Creative Dev
Відкрити в Telegram
Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev
Показати більше2 405
Підписники
-424 години
-277 днів
-9430 день
Архів дописів
2 405
Walaloo tiyya tana isin affeere!
●●●●●●●●●●●●●●●●●●●
Dhaamsa bareedaa guyyuu
argachuu ni feetanii?
Akkas taanaan mee koottaa
Dhufee jiraa furmaanni
Mana keenyatti goraa
Hin darbinaa ceetanii
~
Maatii fi hiriyoota
keessan hunda qabadhaa
Balballi keenya banaa
Kottaa ol seenaa baradhaa!
~
Seera mana keenyaatis
Yoo dhuftan hin cabsinaa
Oduu dharaa kan sobaa
Keeysattin odeessinaa!
~
Rakkoon amantii fi aartii
Teenyarra akkan geenye
Afaan warra keenyaatiin
Wal barsiifna gad teenye!
~
Kanaaf afeeramtanii
Hin hafinaa as goraa
Karaa Facebook' n dhufuuf
Tuqaa liinkii kanarra
https://m.facebook.com/ArarsoMohammedOfficial
Follow godhaa hordofaa
Osoon dabarre bira
#Like, share gochuudhaan
Isiniis wal affeeraa
~
Maxxansaalee keenyarratti
Rakkoo wahii agarraan
Tan wallaalaan dhoobnee fi
Ammaas tan dogoggoraa
Nuttin usinaa maaloo
Obboleeyyan Aakhiraa
Sanduuqa yaadaa keeysatti
Nu beeysisaa hadaraa!!
~
Kana malees ni qabna
Social media biraa
Liinkiin isaaniis kunooti
Duraaf duubaan wal-taraan
Jalqabni #Youtube
Koottaa itti as goraa
https://youtube.com/@ArarsoMohammedOfficial
~
Liinkii kanarra tuquun
Koottaa maatii nuuf tahaa
Subscribe godhuun
Mana keenyatti ol bahaa
Karaa suur-sagaleetiin
Bashannanuuf qophaahaa
~
Manni keenya kan biraa
Ganda Telegiraamaa
Daandiin geeysuus kunootii
Hiriyaa keeysaniis yaamaa
https://t.me/foormulaa_jireenyaa
Qoreen osoon diramne
Nagayaan irra deemaa
Gara keenya as koottaa
Kan gamanaafi gamaa
#Join godhaa ol seenaa
Gara milkii ilmaan namaa
~
Daandiilee milkaa'inaa
Asirraa ni argattuu
Barruulee gaggabaaboo
Kanneen dubbisuuf toltu
Dhaamsa isiniif taasisu
Sammuu teeysan bilchaattuu
Hedduu isiniif dhoobnaa
Isinuu laallaan ni gartuu
Namni barruulee san dubbise
Hoggu takkan dhiphatuu
Sammuu isaatiin jeeqamee
Yeroo hundan rakkatuu
Bakka jeequmsaaf dhiphinaa
Boqonnaa sammuu argatuu!!
~
Manni biraa tokko ammaas
Garda weebsaayitiiti
Daandiin mana sanii ammoo
Google irraa ni argamtii
Qaroo Muslimaa ja'aa
#Search godhaa achitti
Yookaan isiniifiin himaa
Ifin rakkisinaatii
Liinkii kanarra tuqaa
Seenaa gara weebsaayitii
https://qaroopost.blogspot.com
~
Ammaas weebsaayitiin kun
Appii mataasaa qabaa
Appii isaa argachuuf
Daandiin kunooti gurbaa
https://bit.ly/3IVE6Ll
Tokkicha irra tuqnaan
Geeysee irra isin dhaabaa
Download godhadhaatii
Fayyadamuu jalqabaa.
~
Weebsaayitii fi appii
Kanarratti kan dhihaatu
Barruulee dhedheeroodha
Gariin namaa hin jaalatu
Garuu bu'aan achii argamu
Hammana hin ja'amtu
Seenaalee babbareedoo
Kan gorsaaf qorsa taatu
Kanneen addunyaa fi aakhiraa
Keenyaaf bu'aa nuuf buuftu
Nama isii dubbiseef
Sababaa milkii tan taatu
Santu achirra jiraa
Hifachuu dhiisii koottuu
Liinkii tana tuquudhaan
https://bit.ly/3IVE6Ll
Mana san akka seentuun
Si affeera ani kunoo
Jaalattuus na jibbituus!!
