1 445
Підписники
Немає даних24 години
-17 днів
+3830 днів
Архів дописів
Barattoota kutaa 12ffaa bara 2018ti
Qabxii darbiinsaa argattan hundaaf
==========
Ramaddiin yuniversitii Ifoomeera jechuun Ministeerri Barnootaa beeksisa armaan gadiin beeksiisee jira.ilaallachuuf liinkii armaan gadiitti fayyadama.
[https://student.ethernet.edu.et/view-placement
Komii yoo qabaattan:
Liinkii jala jiruun iyyachuu dandeessu
https://student.ethernet.edu.et/complaints
ማስታወቂያ
የ2018 ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ብሔራዊ ፈተና የዩኒቨርሲቲ ምደባን ይመለከታል
የትምህርት ሚኒስቴር በ2018 ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ብሔራዊ ፈተና የዩኒቨርሲቲ መግቢያ ውጤት ያስመዘገቡ ተማሪዎችን ወደ መንግሥት ዩኒቨርሲቲዎች የመመደብ ሂደት አጠናቆ የምደባ ውጤቱን ይፋ አድርጓል።
የተማሪዎች ምደባ ፍትሐዊነትን፣ ግልጽነትን፣ እኩል ዕድልን እና ሚዛናዊ ስርጭትን በሚያረጋግጥ መልኩ፣ የተማሪዎችን ውጤትና ምርጫ፣ የዩኒቨርሲቲዎችን የቅበላ አቅም እንዲሁም ሌሎች የምደባ መስፈርቶችን ታሳቢ በማድረግ ተከናውኗል።
1. የምደባው ዋና መስፈርቶች
1.1. የተማሪዎች አጠቃላይ ውጤት እና የዩኒቨርሲቲ ምርጫ
የተማሪዎች አጠቃላይ የብሔራዊ ፈተና ውጤት የምደባው ዋና የቅደም ተከተል መስፈርት ሆኖ ተወስዷል። በዚህም መሠረት ከፍተኛ ውጤት ያስመዘገቡ ተማሪዎች በምርጫቸው መሠረት የመመደብ ቅድሚያ እንዲያገኙ የተደረገ ሲሆን በተቻለ መጠን ከመረጧቸው የመጀመሪያ ሦስት ዩኒቨርሲቲዎች እንዲመደቡ ተደርጓል።
1.2. የዩኒቨርስቲዎች የተማሪ ቅበላ አቅም
የእያንዳንዱ ዩኒቨርስቲ የተማሪ ቅበላ አቅም በምደባው ሂደት ታሳቢ ተደርጓል። በመሆኑም የተማሪው ውጤትና ምርጫ ከዩኒቨርስቲዎች የቅበላ አቅም ጋር በማጣጣም ምደባው ተከናውኗል።
1.3. የክልል፣ የዞን፣ የወረዳ እና የትምህርት ቤት ስርጭት
የዩኒቨርሲቲዎችን ብሔራዊ ስብጥር ለማጠናከር እና የተማሪዎችን ሚዛናዊ ስርጭት ለማረጋገጥ፦
• 70 በመቶ የሚሆኑ ተማሪዎች ከተወለዱበት ወይም ከተማሩበት ክልል ወይም ዞን ውጭ ባሉ ዩኒቨርሲቲዎች እንዲመደቡ፤
• 30 በመቶ የሚሆኑ ተማሪዎች ደግሞ በራሳቸው ክልል ወይም ዞን ውስጥ ባሉ ዩኒቨርሲቲዎች እንዲመደቡ ታሳቢ ተደርጓል።
በተጨማሪም የዞን፣ የወረዳ እና የትምህርት ቤት ስርጭት በምደባው ሂደት ታሳቢ ተደርጓል።
1.4. የፆታ ሚዛን
በዩኒቨርሲቲዎች የሴትና የወንድ ተማሪዎች ተወካይነት ሚዛናዊ እንዲሆን የፆታ ስርጭት በምደባው ሂደት ታሳቢ ተደርጓል።
2. ልዩ ምደባ
