaa yeroon daangeffama. Kunis SDFHH kwt 384 jalatti galmeen raawwii murtii altokko baname sababa adda addaan giddutti yoo cufames hanga waggaa 10 giddutti deebi’ee socho’uu akka danda’u tumamee kan jiru yoo ta’u abbaan mirgi murtaa’eef yeroo waggaa 10 keessatti akka fedhe galmee raawwii sochoofachuun raawwachiifachuu akka danda’u kan agarsiisudha. Haata’u malee guyyaa murtiin kenname ykn nyaatichi bilchaatee irraa kaasee waggaa 10 keessatti murtiin raawwiif yoo dhiyaachuu baate darbiinsa yeroo waggaa 10n kan daangeffamu akka ta’u Dhaddachi Ijbta MMWF SDFHH kwt 384 caqasuun galmee Lkk 35018 ta’erratti murtii gaafa 18/02/2001 kennaan hiikkoo dirqisiisaa kennuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfamee argama. Kanaaf, namoonni mana murtiitti waa isiniif murtaa’e ykn fira ykn hiriyaa murtaa’eef qabdan yeroo barbaanne raawwachiifanna jettanii  nyaata bilchaate ol hinkaahinaa dafaa raawwachiifadhaa, akka yeroodhaan raawwachiifatan hubachiisaa. https://t.me/http_Ijooseeraa

Akkaataa Seera Maatii Oromiyaa Labsii Lkk 69/95 kwt 74(2)tiin Qabeenyi Bittaa Gurgurtaa Qabeenya Dhuunfaa Irraa Argameedha Jedhamee Mana Murtiitti Galmaa’uu Qabu Mallaqa Dheedhii ykn Qarshii Nidabalataa? ================================== Seera Maatii Oromiyaa (SMO) kwt 73 fi 74, Hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWF glm Lkk 221394 ta’erratti kenname (kan hinmaxxanfamne) ================= Raawwii gaa’elaan dura qabeenyi abbaan warraa ykn haati warraa dhuunfatti qaban ykn gaa’ela keessatti dhaalaan ykn kennaan dhuunfatti argatan ulaagaa biroo ykn haalduree biroo otuu hinbarbaachisin turtii gaa’ilaa keessattis kanuma dhuunfaa ta’ee kan ittifufu akka ta’e SMO kwt 73 jalatti tumamee jira. Bu’ura kanaan yeroo diiggaa gaa’elaa hordofee falmii qooda qabeenyaa ka’etti gareen qabeenyichi kan dhuunfaa kooti jedhu haaluma olitti ibsaman kana hubachiisuun qooda qabeenya waliinii keessaa baasifachuu akka danda’u tumaalee seerichaa kwt 72, 73 fi 112 fi 113 walitti dubbisuun hubachuun nidanda’ama. Gama biraan qabeenyi haala olitti ibsameen gaa’elaan dura kan dhuunfaa ture gaa’ela keessatti gurguramuun qabeenyi biroo kan ittiin horatame ykn bitame yoo ta’e qabeenyi haaraa bitame falmiin diiggaa gaa’elaa otuu hinka’in dura bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaatiin kan argamee fi qabeenya dhuunfaati akka jedhamuuf mana murtiitti akkaataa seericha kwt 74(2)tiin yoo galmaa’uu malee qabeenya waliinii akka ta’us kwt 74 (2) jalatti ifaan tumamee argama. Kana jechuun qabeenyichi kan dhuunfaa ta’uu hubachiisuun kan danda’amu mana murtiitti galmaa’uu isaa murtii galmee mana Murtii dhiyeessuu qofaan ta’a jechuudha. Kanaan walqabatee qabeenya dhuunfaa gaa’ela keessatti bittaa fi gurgurtaan jijjiirameedha jedhamee akkaataa SMO kwt 74(2)tiin galmaa’uu kan qabu qabeenya bifaan bitame ykn jijjiirame qofa moo mallaqa dheedhii gurgurtaa qabeenya dhuunfaa irraa gaa’ela keessatti argames nidabalata, kan jedhu hiikkoo waan barbaaduuf Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee Lkk olitti caqafame irratti hiikkoo haaraa sagalee caalmaan kennee jira. Haaluma kanaan qarshiin 6,915,555.84 dhimmicha keessatti falmiif sababa ta’e kan iyyataan dhuunfaan mana waliin haadha warraa duraa yeroo walhiikan gahee isaa irraa qoodamuun gaa’ela waamamtuu ammaa keessatti gurgurtaa caalbaasii raawwatame irraa argate waan ta’e akkaataa seericha kwt 74(2) jalatti bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaa irraa kan argame jedhamee galmaa’uu kan