~
Dhaamsa koo isa arraa
Asirrattiin gabaabsee
Gara keeyrii isin yaamee
Daandiis isin garsiisee
Achirraan waliif qoodnaa
Waan Rabbiin nuuf laaffise
Inshaa Allah wal garraa
Yoo umrii nu dheereyse
~
Du'aa'iin nu yaadadhaa
Obboloota keenya qaalii
Nagayatti nuuf turaa
Hundi kan gadiif olii
~
Wassallamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh
○○○○○●●●●●○○○○○
Obboleeysa keeysan
💞💞💞💞💞💞💞
© Ararso Mohammed
2 405
#Eebba
➛ Kitaabni mata dureen isaa "#Tumsa_Rasuulaa" ja'u gaafa guyyaa 26/6/2015 magaalaa Shaashamannee galma siitii paarkiitti/naannoo keellaatti...ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee bakka ulmaa'onni fi Hayyoonni gurguddoon argamanitti kan eebbifamu ta'a. Warri isiniif mijate irraa hin hafinaa.
➛ Barreeysaan: Ibraahim Eda'oo
Gulaaltoonni :
1) Dr. Kamaal Galatuu maammee (Muftii Oromiyaa)
2) Ahmed huseen Gishee
Barreeysuu fi dubbisuun itti fufa!!!
2 405
#Kennaa
➛ Yeroo tokko tokko waan ofii hin qabne namaaf kennina
➛ Osoo uofii Rakkoo cimaa keessa jirru namaaf dhiphanna,
➛ Osoo ofii gadda keessa jirru, namatti seeqanna,
➛ Osoo mataa keenyaaf abdii murannuu, garuu namoota birootti abdii horra,...
👉 Waan ofii keenyaa silaa akka malee itti hajamnu namaaf kennina. Kun ammoo lubbuu gaarii kennaatti amantu, kennaadhaan gammaddu waan qabnuufi.
Namni qalbii akkanaa qabdan Alhamdulillah ja'aa mee.
Follow 👇
https://t.me/foormulaa_jireenyaa
2 405
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh chaanaalii kana eegaan yeroo dheeraaf irraanfadhee boodaan arruma yaadadhe!!
As booda ergaalee babbareedoo bohaarsoo fi bashannansiisoo tahan asirratti isiniif dhiheeysina. Join godhaa maatii keenya tahaa!!
Share godhaa wal biraan gahaa!!
@foormulaa_jireenyaa
@foormulaa_jireenyaa
2 405
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh chaanaalii kana eegaan yeroo dheeraaf irraanfadhee boodaan arruma yaadadhe!!
2 405
✍ Tawhiida baradhaa,ilmaan keeysaniis barsiisaa‼️
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿💧💧
❤️Bifa gaafiitiin akka armaan gadiitti irra deddeebiin gaafadhaa‼️
1. Rabbiin eeysa jira?
Debii: ✅ Arshiirra jira
2. Qur'aana keeysaa ragaa itti ni qabnaa?
Deebii: ✅ Eeyeen! Mee? " Rahmaan Arshiirratti ol tahe" kan jedhu san.
3. " Istawaa " jechuun maali hiikni?
Deebii: ✅ Ol tahina Isaan malu ol tahe jechuudha.
4. Aqiidaa teenya eeysarraa fudhanna?
Deebii: ✅ Qur'aanaa fi Hadiisota Sahiiharraa fudhanna.
5. Jinnii fi ilmaan namaa Rabbiin maaliif uume? Deebii: ✅ Akka Isuma qofaaf gabroomaniifi.
6. Kanarratti Qur'aanarraa ragaan maali?
Deebii: ✅ Aayata:" Jinnii fi namaas akka Anuma qofa gabbaraniif malee hin uumne." Jedhu sani
Suuratu An- Najm
7. Hiikni [ لأ إله الا الله ] maali?
Deebii: ✅ Kan gabbaramuu haqa godhatu Allaaha malee hin jiru jechuudha.
8. Ibaadaa keeysaa guddoon tami?
Deebii:✅.......
Barruun waan nutti dheeratteef Guutuu isaa asii dubbisaa👇👇👇
hamzaadhugaa.blogspot.com
2 405
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh. Akkam jirtan kabajamtoota hordoftootaa fi dubbistoota website keenyaa nageenyi keenya kan jaalalaan guutame mi'aawaan akka dammaa qaaliin akka daayimandii gaaraaf hallayyaa, gammoojjii fi baddaa hunda qaxxaamuree bakkuma jirtanitti isin haa dhaqqabu isiniin jechaa, inshaa allah arraas fedhii Rabbiitiin gola seenaa islaamaa keeysa seennee, seenaa ajaa'ibaa takka qabannee isiniif dhufneeti jirra, hanga xumuraatti akka obsaan dubbistan kabajaan isin affeerra.
Yaa obboleeyyan keenya addunyaa teenya tan har'aa tanarra duraan ummata tokkotu jiraatee dabre. Ummata bakka ajajni Rabbiitii fi ajajni ergamaa Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wassallam dhufetti lubbuu fi jiruu ofiitiif illee bootaa kan hin kennineedha isaan.