ከመደበኛው የምደባ መስፈርት በተጨማሪ ልዩ ታሳቢነት የሚያስፈልጋቸው እና የላቀ ውጤት ያስመዘገቡ ተማሪዎች በሚከተለው መሠረት ልዩ የምደባ ታሳቢነት ተደርጎላቸዋል።
2.1. የዓይነ ስውራን እና የመስማት ችግር ያለባቸው ተማሪዎች
የዓይነ ስውራን እና የመስማት ችግር ያለባቸው ተማሪዎች አስፈላጊውን የትምህርትና የድጋፍ አገልግሎት ሊያገኙ በሚችሉባቸው ዩኒቨርሲቲዎች እንዲመደቡ ልዩ ታሳቢ ተደርጓል።
2.2. 500 እና ከዚያ በላይ ውጤት ያስመዘገቡ ተማሪዎች
በ2018 ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ብሔራዊ ፈተና ከ600 ነጥብ 500 እና ከዚያ በላይ አጠቃላይ ውጤት ያስመዘገቡ ተማሪዎች፣ ላስመዘገቡት የላቀ የአካዳሚክ ውጤት ልዩ ታሳቢነት በመስጠት፣ በመጀመሪያ ምርጫቸው ባስቀመጡት ዩኒቨርሲቲ እንዲመደቡ ተደርጓል።
ይህ ልዩ የምደባ አሠራር ተማሪዎቹ በብሔራዊ ፈተናው ላስመዘገቡት የላቀ ውጤት ዕውቅና ለመስጠት እና ከፍተኛ አፈጻጸምን ለማበረታታት የተደረገ ነው።
3. የምደባ ውጤትን ስለመመልከት
ተማሪዎች የምደባ ውጤታቸውን ለዚሁ በተዘጋጀው የኦንላይን ሥርዓት በመጠቀም ማየት ይችላሉ።
የምደባ ውጤት ማየቻ ማስፈንጠሪያ፦ [https://student.ethernet.edu.et/view-placement]
4. ቅሬታ ስለማቅረብ
በምደባ ውጤታቸው ላይ ቅሬታ ያላቸው ተማሪዎች ቅሬታቸውን ለዚሁ በተዘጋጀው የኦንላይን ሥርዓት ብቻ ማቅረብ ይችላሉ።
ቅሬታ ማቅረቢያው የምደባ ውጤቱ ይፋ ከሆነበት ቀን ጀምሮ ለተከታታይ 5 ቀናት ብቻ ክፍት ይሆናል። ተማሪዎች በተጠቀሰው የጊዜ ገደብ ውስጥ ቅሬታቸውን ከአስፈላጊው መረጃና ማስረጃ ጋር በማያያዝ በሥርዓቱ በኩል እንዲያቀርቡ እናሳስባለን።
የቅሬታ ማቅረቢያ ማስፈንጠሪያ፦ https://student.ethernet.edu.et/complaints
በአካል ወደ ትምህርት ሚኒስቴር በመምጣት የሚቀርብ የምደባ ቅሬታ የማይስተናገድ መሆኑን ተማሪዎችና ወላጆች እንዲገነዘቡ እናሳውቃለን።
5. ማሳሰቢያ
ቅሬታ በሚቀርብበት ወቅት የሐሰት መረጃ፣ የተሳሳተ ማስረጃ ወይም የተጭበረበረ ሰነድ ማቅረብ በፍጹም የተከለከለ ነው። በቅሬታ ሂደት የሚቀርቡ መረጃዎችና ሰነዶች ትክክለኛነት የሚረጋገጥ ሲሆን፣ የሐሰት መረጃ ወይም ሰነድ አቅርበው የተገኙ ተማሪዎች ምደባቸው ሊሰረዝ ይችላል።
በመሆኑም ሁሉም ተማሪዎች ቅሬታቸውን በእውነተኛና በተረጋገጠ መረጃ ላይ ብቻ በመመሥረት በተቀመጠው የጊዜ ገደብ ውስጥ እንዲያቀርቡ እናሳስባለን።
የትምህርት ሚኒስቴር በ2018 ዓ.ም ወደ መንግሥት ዩኒቨርሲቲዎች ለተመደባችሁ ተማሪዎች በሙሉ እንኳን ደስ አላችሁ እያለ፣ በቀጣዩ የከፍተኛ ትምህርት ጉዟችሁ ስኬታማ እንድትሆኑ መልካም ምኞቱን ይገልጻል።
የትምህርት ሚኒስቴር
Guyyaa 06/01/2019
Olmaa Guyyaa 2ffaa
==============
M/Barumsaa Sad.2ffaa Bokkootti Adeemsi baruu barsiisuu guyyaa 2ffaa akka armaan gadii kana Fakkaata.
