es
Feedback
Creative Dev

Creative Dev

Ir al canal en Telegram

Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev

Mostrar más
2 405
Suscriptores
-424 horas
-277 días
-9430 días
Archivo de publicaciones
Walaloo tiyya tana isin affeere! ●●●●●●●●●●●●●●●●●●● Dhaamsa bareedaa guyyuu argachuu ni feetanii? Akkas taanaan mee koottaa Dhufee jiraa furmaanni Mana keenyatti goraa Hin darbinaa ceetanii ~ Maatii fi hiriyoota keessan hunda qabadhaa Balballi keenya banaa Kottaa ol seenaa baradhaa! ~ Seera mana keenyaatis Yoo dhuftan hin cabsinaa Oduu dharaa kan sobaa Keeysattin odeessinaa! ~ Rakkoon amantii fi aartii Teenyarra akkan geenye Afaan warra keenyaatiin Wal barsiifna gad teenye! ~ Kanaaf afeeramtanii Hin hafinaa as goraa Karaa Facebook' n dhufuuf Tuqaa liinkii kanarra https://m.facebook.com/ArarsoMohammedOfficial Follow godhaa hordofaa Osoon dabarre bira #Like, share gochuudhaan Isiniis wal affeeraa ~ Maxxansaalee keenyarratti Rakkoo wahii agarraan Tan wallaalaan dhoobnee fi Ammaas tan dogoggoraa Nuttin usinaa maaloo Obboleeyyan Aakhiraa Sanduuqa yaadaa keeysatti Nu beeysisaa hadaraa!! ~ Kana malees ni qabna Social media biraa Liinkiin isaaniis kunooti Duraaf duubaan wal-taraan Jalqabni #Youtube Koottaa itti as goraa https://youtube.com/@ArarsoMohammedOfficial ~ Liinkii kanarra tuquun Koottaa maatii nuuf tahaa Subscribe godhuun Mana keenyatti ol bahaa Karaa suur-sagaleetiin Bashannanuuf qophaahaa ~ Manni keenya kan biraa Ganda Telegiraamaa Daandiin geeysuus kunootii Hiriyaa keeysaniis yaamaa https://t.me/foormulaa_jireenyaa Qoreen osoon diramne Nagayaan irra deemaa Gara keenya as koottaa Kan gamanaafi gamaa #Join godhaa ol seenaa Gara milkii ilmaan namaa ~ Daandiilee milkaa'inaa Asirraa ni argattuu Barruulee gaggabaaboo Kanneen dubbisuuf toltu Dhaamsa isiniif taasisu Sammuu teeysan bilchaattuu Hedduu isiniif dhoobnaa Isinuu laallaan ni gartuu Namni barruulee san dubbise Hoggu takkan dhiphatuu Sammuu isaatiin jeeqamee Yeroo hundan rakkatuu Bakka jeequmsaaf dhiphinaa Boqonnaa sammuu argatuu!! ~ Manni biraa tokko ammaas Garda weebsaayitiiti Daandiin mana sanii ammoo Google irraa ni argamtii Qaroo Muslimaa ja'aa #Search godhaa achitti Yookaan isiniifiin himaa Ifin rakkisinaatii Liinkii kanarra tuqaa Seenaa gara weebsaayitii https://qaroopost.blogspot.com ~ Ammaas weebsaayitiin kun Appii mataasaa qabaa Appii isaa argachuuf Daandiin kunooti gurbaa https://bit.ly/3IVE6Ll Tokkicha irra tuqnaan Geeysee irra isin dhaabaa Download godhadhaatii Fayyadamuu jalqabaa. ~ Weebsaayitii fi appii Kanarratti kan dhihaatu Barruulee dhedheeroodha Gariin namaa hin jaalatu Garuu bu'aan achii argamu Hammana hin ja'amtu Seenaalee babbareedoo Kan gorsaaf qorsa taatu Kanneen addunyaa fi aakhiraa Keenyaaf bu'aa nuuf buuftu Nama isii dubbiseef Sababaa milkii tan taatu Santu achirra jiraa Hifachuu dhiisii koottuu Liinkii tana tuquudhaan https://bit.ly/3IVE6Ll Mana san akka seentuun Si affeera ani kunoo Jaalattuus na jibbituus!! ~ Dhaamsa koo isa arraa Asirrattiin gabaabsee Gara keeyrii isin yaamee Daandiis isin garsiisee Achirraan waliif qoodnaa Waan Rabbiin nuuf laaffise Inshaa Allah wal garraa Yoo umrii nu dheereyse ~ Du'aa'iin nu yaadadhaa Obboloota keenya qaalii Nagayatti nuuf turaa Hundi kan gadiif olii ~ Wassallamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh ○○○○○●●●●●○○○○○ Obboleeysa keeysan 💞💞💞💞💞💞💞 © Ararso Mohammed

