cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Desalegn B.

Just to share training materials prepared for lawyers!

Більше
Рекламні дописи
4 128
Підписники
+224 години
+857 днів
+23830 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Akkaataa Seera Lammummaa (Citizenship/Nationality Law) Biyya Keenyatti Namni Lammummaa Isaa Dhabee Ture Deebifachuuf Adeemsa Akkamii Hordofuu Qabaa? Lammummaa Deebifachuun Mirga (Right) moo Faayidaa Addaa(Privilege)ti? £££££✓✓£££££✓✓✓✓£££££✓✓✓✓✓✓ Heerri Mootummaa FDRI kwt 6(1) jalatti abbaafi haati nama tokkoo lammummaa Itoophiyaa qabu yoo ta'e, ykn tokkoon isaanii lammummaa Itoophiyaa kan qaban yoo ta'e, namni (mucaan) sun lammummaa Itoophiyaa kan qabaatu ta'uu tumeera. Kana malees, kwt 33(1) jalatti lammiin Itoophiyaa kamiyyuu fedhii isaatiin ala lammummaa isaa dhabuu akka hin dandeenye tumeera. Haaluma wal fakkaatuun, Labsiin Lammummaa Itoophiyaa, Labsiin Lakk.378/1996 kwt 19fi 20 jalatti lammummaa Itoophiyaa nama irraa mulquun akka hin danda'amneefi lammiin tokko Lammummaa isaa dhabuu kan danda'u fedhii isaatiin dhiisuudhaan ykn adeemsa seeraa itti seerri akka fedhii isaatiin dhiisetti tilmaamu irratti hundaa'ee ta'uu ibseera. Labsiin kun, itti fufuun, kwt 22 jalatti haala Itti lammummaa deebisanii argachuun danda'amu (Re-acquisition/Re-Admissiin) tumeera. Haala kanaan, namni lammii Itoophiyaa tureefi seeraan lammummaa biyya alaa argatee ture lammummaa Itoophiyaa deebisiifachuu kan danda'u;    👉a) Biyya Itoophiyaatti deebi'ee jireenya isaa Idilee dhaabbiidhaan biyya kana keessatti yoo gaggeesse (SHH Kwt 183 waliin)     👉b) Lammummaa biyya alaa san yoo dhiiseefi      👉c) Lammummaan isaa akka deebi'uuf abbaa Taayitaa Nageenyaa, Immigireeshiniifi Baqattootaatti (Yeroo ammaa kanatti maqaan jijjiiramee 'Ejensii' ykn 'Tajaajiloota Lammummaafi Immigireeshinii' (immigration and Citizenship Services) Iyyachuunidha. Namni akkaataa kwt 20(2)tti lammummaa Itoophiyaa dhabee tures (Murtii maatii daa'imichaatiin daa'imni lammummaa isaa akka dhiisu taasifameera yoo ta'efi erga gaa'ila gahee waggaa tokko keessatti lammummaa Itoophiyaa qofa filachuu isaa Abbaa Taayitichaatti ibsachuu dhabuudhaan akka dhiisetti kan lakkaawame yoo ta'e) haaluma kanaan deebifata. (Kwt 22(2)) Dabalataan, labsichi Koree Dhimma Lammummaa kan hundeesse yemmuu ta'u, aangoo korichaa keessaa tokko, yoo Abbaan Taayitichaa qajeelcheef, iyyannoo namni lammummaa deebifachuuf dhiyeeffatu ilaalchisee haalonni kwt 22 jalatti tarreeffaman guutuufi dhabuu isaa mirkaneessuu, erga qulqulleessee booda argannoo isaafi yaada murtii isaa abbaa taayitichaatiif dhiyeessuudha. Koreen kun dambii adeemsa walgahii mataa isaa baafachuu akka danda'us tumameera. (Kwt 23) Miseensonni Koree kanaas eenyu eenyu akka ta'e tarreeffamaniiru. 👁️Kanarraa ka'uun, gaaffii lammummaa deebifachuun mirga (Right)moo faayidaa Addaa (Privilege)ti? jedhu yoo ilaalle, labsichi ifa ta'uu baatullee (adeemsa seeraa deemamuu qabuufi sababoota itti iyyannoon sun kufaa ta'uu danda'u ibsuu dhabuu), yeroo ammaa kanatti, bu'uura labsii Lakk.1183/2012tiin murtii dhumaa abbaan taayitichaa (Ejensichi/ICS) kennu irraa Mana Murtii Ol'aanaa Federaalaatti iyyachuun waan danda'amuuf (Judicial Review), sababni irratti hundaa'amus labsichuma jalatti ibsamee waan jiruuf, mirga sababa malee namni iyyate dhorkamuu hin dandeenyedha jechuun ni danda'ama. Kanaan wai qabatee, Dambiin Lakk.449/2012, kan labsicha raawwachiisuuf bahes tarreeffama addaa lafa kaa'e hin qabu. Hanga ani sakata'etti dambii ykn qajeelfamni biroon labsicha raawwachiisuuf bahe hin jiru. Haala amma jiruun, ani, dhimmi lammummaa deebifachuu mirgadha yaada jedhun qaba. Mee isin maal jettu??       Desalegn B.
