1 449
Suscriptores
+224 horas
+37 días
+630 días
Archivo de publicaciones
Guyyaa 26/02/2019
Orraafannaan Zeroo tahe
=========
M/Barumsaa Sad.2ffaa Bokkootti
Guyyaa har'a ganama sa'aa 1:50' tti Orraafannoo malee Sirna Alaabaa yommuu kabajan suuraan.
BEKSISA
Barattoota Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Addaa Federaalaa Woliisoo duraanii fi haaraa hundaaf:
Barattoota duraan Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Addaa Federaalaa Woliisoo keessatti barachaa turtan, akkasumas barattoota bara 2019 A.L.I. kutaa 9ffaa fi 10ffaatti haaraa ramadamtaan hundaaf, guyyaan gara mana barumsichaatti itti galtan Sadaasa 1 fi 2 bara 2019 A.L.I. ta'uu isaa isin beeksifna.
Dabalataanis, guyyaa Sadaasa 3 bara 2019 A.L.I. sagantaan simannaa fi qajeelfama (Orientation) barattootaaf kan gaggeeffamu yoo ta'u, guyyaa Sadaasa 4 bara 2019 A.L.I. immoo raabsi kitaabota barnootaa ni gaggeeffama.
Kanaafuu, barattoonni duraanii fi barattoonni haaraan ramadamtaan hundi guyyaa eerame kana irratti Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Addaa Federaalaa Woliisoo argamuun galmee keessan akka raawwattan kabajaan isin beeksifna.
Bara barnootaa gaarii!
Ministeera Barnootaa
#Beeksisa_Qaxarrii!
Waajjirri Barnoota Godina Baha Oromiyaa Eebbiffamtoota Barnoota Appilaaydii Ulaagaa Kaa'ame Guuttan Beeksisa Qaxarriin Simattee Hojiitti Bobbaasuu Waan Barbaaduuf Namoonni Ulaagaa Guutan Qaamaaniis Tahee Onlinen Damee Barnoota Magaalaa Harariifi Cirootti Argamuun Akka Galmooftan Isin Beeksifna.
Waajjira Barnoota #Godina_Baha_Oromiyaa
Barattootni Bara barnootaa 2019 Remedial Haramaayaa Yunivarsitiitti Barattootni ramadamtanii turtan sababa barattootni waggaa jalqabaa baayyataniif gara yunivarsitii Odaa Bultumitti Ministeerri Barnootaa Ramaddii Remedial jijjiiramee jiraachuu isaa ibsa baaseen beeksisee jira.
2019_NEGELE_ARSI_SPCIAL_SECONDARY_SCHOOL_GRADE_12TH_REVISIN_WORKSHEET.docx0.67 KB
#Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa_Bara_2019 Guutumaan Guututti Kompitararratti Hundaa'e /#CBT/'n Kan Kennamu Ta'uun Beekame.
-------------
BBO - Onkololeessa 06/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2019 Guutuu Oromiyaatti Kompitaran(#Computer_Based_Test - CBT) '#Online'n Kennuuf haala mijeessaa jira.
Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 CBT '#online'n fudhatan keessaa 16.46% qormaaticha qabxii 50%fi ol galmeessisaa yunivarsiitiif kan galan yoo ta'an, barattoota qormaata biyyoolessaa #Waraqaan (#Paper_Based_Test - PBT) #fudhatan_keessaa_immoo_3.12% ta'an qofti qabxii 50%fi ol galmeessisuun yunivarsiitii galaniiru.
Kanuma hubachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota keenya fayyadamoo taasisuuf qormaata waraqaan kennamu hambisuun Giddu Gala Qormaataa hundatti CBT kennuuf kompitaraafi tajaajila interneetii guutaa kan jiru ta'uun beekameera.
Walumaa galatti, barattootni qormaaticha #CBT'n #fudhatan_keessaa_16.46% ta'an yunivarsiitiif darbuu yoo danda'an, barattootni qormaaticha '#PBT'n #fudhatan_keessaa_3.12% ta'an qofa yunivarsiitiif darbaniiru. Kunis qormaaticha salphumatti hubachuufi hojjachuuf CBT #Online'n kennamu filatamaa ta'uun mirkanaa'eera.
Kanaafuu, Barattootni keenya gamanumaa haala itti fayyadama kompitaraa irratti akka of qopheessan,
Barsiisotni keenyas barattootni gamanumaa akka qophaa'an akkuma kanaan dura deeggaraa turtan daran akka cimsitan,
Maatiin barattootaas barattoota jajjabeessuu irratti gahee keessan akka bahatan dhaamsi darbeera.
Guyyaa 04/02/2019
M/Barumsaa Sad.2ffaa Bokkootti guyyaa har'aa Dambii ittiin Bulmaata M/Barumsaa,keessattu Mirgaa fi Dirqama barataa irratti mariin gaggeeffameera.
#Sagantaa_Yeroo_Filannoofi_Leenjii_Kaadhimamtoota_Barsiisotaa_Dippiloomaafi_Sartifikeetii Bara 2019
#Yuunivarsitii_Naannoo_Oromiyaa