Guyyaa 06/01/2019
Olmaa Guyyaa 2ffaa
==============
M/Barumsaa Sad.2ffaa Bokkootti Adeemsi baruu barsiisuu guyyaa 2ffaa haala gaariin waytii 1ffaa hangaa 6ffaa gaggeeffama kan ture yommuu tahuu suuraadhaan akka armaan gadii kana Fakkaata.
Dear BOKO SECONDARY SCHOOL Students,
Welcome to the 2019 academic year! 🎓📚
Today is the beginning of a new chapter in your educational journey. Believe in yourself, work hard, respect your teachers and classmates, and make the most of every learning opportunity.
May this academic year bring you success, growth, and happiness. I wish you all the very best!
Welcome back, and have a successful academic year! 🌟
Olmaa Guyyaa Har'aatiin
=================
Adeemsi baruu fi barsiisuu M/Barumsa keenyaa Ifatti Jalqabee jira.kanaaf,Barataan galmooftan hundi meeshalee barumsaaf barbaachisu qabachuun barumsaa keessan akka itti fuftan kabajaan isin beeksifna.
Halkan gaarii
Guyyaa 4/1/2019
BEEKSISAA
==========
Barattoota M/Barumsaa Sad.2ffaa Bokkoo hundaaf
==========
Baga Bara Barnootaa 2019 Nagayaan Geessan jechaa guyyaa boruu(5/1/2019) Adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2019 ifatti waan jalqabuuf Dabtaraa fi Qalama keessan qabachuun ganama sa'aa 1:40 durattii mooraa M/Barumsaa keessatti akka argamtan kabajaan isin beeksifna.
Barri Barnootaa 2019 kan Milkii fi Qabxii gaarii ittin galmeessitan haa tahu!!!!
Halkan gaarii!!!!
#BEEKSISA
Qabxiin Sagantaa '#Remadial' Beekame.
------------
BBO - Fulbaana 04/2019 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Sagantaa Remadiyaalii'(#Remadial' ) bara 2019 murteesseerra.
A - Haaluma kanaan:
1 - Barattoota Dhiiraa Saayinsii Uumamaafi Hawaasaaf - Qabxii 240/600 fi ol (40%fi ol)
2- Barattoota Dubaraa Saayinsii Uumamaafi Hawaasaaf - Qabxii 228/600 fi ol (38%fi ol) galmeessisan Yunivarsiitii galanii saganticha barachuu kan danda'an ta'uun ibsameera.
B - Barattoota Deeggarsi Addaa Taasifameef
1 - Barattoota dhiiraafi dubaraa Naannoo Affaar, Sumaalee, Beenshaangul Gumuziifi Gaambeelaatiif Saayinsii Uumamaafi Hawaasaatiin Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol)
2- Barattoota Naannoo Horsiisee Bulaafi Walakkaan Horsiisee Bulaa ta'aniif Saayinsii Uumamaafi Hawaasaatiif -Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol)
3- Barattoota qaro dhabeeyyii dhiiraafi dubaraaf -Qabxii 185/500fi ol (37%fi ol)
4- Barattoota gurraan hin dhageenye dhiiraafi dubaraa, saayinsii uumamaa fi hawaasaaf - Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol) galmeessisan hunduu sagantaa Remadiyaalii Yunivarsiitii galanii barchuu akka danda'an Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa murteesseera.
#Guyyaan_Baniinsa_Manneen_Barnootaa_Sirna_Hawwataafi Ho'aan Kabajamuu Qaba Jedhame.
----------
Biiroo Barnootaa Oromiyaa barnootni bara barnootaa 2019 Kibxata (05/01/2019) kan eegalamu ta'uu kalaandarii barnootaa irratti ibsee jiraachuu isaa yaadachiisuudhaan, sirni baniinsa manneen barnootaa jalqaba bara haaraa M/B Bu'uura Boruu irraa hanga M/B Sad-2ffaatti haala hawwataafi ho'aa ta'een raawwachuu qaba jechuun kallattii kaa'ee jira.