Показати все...
👍 5👎 1
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Фото недоступнеДивитись в Telegram
👍 9
Namni Osoo Abbaan Qabiyyee Hin Mormin Lafa Nama Biroo Irratti Gamoo Ijaare Abbaa Qabeenyaa Gamoo Sanii Ta'uu Danda'aa? (Raawwii SHH Kwt 1179) €€€€€✓✓€€€€€✓✓✓€€€€€€✓✓✓✓✓✓ Bu'uuraan murtiin mana Murtii sadarkaa duraa kan qeeqamu hin turre. Sababni isaas Manni murtichaa murtii isaatiif bu'uura kan godhate SHH Kwt 1179(1)(2)dha. Keewwatni kun abbaan qabiyyee osoo hin mormin namni qabiyyee nama biroo irratti gamoo ijaare abbaa aabeenyaa akka ta'u ibsa. Dhimma kana keessattis iyyataan manicha keessa waggaa 19f jiraachuun waamamaadhaan hin haalamne. Kan inni falme baasii ibsaafi bishaanii waan hin kaffalleef gadi lakkise jedheeti. Kunimmoo ka'umsumarraayyuu fedhiin (waliigalteen) jiraachuu kan agarsiisudha. Iyyataanis waanuma kana tilmaama keessa galchee manicha ni ijaara jedhamee amanama. Gama birootiin, Manni murtichaas iyyataan baasii mataa isaatiin manicha ijaaruu isaas mirkaneeffateera. Manni Murtii ol'aanaas waliigalteen kennaa kufaadha jedhee yoo bira darbellee iyyataan mormii tokko malee waggaa 19f amantaa manichi kiyyadha jedhuun kan keessa jiraate ta'uu hubannoo keessa galchuu osoo qabuu abbaan iyyataa (waamamaa 2ffaan) iyyataan manicha ijaaree keessa jiraachuu erga eegalee booda barreeffama abbaan mana kiyya mucaa kiyyaaf kenneera jechuun barreessee jaarsolee mallatteessise irratti hundaa'uun jeequmsi hin jiru jechuun murtii mana Murtii sadarkaa jalqabaa diiguunifi Manni Murtii Waliigala Federaalaas dogoggora kana sirreessuu osoo qabuu galmichi hanqina hin qabu jechuun cufuun dogoggora ta'ee argameera.    (Dhaddacha Ijib.MMWF, Galmee Lakk.36638(Jildii 9ffaa) gaafa 21/04/2001)      Desalegn B.
Показати все...
