Ogummaan jiraachuu.
Ogummaan jiraachuu jechuun gorsa dhaga'anii, hojii gaarii hojjechuudha. Hojii bizinesii keessattilee ni hojjetta. Nama balleessuuf yaaduu , hawwuu, gowwumsuuf jiraachuu irraa nama eega. Hojiin gaarii guyyaa rakkinaa nama oolcha.
Ogummaan jiraachuun Waaqayyoo wajjiin hariiroo gaarii nama qabaachisa.
Ogummaan jiraachuun gaarii gochuu nama barsiisa. Sababiinsaa ogummaa kan namaa kennu Waaqayyo dha waan ta'eef. Macaafni qulqulluun akkas jedha.
“Waaqayyo karaa ogummaatti geessu in hubata, iddoo isaas isuma duwwaatu beeka.”
— Iyo. 28:23
Akkasuma ogummaan kan kennamu hubannaanis harkumasaa irraati.
“Ogummaa Waaqayyotu kenna, beekumsii fi hubannaan dubbii afaan isaa keessaa ba'uun in argama;”
— Fak. 2:6
Walumaa galatti ogummaan jiraachuun sodaa waaqayyyoo nama barsiisa.
“Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, warri isa duukaa bu'anii hojjetan hubannaa gaarii qabu; Waaqayyoon jajachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.”
— Far. 111:10
Akkamitti Ogummaadhaan jiraatama?
1. Kadhannaa:- Akkuma Luq 11:10 irratti " kan kadhatu in fudha , kan barbaadus in argata" jedhu. Ogummaan jiraachuudhaaf waaqayyoon kadhachuun murteessaa dha. Maalif jennaan kadhannaan furtuu waan hundumaati waan ta'eef.
Solomoon mootichi hubannaa fi ogummaa gaafa Waaqayyoon kadhate, Waaqayyo immoo itti gammade.
“Solomoon mootichi kana kadhachuun isaa Waaqayyoon in gammachiise.”
— 1Mot. 3:10
1Mot. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹¹ Waaqayyo kana irratti Solomoon mootichaan, "Ati ofii keetii bara dheeraa jiraachuu, sooromuu, diinota kee fixuuf utuu hin ta'in, saba qajeeltootti bulchuuf, firdii qajeelaas kennuu fi ogummaa waan ana kadhatteef,
¹² kunoo, ani wanta ati na kadhatte siif nan godha; ani ogummaa fi hubannaa namni kanaan dura argatee hin beekne yookiis si'achi argachuu hin. dandeenye siif nan kenna.
¹³ Akkasuma immoo wanta ati, 'Anaaf kenni!' jettee ana hin kadhatin ulfinaa fi badhaadhummaa dabalee siif nan kenna; mootota bara kee keessa jiraatan hundumaa keessaa kan siin qixxaatu hin argamu.
¹⁴ Abbaan kee Daawit akkuma godhe, atis akka jaalala kootti yoo jiraatte, seerrata koo fi abboommii koo yoo eegde, bara dheeraa akka ati jiraattu nan godha" jedhe.
Namni hubataan ykn ogeessi guyyaa rakkinaatti Waaqayyoon kadhata malee gara namaa hin ilaalu. “Guyyaa rakkinaatti na waammadhu, ani isa keessaa butee sin baasa, ati immoo ulfina anaaf in laatta" in jedha.”
— Far. 50:15.
2. Yaada ofii qajeelchuu fi geddarachuu:-
yaada ofii qajeelummaatti eeggachuun ogummaa nama barsiisa. “inni nama yaadni isaa qajeelaaf ogummaa in kenna, warra balleessaa hin qabneefis gaachana;” 📖 Fak. 2:7.
Dinqii fi jaalala Waaqayyoo arguudhaaf yaada ofii geddarachuun baay'ee barbaachisaa dha. Rom 12:2
akkasumas
Efe. 4
📖 ²³ Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa!
²⁴ Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!
3. Arraba ofii hamaa dubbachuurraa eeguu:-
Dubbiin gowwummaatiin dubbatan nama akka miidhu ykn du'aaf akka nama saaxilu macaafni qulqulluun in dubbata.
“Dubbiin afaan nama ogeessaa keessaa ba'u, namatti in tola; namni gowwaan garuu, arrabuma isaatiin of in balleessa.”
— Lal. 10:12
“gowwaa arraba isaatu isa balleessa, wanta afaan isaa dubbateenis in qabama.”
— Fak. 18:7
Kanaafuu arraba ofii hamaa dubbachuuttii ofeeggachuun baay'ee barbaachisaa dha. Arraba ofii hamaa dubbachuuttii eeguun ogummaa guddaa dha.
Far. 34
¹³ Yoos arraba kee hamaattii, afaan kees sossoba dubbachuuttii eegi!
¹⁴ Wanta hamaattii fagaadhuu gaariis godhi! Nagaa barbaadii duukaas bu'i!
Walumaa galatti "ogummaa" fi "ogummaan" kan jedhu walitti dabalamanii Macaafa Qulquluu keenya irratti yeroo 233 caafamaniiru.
ogummaan jiraachuuf.
Waaqayyoon kadhadhu !
yaada qajeelaa qabaadhu !
Arraba kee hamaa dubbachuuttii eegi !
Waaqayyo jireenya kee haa eegu,
Gara qajeelummaa beekuutti si haafidu, sodaa isaa keessatti si ha guddisu, hubannaa fi ogummaa siif haa keennu.
Mata duree kan biraatiin hanga walitti deebinutti nagaa waaqayyoon naaf turi !