Kana milkeessuuf immoo M/B Bu'uura Boruu irraa hanga M/B Sad. 2ffaa jiran manneen barnootaa dhuunfaa dabalatee gamanummaa qophii barbaachisaa ta'e akka taasisan Biirichi ergaa dabarseera.
Haala baniinsaa ilaalchisuudhaanis guyyaa kana sirnicha irratti Gucni kan ifu yoo ta'u, faaruun barattootaafi haasofni baga nagaan dhuftanii ni taasifamaa jedhameera. Kanaafuu mooraafi dareen M/B dursee hawwataa ta'ee qophaa'uu qabas jedhameera.
Sirna baniinsaa kana raawwachiisuuf hoggansiifi ogeessotni BBO, Godinaalee, Aanaaleefi Bulchiinsa Gandaa irratti hirmaachun hordoffiifi deeggarsa barbaachisaa ta'e gochun Manneen Barnootaa guutuu Oromiyaatti banamuu/ saaqamuu kan labsan ta'a jechuun Biirochi ibsee jira.
Kanaafuu, Barattootnis sirna baniinsa manneen barnootaa bara haaraa kana gammachuun hirmaachuuf meeshaa barnootaa keessan qabattanii Fulbaana 05/2019 Manneen Barnootaa Keessanitti Ganama Sa'aatii 1:00 irratti akka argamtan jechaa, Maatiin barattootaas barattoota gara mana barnootaa erguu irratti gahee keessan akka bahattan dhaamsi darbee jira.
Dhumarratti, Kabaja Sirna Baniinsa Booda Barattootni Gara Daree Galuun Adeemsi Baruu Barsiisuu Bara 2019 Kan Itti Fufu Ta'uun Beekameera.
#Baga_Bara_Barnootaa_Haaraa/2019 Nagaan Geessan/Geenye!
Barri Kan Milkii Haata'u!
Guyyaa 2/13/2018
Waamichaa galmee marsaa 2ffaa
=====
Akkuma kanaan dura beeksisa taasisuun galmeen Jalqabee barattootni bara 2019 M/Barumsaa Bokko Sad.2ffaatti barachuuf fedhii qaban galmaa'aa kan jiran yommuu tahuu Xumura galmeef guyyootni muraasni waan hafeef dhuftani akka galmooftan irra deebinee waamicha isiniif taasifna.
Halkaan gaarii.
#Beeksisa
Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Qabxii Yunivarsiitii Isaan Galchu Galmeessisan Hundaaf:
-------
BBO - Hagayya 28/2018 Barattootni Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 fudhachuun qabxii Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo/Yunivarsiitii Isin Seensisuu Danda'u/Dabartan/ Yunivarsiitii Keessatti Barachuu Barbaaddan Online'n Liinkii Asii Gaditti Kenname Banuun Hagayya 28/2018 Hanga Qaammee 5/2018 Akka Filattan Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Beeksiseera.
Liinkichis:- https://student.ethernet.edu.et/
#Hubachiisa:- Barattootni sababa fayyaan walqabate , qaama miidhamtootni, lakkuuwwan saalan tokko ta'aniifi haati daa'ima ji'a 6 gadii hoosiftu ragaa seera qabeessa ta'een walqabsiisanii akka filatan jedhameera.
Repost from Tolaa Bariisoo Gadaa
Barattoota MBBA Federaalaa Kutaa 10ffaafi 9ffaa Galuuf Filatamtan Hundaaf: Guyyaa 27/12/2018
Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Guyyaa Qormaataa Seensaa Gara Hagayyaa 29/2018tti Dheeresseera.
Kanaafuu, Guyyaa boruu 28/2018 Guyyaa Qormaata Shaakalaa Itti Shaakaltan Waan Ta'eef Irraa Hin Maqinaa Jabaadhaa Shaakalaa! Qormaatas Fudhadhaa! Injifadhaa Darbaa!
Qormaatni waliigalaa Hagayya 29/2018 Ganama Waan Jalqabuuf, Jiddu Gala Qormaataa Filattanitti Ganama Sa'aatii 1:30 Irratti Argamaa!