👍 2
ባለይዞታው ሳይቃወም በሌላ ሰው የመሬት ይዞታ ላይ ህንፃ የሰራ ሰው የህንፃው ባለሀብት ሊሆን ይችላል? (የፍ/ብ/ህ/ አንቀፅ 1179 አፈፃፀም) =====//======////=======/////======= በመሰረቱ የመጀመሪያ ደረጃ ፍ/ቤት ውሳኔ የሚነቀፍ አልነበረም፡፡ ምክንያቱም ፍ/ቤቱ ለውሳኔው መሰረት ያደረገው የሕጉን አንቀጽ 1179/1ና2/ ነው:: ይህ አንቀጽ ባለመሬቱ ሣይቃወም በሌላ ሰው መሬት ላይ ህንፃ የሰራ የዚሁ ሕንፃ ባለሐብት ይሆናል በዚህም ጉዳይ አመልካች በቤቱ ውስጥ ለ19 አመት መኖሩ በተጠሪ አልተካደም መብራትና ውሐ ስላልከፈለ ነው የወጣው(የለቀቀው) ሲሉ ተከራክረዋል ይህ ደግሞ ከመጀመሪያውነ ፍቃድ(ስምምነት) እንደነበረ የሚያመለክት ነው አመልካችም ይህንኑ በግምት በማስገባት ቤቱን ይገነባል ተብሉ ይታመናል:: በሌላ በኩል ፍ/ቤቱም አመልካች በራሱ ወጪ ቤት ለመስራቱም አረጋግጧል፡፡ የከፍተኛው ፍ/ቤትም የስጦታ ውሉን ቢያልፈው (ፈራሽ) ነው ቢል እንኳ አመልካች ያለ ምንም ተቃውሞ ለ19 አመት የኔ ነው በሚል እምነት የኖረበትን እግምት ማስገባት ሲገባው የአመልካች አባት (ወላጅ) ሁለተኛ ተጠሪ አመልካች ቤቱን ሰርቶ መኖር ከጀመረ በኋላ ቤቴን ለልጄ ሰጥቻለሁ ብለው ጽፈው ለሽማግሌዎች ያስፈረሙትን ጽሑፍ: መሰረት በማድረግ ሁከት የለም በማለት የስር ውሣኔን መሻሩና የፌ/ጠ/ፍ/ቤትም ይህንን ማረም ሲገባው መዝገቡን ጉድለት የለበትም ብሉ መዝጋቱ የሕግ ሥህተት የተፈፀመበት ሆኖ ተገኝቷል፡፡        (የሰ/መ/ቁ. 36638 (ቅጽ-9) ታህሳስ 21 ቀን 2001 ዓ.ም)          Desalegn B.
Показати все...
Фото недоступнеДивитись в Telegram
👍 1 1
Here are 9 lessons from "Power of Ignored Skills: Change the way you think and decide" by Manoj Tripathi: 1. Importance of Soft Skills: Soft skills like communication, empathy, and teamwork are often overlooked but are crucial for personal and professional success. Cultivating these skills can lead to better relationships and more effective leadership. 2. Adaptability: The ability to adapt to changing circumstances and new information is essential. Flexibility allows individuals to navigate uncertainty and seize opportunities in a dynamic environment. 3. Critical Thinking: Developing critical thinking skills helps in making informed decisions. It involves analyzing information objectively, evaluating different perspectives, and solving problems effectively. 4. Self-awareness: Understanding your own strengths, weaknesses, and motivations can significantly impact your decision-making process. Self-awareness leads to better self-regulation and more authentic interactions with others. 5. Emotional Intelligence: Emotional intelligence, which includes self-awareness, self-regulation, motivation, empathy, and social skills, is vital for managing personal and professional relationships. High emotional intelligence contributes to better teamwork and conflict resolution. 6. Resilience: Building resilience helps individuals to recover from setbacks and persist in the face of challenges. Resilience is a key factor in long-term success and personal growth. 7. Effective Communication: Clear and concise communication is critical in conveying ideas, persuading others, and building trust. Good communication skills involve active listening, clarity of thought, and the ability to adapt the message to the audience. 8. Time Management: Efficient time management enables individuals to prioritize tasks, reduce stress, and achieve their goals. It involves setting clear objectives, planning, and delegating when necessary. 9. Networking and Relationship Building: Building a strong network of professional and personal connections can provide support, open up new opportunities, and enhance learning. Relationship building requires mutual respect, trust, and reciprocity. BOOK: https://amzn.to/3VJD8XD @musalawyer
Показати все...