dirqamuu miti jechuun murtii Dhaddacha Ijbta naannichaa dabalatee manneen Murtii naannoo Oromiyaa sadarkaan jiran mallaqichi akkaataa kwt 74(2) waan hingalmoofneef kan waliiniiti jechuun kennan diiguun murteessee jira. Sagaleen addaa namni tokko garuu kwt 74(2) SMO jalatti akka galmaa’u kan gaafatame qabeenya dhuunfaa gaa’ela dura ture ta’ee gaa’ela keessatti bittaa fi gurgurtaan jijjiirame hunda kan hammatu ta’uu fi mallaqni falmii kaases qabeenya gurgurtaa mana gaa’ela dura iyyataan qabu irraa argame ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti akkaataa kwt 74(2) galmaa’uu qaba jechuun murtiin Manneen Murtii Naannichaa kennan dogongora kan qabuu miti jedheera. Tumaa seerichaa kwt 73 fi 74 waliin yemmuu ilaalamus qabeenyi gaa’ela dura ture mana jireenyaa ta’uu fi Innis gaa’ela waamamtuu keessatti gurguramee mallaqni ittiin gurgurame Lkk herreega iyyataatiin baankii olkaa’amee kan argame ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti tumaan seericha kwt 74(2) hinilaallatu jedhamuun hiikkoon sagalee caalmaan kenname ammas dhama qabeessummaan isaa falmii cimaa kan affeerudha. https://t.me/http_Ijooseeraa

Akkaataa Seera Maatii Oromiyaa Labsii Lkk 69/95 kwt 74(2)tiin Qabeenyi Bittaa Gurgurtaa Qabeenya Dhuunfaa Irraa Argameedha Jedhamee Mana Murtiitti Galmaa’uu Qabu Mallaqa Dheedhii ykn Qarshii Nidabalataa? ================================== Seera Maatii Oromiyaa (SMO) kwt 73 fi 74, Hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWF glm Lkk 221394 ta’erratti kenname (kan hinmaxxanfamne) ================= Raawwii gaa’elaan dura qabeenyi abbaan warraa ykn haati warraa dhuunfatti qaban ykn gaa’ela keessatti dhaalaan ykn kennaan dhuunfatti argatan ulaagaa biroo ykn haalduree biroo otuu hinbarbaachisin turtii gaa’ilaa keessattis kanuma dhuunfaa ta’ee kan ittifufu akka ta’e SMO kwt 73 jalatti tumamee jira. Bu’ura kanaan yeroo diiggaa gaa’elaa hordofee falmii qooda qabeenyaa ka’etti gareen qabeenyichi kan dhuunfaa kooti jedhu haaluma olitti ibsaman kana hubachiisuun qooda qabeenya waliinii keessaa baasifachuu akka danda’u tumaalee seerichaa kwt 72, 73 fi 112 fi 113 walitti dubbisuun hubachuun nidanda’ama. Gama biraan qabeenyi haala olitti ibsameen gaa’elaan dura kan dhuunfaa ture gaa’ela keessatti gurguramuun qabeenyi biroo kan ittiin horatame ykn bitame yoo ta’e qabeenyi haaraa bitame falmiin diiggaa gaa’elaa otuu hinka’in dura bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaatiin kan argamee fi qabeenya dhuunfaati akka jedhamuuf mana murtiitti akkaataa seericha kwt 74(2)tiin yoo galmaa’uu malee qabeenya waliinii akka ta’us kwt 74 (2) jalatti ifaan tumamee argama. Kana jechuun qabeenyichi kan dhuunfaa ta’uu hubachiisuun kan danda’amu mana murtiitti galmaa’uu isaa murtii galmee mana Murtii dhiyeessuu qofaan ta’a jechuudha. Kanaan walqabatee qabeenya dhuunfaa gaa’ela keessatti bittaa fi gurgurtaan jijjiirameedha jedhamee akkaataa SMO kwt 74(2)tiin galmaa’uu kan qabu qabeenya bifaan bitame ykn jijjiirame qofa moo mallaqa dheedhii gurgurtaa qabeenya dhuunfaa irraa gaa’ela keessatti argames nidabalata, kan jedhu hiikkoo waan barbaaduuf Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee Lkk olitti caqafame irratti hiikkoo haaraa sagalee caalmaan kennee jira. Haaluma kanaan qarshiin 6,915,555.84 dhimmicha keessatti falmiif sababa ta’e kan iyyataan dhuunfaan mana waliin haadha warraa duraa yeroo walhiikan gahee isaa irraa qoodamuun gaa’ela waamamtuu ammaa keessatti gurgurtaa caalbaasii raawwatame irraa