#Eebba ➛ Kitaabni mata dureen isaa "#Tumsa_Rasuulaa" ja'u gaafa guyyaa 26/6/2015 magaalaa Shaashamannee galma siitii paarkiit
+1
#Eebba ➛ Kitaabni mata dureen isaa "#Tumsa_Rasuulaa" ja'u gaafa guyyaa 26/6/2015 magaalaa Shaashamannee galma siitii paarkiitti/naannoo keellaatti...ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee bakka ulmaa'onni fi Hayyoonni gurguddoon argamanitti kan eebbifamu ta'a. Warri isiniif mijate irraa hin hafinaa. ➛ Barreeysaan: Ibraahim Eda'oo Gulaaltoonni : 1) Dr. Kamaal Galatuu maammee (Muftii Oromiyaa) 2) Ahmed huseen Gishee Barreeysuu fi dubbisuun itti fufa!!!

#Kennaa ➛ Yeroo tokko tokko waan ofii hin qabne namaaf kennina ➛ Osoo uofii Rakkoo cimaa keessa jirru namaaf dhiphanna, ➛ Osoo ofii gadda keessa jirru, namatti seeqanna, ➛ Osoo mataa keenyaaf abdii murannuu, garuu namoota birootti abdii horra,... 👉 Waan ofii keenyaa silaa akka malee itti hajamnu namaaf kennina. Kun ammoo lubbuu gaarii kennaatti amantu, kennaadhaan gammaddu waan qabnuufi. Namni qalbii akkanaa qabdan Alhamdulillah ja'aa mee. Follow 👇 https://t.me/foormulaa_jireenyaa

Gatiin Namaa Meeqa?

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh chaanaalii kana eegaan yeroo dheeraaf irraanfadhee boodaan arruma yaadadhe!! As booda ergaalee babbareedoo bohaarsoo fi bashannansiisoo tahan asirratti isiniif dhiheeysina. Join godhaa maatii keenya tahaa!! Share godhaa wal biraan gahaa!! @foormulaa_jireenyaa @foormulaa_jireenyaa

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh chaanaalii kana eegaan yeroo dheeraaf irraanfadhee boodaan arruma yaadadhe!!

✍ Tawhiida baradhaa,ilmaan keeysaniis barsiisaa‼️ 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿💧💧 ❤️Bifa gaafiitiin akka armaan gadiitti irra deddeebiin g
✍ Tawhiida baradhaa,ilmaan keeysaniis barsiisaa‼️ 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿💧💧 ❤️Bifa gaafiitiin akka armaan gadiitti irra deddeebiin gaafadhaa‼️ 1. Rabbiin eeysa jira? Debii: ✅ Arshiirra jira 2. Qur'aana keeysaa ragaa itti ni qabnaa? Deebii: ✅ Eeyeen! Mee? " Rahmaan Arshiirratti ol tahe" kan jedhu san. 3. " Istawaa " jechuun maali hiikni? Deebii: ✅ Ol tahina Isaan malu ol tahe jechuudha. 4. Aqiidaa teenya eeysarraa fudhanna? Deebii: ✅ Qur'aanaa fi Hadiisota Sahiiharraa fudhanna. 5. Jinnii fi ilmaan namaa Rabbiin maaliif uume? Deebii: ✅ Akka Isuma qofaaf gabroomaniifi. 6. Kanarratti Qur'aanarraa ragaan maali? Deebii: ✅ Aayata:" Jinnii fi namaas akka Anuma qofa gabbaraniif malee hin uumne." Jedhu sani Suuratu An- Najm 7. Hiikni [ لأ إله الا الله ] maali? Deebii: ✅ Kan gabbaramuu haqa godhatu Allaaha malee hin jiru jechuudha. 8. Ibaadaa keeysaa guddoon tami? Deebii:✅....... Barruun waan nutti dheeratteef Guutuu isaa asii dubbisaa👇👇👇 hamzaadhugaa.blogspot.com

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh. Akkam jirtan kabajamtoota hordoftootaa fi dubbistoota website keenyaa nageenyi keenya kan jaalalaan guutame mi'aawaan akka dammaa qaaliin akka daayimandii gaaraaf hallayyaa, gammoojjii fi baddaa hunda qaxxaamuree bakkuma jirtanitti isin haa dhaqqabu isiniin jechaa, inshaa allah arraas fedhii Rabbiitiin gola seenaa islaamaa keeysa seennee, seenaa ajaa'ibaa takka qabannee isiniif dhufneeti jirra, hanga xumuraatti akka obsaan dubbistan kabajaan isin affeerra. Yaa obboleeyyan keenya addunyaa teenya tan har'aa tanarra duraan ummata tokkotu jiraatee dabre. Ummata bakka ajajni Rabbiitii fi ajajni ergamaa Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wassallam dhufetti lubbuu fi jiruu ofiitiif illee bootaa kan hin kennineedha isaan. Osoo jennuu hardha warra hardha lafeen saanii laf seente, ka seenaan isaanii nu biratti hafee, osoo du'aa jidduu jiranii har'a akka nama jiruutti seenaa isaanii fayyadamaa jirru, jireenya keenya keeysatti gorsaa fi adeemsa jiruu isaanii fayyadamnee, yoo carraa Rabbi biraa dabarte taate karaa jarri sun bahanirra baanee Rahmata jarri gonfatan san gonfanna jennee kan abdannu..... ✍️Guutuu isaa asii dubbisaa👇👇👇 👉👉👉👉http://bit.ly/3QL3unL