👍 5 1
DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf5.58 KB
👍 11 6
☝️☝️☝️☝️☝️
Aangoo Manneen Murtii, Murtii Bulchiinsaa Keessa Deebiin Ilaaluuf Qaban (Judicial Review) : Kenniinsa Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Lafa Magaalaa, Haqamiinsa Isaafi Kenniinsa Iddoo Bakka Bu’iinsaa Lafa Mana Jireenyaa Magaalaa Qofa Irratti Xiyyeeffachuun €€€€€✓✓€€€€€€✓✓✓✓€€€€€✓✓✓✓✓✓ ......itti fufee.... Tarii, namni qabiyyee isaa irraa kaafame, akkuma armaan olitti kaasne, iddoo bakka bu’iinsaa ilaalchisee mirga seera irraa madde waanan qabuuf murtiin bulchiinsaa naaf haa kennamu jechuun gaafachuu danda’a ta’a. Yeroo baay’ee, qabatamaatti, gaaffiin akkasii waan hin baratamneef gaaffiin “iddoon mana jireenyaa bakka bu’iinsaan naaf malu akka naaf kennamu naaf haa murtaa’u” jedhu kallattiidhaan mana murtiitti dhiyaatee ni murtaa’a. Kanaan wal qabatee, qabatamaatti, gaaffiin ka’aa kan jiru adeemsa raawwii keessatti akkaataa itti manneen murtii raawwachiisuuf yaalanidha. Murtiin kan kennamu, duuchumatti “iddoon bakka bu’iinsaa akka kennamuuf” jedhameeti waan ta’eef dhimmi iddoo (lafa) barbaaduu adeemsa raawwii keessatti itti fufa jechuudha. Seerri deemsa falmii sivilii tumaaleen adeemsa raawwii hogganan lafa duraan iddoon isaa daangaadhaan adda bahee hin murtoofne (kan ‘decree’ keessatti ifatti hin ibsamne) akka barbaannuuf nuuf hayyamaa? gaaffii jedhuuf deebii kennuu qabna. Akka kiyyatti deebiin isaa ifadha. Abbootii seeraa dhimmoota akkasii irratti galmee raawwii qabatanii raawwachiisaa turaniifi jiraniif immoo caalmatti ifadha. Darbee darbee immoo namni iddoon bakka bu’iinsaa akka siif kennamu murtaa’era jedhamee galmee raawwii banatu (murtiin abbaa mirgaa), adeemsa raawwii keessatti, iddoo lafti duwwaan jiru ogeessa waliin barbaadee (iddoo ‘Green Area’ jedhamee daangeffames yeroon itti gaafatan ni jira) iddoo kana irratti, iddoo sana irratti naaf haa raawwatamu jedhee gaafatee (iddoon tokko tokko immoo naaf hin ta’u jedhee didaa) wayita manneen murtii abbaa mirgaa sana waliin dhama’anifi bakka tokko tokkotti immoo yaalanii dadhabanii wayita galmee raawwii cufan ni mul’ata. Egaan adeemsi akkasii kun gama tokkoon manneen murtii mirgoota qabeenyaa lammilee kabachiisuuf yaalii cimaa taasisuu isaanii kan hubachiisu yemmuu ta’u, gama birootiin immoo dhimmi murtiidha jedhamee mana murtiitiin murtaa’e (kenname) osoo hin raawwatamin hafuun “manneen murtii, murtii isaanii raawwachiifachuu hin dandeenyedha” jechisiisee amantaa uummanni mana murtii irraa qabu irratti dhiibbaa geessisuu danda’a. ......itti fuftee dubbisuu yoo barbaadde pdf olii bani.         Desalegn B.
Показати все...
👍 4
☝️☝️☝️☝️☝️ Aangoo Manneen Murtii, Murtii Bulchiinsaa Keessa Deebiin Ilaaluuf Qaban (Judicial Review) : Kenniinsa Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Lafa Magaalaa, Haqamiinsa Isaafi Kenniinsa Iddoo Bakka Bu’iinsaa Lafa Mana Jireenyaa Magaalaa Qofa Irratti Xiyyeeffachuun ¢¢¢¢¢¢¢¢✓✓¢¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢
......itti fufe ....... Sadarkaa of eeggannoo (of qusannaa) manni murtii sadarkaa duraa dhimmicha keessa deebiin ilaaluuf aangeffame taasisuu qabu ilaalchisee Manni Murtii Oliyyannoo Indiyaanaa: “As part of the judicial branch, a court has no authority to usurp or exercise the functions of an administrative agency during judicial review of the agency’s order. A court may not substitute its judgment on the merits of an issue for that of an administrative body acting within its jurisdiction. The purpose of judicial review of an administrative order is “solely to determine whether or not the body was outside the limits and jurisdiction of such body. Once the matter of jurisdiction is determined the court has no further right to interfere with an administrative procedure which belongs to another department of the government—not the judiciary.”jedheera. (Jennifer Wheeler Terry, 2006) Kunis kan agarsiisu, gaheen mana murtii qaamoleen bulchiinsaa daangaa aangoo ofii keessatti akka hojjetan taasisuu akka ta’e, daangaa qoodinsa aangoo ofiitiin ala bahuun hojii qaama bulchiinsaa hojjechuuf aangoo akka hin qabneefi adeemsa bulchiinsaa keessa seenuufi murtii bulchiinsi kenne kan ofiitiin bakka buusuuf aangoo kan hin qabne ta’uudha. Itti fuftee guutummaa isaa dubbisuu yoo barbaadde......pdf olii...bani                    Desalegn B.
Показати все...
👍 5
Оберіть інший тариф

На вашому тарифі доступна аналітика тільки для 5 каналів. Щоб отримати більше — оберіть інший тариф.