argate waan ta’e akkaataa seericha kwt 74(2) jalatti bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaa irraa kan argame jedhamee galmaa’uu kan dirqamuu miti jechuun murtii Dhaddacha Ijbta naannichaa dabalatee manneen Murtii naannoo Oromiyaa sadarkaan jiran mallaqichi akkaataa kwt 74(2) waan hingalmoofneef kan waliiniiti jechuun kennan diiguun murteessee jira. Sagaleen addaa namni tokko garuu kwt 74(2) SMO jalatti akka galmaa’u kan gaafatame qabeenya dhuunfaa gaa’ela dura ture ta’ee gaa’ela keessatti bittaa fi gurgurtaan jijjiirame hunda kan hammatu ta’uu fi mallaqni falmii kaases qabeenya gurgurtaa mana gaa’ela dura iyyataan qabu irraa argame ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti akkaataa kwt 74(2) galmaa’uu qaba jechuun murtiin Manneen Murtii Naannichaa kennan dogongora kan qabuu miti jedheera. Tumaa seerichaa kwt 73 fi 74 waliin yemmuu ilaalamus qabeenyi gaa’ela dura ture mana jireenyaa ta’uu fi Innis gaa’ela waamamtuu keessatti gurguramee mallaqni ittiin gurgurame Lkk herreega iyyataatiin baankii olkaa’amee kan argame ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti tumaan seericha kwt 74(2) hinilaallatu jedhamuun hiikkoon sagalee caalmaan kenname ammas dhama qabeessummaan isaa falmii cimaa kan affeerudha. Garagalchi murtichaa Fuula Telegrama Mulugeta F. Binegde irraa kan fudhatame yoo ta’u dabalataan telegrama armaan gadii irrattis niargattu https://t.me/http_Ijooseeraa

#Murtiile_DHIMMWF_fi_Waliigaltee_Qabeenya_hin_sochoone_irratti_taasifamu ✍️dhaddachi ijibbaata MMWF jildii 23 ffaa Lakk Galmee 153664 irratti namni tokko qabeenya hin sochoone dhaaltota keessa isa tokko qofa waliin Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa raawwate qaama Angoo qabu biratti yoo hin galmoofnee Raawwatiinsa hin qabu. ✍️waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa yeroo diigamu immoo himata biraa dhiyeesuun osoo hin barbaachifne namni maallaqa  sababa waliigalteetiin  fudhate maallaqa kana nama kafaleef deebisuuf dirqama qaba.jechuun mirtii dirqisiisaa kennee jira. ✍️dhaddachi ijibbaataa MMWF jildii 22ffaa Lakk Galmee 123761 irratti Namni tokko qabeenya mana waliigalteedhan bitee manicha kana Aangoo Qaama sadaffaatti dabarsuuf bakka bu’iinsa fi sanadoota Manicha ilaallatan gurguraa irraa fudhatuus waliigatichi qaama Aangoo qabu birati yoo hin galmoofnee (hin mirkanoofne) ta’ee fi manichii qaama sadaffaatii (bitaa 2ffaa ttii ) yoo darbee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa fi Aangoo bakka bu’iinsa isaa waliigaltee qaama 3ffaa waliin raawatamee mormuuf  akka ragaatti dhiyeesu hin danda’u jechuu murtii dirqisiisaa kennee  jira. ✍️dhaddacha ijibbaataa MMWF jildii 8ffaa Lakk Galmee 39803 irratti S/H/H keewata 1723 (1) jalatti waliigalteen qabeenyaa hin sochoone ilaallatan Qaama waliigaltee galmeessuuf(mirkaneessuuf) Aangoo qabu fuula duratti yoo hin taasifamne fudhatama akka hin qabne ibsa. Karaa biraan immoo kennaan (donation) qabeenya hin sochoone immoo bu’uura keewata 1723 (1) ta’uu akka qabuu keewata 2443 ta’e 881 jalati hin ibsamne. ✍️keewatni 1723 (1) waliigaltee akka waliigalaatti kan ilaallatu yoo ta’uu keewatni 2443 fi 881 immoo seera addaa (special laws) kennaa (donation) ilaallatanidha. Kanaaf waliigaltee kennaa (donation) qabeenya hin sochoone bu’uura keewatni 1723(1) ajajun qaama waliigaltee Raawachiisuuf Angoo qabu fuuldurati raawatamu baatus waliigaltichi kan raga’eedha jechuun murtii dirqisiisaa kennee jira. https://t.me/http_Ijooseeraa

Repost from Desalegn B.