Osoo jennuu hardha warra hardha lafeen saanii laf seente, ka seenaan isaanii nu biratti hafee, osoo du'aa jidduu jiranii har'a akka nama jiruutti seenaa isaanii fayyadamaa jirru, jireenya keenya keeysatti gorsaa fi adeemsa jiruu isaanii fayyadamnee, yoo carraa Rabbi biraa dabarte taate karaa jarri sun bahanirra baanee Rahmata jarri gonfatan san gonfanna jennee kan abdannu.....
✍️Guutuu isaa asii dubbisaa👇👇👇
👉👉👉👉http://bit.ly/3QL3unL
2 405
Abjuu Dhugoome
Asoosama Gabaabaa
Barreeysaan:- Hamza Mohammed
Kutaa 1ffaa.
Lammiin maatii isaatiif ilma hangafaa tahuu baatullee obboloonni isaa lama kanneen isa dursanii dhalatan akka carraa tahee battaluma dhalatanitti waan du'aniif ammaaf hangafni isuma. Maqaan isaa kan jalqabaa Ibraahim ture. Tahus harmeen isaa Aadde Aa'ishaan yeroo hunda lammii koo jettee mararfattee isa yaamti. Namoonni naannoo isaa jiraataniis maquma haati isaa yaamtuun kanaan isa waamu. Isattis waan tole fakkaata, inuma owwaata.
Lammiin Ijoollummaa isaa irraa kaasee nama amala qabeeysaa fi tapha hin guddifne yookaan hin baay'ifne, kan hiriyoota isaa waliin taphaan yeroo gubuu caalaa......
Guutuu isaa asii dubbisaa 👇👇👇
https://hamzaadhugaa.blogspot.com/2022/08/abjuu-dhugoome-kutaa-1ffaa-barreeysaan.html?m=1
2 405
#Qormaata Biyyaalessaa
Qormaanni kutaa 12ffaa Fulbaana 30 bara 2015 irraa eegalee ni kennama.
Qormaanni kun Fulbaana 30, 2015 irraa eegalee yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti akka kennamu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa beeksiseera.
#Dambii qormaataa cabsuun seeratti nama gaafachiisa.
Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 kennuu bira darbee gowwoomsaafi hanna ittisuuf koodii 12n (composition of questions) kennuuf qophiin taasifamaa akka jiru guyyoota muraasa dura beeksisuun ni yaadatama .
Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Neegaa; Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akkuma duraanii koodii 4 (bakka ta'umsa adda addaa 4) osoo hin taane hanga 12tti hojjetamaa jiraachuu ibsani turan.
Kunis tarkaanfiiwwan qormaataa gowwoomsuu ittisuuf fudhataman keessaa tokko yoo ta’u, tartiiba gaaffilee qormaata keessatti barattoota itti aananii fudhataman tasumaa walitti dhufeenya akka hin qabne gochuuf yaadameeti.
@hamzaadhugaa2
2 405
#Telegram keessan gutumaan gututti afaan oromootti akka jijjiiramu ni feetanii❓
Shakkii tokko malee barbaaddu👍.
🔜Hayyee link asii gadii kana tuqiitii eegas change jedhiin.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/setlanguage/oromolanguage
👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆
Link kana tuqii afaan keetiin fayyadami.
👉Garuu hiriyyaa kee akkaan jaalattuuf share godhii biraan gahi
👍SHARE SBARE SHARE.👍
@hamzaadhugaa2
2 405
Lafa keessa albuudatu jira.Nama keessas albuudatu jira.Albuuda nama keessaa yoo jedhan Ustaaz Raayyaan hangafa ta'u!
Ijji hamtuun isiin laaltu haa bayxu.Arrabni hamtuun isiin dubbatu haa callistu. Akkuma addunyaa keessatti urgooftanii mi'ooftaniitti Aakirattis urgaa'a!
Umrii keessaan keessa,qabeenya keessan keessa,ilmaan keessan keessa,maatii fi waan qabdan hunda keessa RABBIIN barakaah ha kaa'u!Addunyaatti jiru gaarii Ahkiraatti Jannata ol aanaa Rahmaan isiin ha razzaqu Baaba keenya!!❣
2 405
Oduu Gammachuu
Guyyaa kaleeysaa Naannoo Sidaamaatti hawaasni biyyaa kuma sagalii 9000 ol tahan Shahaadaa qabachuun Amantii Islaamaa fudhatan.
Sidaamaan guyyaa kaleeysaa kalimaa Shahaadaatiin faayamaa oolte.
Maashaa Allah !!
✍️ Hamza Mohammed.
Вже доступно! Дослідження Telegram за 2025 — головні інсайти року 