Abjuu Dhugoome Asoosama Gabaabaa Barreeysaan:- Hamza Mohammed Kutaa 1ffaa. Lammiin maatii isaatiif ilma hangafaa tahuu baatul
Abjuu Dhugoome Asoosama Gabaabaa Barreeysaan:- Hamza Mohammed Kutaa 1ffaa. Lammiin maatii isaatiif ilma hangafaa tahuu baatullee obboloonni isaa lama kanneen isa dursanii dhalatan akka carraa tahee battaluma dhalatanitti waan du'aniif ammaaf hangafni isuma. Maqaan isaa kan jalqabaa Ibraahim ture. Tahus harmeen isaa Aadde Aa'ishaan yeroo hunda lammii koo jettee mararfattee isa yaamti. Namoonni naannoo isaa jiraataniis maquma haati isaa yaamtuun kanaan isa waamu. Isattis waan tole fakkaata, inuma owwaata. Lammiin Ijoollummaa isaa irraa kaasee nama amala qabeeysaa fi tapha hin guddifne yookaan hin baay'ifne, kan hiriyoota isaa waliin taphaan yeroo gubuu caalaa...... Guutuu isaa asii dubbisaa 👇👇👇 https://hamzaadhugaa.blogspot.com/2022/08/abjuu-dhugoome-kutaa-1ffaa-barreeysaan.html?m=1

#Qormaata Biyyaalessaa Qormaanni kutaa 12ffaa Fulbaana 30 bara 2015 irraa eegalee ni kennama. Qormaanni kun Fulbaana 30, 2015 irraa eegalee yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti akka kennamu Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa beeksiseera. #Dambii qormaataa cabsuun seeratti nama gaafachiisa. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 kennuu bira darbee gowwoomsaafi hanna ittisuuf koodii 12n (composition of questions) kennuuf qophiin taasifamaa akka jiru guyyoota muraasa dura beeksisuun ni yaadatama . Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Neegaa; Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akkuma duraanii koodii 4 (bakka ta'umsa adda addaa 4) osoo hin taane hanga 12tti hojjetamaa jiraachuu ibsani turan. Kunis tarkaanfiiwwan qormaataa gowwoomsuu ittisuuf fudhataman keessaa tokko yoo ta’u, tartiiba gaaffilee qormaata keessatti barattoota itti aananii fudhataman tasumaa walitti dhufeenya akka hin qabne gochuuf yaadameeti. @hamzaadhugaa2

#Telegram keessan gutumaan gututti afaan oromootti akka jijjiiramu ni feetanii❓ Shakkii tokko malee barbaaddu👍. 🔜Hayyee link asii gadii kana tuqiitii eegas change jedhiin. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/setlanguage/oromolanguage 👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆 Link kana tuqii afaan keetiin fayyadami. 👉Garuu hiriyyaa kee akkaan jaalattuuf share godhii biraan gahi 👍SHARE SBARE SHARE.👍 @hamzaadhugaa2

Lafa keessa albuudatu jira.Nama keessas albuudatu jira.Albuuda nama keessaa yoo jedhan Ustaaz Raayyaan hangafa ta'u! Ijji ham
Lafa keessa albuudatu jira.Nama keessas albuudatu jira.Albuuda nama keessaa yoo jedhan Ustaaz Raayyaan hangafa ta'u! Ijji hamtuun isiin laaltu haa bayxu.Arrabni hamtuun isiin dubbatu haa callistu. Akkuma addunyaa keessatti urgooftanii mi'ooftaniitti Aakirattis urgaa'a! Umrii keessaan keessa,qabeenya keessan keessa,ilmaan keessan keessa,maatii fi waan qabdan hunda keessa RABBIIN barakaah ha kaa'u!Addunyaatti jiru gaarii Ahkiraatti Jannata ol aanaa Rahmaan isiin ha razzaqu Baaba keenya!!❣

Oduu Gammachuu Guyyaa kaleeysaa Naannoo Sidaamaatti hawaasni biyyaa kuma sagalii 9000 ol tahan Shahaadaa qabachuun Amantii Is
Oduu Gammachuu Guyyaa kaleeysaa Naannoo Sidaamaatti hawaasni biyyaa kuma sagalii 9000 ol tahan Shahaadaa qabachuun Amantii Islaamaa fudhatan. Sidaamaan guyyaa kaleeysaa kalimaa Shahaadaatiin faayamaa oolte. Maashaa Allah !! ✍️ Hamza Mohammed.