Hubachiisa :- Qormaatni Shaakalaa Boru 28/12/2018 Ganama sa'aatii 3:00 irraa jalqabamee kan gad-dhiifamu yoo ta' u , #User\_Name fi #Password buufa qormaata shaakalsiisu irraa kan argattan ta'uu Ministeerri Barnootaa Beeksiseera.
#Dhaqaa\_Shaakalaa! #Carraa\_Gaarii!!
Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
Oromiyaatti barnoonni Fulbaana 5,2019 eegala- BBO
Finfinnee, Hagayya 25, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti adeemsi baruufi barsiisuu bara barnootaa 2019 Fulbaana 5 akka eegalu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.
Hogganaan Biirichaa Dooktar Tolaa Bariisoo ibsa miidiyaaleef kennaniin, bara barnootaa 2019’tti barattoota miiliyoona 13 fi kuma 500 barsiisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Hanga ammaattis barattoonni miiliyoonni 5 fi kumni 300 galmaa’uu eeraniiru.
Sochii bara barnootaa 2019'f hanga ammaatti kitaabni barataa miiliyoonni 2 ol manneen barnootaaf raabsamuus kaasaniiru.
Bara barnootaa 2018’tti xiyyeeffannoo mootummaan damee barnootaaf kenne bu’aa gaarii galmeessisuus dubbataniiru.
Bu’aan qormaataa naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa akkasumas qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kana irratti galmaa'e kan waggoota darbaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu jijjiirama argamsiisuu eeraniiru.
Naannichatti bara kana barattoota kuma 500 fi kuma 17fi 209 qormaata kutaa 6ffaa fudhatan keessaa barattoonni kumni 400 fi kumni 64fi 839 qabxii darbiinsa 50% fi isaa ol fiduun gara kutaa itti aanuutti darbuu ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun barattoota qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhatan kuma 400 fi kuma 15 fi 88 keessaa barattoonni kumni 300 fi kumni 58 fi 719 qabxii darbiinsaa galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti darbuu kaasan.
Oromiyaatti sagantaa galgalaafi fagoo dabalatee barattoota kutaa 12ffaa qormaata fudhatan kuma 100 fi kuma 97 fi 34 keessaa barattoonni kumni 20fi 877(%10.53) qormaaticha darbuu himaniiru.
Bara barnootaa 2019’tti bu'aa caalmaa galmeessisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Carraa 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' Addaa Yunivarsiitii Finfinnee!
Yunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2019 barattoota ciccimoodhaaf carraa barumsa bilisaa addaa, 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' (Presidential Scholarship) iddoo 200 qopheessuu isaa ifoomseera.
Carraa kanaaf kan dorgomuu danda'an barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan, ulaagaalee biroo taa'an guutanii fi qormaata seensaa yunivarsiitichaa (UAT) gahumsaan darban qofa akka ta'e ibsameera. Barattoonni carraa addaa kana argatan sagantaalee digirii jalqabaa kolleejjota yunivarsiitichaa torbaa fi Mana Barumsaa Seeraa jalatti ramadamanii kan baratan ta'a.
Faayidaaleen iskoolaarshiippii kanaa barnoota guutummaatti bilisa ta'e, kaffaltii maallaqa harkaa madaalawaa ta'ee fi deeggarsaa fi leenjii dabalataa dhaabbileen michuu ta'an waliin kennamu kan of keessatti hammatuudha. Akkasumas, barattoonni kunniin gara fuulduraatti carraa barnoota digirii lammaffaa (Masters) fi sadaffaa (PhD) yunivarsiitichuma keessatti bilisaan kan argatan ta'uu eereera. Haa ta'u malee, barattoonni carraa kanatti itti fufiinsaan fayyadamuuf, semisteera hundatti qabxii waliigalaa (CGPA) 3.50 fi isaa ol fiduu kan qabanii fi damee barnootaa itti ramadaman irratti itti fufuun dirqama isaaniiti.
Akkuma kanaan dura gabaasnee turre, galmeen barattoota haaraa sagantaa digirii jalqabaa bara 2019 hanga Hagayya 29, 2018 qofa kan turu waan ta'eef, barattoonni ulaagaa kana guuttan daftanii akka galmooftan hubachiifameera.
Odeeffannoo dabalataaf liinkii asii gadii kana tuquun ilaaluu ni dandeessu:
👉 https://admission.aau.edu.et/UGAnnouncements