Beeksisa MMWOtiin Bahe ========= Beeksisa Dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa (Leenjii Kan galuu barbaaduuf) D
+2
Beeksisa MMWOtiin Bahe ========= Beeksisa Dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa (Leenjii Kan galuu barbaaduuf) Desalegn B.

Dhimmoota Dantaa Mootummaa ilaalchisee Falmii Seeraa Kamiiyyuu Biiroo Abbaa Alangaa Yoo Eeyyame Malee Manni Hojii Mootummaa Kamiiyyuu Ofii Falmii Hindanda’u (Dambii Lkk 243/2016 kwt 5 ================================== Abbaa Alangaa osoo hin beeksisiin falmii mana Murti Abbaa Alangaatiin alatti gaggessuun mootummaa kasaaraaf saaxiluun  yakkaan nama gaafachiisa. Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dambii dhimmoota hariiroo hawaasaa Lakk-243/2016 mirkaneessun Amajjii 10 bara 2016 irraa eegalee hojiirra oolchee jira.  Dambichi seensa isaa irratti kaayyoon dambichi ittiin bahe Aangoo hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa Ummataa fi Mootummaa kabachisuu Biiroo Abbaa Alangaatif kennamee jiru karaa qulqullina, si’oominaa fi bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolchuudhaan qisaasama qabeenyaa mootummaa fi ummataa ittisuu irratti akka xiyyeeffate ifatti ibsee jira. Dambichi kewt. 4 jalatti Daangaa raawwatiinsa isaa dhaabbilee misooma mootummaa, manneen hojii mootummaa, namoota deeggarsa adda addaa barbaadanii  fi akka barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataarratti raawwatinsa kan qabu ta’uu tumee jira. Dabalataan keewwata 5 jalatti Manneen Hojii Mootummaa kamiiyyuu Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Caasaa isaa Sadarkaan jiran irraa heyyama ykn bakka bu’ummaa osoo hin argatin Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Ummataa fi Mootummaa ta’an irratti falmii kamiiyyuu gaggeessuu akka hin dandeenye tumee jira. Kana jechuun Dhimmoota  manneen hojii mootummaa fi dhaabbileen misooma mootummaa falmii mana murtiitti gaggeeffamu beekkamti Abbaa Alangaatiin Alatti Itti gaafatamaa waajjiraa ykn bakka bu'aa ykn dubbii fixaan mootummaa ykn dhaabbilee misooma mootumma waanuma Caasaa qabanii fi Aangoon manicha bulchuu kennameef qofaaf bakka bu'ee falmuu akka hin dandeenye dhoorkamanii jiru. Qaamni kamiiyyuu Qajeeltoo danbichaan tumame keewwata 35 jalatti Namni dirqamoota ykn dhoorkaalee dambichaan tumaman darbee kan argame yoo ta’e tarkaanfii bulchiinsaa fi seera yakkaan kan gaafatamu ta'uus ni ibsa. Kanumaan Itti gaafatamummaa Seeraa kanas yoo ilaalle Labsiin yakkoota Malaamaltummaa tumuuf bahe Lakk 881/2007 kewt 13 jalatti ifa godheera. Maftuu Lawyer@ Gola Seeraa https://t.me/http_Ijooseeraa